الدُّرُوسُ الْمُهِمَّةُ لِعَامَّةِ الْأُمَّةِ
Barnoota Yaachisaa Ummata Hundaaf
لِسَمَاحَةِ الشَّيْخِ العَلَّامَةِ
عَبْدِ العَزِيزِ بْنِ عَبْدِ اللهِ بْنِ بَازٍ
رَحِمَهُ اللهُ
Abdul'aziiz bin Abdallaah bin Baaz
بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ
Barnoota Yaachisaa Ummata Hundaaf
Kan kabajamoo Sheykha Hayyuu
Abdul'aziiz binu Abdallaah binu Baaz -Rabbi isaan haa mararfatu.
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin
Seensa barreessaa
Galanni Rabbii gooftaa Aalamaatiif haa galu, booddeen bareenni warra sodaa Rabbii qabaniifi, nagayaafii rahmanni Rabbii gabrichaa fi ergamaa nabiyyii keenya muhammad irratti haa bu'u, firaafii saahiboota isaanii hundaawu.
Eeganaa:
Kuni ibsa garii haasawa gabaabaa namoonni hundi Amantii Islaamaa keessatti beekuun irratti dirqama ta'u ilaalchiseeti, akkana jechuunis moggaase: (Barnoota Yaachisaa Hawaasa Hundaaf).
Akka Muslimtoota ittiin fayyadu Allaahin kadha, akksumas akka narraa qeebalus, Inni kakennuufii arjoomaa dha.
Abdul'aziiz bin Abdallaah bin Baaz Barnoota Yaachisaa Hawaasa Hundaaf1
Barnoota Tokkoffaa: Suuratul-Faatihaa fi Suuraawwan Gaggabaaboo
Suuraa Faatihaa fi waan mijjate Suurawwan Gaggabaaboo irraa, Suuraa Zalzalaa irraa hanga Suuratu-Nnaasii, dubbisuu, akkasuma qiraatii sirreessuu, qomatti qabachuu, akkasuma waan hubachuun dirqama tahu hiikuu.
Barnoota Lammaffaa: Rogaalee Islaamaa
Rukniiwwaam islaamaa shanan ibsuu, inni jalqabaa fi irra guddaan isaanii: Haqqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru, Muhammad immoo -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ergamaa Allaahaati jedhanii hiikkaa isaa balballoomsuu wojjin ragaa ba'uudha, akkasuma ulaagaalee Laa ilaaha Illallaah ibsuu wojjin, hiikkaan jecha "Laa ilaaha illallaah" ibsuu wojjin: (Laa Ilaaha) hunda waan Rabbiin alatti gabbaramuu mormuu, (Illaallaahu) gabbartii Allaahaa kan shariika hin qabne qofaaf raggasisuun. Ulaagaaleen (Laa ilaaha illallaah) immoo: beekumsa wollaalummaa faallessu, mirkana shakkii faallessu, ikhlaasa shirkii faallessu, dhugaa kijiba faallesu, jaalala jibbaa faallessu, jala butamuu dhiisuu faallessu, qeebaluu deebisuu faallessuu fi waan Allaahaan alatti gabbaramutti kafaruudha. wolaloo sarara lamaa armaan gaditti dhufu kana keessatti wolitti qabamee jira:
Beekumsa, mirkana (yaqiina), ikhlaasa, dhugomsuu kee...jaalala, jala butamuu fi isii qeebaluu waliin. Saddeettaffaan isaa kafaruu keetu itti dabalame.. wantoota Rabbiin malee gabbarame.
Hikkaa Muhammad ergamaa Rabbiiti jedhanii ragaa ba'uu ibsuu waliin, akeektuun isaa: waan isaan himan keessatti isaan dhugeessuu, waan isaan itti ajajan keessatti isaaniin buluu, waan isaan irraa dhoorganii fi irraa akeekkachiisan irraa fagaachuu, waan Rabbii fi ergamaan isaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- karaa godhaniin ala Allaahaan gabbaramuu dhabuudha. Eegasii rukniiwwan islaamaa shananirraa kan hafan baratadhaaf ni ibsa, isaanis: salaata, zakaa, sooma ramadaanaa fi nama gara isaatti karaa danda'eef mana Rabbii kabajamaa ta'e hajja'uudha.
Barumsi sadaffaan: rukniiwwan iimaanaati
Isaanis jaha: Allaahitti Amanuu, Malaa'ikaa Isaatti Amanuu, Kitaabota Isaatti amanuu, Ergamtoota isaatti amanuu, Guyyaa Aakhiraatti amanuu fi Qadaratti amanuu kheyrii fi sharriin isaas Rabbii ol ta'e irraayi jedhanii itti amanuudha.
Barumsi afraffaan: qooda tawhiidaatii fi qooda shirkiiti
Ibsa qoqqoodama Tawhiidaa; Isaanis sadihi: Tawhiida rabbummaa, Tawhiida gabbarummaa fi Tawhiida Maqaawwanii fi Sifaataati.
1- Tawhiida rubuubiyyaa (Rabbummaa): inni Allaahaan uumaa waan hundaa fi to'ataa waan hundaa akka ta'ee fi sana keessatti immoo shariika tokko akka hin qabne amanuudha.
2- Tawhiida Al-uluuhiyyaa (gabbartii): innis Allaaha ol ta'e qofaatu haqaan gabbaramaa sana keessatti shariika hin qabne jedhanii amanuudha, kun hiikkaa "Laa Ilaaha Illallaahu" jechuuti, hiikkaan isaa: haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuudha, gabbartiin hundi, salaanni, soomnii fi kanneen biroos Rabbi qofaaf qulqulleessanii hojjachuutu dirqama ta'a, gabbartiiwwan irraa waan tokkollee Rabbiin malee waan jiruuf kennuun hin eeyyamamu.
3-Tawhiida maqootatii fi sifaataati : innis maqoota fi sifaawwan Rabbii irraa waan Qur'aana kabajamaa yookaan hadiisota sirrii ta'an keessatti dhufe hundatti amanuu fi isa jallisuu, onsuu, akkaataa isatti gochuu fi isa fakkeesuuun maletti akka isaaf malutti isa raggaasisuudha; kunis kan ta'e jecha Rabbii ol ta'etti hojjachuuf jecha:
﴿قُلۡ هُوَ ٱللَّهُ أَحَدٌ 1 ٱللَّهُ ٱلصَّمَدُ 2 لَمۡ يَلِدۡ وَلَمۡ يُولَدۡ 3 وَلَمۡ يَكُن لَّهُۥ كُفُوًا أَحَدُۢ4﴾
﴾Jedhi: Inni Rabbii tokkicha ﴾1﴿
Rabbiin hirkoo waa hundaati ﴾2﴿
Hin dhalle hin dhalannes ﴾3﴿
Hiriyaan tokkoos isaaf hin taane} [Suraa Al-ikhlaas: 1-4] Ammas jecha Rabbii ol ta'etti dalaguuf jecha:
﴿...لَيۡسَ كَمِثۡلِهِۦ شَيۡءٞۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ﴾
﴾Fakkaataan akka isaa (Allaah) homaa hin jiru, inni haalaan dhagayaa argaadha﴿ [Shuuraa: 11], Warri beekumsa qaban gariin isaanii tawhiida maqoota fi sifaataa tawhiida rubuubiyyaa jala galchuun isaan lama godhanii jiru, kana keessatti wal-dhabbiin hin jiru; qoqqoodama lachuu keessatti wanti itti fedhame ifa waan ta'eef jecha.
