التَّحْذِيرُ مِنَ البِدَعِ
Bida'aa Irraa Akeekkachiisuu
لِسَمَاحَةِ الشَّيْخِ العَلَّامَةِ
عَبْدِ العَزِيزِ بْنِ عَبْدِ اللهِ بْنِ بَازٍ
رَحِمَهُ اللهُ
Qopheessaan Kabajamoo Šeykh
Ābdul'āziiz bin Ābdallaah bin Baaz
بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ
Ergaa Shanaffaa:
Murtee dhaloota Nabii fii dhaloota namoota biroo kabajuu
Faaruun hundi kan Rabbiiti, nagaa fi raḥmanni ergamaa Rabbii, maatii isaanii, Ṡaḥaabota isaanii fi nama qajeeluma isaaniitiin qajeele irratti ha jiraatu.
Itti aansuudhaan: Murtii dhaloota Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kabajuu yeroo sana keessatti isaaniif dhaabbachuu, nagaa isaan irratti buusuu fi wantoota biroo kan mawliidota keessatti hojjataman ilaalchisee gaaffiin namoota hedduu irraa deddeebi'eera.
Deebiin akkana jedhamuudha: Dhaloota ergamaas ta'ee -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kan birootis kabajuun hin ta'u; sababni isaas kun kalaqa haarawa amantii keessatti uumame; kan ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- bakka buutonni isaanii qajeeloonii fi waahiloonni isaanii biroos -jaalalli Rabbii isaan irra ha jiraatu- hin hojjanne waan ta'eefi, akkasuma jaarraawwan caalmaa qaban keessatti worri toltuudhaan isaan hordofanis hin hojjanne waan ta'eefi, isaan worra isaan boodaan dhufan caalaatti, namoota hunda irra karaa ergamaa Rabbii beekoodha, ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- jaallachuu fi Šari'aa isaanii hordofuu keessattis namoota hunda irra guutuu worra ta'anidha, Dhugumatti Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e kitaaba isaa ifa ta'e keessatti akkana jedhee jira:
﴿...وَمَآ ءَاتَىٰكُمُ ٱلرَّسُولُ فَخُذُوهُ وَمَا نَهَىٰكُمۡ عَنۡهُ فَٱنتَهُواْ...﴾
{...Waan Ergamichi (Kiyya) isiniif kenne qabadhaa. Waan inni irraa isin dhowwes dhowwamaa...} [Al-ḥašri: 7].
Ammas Rabbiin olta'e akkana jedhe:
﴿...فَلۡيَحۡذَرِ ٱلَّذِينَ يُخَالِفُونَ عَنۡ أَمۡرِهِۦٓ أَن تُصِيبَهُمۡ فِتۡنَةٌ أَوۡ يُصِيبَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٌ﴾
{...Isaan ajaja isaa (nabiyyii) faallessan rakkoon wahii isaan tuquu, yookiin adabbiin laalessaan isaan tuquu of irraa ha eeganu} [An-nuur: 63], Ammas Rabbiin qulqullaa'e akkana jedhe:
﴿لَّقَدۡ كَانَ لَكُمۡ فِي رَسُولِ ٱللَّهِ أُسۡوَةٌ حَسَنَةٞ لِّمَن كَانَ يَرۡجُواْ ٱللَّهَ وَٱلۡيَوۡمَ ٱلۡأٓخِرَ وَذَكَرَ ٱللَّهَ كَثِيرٗا21﴾
{Dhugumatti, ergamaa Rabbii keessatti hidhannaa gaariitu isiniif tahee jira, nama Rabbiifi Guyyaa Aaƙiraa sodaatee Rabbiin baay’inaan yaadatuuf} [Al-aḥzaab: 21], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:
﴿وَٱلسَّٰبِقُونَ ٱلۡأَوَّلُونَ مِنَ ٱلۡمُهَٰجِرِينَ وَٱلۡأَنصَارِ وَٱلَّذِينَ ٱتَّبَعُوهُم بِإِحۡسَٰنٖ رَّضِيَ ٱللَّهُ عَنۡهُمۡ وَرَضُواْ عَنۡهُ وَأَعَدَّ لَهُمۡ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي تَحۡتَهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدٗاۚ ذَٰلِكَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ100﴾
{Muhaajirootaafi Anṡaarota irraas dursitoonni jalqabdoota ta’aniifi warri toltuudhaan isaan hordofanis, Rabbiin isaan irraa jaalateera, Isaanis Isa irraa jaalatanii jiru, Jannata ishee jala laggeen yaatu kan ishee keessatti bara baraan hafan isaaniif qopheessee jira. Kun milkii guddaadha} [At-tawbah: 100], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:
﴿...ٱلۡيَوۡمَ أَكۡمَلۡتُ لَكُمۡ دِينَكُمۡ وَأَتۡمَمۡتُ عَلَيۡكُمۡ نِعۡمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ ٱلۡإِسۡلَٰمَ دِينٗا...﴾
{...Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’īmaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera...} [Al-maa'īdah:3]. Aayattoonni hiika kana keessatti hedduudha. Karaa sirrii ta'een Nabiyyii irraa akka mirkanaa'etti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:
«مَنْ أَحْدَثَ فِي أَمْرِنَا هَذَا مَا لَيْسَ مِنهُ فَهُوَ رَدٌّ».
«Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifamaadha (fudhatama hin qabu)». Jechuunis: isa irratti deebifamaadha jechuudha ykn hinqeebalamu qixaaxa qaba. Ḥadiiśa biraa keessattis akkana jedhan:
«عَلَيكُم بِسُنَّتِي وَسُنَّةِ الخُلَفَاءِ الرَّاشِدِينَ المَهْدِيَّينَ مِنْ بَعدِي، تَمَسَّكُوا بِهَا، وَعَضُّوا عَلَيهَا بِالنَّوَاجِذِ، وَإِيَّاكُمْ وَمُحْدَثَاتِ الأُمُورِ، فَإِنَّ كُلَّ مُحْدَثَةٍ بِدْعَةٌ وَكُلَّ بِدْعَةٍ ضَلَالةٌ».
«Adaraa karaa kiyya qabadhaa, Ana boodaan karaa Ƙaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa, isa jabeessaa qabadhaa, qarriffaadhaan irratti ciniinaa, adaraa wantoota haaraa (diinii keessatti) Ƙalaqaman irraa of eeggadhaa, dhugumatti hundi wantoota haaraa Ƙalaqamanii bid'āadha, hundi bid'āatuu jal’ina waan ta’eef». Ḥadiiśota lamaan kana keessa ƙalaqa argamsiisuu fi ittiin hojjachuu irraa sodaachisuu cimaatu jira,
Mawliidota akka kanaa aragamsiisuu irraa wanti hubatamu, akka Rabbiin qulqullaa'e amantii ummata kanaaf hin guutinii fi Ergamaanis -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- waan ummanni itti hojjachuu qabu akka hin geessiniidha, hanga warri boodaa kun dhufanii Šariāa Rabbii keessatti waan Inni hin eeyyamin kalaqanitti; haala wanti sun gara Rabbiitti isaan dhiheessa jedhanii yaadaniin. Kuni šakkii tokko malee balaa guddaa qaba, akkasumas Rabbii fi ergamaa isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti mormuudha, Rabbiin dhugumatti gabroottan isaatiif amantaa guutee, qananiis isaan irratti guutee jira, ergamaanis -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- dhugumatti ergaa ifa ta'e geessanii jiru, karaa gara jannataatti nama geessuu fi ibidda irraa nama fageessu tokkollee ummataaf ibsan malee hin dhiisne, akkuma ḥadiiśa Ṡaḥiiḥa keessatti Abdullaah ibinu Āmrii irraa -Rabbiin isarraa ha jaallatu- mirkanaa'etti, ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ni jedhani:
«مَا بَعَثَ اللهُ مِن نَبِيٍ إِلَّا كَانَ حَقًّا عَلَيهِ أَن يَدُلَّ أُمَّتَهُ عَلَى خَيرِ مَا يَعْلَمُهُ لَهُم، وَيُنْذِرَهُمْ شَرَّ مَا يَعْلَمُهُ لَهُمْ».
