ثَلَاثَةُ الأُصُولِ وَأَدِلَّتُهَا
Bu'uurawwan Sadanii fii ragaalee isaanii
لِلشَّيْخِ
مُحَمَّدٍ التَّمِيمِي رَحِمَهُ اللهُ
Sheykh Muhammad Attamiimii, Rabbi rahmata isaaf haa godhu
بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ
Bu'uurawwan Sadeenii fi ragaalee isaanii
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin
Beeki -Rabbiin si haa mararfatu- dhimmoota afur barachuun nurratti dirqama ta'uu:
Tokkoffaan: Beekumsa, innis Rabbiin beekuu, Nabiyyii isaa beekuu fi amantii Islaamaa ragaadhaan beekuudha.
Lammaffaan: itti hojjachuudha.
Sadaffaan: gara Isaatti waamuudha.
Afraffaan: rakkina isa keessatti nama mudatu irratti obsuudha.
Ragaan jecha Rabbii olta'eeti: Bismillaahi Arrahmaani Arrahiim
﴿وَٱلۡعَصۡرِ1 إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لَفِي خُسۡرٍ2 إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَتَوَاصَوۡاْ بِٱلۡحَقِّ وَتَوَاصَوۡاْ بِٱلصَّبۡرِ3﴾
{Yeroonin kakadha1
Dhugumatti, namni hunduu hoongoo keessa jira2
Isaan amananii, gaggaarii dalaganii, haqa walii dhaamanii fi obsa walii dhaaman malee}
[Al-asri: 3-1].
imaamu Ashaafi'iin Rabbiin olta'e rahmata haa godhuufii akkas jedhani: "Osoo Rabbiin uumama Isaa irratti ragaadhaaf suuraa kana malee kan biraa buusuu baatee, silaa isiin isaaniif gahaa turte".
Bukhaariin -Rabbiin ol ta'e rahamata isaaf haa godhu- akkana jedhe: "Boqonnaa: Beekumsi jechaa fi hojii dura; Ragaanis jecha Rabbii ol ta'eeti: «Akka dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jirre beeki, cubbuu keetiifis araarama kadhu...» [Muhammad: 9], Jechaa fi hojii dura beekumsaan jalqabe.
Beeki -Rabbiin si haa mararfatu-: dhimmoota sadan kana barachuu fi isaanitti hojjachuun, muslimaa fi muslimtittii hunda irratti dirqama ta'a:
Tokkoffaan: Rabbiin nu uumee, nu sooree, gadhiisaatti nu hin dhiifne; inumaayyuu gara keenyatti ergamaa erge, namni isaaf ajajame Jannata seena, namni isa faallesse immoo Ibidda seena.
Ragaan jecha Rabbii olta'eeti:
﴿إِنَّآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡكُمۡ رَسُولٗا شَٰهِدًا عَلَيۡكُمۡ كَمَآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ رَسُولٗا15 فَعَصَىٰ فِرۡعَوۡنُ ٱلرَّسُولَ فَأَخَذۡنَٰهُ أَخۡذٗا وَبِيلٗا16﴾
{Nuti gara keessanitti Ergamaa ragaa isin irratti ba'u erginee jirra, akkuma gara Fir'awnitti Ergamaa ergineetti15
Fir'awnis Ergamicha faallessee (didee) qabaa cimaa isa qabne16}. [Suuraa Muzzammil: 15-16]
Lammaffaan: Rabbiin gabbartii Isaa keessatti, eenyuyyuu akka isatti qindeeffamu hin jaallatu, malaa'ikaa dhiheeffamaas ta'ee, nabiyyii ergamaas; Ragaan isaa: jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿وَأَنَّ ٱلۡمَسَٰجِدَ لِلَّهِ فَلَا تَدۡعُواْ مَعَ ٱللَّهِ أَحَدٗا18﴾
{Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa}. [Al-jinni:18].
Sadaffaan: Namni Ergamaaf ajajamee Rabbiin tokkichoomse, nama Rabbii fi Ergamaa Isaa morme deeggaruun isaaf hin eeyyamamu; osoo fira hunda irra dhihoo ta'eeyyuu.
Ragaan jecha Rabbii olta'eeti:
﴿لَّا تَجِدُ قَوۡمٗا يُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ يُوَآدُّونَ مَنۡ حَآدَّ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَلَوۡ كَانُوٓاْ ءَابَآءَهُمۡ أَوۡ أَبۡنَآءَهُمۡ أَوۡ إِخۡوَٰنَهُمۡ أَوۡ عَشِيرَتَهُمۡۚ أُوْلَٰٓئِكَ كَتَبَ فِي قُلُوبِهِمُ ٱلۡإِيمَٰنَ وَأَيَّدَهُم بِرُوحٖ مِّنۡهُۖ وَيُدۡخِلُهُمۡ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَاۚ رَضِيَ ٱللَّهُ عَنۡهُمۡ وَرَضُواْ عَنۡهُۚ أُوْلَٰٓئِكَ حِزۡبُ ٱللَّهِۚ أَلَآ إِنَّ حِزۡبَ ٱللَّهِ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ22﴾
{Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananu, namoota Rabbiifi ergamaa Isaa morman kan jaallatanu hin argitu. odoma abbootii isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii ta'aniillee. Isaan sana (Rabbiin) onnee isaanii keessatti iimaana barreessee jira. qilleensa (tumsa) Isa irraa ta'eenis isaan jabeesseera. Jannatoota laggeen ishee jala yaatu achi keessatti hafoo haala ta'aniin isaan seensisa. Rabbiin isaan irraa jaallateera; isaanis Isa irraa jaalataniiru. Isaan tuuta Rabbiiti. Dhagayaa! cifraan (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha}.
[Al-Mujaadalaa: 22].