Shirkiin bakka saditti qoodama: Shirkii guddaa, Shirkii xiqqaa fi Shirkii dhokataa dha.
Shirkiin guddaan: dalagaa nama isarratti du'ee jalaa balleessee ibidda keessatti abad akka ta'u isa taasisa.
﴿...وَلَوۡ أَشۡرَكُواْ لَحَبِطَ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ﴾
﴾Osoo isaan qindeessanii silaa wanti isaan dalagaa turan isaan jalaa bada﴿ [Al-An'aam: 88], Rabbiin ol ta'e akkana jedhe:
﴿مَا كَانَ لِلۡمُشۡرِكِينَ أَن يَعۡمُرُواْ مَسَٰجِدَ ٱللَّهِ شَٰهِدِينَ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِم بِٱلۡكُفۡرِۚ أُوْلَٰٓئِكَ حَبِطَتۡ أَعۡمَٰلُهُمۡ وَفِي ٱلنَّارِ هُمۡ خَٰلِدُونَ 17﴾
﴾Odoo lubbuu isaanii irratti kufrii ragaa ba’anii masjiidota Rabbii jiraachisuun mushrikootaan hin malu. Isaan dalagaan isaanii badde. Isaan ibidda keessa yeroo hunda jiraatu﴿ [Suuraa Towbaa: 17], Nama shirkii irratti du'eef hin dhiifamu, Jannatni isa irratti haraama, Akkuma Rabbiin ol-ta'e jedhe:
﴿إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَغۡفِرُ أَن يُشۡرَكَ بِهِۦ وَيَغۡفِرُ مَا دُونَ ذَٰلِكَ لِمَن يَشَآءُ...﴾
﴾Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeeffamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama﴿ [An-Nisaa: 48] , Rabbiin ol ta'e akkana jedhe:
﴿...إِنَّهُۥ مَن يُشۡرِكۡ بِٱللَّهِ فَقَدۡ حَرَّمَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِ ٱلۡجَنَّةَ وَمَأۡوَىٰهُ ٱلنَّارُۖ وَمَا لِلظَّٰلِمِينَ مِنۡ أَنصَارٖ﴾
﴾Namni Rabbitti waa qindeesse, Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseera, teessoon isaas ibidda, miidhaa raawwattootaafis tumsitoonni hin jiranu﴿ [Al-Maa'idaa: 72].
Gosoota shirkii keessaa: warra du'anii fi taabota waammachuu, isaan irraa gargaarsa barbaaduu, isaanif silatii godhuu, isaanif qaluu fi kan kana fakkaataniidha.
Shirkii xiqqaa: inni keeyyattoota Qur'aanaa yookaan Hadiisaa keessatti shirkii jedhamee waamamuun isaa waan raggaa'edha, garuu inni gosa shirkii guddaa irraayii miti; akka garii hojii argisiifachuufaa, waan Rabbiin malee jiruun akka kakachuu faa, akka akkana jechuu faa: yoo Rabbii fi ebalu fedhe jechuu fi kanneen kana fakkaatan biroo faadha; jecha nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuuf jecha:
«أَخْوَفُ مَا أَخَافُ عَلَيْكُمُ الشِّرْكُ الأَصْغَرُ»، فَسُئِلَ عَنْهُ، فَقَالَ: «الرِّيَاءُ».
"Irra hamaan waan ani isin irratti sodaadhuu shirkii xixiqqaadha" isa irraa gaafatamanii akkas jedhani: "of agarsiifannaadha"2 Imaam Ahmad, Xabraanii fi beeyhaqiitu hadiisa Mahmuud bin labiid Al-Ansaarii irraa -Rabbi irraa haa jaallatu- sanada jabaa ta'een irraa odeessan, Ammas Xabaraaniin, Mahmuud bin labiid irraa, inni ammoo Raafi'i bin khadiij irraa odeessee, inni ammoo Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa odeessuu sanada jabaa ta'een gabaaseera.
Ammas jecha Ergamaa Rabbiitti hojjachuuf jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-:
«مَنْ حَلَفَ بِشَيْءٍ دُونَ اللَّهِ فَقَدْ أَشْرَكَ».
(Namni maqaa Allaahiin malee waan birootiin kakate dhugumatti Rabbitti waaheloomsee jira)3 Imaamu Ahmadiitu sanada shiiha ta'een Umar ilma Kaxxaab irraa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- gabaase akkasuma Abuu Daawuudii fi Tirmiziin sanada sahiiha ta'een, hadiisa ibnu Umar irraa -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuu isaanii gabaasani:
«مَنْ حَلَفَ بِغَيْرِ اللَّهِ فَقَدْ كَفَرَ أَوْ أَشْرَكَ».
"Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse".4 Ammas jecha Ergamaa Rabbiitti hojjechuuf jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-:
«لَا تَقُولُوا: مَا شَاءَ اللَّهُ وَشَاءَ فُلَانٌ، وَلَكِنْ قُولُوا: مَا شَاءَ اللَّهُ ثُمَّ شَاءَ فُلَانٌ».
"Waan Rabbii fi ebalu fedhe hin jedhinaa, garuu akkana jedhaa: Waan Rabbiin fedhe, eegasii waan ebalu fedhe".5 Abuu daawuudiitu sanada sahiiha ta'een, Huzeyfaa bin Al-Yamaan irraa -Rabbi irraa haa jaallatu- isa gaabaase.
Gosti kuni Islaamummaa irraa bahuu fi ibidda keessatti abad tahuu hin fidu, garuu inni guutummaa tawhiida dirqama ta'ee ni faalleessa.
Gosti sadaffaan: Shirkii dhokataadha; ragaan isaa jecha nabiyyiiti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-:
«أَلَا أُخْبِرُكُمْ بِمَا هُوَ أَخْوَفُ عَلَيْكُمْ عِنْدِي مِنَ الْمَسِيحِ الدَّجَّالِ؟» قَالُوا: بَلَى يَا رَسُولَ اللَّهِ. قَالَ: «الشِّرْكُ الْخَفِيُّ؛ يَقُومُ الرَّجُلُ فَيُصَلِّي، فَيُزَيِّنُ صَلَاتَهُ لِمَا يَرَى مِنْ نَظَرِ الرَّجُلِ إِلَيْهِ».