«Rabbiin Nabiyyii tokkollee hin ergine, ummata isaa gara toltuu waan isaaniif beekuutti isaan qajeelchuufi badii waan isaaniif beekurraa isaan akeekkachiisuun isarratti dirqama ta'u malee». Muslimtu ṡaḥiiḥa isaa keessatti gabaase.
Nabiyyiin keenya -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irra caalaa Nabiyyootaa, xumura isaaniitii fi ergaa geessuu fi gorsuu keessatti irra guutamaa isaanii ta'uun beekamaadha, Osoo mawliida kabajuun amantii Rabbiin ol ta'e jaallatu irraa ta'ee, silaa Ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ummataaf ni ibsu turan, yookaan jireenya isaanii keessatti ni hojjatu turan, yookaan ṡaḥaabonni isaanii -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- ni hojjatu turan. Kanaafuu wantoota kana irraa wanti tokkollee waan hin argamneef, Islaamummaa irraa waan tokkollee akka hin taane beekame, inumaayyuu inni wantoota haarawa kan Ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ummata isaanii irraa akeekkachiisan irraayyi, akkuma dubbiin isaa hadiisota keessatti dabretti. Dhimma kana ilaalchisuun aayatoonnii fi ḥadiiśonni hedduutu jiru.
Gareen beektolii irraa ta'an ragaalee dubbatamanii fi kanneen birootti dalaguudhaan, mowlidoota balaaleffachuu fi isaan irraa akeekkachiisuu ifa godhaniiru, gariin beektolii booda dhufanii immoo isaan faallessanii: yoo wantoota badii irraa ta'an tokkollee of keessaa hin qabaatin isa eeyyamani; kan akka Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- keessatti daangaa darbuu, dubartoonni dhiirota waliin walitti makamuu, meeshaalee taphaa fayyadamuu fi wantoota kanaan alaa biroo kan Šariāan qulqulluun balaaleffatu hin qabaatin, innis akkasitti yoo ta'e kalaqa gaggaarii irraayyi jedhanii yaadani.
Foormulaan šari'āa: waan namoonni irratti wal dhaban gara Kitaaba Rabbiitii fi Sunnaa Ergamaa Isaa Muḥammatti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- deebisuudha, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti:
﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَطِيعُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُواْ ٱلرَّسُولَ وَأُوْلِي ٱلۡأَمۡرِ مِنكُمۡۖ فَإِن تَنَٰزَعۡتُمۡ فِي شَيۡءٖ فَرُدُّوهُ إِلَى ٱللَّهِ وَٱلرَّسُولِ إِن كُنتُمۡ تُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِۚ ذَٰلِكَ خَيۡرٞ وَأَحۡسَنُ تَأۡوِيلًا59﴾
{Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamichaafi warra isin irraa abbootii taaytaa ta’aniifis ajajamaa, Yoo waan tokko keessatti wal mormitan, gara Rabbiifi ergamaa deebisaa; yoo Rabbiifi Guyyaa Aaƙiraatti kan amantan taatan (gara san deebisaa), Kun caalaafi hiikaafis irra bareedaadha} [An-nisaa'i: 59], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:
﴿وَمَا ٱخۡتَلَفۡتُمۡ فِيهِ مِن شَيۡءٖ فَحُكۡمُهُۥٓ إِلَى ٱللَّهِ ...﴾
{Wanti isin irratti wal dhabdan hunduu murtiin isaa garuma Rabbiiti ...} [AṠ-Ṡuurah: 10].
Dhugumatti gaaffii kana: innis dhaloota kabajuu, gara Kitaaba Rabbii qulqullaa'eetti deebifnee, waan isaan ittiin dhufan keessatti Ergamaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- hordofuutti kan nu ajaju, waan isaan irraa dhoorgan irraa kan nu akeekkachiisuu fi Rabbiin qulqullaa'ee ummata kanaaf amantii isaa dhugumatti akka guute kan nuuf himu ta'uu agarre, mawlida kabajuun kunis waan Ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ittiin dhufan irraayyi miti; kanaafuu amantii Rabbiin nuuf guutee, isa keessatti Ergamaa hordofuutti nu ajaje irraas hin ta'u.
Akkasumas sana gara sunnaa Ergamaatti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- deebisnee jirra; isa keessattis itti hojjechuu isanii, itti ajajuu isaaniis, ṡaḥaabonni isaaniis -Rabbiin isaan irraa ha jaallatuu- kana hojjechuu isaaniis hin argine; kanaanis amantii irraa akka hin taane beekna, inumaayyuu inni kalaqa haarawa argamsiifamanii fi ayyaana isaanii keessatti warra kitaabaa kan ta'an yahuudotaa fi Kiristaanotatti fakkaachuu irraayyi.
Kanaanis nama hubannoo xiqqoo qabu, ḥaóa fedhuu fi isa barbaaduu keessatti ḥaqummaa qabuuf: mawliidowwan kabajuun amantii Islaamummaa irraa akka hin taane ifa galaaf, inumaayyuu inni kalaqa haaraa argamsiifame, kan Rabbiin qulqullaa'ee fi ergamaan isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa dhiisuu fi irraa of eeggachutti ajajan irraayyi. Ammas namni sammuu qabu baay'ina namoota biyyoota hunda keessatti isa dalaganiitiin gowwomsamuun hin barbaachisu, dhugaan baay'ina warra dalaganiitiin hin beekamu waan ta'eef, inni kan beekamu ragaalee šariāatiini, akkuma Rabbiin ol ta'e Yahuudaa fi kiristaanota ilaalchisuun akkana jedhetti:
﴿وَقَالُواْ لَن يَدۡخُلَ ٱلۡجَنَّةَ إِلَّا مَن كَانَ هُودًا أَوۡ نَصَٰرَىٰۗ تِلۡكَ أَمَانِيُّهُمۡۗ قُلۡ هَاتُواْ بُرۡهَٰنَكُمۡ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ111﴾
{Nama yahuudaa yookiin kiristaana ta’e malee jannata hin seenu” jedhan, Kun hawwii isaaniiti “Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ragaa keessan fidaa" jedhiin} [Al-baóarah: 111] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:
﴿وَإِنْ تُطِعْ أَكْثَرَ مَنْ فِي الْأَرْضِ يُضِلُّوكَ عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ...﴾
{Yoo irra hedduu namoota dachii irraan tole jette, karaa Rabbii irraa si jallisu...}
[Al-Anāam: 116],
Eegasii irra jireessi kabajoota dhalootaa kunniin bidaāa ta'uu isaaniitii waliin, badiwwan biroo; kan akka dubartoonnii fi dhiironni walitti makamuu, sirbootaa fi meeshaalee muuziqaatti fayyadamuu, wantoota nama macheessanii fi sammuu adoochan dhuguu fi hamtuuwwan biroos of keessatti qabachuu irraa bilisa hin ta'anu, Yeroo garii wanti sana irra guddaa ta'es isaan keessatti ni raawwatama, innis Širkii guddaadha, kunis ergamaa Rabbii keessatti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- yookaan worra isaaniin alaa awliyaa'oota keessatti, isaan kadhachuu, isaan birmachiifachuu, gargaarsa isaan gaafachuu, waan fagoo beeku jedhanii amanuu fi dhimmoota kufrii kana fakkaatan kanneen hedduun namaa yeroo mawliida Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi namoota biroo kanneen awliyaa'oota jedhanii waaman kabajanitti raawwatanidha, Dhugumatti ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa akkas jechuun dhugoomee jira:
«إِيَّاكُم وَالغُلُوُّ فِي الدِّينِ، فَإِنَّمَا أَهْلَكَ مَن كَانَ قَبْلَكُم الغُلُوَّ فِي الدِّينِ».
«Amantii keessatti daangaa darbuu irraa of eeggadhaa, warra isin dura darban wanti balleesse, amantii keessatti daangaa darbuudha». Ammas Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:
«لَا تُطْرُونِي كَمَا أَطْرَتِ النَّصَارَى ابْنَ مَرْيَمَ، إِنَّمَا أَنَا عَبدٌ، فَقُولُوا: عَبدُ اللهِ وَرَسُولُه».
«Akka kiristaanonni ilma Maryam faarsuu keessatti daangaa darabanitti, yeroo na faarsitan daangaa hin darbinaa, ani garbicha qofa, kanaafuu garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jedhaa». Buƙaariitu ṡaḥiiḥa isaa keessatti hadiisa Ūmar irraa -Rabbi isa irra ha jaalatuu- gabaase.