Beeki - Rabbiin gara isaaf ajajamuutti si haa qajeelchu-: Hanafiyyaan - karaa Ibraahiim -: amantii isaaf qulqulleessuun Rabbiin qofa gabbaruudha, Rabbiin kanumatti namoota hunda ajaje, kanaafiis isaan uume; akka Rabbiin ol ta'e jedhetti:
﴿وَمَا خَلَقۡتُ ٱلۡجِنَّ وَٱلۡإِنسَ إِلَّا لِيَعۡبُدُونِ56﴾
{Jinnii fi ilma namaa akka ana qofa gabbaraniif malee hin uumne}. [Azzaariyaat: 56]. Hiikni "Ya'abuduuni" jedhu: "Akka na tokkichoomsanuuf jecha" jechuudha.
Irra guddaan waan Rabbiin itti ajajee: Tawhiida, innis: gabbartiidhaan Rabbiin tokkichoomsuudha.
Irra guddaan waan inni irraa dhoorgee: shirkiidha, innis: waan biraa Isa waliin waammachuudha.
Ragaan jecha Rabbii olta'eeti:
﴿وَٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَلَا تُشۡرِكُواْ بِهِۦ شَيۡـٔٗا...﴾
{Rabbiin gabbaraa; homaa isatti hin qindeessinaas...}. [Annisaa'i: 36].
Yeroo Bu’uuroonni sadan kanneen ilma namaa irratti isaan beekuun dirqama ta'e maali, siin jedhame?
Akkana jedhi: "Gabrichi Gooftaa isaa, amantii isaa fi Nabiyyii isaa Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- beekuudha".
[Hundee tokkoffaa]
Yeroo akkana siin jedhame: “Gooftaan kee eenyu?”
Akkana jedhi: “Gooftaan kiyya Rabbii Isa anaa fi hunda uumamtootaa qananii isaatiin guddisee, Isumatu gabbaraamaa kiyya; Isa malee gabbaraamaan biraa naaf hin jiru", Ragaan kanaas jecha Rabbii ol ta’eeti:
﴿ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ2﴾
{Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa aalamaati}. [Al-faatihaa: 2] Wanti Rabbiin malee jiru hundi Aaalama (uumama), anis uumama sana keessaa isa tokko.
Yeroo akkana siin jedhame: “Maaliin Rabbii kee barte?”
Akkana jedhi: "mallattoolee Isaatii fi uumamoota Isaatiini".
Mallattoolee isaa irraa: Halkan, Guyyaa, Aduu fi Baatiidha.
Uumamtoota isaa irraa: Samiiwwan torbanii fi warra isaan keessa jiran, dachiiwwan torbaniifi warra isaan keessa jiranii fi waan jidduu isaanii jirudha.
Ragaan jecha Rabbii olta'eeti:
﴿وَمِنۡ ءَايَٰتِهِ ٱلَّيۡلُ وَٱلنَّهَارُ وَٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُۚ لَا تَسۡجُدُواْ لِلشَّمۡسِ وَلَا لِلۡقَمَرِ وَٱسۡجُدُواْۤ لِلَّهِۤ ٱلَّذِي خَلَقَهُنَّ إِن كُنتُمۡ إِيَّاهُ تَعۡبُدُونَ37﴾
{Mallattoolee Isaa irraayyi Halkan, Guyyaan, Aduu fi Baatiinis, Aduu fi baatiifis hin sujuudinaa Rabbii isaan uume qofaaf sujuudaa, Yoo kan (dhugaan) Isa gabbartan taatan} [Fussilat: 37].
Akkasumas jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ يُغۡشِي ٱلَّيۡلَ ٱلنَّهَارَ يَطۡلُبُهُۥ حَثِيثٗا وَٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ وَٱلنُّجُومَ مُسَخَّرَٰتِۭ بِأَمۡرِهِۦٓۗ أَلَا لَهُ ٱلۡخَلۡقُ وَٱلۡأَمۡرُۗ تَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ54﴾
{Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’edha. Haala ariitiidhaan isa barbaadaa ta'een halkaniin guyyaa haguugsisa. Aduu, ji’aafi urjiiwwan kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e barakaan isaa baay’ate}. [Al A'araaf: 54].
Rabbin isatu gabbaramaadha; ragaan jecha Rabbii olta'eeti:
﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱعۡبُدُواْ رَبَّكُمُ ٱلَّذِي خَلَقَكُمۡ وَٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تَتَّقُونَ21 ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ فِرَٰشٗا وَٱلسَّمَآءَ بِنَآءٗ وَأَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَأَخۡرَجَ بِهِۦ مِنَ ٱلثَّمَرَٰتِ رِزۡقٗا لَّكُمۡۖ فَلَا تَجۡعَلُواْ لِلَّهِ أَندَادٗا وَأَنتُمۡ تَعۡلَمُونَ22﴾
{Isin Yaa namootaa! Gooftaa keessan isa isiniifi warra isiniin duraa uume qofa gabbaraa! Akka Rabbiin sodaattaniif jecha21
[Rabbiin] Isa dachii afata, samii immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif taasisee, kan samii irraa bishaan buusee, ergasii isaan fuduraa irraa soorata isiniif baaseedha. Kanaafuu odoo [kan gabbaramuun malu Rabbiin qofa ta’uu] beektanuu Rabbiif shariikota hin godhinaa22}. [Baqaraa: 21-22]
Ibnu kasiir -Rabbiin ol ta'e rahmata isaaf haa godhu- akkas jedhe: "Kan wantoota kanneen uume, isatu gabbaramuu haqa godhataadha".
Gosoonni gabbartii Rabbiin itti ajajee: - kan akka: Islaamummaa, iimaanaa fi ihsaanaati; akkasuma isaan keessaa: kadhannaa, sodaa, abdii, hirkachuu, kajeellaa, naasuu, gadi of qabuu, sodaachuu, gara Rabbii deebi’uu, gargaarsa barbaaduu, maganfannaa, birmannaa barbaaduu, qaluu, nazrii, fi kanneen biroo gosoota gabbartii kanneen Rabbiin itti ajaje irraa ta'an - hundumtuu Rabbii ol ta'eefi; Ragaanis jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿وَأَنَّ ٱلۡمَسَٰجِدَ لِلَّهِ فَلَا تَدۡعُواْ مَعَ ٱللَّهِ أَحَدٗا18﴾
{Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa}. [Al-jinni: 18].