"Masiih Addajjaal caalaa waan ani isiniif sodaadhu isinitti himuu? Ni jedhan: Eeyyen nuuf himi Yaa Ergamaa Rabbii, isaanis Akkana jedhan: Shirkii dhokataadha, inni namtichi tokko dhaabbatee salaata salaatuun salaata isaa sana waan namni isa ilaalaa jiruuf jecha bareechuudha"6 Imaam Ahmadiitu musnada isaa keessatti hadiisa Abii sa'iid Al-khudrii irraa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- isa gabaase.
Shirkii bakka lama qofatti qooduun ni danda'ama:
Guddaa fi xiqqaa, shirkiin dhokataan immoo isaan lameenuu wolitti qabata; shirkii guddaa keessa ni bu'a, inni akka shirkii munaafiqootaati; isaan waan ilaalcha aqiidaa badaa isaanii dhokfatanii, argisiifannaa fi lubbuu ofii irratti sodaa qabaniif jecha islaamummaa waan mul'ifataniif jecha.
Shirkii xixiqqaa keessattis ni ta'a, sunis akka naaf argiiti, akkuma hadiisa Mahmuud bin Labiid kan darbee fi hadiisa Abii sa'iid kan dubbatame keessatti ilaalletti. Rabbiitu abbaa towfiiqaati.
Barumsi Shanaffaan: Ihsaana(tolchuu)
Utubaan Ihsaanaa, innis: Ati akka waan isa argituutti Allaahin gabbaruu dha, yoo ati Isa hin argin Inni si arga.
Barumsi Ja'affaan: ulaagaalee salaataati
Isaanis sagali:
Islaamummaa, Aqlii, waa addaan baafachuu, xurii ofirraa kaasuu, najisa deemsisuu, owraa dhoksuu, yeroon seenuu, Qiblatti garagaluu fi niyyaadha.
Barumsi Torbaffaan: Rukniiwwan salaataati
Isaanis kudha Afuri:
Dandeettii waliim dhaabachuu, Takbiiraa Ihraamaa, Faatihaa qara'uu, Rukuu'a, Rukuu'arraa ol jechuu, qaamolee torbaan irratti sujuuda godhuu, isarraa ol jechuu, sujuuda lameen jidduu taa'uu, dalagaalee hunda tasgabbiin gaggeessuu, ruknoowwan hunda tartiibaan raawwachuu, tashahhuda dhumaa, isaaf taa'uu, Nabiyyicharratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salawaata buusuu fi Salaama lameen baafachuu.
Barumsi Saddeettafaa: Dirqamoowwan salaataati
Isaan saddeeti:
Takbiiraa ihraamaa malee takbiiraa hunda jechuu, Imaamaa fi nama adda salaatuuf (sami'allaahu liman hamidah) jechuu, hundumtuu (Rabbanaa walakal hamd) jechuu, (Subhaana Rabbiyal-Aziim) rukuu'a keessatti jechuu, (Subhaana Rabbiyal A'alaa) sujuuda keessatti jechuu, teessuma sujuuda lameenii jidduutti (Rabbighfirlii) jechuu, Tashahhuda awwalaa fi isaaf taa'uu.
Barumsi Sagalaffaan: Tashahhuda ifoomsuu
Innis akkana jechuu dha:
(Attahiyyaatu lillaahi, wassalawaatu, waxxayyibaatu, assalaamu aleyka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh, assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin, ashhadu an laa ilaaha illallaahu, wa ashhadu anna Muhammadan abduhuu warasuuluh).
Ergasii itti aansee Nabiyyicharratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salawaata buusee, isaanif barakaa kadhachuuf, akkana jedha: (Allaahumma salli alaa Muhammadin, wa alaa aali muhammadin, kamaa salleyta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiima Innaka Hamiidun Majiid, wa baarik alaa Muhammadin, wa alaa aali Muhammadin, kamaa baarakta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraamiima innaka hamiidun majiid).
Itti aansuunis tashahhuda xumuraa keessatti adabbii jahannamii fi adabbii qabrii, fitnaa jiruu fi du'aa fi fitnaa masiihud-dajjaal irraa Rabbitti maganfata, Ergasii du'aa'ii irraa waan barbaade filata, keessattuu du'aa'ii Qur'aana fi Hadiisa keessatti dhufe, sana keessaa:
(Allaahumma a'innii alaa zikrika wa shukrika wa husni ibaadatika, Allaahumma innii zalamtu nafsii zulman kasiiran, walaa yagfiruz-zunuuba illaa Anta, faghfirlii magfiratan min indika, warhamnii innaka antal-gafuururrahiim).
Tashahhuda duraa keessatti garuu shahaadaa lamaan erga jedhee booda Zuhrii, Asrii, Maghriiba fi Ishaa keessatti raka'aa sadaffaatiif dhaabbata, Yoo Nabiyyicharratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salawaata buuse irra filatamaa dha; Hadiisonni baay'een waan sanitti akeekaniif jecha, ergasii raka'aa sadaffaatiif ni dhaabata.
Barumsi Kurnaffaa: Sunnaawwan salaataati
Isaan keessaa:
1- Du'aa'ii baniinsa salaataa jechuu.
2- Rukuu'aan durattii fi isa boodatti yeroo dhaabbatu ganaa harka mirgaa isaa harka bitaa isaa irra godhachuu.
3- Takbiiraa duraa biratti, yeroo rukuu'a bu'uu, yeroo isa irraa ol jedhuu fi yeroo tashahhuda jalqabaa irraa gara raka'aa sadaffaatif ol-ka'amu, harka lamaan haala qubbeetiin isaanii walitti maxxananiin diriirsuun sirrii gateettii lameeniitiin yookaan gurra lameeniitiin ol- qabuu.
4- Tasbiiha rukuu'aa fi sujuuda keessatti tokko irratti waan dabalame.
5- Rukuu'a irraa erga ol jedhanii jecha: (Rabbana walakal hamdu) jedhu irratti waan dabalame, akkasuma araarama kadhannaa sujuuda lameen jiddutti godhamu tokko irratti wanti dabalames.
6- Rukuu'a keessatti Mataa ofii qixxee dugdaatiin godhuu.
7- Yeroo sujuuda godhan irree harkaa lameen cinaacha lameen irraa, garaa sarbaa lameen irraa fi sarbaa lameen mogolee lameen irraa fageessuu.
8- Yeroo sujuudaa ciqilee lameenuu lafarraa ol fuudhuu (kaasuu).