Waan ajaa'iba ta'ee fi adda ta'e irraa: namoonni hedduun kabaja ayyaana bidaāa ta'ee kana irratti argamuuf ni si'aa'u, ni tattaafatu, isa irraas ni falmu, garuu waan Rabbiin isaan irratti dirqama godhe kan akka Jumu'aa fi sagada jamaaāa irratti argamuu irraa immoo ni hafu, isaafis mataa ol hin qaban, akka waan badii guddaa hojjataniittis hin ilaalanu, kun dadhabina iimaanaa, hubannaan xiqqaachuu fi heddummina gosa dilii fi badii qalbii haguugee irraa madduun homaa šakkii hin qabu , nu'ii fi muslimoota hundaafis nagummaa Rabbiin kadhanna.
Sana irraa: gariin isaanii ergamaan Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- mowliida irratti ni argaman jedhanii yaaduudha; kanaafis nagaa gaafachaa fi simachaa isaaniif dhaabbatan, kunis soba irra guddaa fi wallaalummaa irra fokkataa irraayyi, ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- guyyaa qiyaamaatiin duratti qabrii isaanii irraa hin ba'an, nama tokkoonis wol hin qunnaman, walga'ii isaanii irrattis hin argaman, inumaayyuu hanga guyyaa qiyaamaatti isaan qabrii isaanii keessa turani, lubbuun isaaniis Rabbii isaanii biratti ganda kabajaa keessatti irra olaanaa illiyyiin keessa jirti, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti:
﴿ثُمَّ إِنَّكُمْ بَعْدَ ذَلِكَ لَمَيِّتُونَ15 ثُمَّ إِنَّكُمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ تُبْعَثُونَ16﴾
{Eegasii Isin sana booda du’oodha.
Eegasii isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu.}
[Al-Mu'uminuun: 15, 16].
Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:
«أَنَا أَوَّلُ مَنْ يَنْشَقُّ عَنْهُ القَبْرُ يَومَ القِيَامَةِ، وَأَنَا أَوَّلُ شَافِعٍ، وَأَوَّلُ مُشَفَّعٍ».
«Guyyaa Qiyaamaatti ani nama jalqaba qabriin irraa baqaqudha, akkasumas ani nama jalqaba magantaa dhaabbatuu fi nama jalqabaa magantaan isaa qeebalamuudha». Caalaan nagaa fi raḥmataa Rabbii isaanii irraa isaan rratti ha jiraatu.
Aayatoonni kabajamoon lameen kun, Ḥadiiśni kabajamaan kun, akkasumas Aayatootaa fi Ḥadiiśonni hiikka isaaniitiin dhufan hundi: Nabiyyiin -Rbbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi warri du'an biroos, guyyaa Qiyaamaa qabrii isaanii irraa akka ba'an agarsiisu. Kunis ulamaa'ota Islaamaa gidduutti dhimma irratti waliigalamedha; isaan gidduuttis wal dhabbiin tokkollee hin jiru. Kanaafuu, muslimni hundi wantoota kanatti dammaqu qaba, akkasumas bidāawwanii fi wantoota bakka hin qabne kan wallaaltoonnii fi fakkaattonni isaanii isaan uuman, kan Rabbiin ragaa tokkollee irratti hin buusin irraa of eeggachuun muslima maraaf barbaachisaadha; gargaarsi Rabbima qofa irraa barbaadama, hirkoonis isuma qofa irratti, Isaan malee tooftaas ta'ee humanis hin jiru.
Ergamaa Rabbii irratti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- raḥmataa fi nageenya buusuun immoo: irra caalaa hojiilee ittiin Rabbiitti dhihaatanii fi hojiiwwan gaggaarii irraayyi, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti:
﴿إِنَّ ٱللَّهَ وَمَلَٰٓئِكَتَهُۥ يُصَلُّونَ عَلَى ٱلنَّبِيِّۚ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ صَلُّواْ عَلَيۡهِ وَسَلِّمُواْ تَسۡلِيمًا56﴾
{Rabbiifi maleykonni Isaas nabiyyii irratti raḥmata buusu. Yaa warra amantan! (isinis) raḥmata isa irratti buusaa; nageenyas buusinsa buusaa.} [Al-aḥzaab: 56]. Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:
«مَنْ صَلَّى عَلَيَّ وَاحِدَةً؛ صَلَّى اللهُ عَلَيهِ بِهَا عَشْرًا».
«Namni ana irratti salawaata tokko buuse Rabbiin isa irratti kudhan buusa». Inni yeroowwan hunda keessatti karaa godhamaadha, dhuma salaata hundaa keessatti immoo jabeeffamaadha, inumaayyuu inni warra beekkumsa hedduu biratti tashahhuda dhumaa kan sagada hundaa keessatti dirqamadha. Sunnaa ta'uun isaa iddoowwan baay'ee keessatti akkaan jabeeffama; isaan keessaa azaana booda, yeroo isaan dubbataman -nagaa fi raḥmanni isaan irratti ha jiraatu-, guyyaa Jumuāa fi halkan isaa keessatti, akkuma ḥadiiśonni baay'een kana agarsiisanitti.
Nu'ii fi Muslimoota hunda amantii isaa keessatti hubannoo fi isa irratti gadi dhaabbachuutti akka nu qajeelchu, akkasumas Sunnaa qabachuu fi kalaqa irraa eeggachuu hunda keenya akka badhaasuuf Rabbiin qofaatu kadhatamaadha, isatu arjaa kabjamaadha waan ta'eef.
Rabbiin nabiyyii keenya Muḥammad, firoota isaanii fi ṡaḥaabota isaanii irratti raḥmataa fi nageenya ha buusu.
***
بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ
Ergaa Jahaffaa:
Murtii halkan Israa fi Mi'īraaj ayyaaneffachuu
Faaruun hundi kan Rabbitii, nagaa fi raḥmanni ergamaa Rabbii, maatii isaanii fi ṡaḥaabota isaanii irratti ha jiraatu.
Itti aansuudhaan: Israa'aa fi mi'iraajni mallattoowwan Rabbii gurguddoo kan dhugummaa Ergamaa isaa Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- agarsiisanuu fi guddina sadarkaa isaan Rabbii ol ta'e biratti qabanu agarsiisan irraayyi, akkuma ragaalee dandeettii Rabbii ajaa'ibsiisoo ta'aniinii fi uumama isaa hunda irratti ol ta'uu isaattis akeekanitti, Rabbiin - qulqullaa'ee ol ta'e - akkas jedhe:
﴿سُبۡحَٰنَ ٱلَّذِيٓ أَسۡرَىٰ بِعَبۡدِهِۦ لَيۡلٗا مِّنَ ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِ إِلَى ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡأَقۡصَا ٱلَّذِي بَٰرَكۡنَا حَوۡلَهُۥ لِنُرِيَهُۥ مِنۡ ءَايَٰتِنَآۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ1﴾
{Inni gabricha Isaa halkan masjida kabajamaa (Makkaa) irraa gara masjida fagoo, kan moggaa (naannoo) isaa barakaa gooneetti deemsise qulqullaa’e, mallattoowwan keenya irraa akka itti argisiifnuuf, Dhugumatti, Inni Isumatu dhaga’aa, argaadha.} [Al-Israi: 1].
Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akka isaaniin gara samiiwwaniitti ba'ameefi, balbaloonni isaaniitis saaniif banamuun, hanga samii torbaffaa taranii, waan fedhan Gooftaa isaanii haasofsiisanii, Sagada shanan dirqama isaan irratti godhetti, Rabbiin -qulqullaa'e- jalqaba irratti sagada shantama dirqama godhee ture, Nabiyyiin keenya Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- itti deebi'uun akka laaffisuuf gaafachuu irraa hin dhaabbanne, hanga Rabbiin shan isii taasisutti, isiin dirqamaan shan, mindaadhaan immoo shantama; toltuun tokko fakkaattii isii kudhaniin waan taateef, qananii isaa hunda irratti faaruu fi galanni Rabbiin qofaafi.