Namni isaan irraa waan tokko waan Rabbiin malee jiruuf kenne, inni mushriika, kaafira. Ragaan isaas jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿وَمَن يَدۡعُ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ لَا بُرۡهَٰنَ لَهُۥ بِهِۦ فَإِنَّمَا حِسَابُهُۥ عِندَ رَبِّهِۦٓۚ إِنَّهُۥ لَا يُفۡلِحُ ٱلۡكَٰفِرُونَ117﴾
{Namni Rabbi wajjin odoo ragaa isa irratti hin qabne, gabbaramaa biraa kadhatu (gabbaru), qormaanni isaa Gooftaa isaa bira jira, warri kafaran hin milkaa’anu}. [Al-Mu'uminuun: 117].
Hadiisa keessatti:
"الدُّعَاءُ مُخُّ العِبَادَةِ".
"Du'aa'iin dhuka ibaadaati".
Ragaan jecha Rabbii olta'eeti:
﴿وَقَالَ رَبُّكُمُ ٱدۡعُونِيٓ أَسۡتَجِبۡ لَكُمۡۚ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَسۡتَكۡبِرُونَ عَنۡ عِبَادَتِي سَيَدۡخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ60﴾
{Gooftaan keessan ni jedhe: “Na kadhaa; isiniifiin owwaadhaa. Dhugumatti, isaan gabbartii kiyya irraa boonan, salphattoota ta’anii, jahannam seenuuf jiru”}. [Ghaafir: 60].
Ragaan sodaa; jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿...فَلَا تَخَافُوهُمۡ وَخَافُونِ إِن كُنتُم مُّؤۡمِنِينَ﴾
{...isaan hin sodaatinaatii anuma sodaadhaa yoo mu’umintoota taatan}. [Aali Imraan: 175].
Ragaan abdii jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿...فَمَن كَانَ يَرۡجُواْ لِقَآءَ رَبِّهِۦ فَلۡيَعۡمَلۡ عَمَلٗا صَٰلِحٗا وَلَا يُشۡرِكۡ بِعِبَادَةِ رَبِّهِۦٓ أَحَدَۢا﴾
{…Namni Gooftaa isaatiin wal ga’uu kajeelu dalagaa gaarii haa hojjatu; gabbartii Gooftaa isaa keessattis tokkollee hin qindeessin}.
[Suuraa Al-Kahf: 110].
Ragaan hirkannaa jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿...وَعَلَى ٱللَّهِ فَتَوَكَّلُوٓاْ إِن كُنتُم مُّؤۡمِنِينَ﴾
{...yoo mu’uminoota taatan Rabbiin qofa irratti hirkadhaa}. [Al-Maa'idaa: 23], Akkasumaa jecha isaati:
﴿...وَمَن يَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱللَّهِ فَهُوَ حَسۡبُهُ...﴾
{...Nama Rabbiin irratti hirkate Inni isaaf ga'aadha...} [Axxalaaq: 3].
Ragaan kajeellaa, sodaa fi gadi of qabuu; jecha Rabbii olta'eeti:
﴿...إِنَّهُمۡ كَانُواْ يُسَٰرِعُونَ فِي ٱلۡخَيۡرَٰتِ وَيَدۡعُونَنَا رَغَبٗا وَرَهَبٗاۖ وَكَانُواْ لَنَا خَٰشِعِينَ﴾
{...Dhugumatti Isaan (nabiyyoonni) toltuu keessatti kan daddafan ta'anii, kajeellaafi sodaan (guutamanii) kan Nu kadhatanii fi kan nuuf of gadi qaban turani}. [Al-Anbiyaa'i: 90].
Ragaan sodaa jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿...فَلَا تَخۡشَوۡهُمۡ وَٱخۡشَوۡنِ...﴾
{...isaan hin sodaatinaa Anuma qofa sodaadhaa...} [Al-Maa'idaa: 3].
Ragaan gama Rabbii deebi'uu jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿وَأَنِيبُوٓاْ إِلَىٰ رَبِّكُمۡ وَأَسۡلِمُواْ لَهُ...﴾
{Gara Rabbii keessanii deebi’aa, Isaafis ajajamaa...} [Azzumar: 54].
Ragaan gargaarsifachuu jecha Rabbii ol-ta'eeti:
﴿إِيَّاكَ نَعۡبُدُ وَإِيَّاكَ نَسۡتَعِينُ5﴾
{Si qofa gabbarra; Si qofaan gargaarsifannas.} [Al-faatihaa: 5] Hadiisa keessatti:
"إِذَا اسْتَعَنْتَ فَاسْتَعِنْ بِاللَّهِ".
"Yeroo gargaarsifattetti Rabbiin gargaarsifadhu"
Ragaan maganfannaa jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿قُلۡ أَعُوذُ بِرَبِّ ٱلۡفَلَقِ1﴾
{Jedhi: "Gooftaa bariittin maganfadha} [Al-Falaq: 1] fi
﴿قُلۡ أَعُوذُ بِرَبِّ ٱلنَّاسِ1﴾
{Jedhi: "Gooftaa namaattin maganfadha} [Annaas: 1].
Ragaan birmannaa barbaaduu jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿إِذۡ تَسۡتَغِيثُونَ رَبَّكُمۡ فَٱسۡتَجَابَ لَكُمۡ...﴾
{Yeroo isin Rabbii keessan irraa birmannaa barbaaddanii isiniif awwaate...} [Al-Anfaal: 9].
Ragaan qaluu; jecha Rabbii olta'eeti:
﴿قُلۡ إِنَّ صَلَاتِي وَنُسُكِي وَمَحۡيَايَ وَمَمَاتِي لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ162 لَا شَرِيكَ لَهُ...﴾
{Jedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi162
Shariikni isaaf hin jiru...} [Al-An'aam:162-163) Hadiisa irraa immoo:
"لَعَنَ اللَّهُ مَنْ ذَبَحَ لِغَيْرِ اللَّهِ".
"Nama waan Rabbiin malee jiruuf gorra'e Rabbiin rahmata Isaa irraa isa haa fageessu".