9- Namni salaatu tokko tashahhuda duraatii fi teessuma sujuuda lameen jidduutti miila isaa bitaa afatee irra taa'uun, miila mirgaa ammoo gadi dhaabuu.
10- Salaata raka'aa sadihii fi afurii keessatti tashahhuda xumuraa irratti taa'umsa tawarrukaa taa'uu sunis: miila bitaa ofii mirga jala godhuun miila mirgaa gadi dhaabanii teessoo ofiitirra taa'uu dha.
11- Tashahhuda duraatii fi boodaa keessatti jalqaba irraa hanga xumuraatti quba akeektuu taateen akeekuu fi yeroo du'aa'ii ammoo isa sochoosuu.
12- Tashahhuda jalqabaa keessatti Salawaata fi barakaa Nabi Muhammadii fi maatii isaanii irratti buusuu, akkasumas Nabi Ibraahiimii fi maatii isaanii irratti buusuu.
13- Tashahhuda xumuraa keessattii du'aa'ii godhuu.
14- Salaata Fajrii, Jum'aa, Iidaa lameenii, Salaata yeroo roobni bade salaatamuu fi rakaalee duraa lameen Salaata Magribaa fi Ishaa'ii keessatti sagalee ol fudhatanii qara'uu.
15- Salaata Zuhrii, Asrii, raka'aa sadaffaa magribaa fi rakaalee lameen boodaa Salaata ishaa'ii keessatti sagalee ol fudhachuun maletti qara'uu.
16- Qur'aana irraa faatihaa irratti waan dabalame qara'uu, kanneen dubbanneen ala sunnaawwan salaata keessatti dhufan biroos eeggachuu woliin, sana keessaa: imaama, nama isatti hidhatee salaatuu fi nama qofaa isaa salaatu ilaalchisee booda rukuu'ii irraa ol jedhamee (Rabbanaa walakal hamdu) jechuu irratti wanti dabalame, inni sunnaadha, sana keessaa ammas: yeroo rukuu'aatti harka lameen qubbeetii isaanii adda adda babaasuun jilba lameen irra kaa'uu.
Barumsi Kudha tokkoffaa: wantoota salaata balleessani
Isaan Saddeeti:
1- Yaadachuu fi beekuu woliin haasawa beekaa taasifamu, namni dagatee fi wollaalaan immoo salaatni isaa kanaan hin baddu.
2- Kolfuu.
3- Nyaachuu.
4- Dhuguu.
5- Qaama irraa bakki haguugamuun dirqama ta'e (awraan) mul'achuu.
6- Kallattii Qiblaa irraa baay'isanii garagaluu.
7-Tapha walitti fufaa salaata keessatti heddummaate.
8- Xahaaraan baduu.
Barumsi kudha lammaffaa: Ulaagaalee wuduu'aati
Isaanis Kudhani:
Islaamummaa, Aqlii qabaachuu, waa addaan baafachuu, niyyaa, hanga xahaaran isaa guutamtuufii isa addaan kutuu niyyachuu dhabuun of jala oofuudha, wanti wuduu'a dirqamsiisu cituudha, isa duratti Istinjaa godhachuu yoo waan goggogaan qoorfachuu, bishaan isaa qulqulluu fi hayyamamaa ta'uudha, waan bishaan gara qaamatti gahuu dhoorgu deemsisuu fi nama xuriin irraa hin dhaabbanneef yeroon salaataa seenuudha.
Barumsi kudha sadaffaa: Dirqamoowwan wuduu'aati
Isaanis Jaha:
Fuula dhiquu, lulluuqachuu fi bishaan funyaanitti wol fudhatanii gadi deebisuunis isuma irraayi, harka lameen ciqilee lameen woliin dhiquu, hunda mataa haaxaa'uu gurri lameenis isuma irraayi, miila lameen koomee lameeniin woliin dhiquu fi tartiibaa fi wolirraa adda baasuun maletti wol hordofsiisanii dhiquu. Yeroo sadii deddeebisuun fuula, harka lameenii fi miila lameen dhiquun jaallatamaadha, akkasuma lulluuqqannaa fi bishaan funyaanitti ol fudhatanii gadi deebisuunis, dhiqaa keessatti dirqamni yeroo tokko qofa, mataa haxaawwannaa immoo deddeebisuun isaa hin jaallatamu akkuma hadiisoleen sahiiha ta'an kanatti akeekanitti.
Barumsi kudha afraffaa: Wantoota waduu'a balleessani
Isaanis Jaha:
Karaa lameeniin wanta ba'u, xuraayaa fi fokkataa qaamarraa ba'u, aqliin hirribaan yookiin waan birootiin deemuu, fulduraanis haa ta'uu boodaan girdoo maletti qaama saalaa harkaan tuquu, foon gaalaa nyaachuu, Islaamummarraa gara galuu, Rabbiin sana irraa nuufi Muslimtoota hundaa haa tiksu.
Hubachiisa cimaa: Ammoo reeffa nama du'ee dhiquun wuduu'a hin balleessudha sirriin, kuni ammoo jecha Ulamaa'ota hedduuti; kana keessatti ragaan waan hin jirreef jecha, garuu namni dhiqu harka isaatiin qaama saalaa nama du'ee girdoon maletti yoo tuqe wuduu'in irratti dirqama taya.
Nama dhiqu irratti dirqamni qaama saalaa nama du'ee girdoon maletti tuquu dhiisuudha, akkuma kana irra sirrii jechoota ulamaa'iitiin hanga waa isa irraa hin baanetti dubartii tuquun guutummaa guutuutti waduu'a hin balleessu, tuquun sun fedhiin ta'us yookaan fedhiin malee ta'us, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii warra ofii dhungatanii eegsii osoo deebisanii wuduu'a hin godhatin waan salaataniif jecha.
Jechi Rabbii guddaa kan aayatoota suuraa An-nisaa'ii fi Al-Maa'idaa keessaa ammoo:
﴿...أَوۡ لَٰمَسۡتُمُ ٱلنِّسَآءَ...﴾
﴾Yookiin dubartootaan wal tuqxanii﴿ [An-Nisaa' :43] [Al-Maa'idaa: 6] wanti itti fedhame: wal-qunnamtii salaati, kuni jechoota lameen ulamaa'ii keessaa kan irra sirrii ta'e keessatti, kunis jecha ibn Abbaasi -Rabbi irraa haa jallatu- fi jecha jamaa'aa warra dura dabran salafootaa fi warra boodati. Allaahan abbaa towfiiqaati.
Barnoonni kudha shanaffaa: Muslimni haalaa fi amala karaa godhameen faayamuu
Sana keessaa: dhugummaa, Amaanaa, of tiksuu, saalfachuu, gootummaa, arjummaa, waadaa guutuu, waan Rabbiin haraama godhe hunda irraa fagaachuu, ollummaa toluu, hanga danda'uun namoota dhimma qabaniif gargaarsa gochuu fi haalota Qur'aanni yookaan Hadiisni shari'aa ta'uu isaanii agarsiise keessaa kan biroo qabaachuudha.