Halkanittii isaraa'ii fi mi'īraaj isii keessatti argame tun, ḥadiiśota sahiiha keessatti isii murteessuun ji'a Rajabaa keessattis ta'ee isaan alaa keessatti hin dhufne, wanti isii murteessuu keessatti dhufe marti beektota ḥadiiśaa biratti nabiyyii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kan mirkanaa'ee miti, namoota isii irraanfachiisuu keessatti Rabbiif hikmaa guutuutu jira, odoo isii murteessuun mirkanaa'ee iyyuu muslimootaaf ibaadaa irraa waan tokkoon isii adda godhuun hin eeyyamamu ture, akkasumas isiidhaan ayyaaneffachuun isaaniif hin eeyyamamu ture; sababni isaas nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi ṡaḥaabonni isaa -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- isiidhaan hin ayyaaneffanne, waan tokkoonis isii adda hin goone. Odoo isa kabajuun dhimma karaa godhame ta'ee, silaa Ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- jechaan yookaan gochaan ummataaf ni addeessu ture; odoo sana irraa wanti tokko argameera ta'ee sila beekamee, babal'ata ture, ṡaḥaabonnis -Rabbi isaan irraa ha jaallatu- nutti dabarsu ture, ṡaḥaabonni dhugaan Nabiyyii isaanii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- waan ummanni itti haajamu hunda dabarsanii jiru, amantii irraas wanta tokko keessatti hin hanqisne, inumaayyuu isaan gara toltuu hundaatti warreen dursanidha, kanaafuu odoo halkan kana kabajuun waan karaa godhame ta'ee, silaa isaan isa kabajuuttii namoota hunda irra kan dursan ta'u turan. Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- namoota hunda irra namootaaf kan toltuu yaadan turan, dhugumatti ergaa geessisiinsa hoonga ga'e geessisaniiru, amaanaas bakkaan ga'aniiru, osoo halkan kana guddifachuu fi isii ayyaaneffachuun amantii Rabbii irraa ta'ee, silaa Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- isa hin dagatan turan, isas hin dhoksan turan, kana irraa wanti tokkollee waan hin aragamneef; isii ayyaaneffachuu fi isii guddisuun woma tokkoonuu akka islaamummaa irraa hin taane hubatame. Dhugumatti Rabbiin ummata kanaaf amantii isaanii guutuu godhee jira,qananiis isaan irratti guutee jira, akkasumas nama amantii keessatti waan Rabbiin hin eeyyamin seera godhe irrattis mormee jira, Rabbiin qulqullaa'ee fi ol ta'e kitaaba isaa ifa ta'e keessatti akkana jedhe:
﴿...ٱلۡيَوۡمَ أَكۡمَلۡتُ لَكُمۡ دِينَكُمۡ وَأَتۡمَمۡتُ عَلَيۡكُمۡ نِعۡمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ ٱلۡإِسۡلَٰمَ دِينٗا...﴾
{Harra Amantii keessan isiniif guuteera, qananiiwwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera...} [Al-Maaīdah: 3], Ammas Rabbiin olta'e akkana jedha:
﴿أَمۡ لَهُمۡ شُرَكَٰٓؤُاْ شَرَعُواْ لَهُم مِّنَ ٱلدِّينِ مَا لَمۡ يَأۡذَنۢ بِهِ ٱللَّهُۚ وَلَوۡلَا كَلِمَةُ ٱلۡفَصۡلِ لَقُضِيَ بَيۡنَهُمۡۗ وَإِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ لَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ21﴾
{Sila šariikota amantii irraa waan Rabbiin isa hin hayyamin karaa isaaniif godhantu jiraa? Odoo jechi murtiin (Guyyaa Qiyaamaati jedhu) jiraachuu baatee gidduu isaaniitti ni murteeffama ture. Miidhaa hojjattoonni, isaaniif adabbii laalessaatu jira}. [Aš-šuuraa: 21].
Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ḥadiiśota ṡaḥiiḥa ta'an keessatti: bid'aa irraa akeekkachiisuu fi inni jal'ina ta'uu addeessuun ragga'ee jira; balaa isaa guddaa irraa ummata dammaqsuu fi isa dalaguu irraa isaan fageessuuf jecha. sana irraas: waan ṡaḥiiḥota lamaan keessatti Āaīšah irraa -Rabbiin ishii irraa ha jaallatu- ragga'ee, nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:
«مَنْ أَحْدَثَ فِي أَمْرِنَا هَذَا مَا لَيْسَ مِنْهُ؛ فَهُوَ رَدٌّ».
«Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifamaadha (fudhatama hin qabu)». Gabaas muslim keessatti:
«مَنْ عَمِلَ عَمَلًا لَيْسَ عَلَيهِ أَمْرَنَا؛ فَهُوَ رَدٌّ».
«Namni hojii amantii keenya keessa hin jirre hojjate inni isuma irratti deebifamaadha ( qixaaxa ykn adabbii qaba).» Ṡaḥiiḥa Musliim keessattis Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa ha jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- khuxbaa guyyaa Jumu'aa keessatti akkas jedhu turan:
«أَمَا بَعْدَ، فَإِنَّ خَيرَ الحَدِيثِ كِتَابُ اللهِ، وَخَيرَ الهَدْيِ هَدْيُ مُحَمَّدٍ ﷺ، وَشَرَّ الأُمُورِ مُحْدَثَاتُهَا، وَكُلَّ بِدْعَةٍ ضَلَالَةٌ».
"«Kana boodaan: dhugumatti irra caalaan haasawaa Kitaaba Rabbiiti, irra caalaan qajeelfamaa immoo qajeelfama Muḥammadi -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu-, irra hamaan dhimmootaa wantoota haaraa argamsiifamanidha, hundi wantootaa haaraa argamsiifamanii jal'inadha.»" Nasaa'iin sanada bareedaa ta'een akkas jechuu dabale:
«وَكُلَّ ضَلَالَةٍ فِي النَّارِ».
«Jallinni hundi ibidda keessatti ta'a». Sunana keessatti, Īrbaaɗ ibinu Saariyaa irraa akka odeeffametti –Rabbi isa irraa ha jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii –Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- gorsa jabaa qalbiin irraa sodaatte, kan ijji isa irraa imimmaan harcaafte nu gorsanii jennaan: yaa ergamaa Rabbii gorsi kee kun gorsa namni nama gaggeessu dhaammatu fakkaata; mee ammas nu gorsi jenneen, ergamaanis akkas jedhani:
«أُوصِيكُم بِتَقْوَى اللهِ وَالسَّمعِ وَالطَّاعَةِ وَإِنْ تَأَمَّرَ عَلَيكُم عَبدٌ، فَإِنَّهُ مَنْ يَعِشْ مِنْكُم فَسَيَرَى اخْتِلَافًا كَثِيرًا، فَعَلَيكُم بِسُنَّتِي وَسُنَّةِ الخلُفَاءِ الرَّاشِدِينَ المَهْدِيِّينَ مِنْ بَعْدِي، تَمَسَّكُوا بِهَا وَعَضُّوا عَلَيْهَا بِالنَّوَاجِذِ، وَإِيَّاكُم وَمُحْدَثَاتِ الأُمُورِ، فَإِنَّ كُلَّ مُحْدَثَةٍ بِدْعَةٍ وَكُلَّ بِدْعَةٍ ضَلَالَةٌ».
«Sodaa Rabbii, dhageettii fi ajajamuun isiniif dhaama, gabrichi isin irratti duree yoo ta’ellee, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kiyyaa fi karaa ƙaliifota na boodaa kan qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa, isa jabeeffadhaa qabadhaa, qarriffaadhaan ciniinaa qabadhaa, adaraa wantoota (diinii keessatti) haaraa ƙalaqaman irraa of eeggadhaa, wanti haaraan ƙalaqame hundi bidāadha, hundi bidāa immoo jallina waan ta'eef». Ḥadiiśonni hiikkaa kana keessatti hedduudha.
Ṡaḥaabota Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi salafoota gaggaarii isaan boodaan dhufan irraa khalaqa amantii keessaa irraa akeekkachiisuu fi isa irraa sodaachisuun dhugumatti mirkanaa'ee jira; kunis waan biraatiif osoo hin taane sababaa inni amantiitti dabaluu, waan Rabbiin hin eeyyamin karaa gochuu fi diinota Rabbii kan ta'an Yahuudotaa fi Kiristaanotatti amantii isaanitti dabaluu fi waan Rabbiin hin eeyyamin amantii keessatti karaa gochuu keessatti isaanitti fakkaachuu waan ta'eefi, akkasumas waan haarawa amantii keessatti argamsiisuun, amantii islaamaa xiqqeessuu, guutuu akka hin taane isa yakkuu dirqamsiisa, badii guddaa fi diliin fokkataan kana keessa jiru immoo beekamaadha, akkasuma jecha Rabbii akkas jedhuun wol faallessuun isaasa beekamaadha:
﴿...ٱلۡيَوۡمَ أَكۡمَلۡتُ لَكُمۡ دِينَكُمۡ...﴾
{...Harra Amantii keessan isiniif guuteera...} [Al-Maaidah: 3], Akkasumas ḥadiiśota Rasuulaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kan bidāa irraa akeekkachiisanii fi isii irraa baqachiisan ifatti faallessuudha.