Ragaan nazrii jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿يُوفُونَ بِٱلنَّذۡرِ وَيَخَافُونَ يَوۡمٗا كَانَ شَرُّهُۥ مُسۡتَطِيرٗا7﴾
{Qodhaa (nazrii) isaanii ni guutu; guyyaa hamtuun isaa babal'atus ni sodaatu} [Al-insaan: 7].
[Hundeen lammaffaa]
Amantii Islaamaa ragaadhaan beekuudha, kunis: Rabbiin tokkichoomsuun Isaaf harka kennuu, ajaja Isaatiif bitamuu fi shirkii fi warra isaa irraa qulqullaa'uudha.
Innis sadarkaa sadii dha: Islaama, Iimaanaafi Ihsaana.
Sadarkaan hunduu rukniiwwan qaba.
Arkaanni Islaamaa shani: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba'uu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, Ramadaana soomuu fi Mana Rabbii kabajamaa hajja'uudha.
Ragaan Shahaadaa jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿شَهِدَ ٱللَّهُ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ وَأُوْلُواْ ٱلۡعِلۡمِ قَآئِمَۢا بِٱلۡقِسۡطِۚ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ18﴾
{Rabbiin akka Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jirre ragaa ba’e; malaa'ikonniifi warri beekumsaas (ragaa ba’aniiru) haqaan dhaabbataa ta’ee, isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. (Inni) injifataa, ogeessa}. [Aali Imraan: 18].
Hiikkaan isaas: haqqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuudha.
“Laa ilaaha” jechuun hunda waan Rabbii gaditti gabbaramu mormuudha.
“Illallaah” jechuun immoo: gabbartii Allaaha tokkichaaf raggaasisuu raggaasisuudha.
Akkuma mootummaa isaa keessatti shariika hin qabnetti, gabbartii isaaa keessattis shariika hin qabu.
hiikni isaa kan isa ibsu jecha Rabbii olta'eeti:
﴿وَإِذۡ قَالَ إِبۡرَٰهِيمُ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦٓ إِنَّنِي بَرَآءٞ مِّمَّا تَعۡبُدُونَ26 إِلَّا ٱلَّذِي فَطَرَنِي..﴾
{Yeroo Ibraahiim abbaa isaatiifi ummata isaatiin akkana jedhe [yaadadhu] :“Dhugumatti ani waan isin gabbartan irraa qulqulluudha26
Isa na uume malee..} [Azzukhruf: 26-27] Akkasumas jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿قُلۡ يَٰٓأَهۡلَ ٱلۡكِتَٰبِ تَعَالَوۡاْ إِلَىٰ كَلِمَةٖ سَوَآءِۭ بَيۡنَنَا وَبَيۡنَكُمۡ أَلَّا نَعۡبُدَ إِلَّا ٱللَّهَ وَلَا نُشۡرِكَ بِهِۦ شَيۡـٔٗا وَلَا يَتَّخِذَ بَعۡضُنَا بَعۡضًا أَرۡبَابٗا مِّن دُونِ ٱللَّهِۚ فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَقُولُواْ ٱشۡهَدُواْ بِأَنَّا مُسۡلِمُونَ64﴾
{Jedhi: “yaa warra kitaabaa! Gara jecha nuufi isin gidduutti wal qixa taateetti kottaa. [Isheenis] akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre; Isattis waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyas garii Rabbiin alatti gabbaramaa akka hin taasifanneedha. Yoo isaan [kana] irraa gara galan “akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’aa” jedhaan}
[Aali imraan: 64].
Ragaan dhugumatti Muhammad ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba'uu; jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿لَقَدۡ جَآءَكُمۡ رَسُولٞ مِّنۡ أَنفُسِكُمۡ عَزِيزٌ عَلَيۡهِ مَا عَنِتُّمۡ حَرِيصٌ عَلَيۡكُم بِٱلۡمُؤۡمِنِينَ رَءُوفٞ رَّحِيمٞ128﴾
{Dhugumatti, ergamaan isin irraa ta’e, kan rakkinni keessan isa irratti jabaatu, kan isiniif (akka amantanuuf) bololu, mu’uminootaaf immoo mararfataa, rahmata godhaa ta’e isinitti dhufeera}.
[Attawbaa: 128].
Hiikkaan Muhammad ergamaa Rabbii ta'uu ragaa ba'uu: waan isaan itti ajajanitti isaaniif ajajamuu, waan isaan himan keessatti isaan dhugoomsuu, waan isaan irraa dhoorganii fi akeekkachiisan irraa fagaachuudha, akkasumas Rabbiin waan Inni karaa godheen malee gabbaramuu dhabuudha.
Ragaan Salaataa, Zakaa fi hiikkaa tawhiidaa: jecha Rabbii olta'eeti:
﴿وَمَآ أُمِرُوٓاْ إِلَّا لِيَعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ حُنَفَآءَ وَيُقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَيُؤۡتُواْ ٱلزَّكَوٰةَۚ وَذَٰلِكَ دِينُ ٱلۡقَيِّمَةِ5﴾
{Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu, salaata dhaabuufi zakaa kennuutti malee homaa hin ajajamne. Kun amantii qajeelaadha}. [Al-Bayyinaa: 5]
Ragaan soomaa jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ كُتِبَ عَلَيۡكُمُ ٱلصِّيَامُ كَمَا كُتِبَ عَلَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تَتَّقُونَ183﴾
{Yaa warra amantan! Soomni akkuma warra isin duraa irratti dirqama ta’etti isin irrattis dirqama ta'eera Akka isin Rabbiin sodaattaniif}.
[Al-baqaraa:183].
Ragaan Hajjii jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿...وَلِلَّهِ عَلَى ٱلنَّاسِ حِجُّ ٱلۡبَيۡتِ مَنِ ٱسۡتَطَاعَ إِلَيۡهِ سَبِيلٗاۚ وَمَن كَفَرَ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَنِيٌّ عَنِ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴾
{Rabbiif nama irratti, kan gara isaa deemuu danda'e irratti, manicha hajja'uutu dirqamni jira, Namni kafare, dhugumatti Rabbiin aalama irraa duroomaadha}. [Aali imraan: 97]
Sadarkaan lammaffaa: Iimaana; innis: damee torbaatamii wohi, irra caalaan isaa jecha: Laa ilaaha illallaah jedhudha, irra gadi aanaan isaa immoo waan nama rakkisu karaa irraa dabsuudha, saalfiinis damee tokko kan iimaana irraa ta'eedha.