Barnoonni kudha jahaffaa: Namuusa islaamummaatiin masakamuu
Sana keessaas: Salaama (nagaya wal-gaafachuu), fuula toluu, mirgaan nyaachuu fi dhuguu, yeroo waa jalqaban bismillaah jechuu, yeroo xumuran Rabbiin galatoomfachuu, yeroo haxxifatan Rabbiin galatoomfachuu, nama haxxifate yoo inni Alhamdulillaah jedhe yarhamukallaah jedhanii kadhachuufii, dhukkubsataa gaafachuu fi nama du'e hordofuun awwaaluufaa, akkasuma namuusa shari'aa yeroo Masjida seenan, yeroo mana seenanii fi bahan, yeroo karaa deeman, yeroo abbaa fi haadha, firaa fi ollaa, xiqqaa fi guddaa waliin jiran eeguu, ammas yeroo ilma argatan wol eebbisuu, fuudha irratti barkaa wolii kadhachuun wol eebbisuu, gadda irratti wal-obsisiisuu fi kanneen biroos namuusa Islaamummaan qadu kan akka uffata uffachuu fi baafachuu keessatti akkasuma kophee kaawwachuu faa keessatti jiru itti hojjachuu.
Barnoonni Kudha torbaffaa: Shirkii fi gosoota badii irraa sodaachisuu
Isaan keessaa: Torban nama halaakaniidha, isaanis: Rabbitti qindeessuu, falfala, lubbuu takka haqaan malee ajjeesuu, dhala nyaachuu, horii yatiimaa nyaachuu, yeroo waraanaa of duubatti dheessuu fi dubartoota sagaagalummaa irraa tikfamoo, dagatoo fi mu’uminoota ta’an maqaa xureessuudha.
Isaan keessaas: Abbaa fi Haadhatti jallatuu, ragaa kijibaa kennuu, kakuulee sobaa, ollaa rakkisuu, dhiigota, horoota, gurroota isaanii keessatti namoota miidhuu, waan nama macheessu dhuguu, qumaara taphachuu, nama hamachuu, nama dubbiin wal lolchiisuu fi waan Rabbiin ol ta'e irraa dhoorge yookaan Ergamaan Isaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa dhoorgan irraa waan birooti.
Barnoonni kudha saddeettaffaa: Awwaalchaaf du'aa qopheessuu, irratti salaatuu fi awwaaluu
Ibsi bal'inaan kunoo:
Inni tokkoffaa: nama duuti itti dhufte jecha (Laa Ilaaha Illallaah) jedhu isa jechisiisuun karaa godhamaadha, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas waan jedhaniif jecha:
«لَقِّنُوا مَوْتَاكُمْ: لَا إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ».
"Du'aa keessan Laa ilaaha illallaah jechisiisaa"7 Muslimtu sahiiha isaa keessatti isa gabaase. Hadiisa kana keessatti warra du'an jechutti kan fedhame: namoota ruuhiin bahaa jirtuudha, isaanis nama mallattooleen du'aa irratti mul'ataniidha.
Lammaffaan: Duuti isaa yoo mirkanaa'e ijji isaa lameen wolitti cufama, afaan isaa akka cufamuuf uuruun isaa mataa woliin wolitti hidhama, Hadiisini kanaan waan dhufee jiruuf jecha.
Sadaffaan: Qabsaa'aa lola irratti du'een ala du'aa muslimaa dhiquun dirqama, qabsa'aan lola irratti du'e ammoo hin dhiqamu ittis hin salaatamu, inumaa uffata isaatiin awwaalama; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wareegamtoota Uhud hin dhiqne ittis hin salaanne waan ta'eef jecha.
Afraffaan: Akkaataa itti du'aa dhiqani:
Awraan isaa ni dhokfama, eegasii xiqqo isa ol fudhee garaa isaa cuunfaa laafaa ta'e cuunfa, eegasii namni dhiqu sun harka isaatti carqii yookaan waan sana fakkaatu biroo maratee istinjaa godhaaf, eegasii wuduu'a akka wuduu'a salaataa godhaaf, eegasii mataa isaatii fi areeda isaa bishaanii fi sidriin yookaan waan sana fakkaatuun dhiqa, eegasii cinaa isaa gara mirgaa dhiqa, eegasii cinaa gara bitaas dhiqa, eegasii akkuma kanatti yeroo lammaffaa fi sadaffaa dhiqa, yeroo hunda harka isaatiin garaa isaa irra darba, yoo waa isa irraa ba'e isa dhiqee, bakkicha jirbiin yookaan waan biraatiin duucha, yoo wol qabachuu dide dhoqqee ho'aan yookaan karaawwan yaala ammayyaawaa biroo kan akka faashaa fi kan birootiin duucha.
Xumura irratti wuduu'a isaa deebisee godhaaf, dhiqaa sadiin kan hin qulqulloofne yoo ta'e hanga shaniitti dabalama, yookaan hanga torbaatti, eegasii uuffataan isa qoorsa, buusaa isaatii fi iddoowwan sujuuda isaatti shittoo godha, qaama isaa hunda yoo urgeesses bareedaa ta'a, kafana isaa ixaanaan urgeessa, areedni isaa funyaan jalaa yookaan qeenisi isaa dheeraa yoo ta'e irraa gabaabsa, yoo dhiises homaa rakkoo hin qabu, rifeensa mataa isaa hin filu, rifeensa qaama saalaa isaas hin aadu, dhaqnas hin qabu, kana gochuutti ragaan waan hin jirreef jeha, dubartiin rifeensi isii bakka saditti dhahamee dudduuba isii irra gadi lakkifama.
Shanaffaan: Du'aa kafanuu
Irra filatamaan dhiirri uffata sadii adii kan qamiisaa fi amaamaa of keessaa hin qabne keessatti keefanamuu dha, akkuma Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- godhanitti- suuta suutan isa keessa seensifama, yoo qamiisaan, marxoo fi hansoolaa bal'aan keefanames rakkoo hin qabu.
Dubartiin ammoo uffata shan keessatti keefanamti, isaanis: qamisa, guftaa, marxoo, hansoola lama. Daa'imni dhiiraa ammoo uffata tokkoo hanga sadii keessatti keefanama, dubartiin daa'imni ammoo qamiisa tokkoo fi hansoolaa lama keessatti keefanamti.