Kana hubadhu, ni barbaada tahu wanni ragaalee irraa dubbanne kun gahaa tahuu fi amansiisaa nama ḥaóa barbaaduuf bid'aa tana mormuu keessatti; jechuunis: bid'aa halkan Israa'ii fi Mi'īraaj kabajuu, fi isii irraa akeekkachisuu, fi ishiin amantii Islaamaa irraa homaa akka hin taane.
Muslimtootaaf naṡiiḥaa godhuu fi waan Rabbiin amantii irraa isaaniif karaa godhe ibsuu waan Rabbiin dirqama taasiseef jecha, akkasumas ilmii dhoksuun waan haraama taheef jecha; waa'ee bida'aa biyyoota baay'ee keessatti baldhatee, namoonni gariin amantii irraa ta'uu isii yaadan tana obboleeyyan kiyya muslimtootaa hubachiisuun barbaachisaa tahuu arge.
Rabbiin kadhatamadhaa haala Muslimootaa hunda akka tolchu, beekumsa amantii akka isaaniif kennu, nuufi isaanis ḥaóa qabachuu fi irratti gadi dhaabachuu, akkasumas waan isa faallessu dhiisuu akka nu waffaqu. Inni abbaa towfiqaati, irrattis danda'aadha.
Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa nabiyyii keenya Muḥammad irrattii fi firoota fi sahaabota isaanii irratti raḥmataa, nageenyaa fi barakaa ha buusu.
***
بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ
Ergaa Torbaffaa:
Murtii halkan walakkaa shaábaanaa kabajuu
Galanni kan Rabbii isa amantii nuuf guutee, qananii nurratti xumureeti, nagaa fi raḥmanni nabiyyii isaa fi ergamaa isaa Muḥammad, nabiyyii tawbaa fi raḥmataa kan tahan irratti ha jiraatu.
Itti aansuudhaan: Dhugumatti Rabbiin ol tahe ni jedhe:-
﴿...ٱلۡيَوۡمَ أَكۡمَلۡتُ لَكُمۡ دِينَكُمۡ وَأَتۡمَمۡتُ عَلَيۡكُمۡ نِعۡمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ ٱلۡإِسۡلَٰمَ دِينٗا...﴾
{...Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’īmaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera...} [Al-Maa'idah: 3], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:
﴿أَمۡ لَهُمۡ شُرَكَٰٓؤُاْ شَرَعُواْ لَهُم مِّنَ ٱلدِّينِ مَا لَمۡ يَأۡذَنۢ بِهِ ٱللَّهُ...﴾
{Sila Šariikota amantii irraa waan Rabbiin isa hin hayyamin karaa isaaniif godhantu jiraa...} [Šuuraa: 21], Ṡaḥiiḥota lamaan keessatti Āa'išah irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ni jedhani:
«مَنْ أَحْدَثَ فِي أَمْرِنَا هَذَا مَا لَيْسَ مِنْهُ؛ فَهُوَ رَدٌّ».
«Namni Amantii keenya kana keessatti waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise; inni fudhatama hin qabu». Ṡahiiha Muslim keessatti Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- khuxbaa Jumu'aa keessatti akkana jedhu turan:
«أَمَّا بَعْدُ: فَإِنَّ خَيرَ الحَدِيثِ كِتَابُ اللهِ، وَخَيرَ الهَدْيِ هَدْيُ مُحَمَّدٍ صَلَّى اللهُ عَلَيهِ وَسَلَّمَ، وَشَرَّ الأُمُورِ مُحْدَثَاتُهَا، وَكُلَّ بِدْعَةٍ ضَلَالَةٌ».
«Itti aansuudhaan: dhugumatti irra caalaan haasawaa Kitaaba Rabbiiti, irra caalaan qajeelfamaa immoo qajeelfama Muḥammad -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu-, irra hamaan dhimmootaa waan haarawa argamsiifamaniidha, bid'aan hundis jallinadha». Aayatoonnii fi hadiisoonni hiika kana keessatti baay'eedha, isaanis akka Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e dhugumatti ummata kanaaf amantaa isaanii guutee fi qananii isaas isaan irratti guute agarsiisa ifa ta'e ni agarsiisu, lubbuu nabiyyii isaas -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- erga dhaamsa ifa ta'e qaqqabsiisanii fi waan Rabbiin isaaniif seera godhe hunda jechootaa fi gochoota irraa ummataaf ibsaniin booda malee hin fuune. Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- wanti namoonni isaan booda argamsiisanii gara amantii Islaamaatti maxxansan hundi, jecha yookaan hojii irraa ta'ee, niyyaan isaa tolaa ta'ullee, hundumtuu bid'aa ta'uu fi inni abbuma argamsiise san irratti akka deebifamu ibsan. Dhimma kana ṡaḥaabonni Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkasumas Ūlamaa'onni Islaamaa warri isaan boodaas hubataniiru, kanaafuu bid'āalee balaaleffatanii irraa akeekkachiisan, akkuma namoonni sunnaa guddisuu fi bid'āa balaaleffatuu irratti kitaaba barreessan hundi kana dubbatanitti; kanneen akka Ibnu Waɗɗaaḥ, Xarxuushii, Abuu Šaamaa fi kan biroo.
Dhugumatti, bidāaa namoonni gariin argamsiisan keessaa: bidāah halkan walakkaa Šaábaanaa ayyaaneffachuu fi guyyaa isaa soomaan adda gochuuti, sana irratti ragaan irratti hundaa'uun danda'amu hin jiru, sadarkaa isaa ilaalchisee ḥadiiśonni laafoon isaan irratti hundaa'uun hin eyyamamne dhufaniiru.
Wanti sadarkaa salaataa isaa keessatti dhufe hundi isaa soba tolfameedha, akkuma warra beekumsa irraa baay'een san irratti akeekachiisan, gariin jecha isaaniis Allaah ha jadhu ni dhufa.
Ammas isa keessatti salafota garii warra Šaamii fi kanneen biroo irraa asaronni dhufanii jiru.
Wanni irra hedduun beektotaa irratti wolii galan, akka isa kabajuun bida'aa ta'ee fi ḥadiiśonni sadarkaa isaa keessatti dhufan hunduu laafaa akka ta'eedha, akkasumas gariin isaanii soba toolfamaa akka ta'eedha, warra kana irratti akeekachiisan keessaa: Al-Ḥaafiź Ibnu Rajabi, kitaaba isaa: (Laxaa'iful Ma'aarif) keessattii fi kanneen biroo keessatti, Ḥadiiśonni laafoo ta'an kan itti hojjatamu ibadaa hundeen isii ragaalee sirrii ta'aniin mirkanaa'e keessatti qofa keessatti akka ta'e beekamaadha. Halkan walakkaa Šaábaanaa kabajuun immoo, ḥadiiśota laafoodhaan deeggaramuuf hundee sirrii ta'e hin qabu. Foormulaa guddaa kana Imaam Abul Abbaas Šeyƙul Islaam Ibnu Teymiyyaan -Rabbiin isaan mararfatu- dhugumatti eeraniiru.
Ani siifan dabarsa yaa nama dubbisu waan gariin warra beekumsaa dhimma kana keessatti jedhan, akka kana keessatti hubannaa ifaa irratti taatuuf.