Rukniiwwan isaa jaha: Rabbitti, Malaa'ikoota isaatti, Kitaabota Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraa fi Qadara (murtii) gaarii fi badaa isaatti amanuudha.
Ragaan arkaanota jahan kanneen irratti; jecha Rabbii ol-ta'eeti:
﴿لَّيۡسَ ٱلۡبِرَّ أَن تُوَلُّواْ وُجُوهَكُمۡ قِبَلَ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ وَلَٰكِنَّ ٱلۡبِرَّ مَنۡ ءَامَنَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةِ وَٱلۡكِتَٰبِ وَٱلنَّبِيِّـۧنَ...﴾
{Dalagaan gaariin fuula keessan gara bahaafi dhihaa naannessuu miti; haa ta’u malee dalagaan gaariin nama Rabbitti amane, Guyyaa Aakhiraatti, malaa’ikootatti, kitaabattiifi nabiyyootatti (amaneeedha)...}. [Al-baqaraa: 177]
Ragaan Qadaraa (murtoo) jecha Rabbii olta'eeti:
﴿إِنَّا كُلَّ شَيۡءٍ خَلَقۡنَٰهُ بِقَدَرٖ49﴾
{Nuti waan hundaa hamma murtaa'een isa uumne}. [Al-qamar: 49].
Sadarkaan sadaffaa: Ihsaana -rukniin isaa tokkicha-, innis akka waan Isa argituutti Rabbiin gabbaruudha, yoo ati Isa hin arginellee Inni si arga.
Ragaan jecha Rabbii olta'eeti:
﴿إِنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَواْ وَّٱلَّذِينَ هُم مُّحۡسِنُونَ128﴾
{Dhugumatti, Rabbiin warra Isa sodaataniifi warra toltuu hojjatan wajjin jira} [Annahl: 128].
Akkasumas jecha Rabbii ol ta'ee:
﴿وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡعَزِيزِ ٱلرَّحِيمِ217 ٱلَّذِي يَرَىٰكَ حِينَ تَقُومُ218 وَتَقَلُّبَكَ فِي ٱلسَّٰجِدِينَ219﴾
{Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu217
Isa yeroo ati dhaabbattu si argu218
[Isa] sochiiwwan kee warra sagadan keessatti [argu irratti hirkadhu]219}. [Ashu'araa'i: 217-219]
Akkasumas jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿وَمَا تَكُونُ فِي شَأۡنٖ وَمَا تَتۡلُواْ مِنۡهُ مِن قُرۡءَانٖ وَلَا تَعۡمَلُونَ مِنۡ عَمَلٍ إِلَّا كُنَّا عَلَيۡكُمۡ شُهُودًا إِذۡ تُفِيضُونَ فِيهِ...﴾
(Yaa Muhammad!) Hojii kamillee keessatti hin taatu, Qur’aanas hin dubbiftu, dalagaa irraa waan tokkos hin hojjattan, yeroo isin isatti seentan Nuti isin irratti ragaalee taanu malee hin hafu...}.
[Yuunus: 61] Aayaa itti guuti.
Ragaan hadiisa irraa: hadiisa Jibriil beekamaa, kan Umar irraa odeeffame -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- innis akkas jedhe:
"بَيْنَمَا نَحْنُ عِنْدَ رَسُولِ اللَّهِ ﷺ ذَاتَ يَوْمٍ، إِذْ طَلَعَ عَلَيْنَا رَجُلٌ، شَدِيدُ بَيَاضِ الثِّيَابِ، شَدِيدُ سَوَادِ الشَّعَرِ، لَا يُرَى عَلَيْهِ أَثَرُ السَّفَرِ، وَلَا يَعْرِفُهُ مِنَّا أَحَدٌ، حَتَّى جَلَسَ إِلَى النَّبِيِّ ﷺ فَأَسْنَدَ رُكْبَتَيْهِ إِلَى رُكْبَتَيْهِ، وَوَضَعَ كَفَّيْهِ عَلَى فَخِذَيْهِ، وَقَالَ: يَا مُحَمَّدُ !
"Gaaf tokko nuhii Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira taa'ee jiruu, akka tasaa namichi huccuun isaa haalaan adii ta'e, rifeensi isaa immoo haalaan gurraacha ta'e, kan faanni imalaa isa irraa hin mul'annee fi nurraa namni tokkollee kan isa hin beekne nutti ba'e, dhufee Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira taa'ee jilba isaa gara jilba isaaniitti hirkisee, harka isaa tafa isaanii irra kaa'ee, akkas jedhe: Yaa Muhammad!
أَخْبِرْنِي عَنِ الإِسْلَامِ؟
Islaamummaa irraa naaf odeessi?
فَقَالَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ: الإِسْلَامُ: أَنْ تَشْهَدَ أَلَّا إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ، وَتُقِيمَ الصَّلَاةَ، وَتُؤْتِيَ الزَّكَاةَ، وَتَصُومَ رَمَضَانَ، وَتَحُجَّ البَيْتَ إِنِ اسْتَطَعْتَ إِلَيْهِ سَبِيلًا، قَالَ: صَدَقْتَ - فَعَجِبْنَا لَهُ، يَسْأَلُهُ وَيُصَدِّقُهُ –.
Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: Islaamummaan: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba'uu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, Ramadaana soomuu fi gara isaa deemuu yoo dandeesse Mana Rabbii hajja’uudha. Innis ni jedhe: dhugaa jette - nutis isa dinqisiifanne, ofumaa isaan gaafatee isaan dhugeessa ture –.
قَالَ: فَأَخْبِرْنِي عَنِ الْإِيمَانِ؟
Ammas ni jedhe: Iimaanarra naaf himi?
قَالَ: أَنْ تُؤْمِنَ بِاللَّهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَاليَوْمِ الْآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ، قَالَ: صَدَقْتَ.