Dirqamni haqa nama hundaa keessatti uffata tokko kan reeffa nama du'ee dhoksuudha, garuu namichi du'e nama haala ihraamaa keessa jiru yoo ta'e inni bishaanii fi sidriin dhiqamee, marxoo fi fooxaa isaa yookiaan kan birootiin keefanama, mataan isaatii fi fuulli isaa hin haguugamu, akkasumas wanni urgaa qabu itti hin dibamu; Sababni isaas inni guyyaa qiyaamaa talbiyaa jedhaa waan kaafamuuf jecha, akkuma hadiisa sahiha keessatti Rasuula irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-dhufetti- Namni ihraama qabu yoo dubartis ta'e ammoo akkuma nama birotti keefanamti, garuu wanni urgaa qabu itti hin godhamu, fuulli isees niqaabaan harki isilleen guwaantiin hin haguugamu, garuu fuulli isheetii fi harki ishee lamaan uffatuma isa keessatti keefanamte san jalatti haguugama, akkuma akkaataa dubartiin itti keefanamtu ibsuun darbetti.
Jahaffaan: Isa dhiquu, irratti salaatuu fi isa awwaaluuf nama irra haqa godhataa ta'e.
Nama inni dhaammate, eegasii abbaa, eegasii akaakayyuu, eegasii dhiiraan wal qabatee dhaaltota irraa tartiibaan nama irra itti dhihatu.
Dubartii dhiquuf ammoo irra haqa godhataan: nama isiin dhaamatte, eegasii haadha, eegassii akkayoo, eegasii dubartii irraa firaa fi aanaa irra isitti aanan, dhiirsaa fi niitiin tokkoon isaanii tokkoo isaanii dhiquun ni tayaaf, Abuu Bakir Assiddiiq -Rabbi isa irraa haa jaallatu- haadha manaa isaatu isa dhiqe waan ta'eef jecha, akkasuma Aliyyis -Rabbi isa irraa haa jaallatu- haadha manaa isaa Faaximaa -Rabbi ishee irraa haa jaallatu- waan dhiqeef jecha.
Torbaffaan: Akkaataa du'aa irratti itti salaatani:
Yeroo Afur Allaahu akbar jedha, Takbiiraa duraa booda Suuraa Faatihaa qara'a, yoo isheen waliin suuraa biroo gabaabaa yookaan aayata takko yookaan lama qara'e bareedaadha; sun hadiisa sahiiha keessatti Ibnu Abbaas irraa -Rabbi irraa haa jaallatu- waan dhufeef jecha, Ergasii takbiiraa lammaffaa jedhee salawaata nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- buusa akkuma tashahhuda salaataa isaa keessatti jedhutti, ergasii takbiiraa sadaffaa jedhee akkana jedha: (Allaahummaghfir lihayyinaa wa mayyitinaa, wa shaahidinaa wa ghaa'ibinaa, wa saghiirinaa wa kabiirinaa, wa zakarinaa wa unsaanaa, Allaahumma man ahyeytahuu minnaa fa'ahyihii alal islaami, wa man tawaffeytahuu minnaa fatawaffahuu alal iimaan, Allaahummaghfir lahuu, warhamuhu, wa aafihii, wa'afu anhu, wa akrim nuzulahuu, wawassi'i mudkhalahuu, wahgsilhu bilmaa'i wassalji walbarad, wanaqqihii minal khaxaayaa kamaa yunaqqassowbul abyadu minaddanas, wa abdilhu daaran kheyran min daarihii, wa ahlan kheyran min ahlihii, wa adkhilhuu aljannata, wa a'izhu min azaabil qabri, wa azaabinnaar, wafsah lahuu fii qabrihii, wa nawwir lahuu fiih, Allaahumma laa tahrimnaa ajrahuu, wa laa tudillanaa ba'adah) jechuunis: Yaa Allaah! jiraa fi du'aa keenyaaf, as jiraata fi fagoo jiraataa keenyaaf, xiqqaa fi guddaa keenyaaf, dhiiraa fi dubartii keenyaaf araarami, Yaa Allaah! nama nurraa jiraachifte Islaamummaa irratti isa jiraachisi, nama nurraa ajjeefte ammoo iimaana irratti isa ajjeesi. Yaa Allaah isaaf araarami, rahmata godhiif, dhiifamas godhiif, nagaa isa taasisi, keessummummaa isaa guddisi, seensa isaa bal'isiif, bishaaniin, baradaa fi fixeensaan isa dhiqi, akkuma huccuun adiin xurii irraa qulqullaa'utti badiiwwan irraa isa qulqulleessi, Bakka jireenyaa kan ganda isaa irra caalu bakka buusif, warra warra isaa caalaniin bakka buusif, Jannata isa seensisi, fitnaa qabrii jalaa isa baasi, ibiddii ibiddaa jalaas nagaa isa godhi, qabrii isaa bal'isiif, akkasumas isa ibsiif. Yaa Allaah! mindaa namicha du'ee kana nu hin dhoorgatin, isa boodas nu hin jallisin jechuudha. Eegasii takbiiraa afraffaa jedhee salaama tokko gara mirgatti garagaluun baafata.
Takbiiraa hundaa waliin harka isaa lameen ol fuudhuun jaallatamaadha, reeffi dubartii yoo ta'e akkana jedhama: (Allaahummaghfir lahaa...), jechuunis: yaa Rabbi isheedhaaf dhiisi jechuudha, hanga dhumaatti akkas jedhama, reeffi lama yoo ta'e immoo akkana jedhama: (Allaahummaghfir lahumaa...) jechuunis: yaa Rabbi isaan lameeniifuu dhiisi jechuudha, hanga dhumaatti akkasuma jedhama, reeffi hedduu yoo ta'e immoo akkana jedhama: (Allaahummaghfir lahum...), jechuunis: yaa Rabbi isaaniif dhiisi, jechuudha, hanga dhumaatti akkasuma jedhama, reeffi daa'ima yoo ta'e immoo bakka araarama isaaf kadhatamutti akkas jedhama: (Allaahummaj'alhu faraxan wa zukhran liwaalideyh, wa shafii'an mujaabaa, Allaahumma saqqil bihii mawaaziinahumaa, wa a'azim bihii ujuurahumaa, wa alhiqhu bisaalihi salafil mu'uminiin, waj'alhu fii kafaalati Ibraahiim -aleyhissalaatu wassalaam-, waqihi birahmatika azaabal jahiim) jechuunis: Yaa Allaah haadha fi abbaaf dura darbaa fi ol kaa'amaa isa taasisi, akkasumas shafa'aa seenaa dhagayamaa isa taasisi, isaan miizaana dalagaa isaan lamaanii ol kaasi, mindaa isaaniis isaan guddisi, mu'imintoota gaggaaritti isa dhaqqabsiisi, wabii Ibraahiim -rahmataa fi nageenyi irra haa jiraatu- keessatti isa taasisi, rahmata keetiin azaaba Jahannam irraa isa tiksi, jechuudha.