Ūlamaa'iin -Rabbiin isaan ha mararfatu- wanti dirqamaa: dhimmoota namoonni keessatti wal dhaban gara Kitaaba Rabbii ol ta'ee fi gara sunnaa Ergamaa Rabbiitti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- deebisuu ta'uu irratti walii galaniiru, wanti isaan lamaan yookiin tokkoon isaanii itti murteesse šariāa isa hordofuun dirqama tahuudha, wanti isaan faallesse ammoo gatanii dhiisuun dirqama taha, ībaadaawwan irraa wanti isaan lamaan keessatti hin dhufin inni bidāa itti dalaguun hin eeyyamamneedha, gara isaatti namoota waamuu fi isa jaallachiisuun ha hafuutii, Rabbiin subḥaanahuu wataāalaa ni jedhe:
﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَطِيعُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُواْ ٱلرَّسُولَ وَأُوْلِي ٱلۡأَمۡرِ مِنكُمۡۖ فَإِن تَنَٰزَعۡتُمۡ فِي شَيۡءٖ فَرُدُّوهُ إِلَى ٱللَّهِ وَٱلرَّسُولِ إِن كُنتُمۡ تُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِۚ ذَٰلِكَ خَيۡرٞ وَأَحۡسَنُ تَأۡوِيلًا59﴾
{Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamichaafi warra isin irraa abbootii taaytaa ta’aniifis ajajamaa. Yoo waan tokko keessatti wal mormitan, gara Rabbiifi ergamaa (Isaa) deebisaa; yoo Rabbiifi Guyyaa Aaƙiraatti kan amantan taatan (gara san deebisaa). Kun caalaafi hiikaafis bareedaadha} [An-nisaa'i: 59], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:
﴿َمَا ٱخۡتَلَفۡتُمۡ فِيهِ مِن شَيۡءٖ فَحُكۡمُهُۥٓ إِلَى ٱللَّهِ...﴾
{Wanti isin irratti wal dhabdan hunduu murtiin isaa garuma Rabbiiti...} [AŠ-Šuurah: 10] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:
﴿قُلۡ إِن كُنتُمۡ تُحِبُّونَ ٱللَّهَ فَٱتَّبِعُونِي يُحۡبِبۡكُمُ ٱللَّهُ وَيَغۡفِرۡ لَكُمۡ ذُنُوبَكُمۡ...﴾
{Jedhi ”Yoo kan Rabbiin jaallattan taataniif na hordofaa Rabbiin isin jaallata; badii keessan isiniif araarama...} [Aal Īmraan: 31] Rabbiin oltahe akkana jedhe:
﴿فَلَا وَرَبِّكَ لَا يُؤۡمِنُونَ حَتَّىٰ يُحَكِّمُوكَ فِيمَا شَجَرَ بَيۡنَهُمۡ ثُمَّ لَا يَجِدُواْ فِيٓ أَنفُسِهِمۡ حَرَجٗا مِّمَّا قَضَيۡتَ وَيُسَلِّمُواْ تَسۡلِيمٗا65﴾
{Lakki; Rabbii keetiinin kakadhaa! isaan hin amananu hanga waan gidduu isaaniitti irratti wal dhaban keessatti si murteessisaniitti, ergasii waan ati murteessite irratti odoo lubbuulee isaanii keessatti dhiphina hin argin fudhannaa (garaa guutuu ta’een) fudhatanitti}. [An-nisaa'i: 65], Hiika kana keessatti aayatoota hedduu ta'aniitu jiran. Isaanis dhimmoota wal dhabdee gara Óur'aanaa fi Ḥadiiśaatti deebisuun dirqama ta'uu fi murtoo isaanii jaallachuun dirqama ta'uu isaa irratti keeyyatoota ifaadha. Akkasumas kun wanta iimaanni gaafatu ta'uu isaa, gabrootaaf addunyaa fi aaƙiraatti irra caalaa ta'uu isaa fi hiikaafis irra bareedaa tahuu isaati: jechuunis: booddee ilaalchisee irra bareedaadha, jechuudha.
Ḥaafiź ibnu Rajab -Rabbin raḥamata isaaf ha godhu- dhimma kana ilaalchisee -erga dubbii isaa kan darbeetii- kitaaba isaa: "Laxaa'iful Ma'aarif" jedhu keessatti waan barreeffamni isaa akkana ta'e jedhe:
«Halkan walakkaa Šaábaanaa, taabi'oonni warra Šaam irraa ta'an; kanneen akka Ƙaalid bin Maádaan, Makḥuul, Luqmaan bin Āamir fi kanneen biroo, isaa kabajachaa, isa keessatti ībaadaa hojjachuu keessatti jajjabaachaa turan, namoonnis sadarkaa isaa fi kabaja isaa isaan irraa fudhatan, Dhugumatti akkana jedhameera: dhimma kana keessatti aasaarri Israa'iiliyyootaa isaan qaqqabee jira, yeroo dubbiin kun isaan irraa biyyoota keessatti beekame, namoonni sana keessatti wal dhaban; gariin namaa isaan irraa ni qeebalan, isii guddisuu irrattis isaan waliigalan, isaan keessaa garee warra ībaadaa warra Baṡraa irraa taatee fi warra biroos. Irra hedduun beektota Ḥijaaz kana balaaleffataniiru, isaan keessaa: Āṫaa'i fi Ibnu Abii Muleykaadha, Abdurraḥmaan ibnu Zeyd ibnu Aslam beektota fióhii warra Madiinaa irraa isa kana dabarseera, inni kun jecha darasoota Maalikii fi warra isaan malee yoo ta'u, isaanis akkas jedhani: kuni hundinu bidāadha.
Beektonni warra Šaam ḥaala isa itti kabajan keessatti jecha lamatti wol dhabanii jiru:
Tokkoon isaanii: masjiidota keessatti jamaāadhaan isa kabajuun ni jaallatamaadha, Ƙaalid bin Maádaan, Luqmaan bin Āamir fi isaan malees kan biroo isa keessatti uffata isaanii irraa uffata irra bareedaa ta'e uffatu ture, ixaana aarsanii, kuula kuulatanii, halkan isaanii san masjiida keessatti sagadu turani, Is'ḥaaó bin Raahuuwayhi kana irratti isaan wajjiin wolii gale, Masjiidota keessatti jamaāadhaan isa keessatti sagaduu ilaalchisee akkana jedhe: Sun bidāa miti, Ḥarb Al-Kirmaaniin masaa'ila isaa keessatti isa kana gabaaseera.
Lammaffaan: Sagada, qiṡaṡa fi duāa'iif isa keessatti masjiida keessatti walitti qabamuun ni jibbamaadha, garuu namni dhuunfaa ofiitiif isa keessatti sagaduun hin jibbamu. Kuni jecha Awzaaīi, imaama, faóiiha fi Āalima warra Šaami, kunis irra dhihoodha Allaahun ol taee ha jadhu». Hanga akkana jedhutti: «Halkan walakkaa Šaábaanaa ilaalchisee Imaamu Aḥmad irraa dubbiin tokkollee hin beekamu, halkan isaa dhaabbachuun jaallatamaa ta'uu isaa keessatti gabaasaalee lamaan halkan iidaa lamaan dhaabbachuu ilaalchisee isa irraa dhufe irraa gabaasaan lama ni baafama, inni (gabaasa tokko keessatti) jamaa'aadhaan isa keessatti dhaabbachuu hin jaallanne; sababni isaas nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa fi ṡaḥaabota isaanii irraa waan hin gabaafamneef jecha, (Gabaasa tokko keessatti) isa jaallateera, sababaa Abdurraḥmaan bin Yaziid bin Al-Aswad kana hojjateef jecha, inni immoo taabi'oota irraayi, ḥaaluma kanaan halkan walakkaa dhaabachuun, Nabiyyii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu-, akkasumas ṡaḥaabota isaanii irraa isa keessatti homaa hin mirkanoofne, garee taabi'ootaa kan gurguddoo hayyoota warra Šaam ta'an irraa isa keessatti dhaabbachuun mirkanaa'ee jira».
Wanti jecha Ḥaafiź Ibnu Rajab (Rabbiin raḥmata isaaf ha godhu) irraa barbaadame xumurameera, waa'ee halkan walakkaa baatii Shaábaanaa ilaalchisee Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraas ta'ee ṡaḥaabota isaanii -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- irraa wanti tokkollee akka hin mirkanaa'in ifatti ibsuutu isa keessa jira.