Ergamaanis ni jedhani: Rabbitti, Malaa'ikoota isaattis, Kitaabota isaattis, Ergamtoota isaattis, Guyyaa Aakhiraattis, akkasumas Qadaratti (murtii); gaarii fi hamaa isaatti amanuudha. iinnis ammas akkas Jedhe: Dhugaa jette.
قَالَ: فَأَخْبِرْنِي عَنِ الْإِحْسَانِ؟
Ammas akkas jedhe: Ihsaana irraa natti himi?
قَالَ: أَنْ تَعْبُدَ اللَّهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ.
Ergamaanis ni jedhan: Ati akka waan Isa argituutti Allaaha gabbaruudha, yoo ati Isa hin arginellee Inni si arga waan ta'eef.
قَالَ: فَأَخْبِرْنِي عَنِ السَّاعَةِ؟
Ammas ni jedhe: Qiyaamaa irraa naaf himi?
قَالَ: مَا المَسْؤُولُ عَنْهَا بِأَعْلَمَ مِنَ السَّائِلِ.
Isaanis akkas jedhani: qiyaamaa irraa gaafatamaan isa gaafatu irra beekaa hin taane.
قَالَ: فَأَخْبِرْنِي عَنْ أَمَارَاتِهَا؟
Ammas akkas jedhe: mallattoolee ishee irraa naaf himi?
قَالَ: أَنْ تَلِدَ الأَمَةُ رَبَّتَهَا، وَأَنْ تَرَى الحُفَاةَ العُرَاةَ العَالَةَ رِعَاءَ الشَّاءِ، يَتَطَاوَلُونَ فِي البُنْيَانِ.
Ergamaanis akkas jedhani: "Garbittiin gooftittii ishee da'uu fi tiksitoota hoolaa kanneen miila duwwaa, qullaa fi hiyyeeyyii ta’an, jaarmaya dheeressuu keessatti yeroo wal dorgoman arguudha"
قَالَ: ثُمَّ انْطَلَقَ فَلَبِثْتُ مَلِيًّا، ثُمَّ قَالَ لِي: يَا عُمَرُ! أَتَدْرِي مَنِ السَّائِلُ؟ قُلْتُ: اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَعْلَمُ، قَالَ: فَإِنَّهُ جِبْرِيلُ، أَتَاكُمْ يُعَلِّمُكُمْ دِينَكُمْ".
ni jedhe (Umar): eegasii namtichi ni deeme, xiqqo nan ture, eegasii ergamaan akkas naan jedhani: "Yaa Umar hoo gaafataan eeenyu akka ta'e beekataa?", Allaahaa fi Ergamaa Isaa qofatu beekan jedheen, isaanis ni jedhan: "Inni Jibriil ture amantaa keessan isin barsiisuuf jecha dhufe".
(Hundeen sadaffaa)
Nabiyyii keessan Muhammad beekuudha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-; Inni Muhammad ilma Abdullaah ilma Abdulmuxxalib ilma Haashimi, Haashim immoo Qurayshii irraayyi, Qurayshiin immoo Araba irraayyi, Arbni immoo hortee Ismaa'iil ilma Ibraahiim Al-khaliil irraayyi –isaa fi nabiyyii keenya irratti caalaan rahmataa fi nageenyaa haa jiraatu-.
Umriin isaanii waggaa jahaatamii sadi'i: isa keessaa waggaan afurtamni ergamuun duratti ture, waggaan digdamii sadi’i immoo Nabiyyii fi Ergamaa ta'uudhaani.
Suuraa Iqraan nabiyyii taasifamani, suuraa Muddassiriin immoo ergamaa taasifamani, biyyi isaaniis Makkaadha.
Rabbiin shirkii irraa akeekkachiisuufi gara Tawhiidaatti waamuudhaan isaan erge; ragaan kanaas jecha Rabbii olta’eeti:
﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡمُدَّثِّرُ1 قُمۡ فَأَنذِرۡ2 وَرَبَّكَ فَكَبِّرۡ3 وَثِيَابَكَ فَطَهِّرۡ4 وَٱلرُّجۡزَ فَٱهۡجُرۡ5 وَلَا تَمۡنُن تَسۡتَكۡثِرُ6 وَلِرَبِّكَ فَٱصۡبِرۡ7﴾
{Yaa mammarataa1
Ka'ii akeekkachiisi2
Gooftaa kee guddisi3
Uffata kee qulqulleessi4
Taabotaan oodi5
Baay'ifannaa barbaachaaf hin arjoomin6
Gooftaa keetiif obsi7} [Al-Muddassir: 1- 7]
Hiikkaan
﴿قُمۡ فَأَنذِرۡ﴾
{Ka'ii akeekkachiisi} Shirkii irraa akeekkachiisee; gama Tawhiidaatti waama.
﴿وَرَبَّكَ فَكَبِّرۡ﴾
{Gooftaa kee guddisi}
Akkas jechuunis: Tawhiidaan isa guddisi, jechuudha.
﴿وَثِيَابَكَ فَطَهِّرۡ﴾
{Uffata kee qulqulleessi}
Akkas jechuunis: hojii kee shirkii irraa qulqulleessi, jechuudha.
﴿وَٱلرُّجۡزَ فَٱهۡجُرۡ﴾
{Taabotaan oodi}
Rujziin: Taabota. Isaanin ooduun immoo: isaan dhiisuu fi isaanii fi warra isaanii irraas qulqullaa'uudha.
Waggaa kudhaniif gara Rabbiin tokkichoomsuutti waamaa turani, waggaa kurnan sana booda; gara samii ol fuudhamanii, salaanni shanan isaan irratti dirqama taasifame, waggaa sadi'iif Makkaan keessatti salaatani, sana booda gara Madiinaatti godaanuutti ajajamani.
Hijraan: biyya shirkii irraa gara biyya islaamaatti godaanuudha.
Biyya shirkii irraa gara biyya islaamaatti godaanuun ummata kanarratti dirqama, innis hanga Qiyaamaan dhaabbattutti kan turudha.
Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿إِنَّ ٱلَّذِينَ تَوَفَّىٰهُمُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ ظَالِمِيٓ أَنفُسِهِمۡ قَالُواْ فِيمَ كُنتُمۡۖ قَالُواْ كُنَّا مُسۡتَضۡعَفِينَ فِي ٱلۡأَرۡضِۚ قَالُوٓاْ أَلَمۡ تَكُنۡ أَرۡضُ ٱللَّهِ وَٰسِعَةٗ فَتُهَاجِرُواْ فِيهَاۚ فَأُوْلَٰٓئِكَ مَأۡوَىٰهُمۡ جَهَنَّمُۖ وَسَآءَتۡ مَصِيرًا97 إِلَّا ٱلۡمُسۡتَضۡعَفِينَ مِنَ ٱلرِّجَالِ وَٱلنِّسَآءِ وَٱلۡوِلۡدَٰنِ لَا يَسۡتَطِيعُونَ حِيلَةٗ وَلَا يَهۡتَدُونَ سَبِيلٗا98﴾
{Warri haala lubbuu isaanii miidhoo ta'aniin malaa'ikaan isaan ajjeeftu, (malaa'ikoonni) “maaluma keessa turtan?” jedhuun. “Dachii keessatti hacuucamoo turre” jedhu, “Sila dachiin Rabbii bal’oo hin taanee akka ishee keessa godaantaniif?” jedhan. Jarri sun qubsumni isaanii jahannami, Deebiin waa hammaatte97
Isaan dadhaboo malee, dhiira, dubartootaafi ijoollee irraa kan ta’an, kan mala baafachuu hin dandeenyeefi karaa hin qajeelle (deemsa hin dandeenye) (malee)98}. [Annisaa'i: 97-98].
Akkasumas jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿يَٰعِبَادِيَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِنَّ أَرۡضِي وَٰسِعَةٞ فَإِيَّٰيَ فَٱعۡبُدُونِ56﴾
{Yaa gabroota kiyya warra amantan! Dachiin tiyya bal’oodhaa, Anuma qofa gabbaraa}.
[Al-ankabuu: 56]
Baghwiin -Rabbi rahmata isaaf haa godhu- akkas jedhe: "Sababaan bu’iinsa keeyyata tanaa: Muslimoota Makkaa keessa turanii hin godaanin ilaalchiseeti, Rabbiin maqaa Iimaanaatiin isaan waame".
Godaansa irratti ragaan hadiisa irraa ta'e; jecha isaaniiti:
"لَا تَنْقَطِعُ الهِجْرَةُ حَتَّى تَنْقَطِعَ التَّوْبَةُ، وَلَا تَنْقَطِعُ التَّوْبَةُ حَتَّى تَطْلُعَ الشَّمْسُ مِنْ مَغْرِبِهَا".
"Hijraan hanga Tawbaan cittutti hin cittu, Towbaan hanga aduun dhiha ishee irraa baatuutti hin cittu".
Yeroo Madiinaatti qubatanitti; seeroowwan Islaamaa kanneen hafanitti ajajaman -kanneen akka: Zakaa, Soomaa, Hajjii, Azaanaa, Jihaadaa, toltuitti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu- kana irratti amata kudhan turani.
Isaan ni du'ani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, amantiin isaanii immoo hafaadha, Kunis amantii isaaniiti: toltuu tokkollee ummata itti qajeelchan malee hin dhiifne, hamtuu tokkollees irraa akeekkachiisan malee hin dhiifne.
Toltuun isaan itti qajeelchan, Tawhiidaa fi waan Rabbiin jaallatuu fi fedhu hunda.
Hamtuun isaan isaan irraa akeekkachiisan: shirkii fi hunda waan Rabbiin jibbuu fi didu hunda.
Rabbiin gara namoota hundaatti isaan erge, uumama ulfaataa lamaan - jinnii fi ilma namaa - hunda irratti isaaniif ajajamu dirqama taasise; ragaan kanaas jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿قُلۡ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنِّي رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيۡكُمۡ جَمِيعًا...﴾
{Jedhi: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ani ergamaa Rabbii gara hunda keessaniitti (ergamee dha)...}. [Al-A'araaf: 158].
Rabbiin isaaniin amantii guute; Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿...ٱلۡيَوۡمَ أَكۡمَلۡتُ لَكُمۡ دِينَكُمۡ وَأَتۡمَمۡتُ عَلَيۡكُمۡ نِعۡمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ ٱلۡإِسۡلَٰمَ دِينٗاۚ...﴾
{...Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, qananiiwwan kiyyas isin irratti guuteera. Islaama amantiif isiniif jaaladheera...} [Al-Maa'idaa: 3].
Du'a isaanii rratti ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿إِنَّكَ مَيِّتٞ وَإِنَّهُم مَّيِّتُونَ30 ثُمَّ إِنَّكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ عِندَ رَبِّكُمۡ تَخۡتَصِمُونَ31﴾
{Dhugumatti, (Yaa Muhammad) ati ni duuta; isaanis ni du’u30
Ergasii isin (hunduu) Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa keessan biratti wal mormitu31}. [Azzumar: 30-31].
Namoonni yeroo du'an ni kaafamu; ragaan isaas jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿مِنۡهَا خَلَقۡنَٰكُمۡ وَفِيهَا نُعِيدُكُمۡ وَمِنۡهَا نُخۡرِجُكُمۡ تَارَةً أُخۡرَىٰ55﴾
{Ishee (dachii) irraa isin uumne; ishee keessatti isin deebifna; yeroo biraas ishee irraa isin baafna} [Xaahaa: 55] Akkasumas jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿وَٱللَّهُ أَنۢبَتَكُم مِّنَ ٱلۡأَرۡضِ نَبَاتٗا17 ثُمَّ يُعِيدُكُمۡ فِيهَا وَيُخۡرِجُكُمۡ إِخۡرَاجٗا18﴾
{Rabbiin biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche17
Ergasii ishee keessatti isin deebisa, baasuus isin baasa18}. [Nuuh:17-18].