Sunnaan imaamni sirrii mataa dhiiraatiin dhaabbachuudha, dubartii yoo ta'e immoo wolakkeessa irra dhaabbata, reeffi wolitti yoo qabame immoo dhiirri bakka imaamatti aanutti yoo ta'u, dubartiin immoo bakka qiblaatti aanutti ta'uudha, daa'imni isaanii waliin yoo ta'e immoo daa'ima dubartii dursee eegasii dubartii eegasii daa'ima shamaraatu godhama, mataan daa'imaa sirrii mataa dhiiraatiin, wolakkeessi dubartiis sirrii mataa dhiiraatiin, akkasumatti mataan daa'ima shamaraas sirrii mataa dubartiitiin godhama, wolakkeessi ishee immoo sirrii mataa dhiiraatiin godhama, namoonni salaatan hunduu imaama boodaan ta'u, nama booda imaamaatii bakk hin arganne yoo ta'e malee, inni karaa mirgaa imaamaatiin dhaabbata.
Saddeettaffaan: Akkaataa awwaalcha du'aati
Kan karaa godhame hanga wolakkaa dhaabbii dhiiraatti qabrii gadi fageessuudha, miliqsaan immoo karaa qiblaatiin ta'uudha, du'aanis karaa cinaacha isaa mirgaatiin miliqsaa keessa ka'amuudha, hidhaan kafanaas hiikamuudha, irraa hin baafamu akkasumatti dhiifama, du'aan dhiiras ta'ee yookaan dubartii fuula isaa irraa hin saaqamu, eegasii shaklaan dhaabamee itti hirkifama, akka jabaatee biyyee isa irraa dhoorguuf jecha dhoqqeen itti godhama, shaklaan yoo hin argamne waan biroo kan akka gabatee, yookaan dhagaa, yookaan muka biyyee isa irraa dhoorguun cufama, eegasii biyyeen itti deeffama. Yeroo sana keessatti akkana jechuun sunnaa ta'a: (Bimillaah, wa alaa millati Rasuulillaah), Qabriin hanga taakkuu tokkoo ol fuudhama, yoo danda'ame cirrachi irra godhamee, bishaan irratti dhangalaafama.
Namootni nama du'e awwaaluf dhufan qabrii bira dhaabachuun akka kadhataniif karaa godhamee jira; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- erga nama du'e awwaalanii booda dhaabbatanii, akkas waan jedhaa turaniif jecha:
«اسْتَغْفِرُوا لِأَخِيكُمْ، وَاسْأَلُوا لَهُ التَّثْبِيتَ، فَإِنَّهُ الْآنَ يُسْأَلُ».
"Obboleessa keessaniif araarama kadhaa, gaafirrattis Rabbiin akka isa gad dhaabu kadhaaf, amma inni ni gaafatamaa"8.
Sagalaffaan: nama irratti hin salaatamin booda awwaalaatii irratti salaatuun karaa godhamaadha;
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkas hojjataniif jecha, sun hanga ji'a tokkoo fi sanaa gadii keessatti ta'uu waliin, yeroon sanii ol kan ta'u yoo ta'e qabrii irratti salaatuun karaa hin godhamne; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- eega namichi awwaalamee ji'a tokko booda qabrii irratti salaataniin waan hin gabaafaminiif jecha.
Kurnaffaa: maatiin nama du'ee nyaata namaaf qopheessuun hin eeyyamamu;
Sahaabichi guddaan Jariir bin Abdullaah Al-Bajalii -Rabbi irraa haa jaallatu- jedhamu waan akkana jedheef jecha:
«كُنَّا نَعُدُّ الاجْتِمَاعَ إِلَى أَهْلِ الْمَيِّتِ، وَصَنْعَةَ الطَّعَامِ بَعْدَ الدَّفْنِ، مِنَ النِّيَاحَةِ».
"Booda awwaalchaatii maatii nama du'ee biratti wolitti qabamuu fi nyaata qopheessuu boo'icha irraa lakkofna turre)9 Imaam Ahmadiitu sanada hasan ta'een isa gabaase. Garuu nyaata isaaniif qopheessuun yookaan keessummoota isaanitiif qopheessuun rakkoo hin qabu, firoota fi ollootan isaa nyaata isaanif hojjachuun ni hayyamama; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo oduun du'a Ja'afar bin Abii xaalib -Rabbi irraa haa jaallatu- biyya Shaam irraa bira gahe warra Ja'afariif nyaata qopheessuutti warra isaanii waan ajajanii, akkana jedhaniif jecha:
«إِنَّهُ أَتَاهُمْ مَا يَشْغَلُهُمْ».
"Wanta isaan shaagaluutu isaanitti dhufee jiraa"10.
Warri namni irraa du'e ollaa ofii yookaan namoota biroo, nyaata isaaniif kenname akka nyaataniif jecha isaan waamuun rakkoo hin qabu, hanga shari'aa irraa beeknu keessatti kanaaf yeroon murtaawaan hin godhamne.
Kudha tokkoffaa: dubartiidhaaf abbaa manaa isheetiif yoo ta'e malee guyyaa sadi'ii ol gadda taa'uun isheedhaaf hin eeyyamamu.
Abbaa manaa isheetiif immoo ji'a afurii fi guyyaa kudhan gadda taa'uun dirqama ishee irratti ta'a, yoo ulfa taate hanga deessutti; kana ilaalchisee hadiisni sahiiha ta'e Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan ragga'ee jiruuf jecha.
Dhiiraaf ammoo fira isaas ta'ee yookaan nama birootif gufufuun isaaf hin hayyamamu.
Kudha lammaffaa: dhiirotaaf yeroo yeroon qabrii xiyaaruun worra du'aniif du'aa'ii gochuun, rahmata isaan irratti buusuu fi du'aa fi waan isa booda jiru yaadachuun karaa godhamaadha.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha:
«زُورُوا الْقُبُورَ، فَإِنَّهَا تُذَكِّرُكُمُ الْآخِرَةَ».
"Qabrii Ziyaaraa, isiin Aakhiraa isin yaadachiifti"11 Muslimtu sahiiha isaa keessatti gabaase. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sahaabota ofii yeroo qabrii zayyaran akkana akka jedhan isaan barsiisaa turan:
«السَّلَامُ عَلَيْكُمْ أَهْلَ الدِّيَارِ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُسْلِمِينَ، وَإِنَّا إِنْ شَاءَ اللَّهُ بِكُمْ لَاحِقُونَ، نَسْأَلُ اللَّهَ لَنَا وَلَكُمُ الْعَافِيَةَ، يَرْحَمُ اللَّهُ الْمُتَقَدِّمِينَ مِنَّا وَالْمُسْتَأْخِرِينَ».
"Assalaamu aleykum Ahla-Addiyaari minal-mu'uminiina wal-muslimiin, wa innaa inshaa Allaahu bikum laahiquun, Nas'alullaaha lanaa walakum al-aafiyah, yarhamullaahu Al-mutaqaddimiina minnaa wal-musta'akhiriin", jechuunis: nagaan isin irra haa jiraatu yaa warra biyya tanaa, mu'umintoota fi muslimtoota, Nuti yoo Rabbiin fedhe isinitti qaqqaboodha, nuu fi isinifis nagaa Rabbiin kadhanna, nurraa warra dura darbanii fi warra booda dhufaniif Rabbiin rahmata haa godhu, jechuudha12 Dubartoonni immoo qabrii ziyaaruun isaaniif hin jiru; Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubartoota qabrii ziyaaran waan abaaranii jiranuuf jecha, akkasuma qabrii ziyaaruu isaanii keessa fitnaa fi obsa dhabuutu jira waan ta'eef jecha, akkasuma reeffa hordofanii qabriin ga'uunis isaaniif hin eeyyamamu; Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sana irraa waan isaan dhoorganiif jecha. Masjiidatti yookaan bakka salaataatti nama du'e irratti salaatuun immoo dhiirotaafis dubartootaafis hundaafuu karaa godhamaadha.
Kuni xumura waan walitti qabuun isaa laafe. Rabbiin nabiyyii keenya Muhammad irrattii fi firoota fi sahaabota isaanii irratti rahmataa fi nageenya haa buusu.
***
Baafata
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin 2
Seensa barreessaa 2
Barnoota Tokkoffaa: Suuratul-Faatihaa fi Suuraawwan Gaggabaaboo 3
Barnoota Lammaffaa: Rogaalee Islaamaa 3
Barumsi sadaffaan: rukniiwwan iimaanaati 4
Barumsi afraffaan: qooda tawhiidaatii fi qooda shirkiiti 4
Barumsi Shanaffaan: Ihsaana(tolchuu) 10
Barumsi Ja'affaan: ulaagaalee salaataati 11
Barumsi Torbaffaan: Rukniiwwan salaataati 11
Barumsi Saddeettafaa: Dirqamoowwan salaataati 11
Barumsi Sagalaffaan: Tashahhuda ifoomsuu 12
Barumsi Kurnaffaa: Sunnaawwan salaataati 13
Barumsi Kudha tokkoffaa: wantoota salaata balleessani 15
Barumsi kudha lammaffaa: Ulaagaalee wuduu'aati 16
Barumsi kudha sadaffaa: Dirqamoowwan wuduu'aati 16
Barumsi kudha afraffaa: Wantoota waduu'a balleessani 17
Barnoonni kudha shanaffaa: Muslimni haalaa fi amala karaa godhameen faayamuu 18
Barnoonni kudha jahaffaa: Namuusa islaamummaatiin masakamuu 18
Barnoonni Kudha torbaffaa: Shirkii fi gosoota badii irraa sodaachisuu 19
Barnoonni kudha saddeettaffaa: Awwaalchaaf du'aa qopheessuu, irratti salaatuu fi awwaaluu 20
Lammaffaan: Duuti isaa yoo mirkanaa'e ijji isaa lameen wolitti cufama, afaan isaa akka cufamuuf uuruun isaa mataa woliin wolitti hidhama, Hadiisini kanaan waan dhufee jiruuf jecha. 20
Sadaffaan: Qabsaa'aa lola irratti du'een ala du'aa muslimaa dhiquun dirqama, qabsa'aan lola irratti du'e ammoo hin dhiqamu ittis hin salaatamu, inumaa uffata isaatiin awwaalama; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wareegamtoota Uhud hin dhiqne ittis hin salaanne waan ta'eef jecha. 21
Afraffaan: Akkaataa itti du'aa dhiqani: 21
Shanaffaan: Du'aa kafanuu 22
Jahaffaan: Isa dhiquu, irratti salaatuu fi isa awwaaluuf nama irra haqa godhataa ta'e. 23
Torbaffaan: Akkaataa du'aa irratti itti salaatani: 24
Saddeettaffaan: Akkaataa awwaalcha du'aati 27
Sagalaffaan: nama irratti hin salaatamin booda awwaalaatii irratti salaatuun karaa godhamaadha; 28
Kurnaffaa: maatiin nama du'ee nyaata namaaf qopheessuun hin eeyyamamu; 29
Kudha tokkoffaa: dubartiidhaaf abbaa manaa isheetiif yoo ta'e malee guyyaa sadi'ii ol gadda taa'uun isheedhaaf hin eeyyamamu. 30
Kudha lammaffaa: dhiirotaaf yeroo yeroon qabrii xiyaaruun worra du'aniif du'aa'ii gochuun, rahmata isaan irratti buusuu fi du'aa fi waan isa booda jiru yaadachuun karaa godhamaadha. 30
***
Imaamu Ahmad(5/428), Xabaraaniin Al-kabiiriin keessatti (4/338) Al-bayhaqiin Shu'aybiin keessatti (14/355) gabaasani, Majma'a Azzawaa'id keessatti (1/121) irratti akkas jedhe: Ahmadiitu gabaase sanadni isaas sanada sahiihaati.
Imaamu Ahmadiitu isa gabaase (1/ 47)
Abuu Daawuud lakkoofsa (3251) irrattii fi Tirmiziitu lakkoofsa (1535) irratti isa gabaasani.
Abuu Daawuud, lakkoofsa (4980) irrattii fi Ahmadiitu (5/384) irratti isa gabaasani.
Ibnu Maajaan lakkoofsa (4204) irrattii fi Imaamu Ahmadiitu (3/30) irratti isa gabaasani.
Muslimtu lakkoofsa (916-917) irratti isa gabaase.
Abuu daawuud lakkoofsa (3221) irratti gabaase, Haakim immoo (3/399) irratti gabaase.
Ibnu Maajaan lakkoofsa (1612) irratti gabaase, imaamu Ahmad immoo lakkoofsa (2/204) irratti gabaase.
Muslim kitaaba janaa'izaa lakkoofsa (976) irratti, Nasaa'iinis kitaaba janaa'izaa (2034) irratti, Abuu Daawuudis kitaaba janaa'izaa (3234) irratti, Ibnu Maajaanis kitaaba janaa'izaa lakkoofsa (1569) irratti, Ahmad (2/441) irratti gabaasan.
Ibnu Maajaan lakkoofsa (1569) irratti gabaase, Albaaniin sahiiha jedheeniira.
Muslim lakkoofsa (975) irratti gabaase.
Majmuu'u fataawii wo maqaalaat mutanawwi'ah(kuusaa fatwaa fi barreeffamoowwan addaa addaa) (3/288-298)