Erga kaafamanii booda hojii isaaniitiin ni herregamu, ni mindeeffamus; ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿...لِيَجۡزِيَ ٱلَّذِينَ أَسَٰٓـُٔواْ بِمَا عَمِلُواْ وَيَجۡزِيَ ٱلَّذِينَ أَحۡسَنُواْ بِٱلۡحُسۡنَى﴾
{...isaan hamtuu dalagan waan isaan dalaganiin isaaniif galata galchuufi, isaan toltuu hojjatanis ishee caaltuu taate isaan mindeessuufi}.
[Annajm: 31]
Namni Kaafamuu sobsiise kafareera; ragaan isaas jecha Rabbii ol ta’eeti:
﴿زَعَمَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَن لَّن يُبۡعَثُواْۚ قُلۡ بَلَىٰ وَرَبِّي لَتُبۡعَثُنَّ ثُمَّ لَتُنَبَّؤُنَّ بِمَا عَمِلۡتُمۡۚ وَذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٞ7﴾
{Isaan kafaran (erga du'anii) hin kaafamanii dubbatan, jedhiin "Lakkii! Gooftaa kiyyatti kakadhee ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himama. Sun Rabbirratti laafaa dha"}. [Al-Taghaabun: ]
Rabbiin ergamtoota hunda gammachiiftotaafi dinniintota taasisee erge; Ragaan isaas jecha Rabbii olta'eeti:
﴿رُّسُلٗا مُّبَشِّرِينَ وَمُنذِرِينَ لِئَلَّا يَكُونَ لِلنَّاسِ عَلَى ٱللَّهِ حُجَّةُۢ بَعۡدَ ٱلرُّسُلِ...﴾
{Gammachiisoofi dinniinoo taasifnee ergamtoota (ergine), Akka Ergamtoota booda Rabbiin irratti namaaf ragaan hin argamneef...}
[Annisaa'i: 165]
Jalqabni isaanii Nuuhi -nageenyi isa irra haa jiraatu-.
Xumurri isaanii immoo Muhammadi -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, isaanis xumura Nabiyyootaati; booda isaanitii Nabiyyiin tokkolleen hin jiru; ragaan isaas jecha Rabbii olta'eeti:
﴿مَّا كَانَ مُحَمَّدٌ أَبَآ أَحَدٖ مِّن رِّجَالِكُمۡ وَلَٰكِن رَّسُولَ ٱللَّهِ وَخَاتَمَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ...﴾
{Muhammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkoos hin taane. Garuu inni ergamaa Rabbiitiifi xumura nabiyyootaati...} [Al-Ahzaab: 40].
Ragaan jalqabni isaanii Nuuhi ta'uu isaa jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿إِنَّآ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ كَمَآ أَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ نُوحٖ وَٱلنَّبِيِّـۧنَ مِنۢ بَعۡدِهِ...﴾
{Nuti gara keetti beeksisa goonee jirra akkuma gara Nuuhiifi nabiyyoota isa boodatti beeksisa goonetti...} [Annisaa'i: 163]
Ummanni Rabbiin ergamaa gara isaaniitti erge hundi- Nuuh irraa kaasee hanga Muhammaditti - Rabbiin qofa akka gabbaraniif isaan ajaja, waan isaa gaditti gabbaramu gabbaruu irraas isaan dhoorga; Ragaanis jecha Rabbii olta’eeti:
﴿وَلَقَدۡ بَعَثۡنَا فِي كُلِّ أُمَّةٖ رَّسُولًا أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱجۡتَنِبُواْ ٱلطَّٰغُوتَ...﴾
{Dhugumatti, Nuti ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraa fagaadhaa”} [Annahl: 36]
Rabbiin Taabotatti kafaruu fi Rabbitti amanuu gabroota hunda irratti dirqama taasiseera.
Ibnu Al-Qayyim -Rabbiin ol ta'e rahmata isaaf haa godhu- akkas jedhe: "Hiikkaan Xaaghuutaa: waan gabrichi ittiin daangaa isaa drabedha - gabbaramaa, yookaan hordofamaa, yookaan ajajamaa irraa ta'ee".
Xawaaghuutni baay’eedha, mataawwan isaani shaniidha, isaanis: Ibliis – abaarsi Rabbii isa irra haa jiraatu, nama osoo jaallatuu gabbarame, nama namoota akka isa gabbaraniif waame, nama beekumsa gheybii (fagoo) irraa waa beeka jedhee himatee fi nama waan Rabbiin buuseen alatti murteessedha.
Ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:
﴿لَآ إِكۡرَاهَ فِي ٱلدِّينِۖ قَد تَّبَيَّنَ ٱلرُّشۡدُ مِنَ ٱلۡغَيِّۚ فَمَن يَكۡفُرۡ بِٱلطَّٰغُوتِ وَيُؤۡمِنۢ بِٱللَّهِ فَقَدِ ٱسۡتَمۡسَكَ بِٱلۡعُرۡوَةِ ٱلۡوُثۡقَىٰ لَا ٱنفِصَامَ لَهَاۗ وَٱللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ256﴾
[Amantii keessa dirqisiisuun hin jiru. Dhugumatti, qajeelumni jallina irraa ifa ta'eera. Namni xaaghuutatti kafaree, Rabbitti amane, dhugumatti haada jabaa citiinsi isaaf hin jirre qabateera. Rabbiin dhaga'aa, beekaadha}. [Al-Baqarah: 256], Kunis hiika "Laa Ilaaha Illallaah" ti, Hadiisa keessattis akkas jedhan:
"رَأْسُ الأَمْرِ: الإِسْلَامُ، وَعَمُودُهُ: الصَّلَاةُ، وَذِرْوَةُ سَنَامِهِ: الجِهَادُ فِي سَبِيلِ اللَّهِ".
"Mataan dubbii: Islaamummaadha, utubaan isaa: salaata, fiixeen dalluu isaa: Jihaada karaa Rabbii keessattiidha"
Rabbiin hunda caalaa beekaadha.
***
Baafata
[Hundee tokkoffaa] 6
[Hundeen lammaffaa] 12
(Hundeen sadaffaa) 20
***
om36v2.0 - 15/11/2026