Wanti Awzaaīin -Rabbiin raḥmata isaaniif ha godhu- namoota dhuunfaatiif isa dhaabbachuun jaallatamaa ta'uu filatee fi Ḥaafiź Ibnu Rajab yaada kana filachuun isaa immoo, inni jecha addaa, dadhabaa dha; sababni isaas wanti ragaalee Šariāatiin karaa godhamuun isaa hin mirkanaa'in kamiyyuu, dhuunfaan ykn jamaāaa keessatti yoo hojjates, dhoksaatti ykn ifatti yoo hojjates, Muslimaaf amantii Rabbii keessatti isa Ƙalaóuun hin eeyyamamu; Jechi Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kun waan sana f jecha:
«مَنْ عَمِلَ عَمَلًا لَيْسَ عَلَيهِ أَمْرُنَا؛ فَهُوَ رَدٌّ».
«Namni hojii amantii keenya keessa hin jirre hojjate inni isuma irratti deebifamaadha». Ragaalee bidāa balaaleffachuu fi isii irraa sodaachisuu agarsiisan irr.
Imaamni Abuu Bakir Aṫṫurṫuušiin -Rabbiin isaaf raḥamata ha godhu- kitaaba isaa «Al-Ḥawaadiś wal-Bidaīi» keessatti akkana jedhe:
«Ibnu Waɗɗaaḥ Zeyd bin Aslam irraa odeessee akkas jedhe: Šeeykhota keenyaa fi Āalimoota keenya irraa nam tokkollee kan walakkeessa Šaábaanaatti xiyyeeffatu, akkasumas kan ḥadiiśa Mak-huulitti xiyyeeffatuu fi waan biroo caalaa sadarka qaba jedhee kan yaadu hin argine»
Ibnu Abii Mulaykaan akkana jedhame: Ziyaad Annumayriin akkana jedha: «Dhugumatti mindaan halkan walakkaa Šaábaanaa akka mindaa Halkan murtooti», Innis akkas jedhe: «Uleen harka kiyya keessa jiraatee osoon isa dhaga'ee silaa isan dhaana ture» Ziyaad seenaa himaa ture, wanti barbaadame asitti dhume.
Āalimni guddaan Šawkaaniin -Rabbin raḥamata isaaf ha godhu- kitaaba «Al-fawaa'idul majmuuāah» keessatti waan barreeffamni isaa akka armaan gadii kana jedhe:
«Ḥadiiśni: «Yaa Āliyyi, namni halkan walakkaa Šaábaanaa keessatti rakaāa dhibba tokko sagadee, rakaāa hunda keessatti faatiḥaa fi óul huwallaahu aḥad yeroo kudhan qara'e; Rabbiin haajaa hunda isaaf guuta» hanga xumuratti. Inni ḥadiiśa sobaan kalaqame, jechoota isaa kan mindaa namni isa dalage argatu ifa godhan keessa, wanti namni hubannoo qabu sobaan kalaqamuu isaa irratti hin Šakkine ni argama, namoonni isa gabaasanis kan hin beekamneedha, karaa lammataatiifii sadaffaatiinis gabaafamee jira, hundi isaaniituu sobaan kan kalaqamaniidha, gabaastonni isaas kan hin beekamneedha. «Al-Muƙtaṡar» keessatti akkas jedhe: "Ḥadiiśni sagada walakkaa Šaábaanaa baaxila, ḥadiiśi ibnu Ḥibbaan ḥadiiśa Āliyyii irraa: «Yeroo halkan walakkaa Šaábaanaa ta'e halkan isaa dhaabbadhaa, guyyaa isaas soomaa» gabaases da'iifa. Kitaaba «Alla'aalii» keessatti akkana jedhe: «Walakkaa Šaábaanaa keessatti rakaāa dhibba, (suuraa) Iƙlaaṡ yeroo kudhan (qara'uun salaatuun)» sadarkaan isaa dheerachuun wajjiin, kan Daylamii fi kanneen biroo gabaasan ḥadiiśa sobaan Ƙalaqameedha, irra hedduun gabaastota isaa karaalee sadanuu keessatti warra hin beekamne, dadhaboodha, Ni jedhe: "Rakaāan kudha lama Iƙlaaṡaan yeeroo soddomaa», soba, akkasumas: «Rakaāan kudha afur» soba.
Ḥadiiśicha kanaanis gareen beektota fióhii irraa ta'an dogongorfamaniiru; kan akka barreessaa (Al-Iḥyaa'i) fi kanneen biroo, akkasumas beektota tafsiiraa irraas. Sagadni halkan kanaa — jechuunis: halkan walakkaa Šaábaanaa — karaalee garaa garaatiin gabaafameera, hundi isaaniiyyuu ḥadiiśa cubbuu fi sobaa, Kunis gabaasa Tirmiżii kan ḥadiiśa Āa'ishaa -Rabbiin ishee irraa ha jaallatu- irraa waa'ee isaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- gara Baqiīii deemuu isaanii, Rabbiin halkan walakkaa gara samii duuniyaatti bu'uu isaa, akkasumas baay'ina rifeensa hoolota gosa Kalbii irra nama caaluuf akka Inni araaramu dhufe san hin faallessu, dhugumatti dubbichi waa'ee sagada halkan kana keessatti sobaan uumamte tanaa qofa. Ha ta'u malee ḥadiiśni Āa'ishaa kun laafinaa fi adda cituu of keessaa qaba, akkuma ḥadiiśni Āliyyii kan sagada halkanii ilaalchisee duraan dubbatame, laafina inni of keessaa qabu waliin akkuma nuti dubbannetti, sagadni kun soba ta'uu isaa hin faallessu» yaanni barbaadame xumurameera.
Ḥaafiź Al-Īraaóiin akkana jedhe: «Ḥadiiśni sagada halkan walakkaa Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti sobaan kan uumamee fi isaan irratti kijibameedha», Āalimni Islaamaa Imaam Annawawiin kitaaba: (Al-Majmuuū) jedhu keessatti akkas jedhe: «Sagadni Ṡalaaturraghaa'ib jedhamuun beekkamu, -inniis salaata marǧibaa fi sagadta īshaa jidduutti, ji'a Rajab irraa halkan jimaataa jalqabaa keessatti rakaāa kudha lama kan sagadamuu dha- fi sagadni halkan walakkaa Šaábaanaa rakaāa dhibba sagadamu, Ṡalaatoonni lameen kunniin bidāawwan fokkatoo dha, kitaaba: (Quut Al-Óuluub), fi (Iḥyaa Ūluum Al-Diin) jedhamuu keessatti dubbatamuu isaaniitiin namni hin gowwoomin, akkasumas ḥadiiśa isaan lamaan keessatti dubbatameenis hin gowwoomin, dhugumatti sun hundi baaxilaadha, akkasumas imaamota irraa garii namoota murtiin isaan lamaanii itti wal fakkaatee jaallatamaa ta'uu isaan lamaanii irratti waraqaalee qopheesseenis namni hin gowwoomin, dhugumatti inni kana keessatti dogoggoraadha».
Dhugumatti Šeyƙni Imaamni Abuu Muḥammad Abduraḥmaan ilma ismaīil almaódisiin kitaaba qaalii isaan lachuu balleessuu keessatti qopheesse, isa keessatti akkaan tolchee miidhagse, dubbiin warra beekumsa qabanii dhimma kana keessatti baayyee hedduudha, osoo waan dhimma kana keessatti dubbii irraa agarre hunda dabarsuutti deemnee, dubbiin nurratti dheerata, tarii waan dubbanne kana keessa nama haqa barbaaduuf gahaafii amansiisaatu jira.
Aayatoota, ḥadiiśotafi dubbii warra beekumsaa darban irraa: halkan walakkaa Šaábaanaa sagadaan yookaan waan birootiin kabajuun, akkasumas guyyaa isaa soomaan adda baasuun; irra hedduu warra beekumsaa biratti bidāa jibbamaa akka ta'ee fi šariāa qulqulluu keessattis hundee akka hin qabne nama haqa barbaaduuf ni ifa, inumaayyuu inni wantoota bara ṡaḥaabotaa -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- booda islaamummaa keessatti haarawa uumaman irraayyi, nama haqa barbaaduuf dhimma kanaafi kan biroo keessattis jechi Rabbii ol ta'ee gahaadha:
﴿...ٱلۡيَوۡمَ أَكۡمَلۡتُ لَكُمۡ دِينَكُمۡ...﴾
{...Har'a Amantii keessan isiniif guuteera...} [Al-Maa'idah: 3]. Akkasumas Aayatoota irraa wanti hiikkaa isaa keessatti dhufes, akkasumas jechi Nabiyyii, Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu:
«مَنْ أَحْدَثَ فِي أَمْرِنَا هَذَا مَا لَيْسَ مِنْهُ فَهُوَ رَدٌّ».
«Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifamaadha (fudhatama hin qabu)». Fi ḥadiiśota irraa wanti dhimma kana keessatti dhufes.
Ṡaḥiiḥa Muslim keessatti, Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti, Rabbiin isarraa ha jaallatu, Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan:
«لَا تَخُصُّوا لَيْلَةَ الْجُمُعَةِ بِقِيَامٍ مِنْ بَيْنِ اللَّيَالِي، وَلَا تَخُصُّوا يَوْمَهَا بِالصِّيَامِ مِنْ بَيْنِ الْأَيَّامِ، إِلَّا أَنْ يَكُونَ فِي صَوْمٍ يَصُومُهُ أَحَدُكُمْ».
«Halkanoota keessaa halkan Jimaataa sagada dhaabbachuun adda hin baasinaa, guyyoota keessaas guyyaa isaa soomaan adda hin baasinaa, garuu sooma tokkoon keessan soomu yoo ta'e malee». Osoo wanti tokko kan halkanoota irraa ta'e waan tokko kan ibaadaa irraa ta'een adda gochuun hayyamamaa ta'ee, silaa halkan Jumuāa kanneen biroo irra ḥaóa qabaata ture; Sababni isaas, guyyaan isaa irra caalaa guyyaa aduun itti baatee waan ta'eef jecha, akka ragaa aḥaadiiśota ṡaḥiiḥa Ergamaa Rabbii -nagaa fi raḥmatni irra ha jiraatu- irraa dhufanitti. Yeroo Nabiyyiin -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- halkanoowwan gidduudhaa salgada halkaniitiin isa adda baasuu irraa akeekkachiisan, sun halkanoowwan isaan ala jiran daran ta'uu agarsiise, ragaa sirrii kan adda baasuu kana irratti qajeelchuun malee, ibaadaa irraa waan tokkoon isaan irraa waan tokko adda baasuun hin eeyyamamu.
Waan laylatulóadrii fi halkanoowwan Ramaɗaanaa sagadaan dhaabbachuu fi isaan keessatti tattaaffii godhuun karaa godhameef, Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kana irratti hubachiisan, ummatas sagadaan dhaabbachuu isii irratti kakaasan, ofii isaaniitiifis san ni hojjatan, akkuma Ṡaḥiiḥota lamaan keessatti Nabiyyii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akka jechuun dhufetti:
«مَنْ قَامَ رَمَضَانَ إِيمَانًا وَاحْتِسَابًا، غُفِرَ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ، وَمَنْ قَامَ لَيْلَةَ الْقَدْرِ إِيمَانًا وَاحْتِسَابًا، غُفِرَ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ».
«Haala Rabbitti amanee fi mindaa isaa Isa irratti herreggateen namni ji'a Ramaɗaanaa dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama, akkasumas ḥaala Rabbitti amanee fi mindaa isaa Isa irratti herreggateen namni halkan laylatulqadrii dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama». Osoo halkan walakkaa Šaábaanaa, yookaan ji'a Rajab irraa halkan jumu'aa kan jalqabaa, yookaan halkan Israa fi Mi'iraaj kabajuudhaan yookaan ibaadaa irraa waan tokkoon isii adda baasuun karaa godhamee jira ta'ee, silaa Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara isaatti ummata ni qajeelchu turan, yookaan ofii isaaniitiif ni hojjatu turan, osoo kana irraa wanti tokko argamee jira ta'ee, silaa sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- gara ummataatti ni dabarsu turan, ummata irraas hin dhoksan turan, isaan caaltuu namootaati, akkasumas isaan erga Nabiyyootaatii -nagaa fi raḥmanni isaan irra ha jiraatu- boodatti irra gorsitoota namootaati, Rabbiin waahillan Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmatss fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa ha jaallatu, isaanis ha jaallachiisu.
Dubbii ulamaa'otaa irraa akkuma duraan beektetti, ji'a Rajab irraa sadarkaa halkan Jumāa jalqabaa fi halkan walakkaa Šaábaanaa ilaalchisee ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraas ta’ee, ṡaḥaabota isaanii -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- irraa wanti tokkollee hin mirkanoofne; kanaafuu isaan lamaan kabajuun bidāa haaraa islaamummaa keessatti uumame akka ta'e ni beekama, akkasumas ibaadaa irraa waan tokkoon isaan adda taasisuun, bid’āa jibbamaadha. Akkasuma ji'a Rajab irraa halkan digdamii torbaffaa, kan namoonni gariin akka waan inni halkan Israa'ii fi Mi'īraajii ta'etti isa ilaalu, Ībaadaa irraa wanta wohiitiin isa adda godhuun hin eeyyamamu, akkuma isa ayyaanessuun hin eeyyamamnetti; Ragaalee dabraniif jecha, kuni odoo beekamee dha, akkamitti odoo jechoota ulamaa'otaa irraa sirriin akka inni hin beekamne ta'ee jiruu. Jechi nama akkana jedhee: inni ji'a Rajab irraa halkan digdamii torbaffaati, jecha baaxila ḥadiiśota ṡaḥiiḥa ta'an keessatti bu'uura hin qabneedha, dhugumatti namni akkana jedhe tolcheera:
Caaltuun dhimmootaa kanneen karaa qajeelaa irratti darbani... fi hamtuun dhimmootaa immoo bid'āawoota haaraa uumamaniidha.
Nuufi Muslimoota hunda Sunnaa qabachuu fi ishee irratti gadi dhaabbachuu, akkasumas waan ishee faallessu irraa of eeguu akka nu waffaquuf Rabbiin qofaatu kadhatamaadha, isatu arjaa kennaadha.
Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa nabiyyii keenya Muḥammad, akkasumas maatii fi ṡaḥaabota isaanii mara irratti raḥmataa fi nageenya ha buusu.
***
بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ
Ergaa sadeetaffaa:
Hubachiisa barbaachisaa dhaamsi itti hirkifame soba ta'uu isaa irratti
Šeyƙ Aḥmad Ƙaadima Ḥarama Nabawii Kabajamaa
Abdul Āziiz bin Abdullaah bin Baaz irraa, gara Muslimoota warra isa argu maraatti, Rabbiin Islaamummaan isaan ha eegu, akkasumas sharrii kijiba wallaaltota jallattootaa irraa nuufi isaanis nu ha baraaru. Aamiin.
Nageenyi isin irratti ha jiraatu, raḥmanni Rabbiitii fi barakaan isaatis.
Itti aansuudhaan: Dhugumatti ani dubbii gara Šeyƙ Aḥmad, Ƙaadima Ḥarama Nabawii kabajamaatti hirkifame tokkoo argeen jira, kan mata dureen isaa: «Kun dhaamsa Madiinaa Munawwaraa irraa dhufe, Šeyƙ Aḥmad Ƙaadima Ḥarama Nabawii kabajamaa irraa» jedhu, kan inni isii keessatti akkana jedhe:
«Halkan Jimaataa tokko dammaqeen Óur'aana Kabajamaa qara'aa ture, eegaan maqaalee Rabbii gaggaarii qara'ee booda, yeroon sanarraa xumure rafuufin qophaa'e, abbaa fuula ifaa bareedaa kan ta'an Ergamaa Rabbii -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- kan aayatoota Óur'aanaa fi murteewwan kabajamoodhaan dhufan; aalamaaf raḥmata kan ta'an gooftaa keenya Muḥammad -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- nan arge, isaanis ni jedhani: Yaa Šeyƙ Aḥmad, anis nin jedheen: Labbayka yaa Ergamaa Rabbii, yaa irra kabajamaa uumama Rabbii, Akkana naan jedhan: ani gochoota namootaa fokkuu irraa qaana'een jira, Rabbii kootis ta'ee malaa'ikota qunnamuu hin dandeenye; jumu'aa irraa hanga jumu'aatti namoota kuma dhibba tokkoo fi jahaatamaatu diinii Islaamaatiin alatti du'e waan ta'eef jecha -eegasii dilii namoonni keessatti kufan irraa garii isaa dubbatan, Ergasii akkana jedhan: - Dhaamsi kun Rabbii Injifataa fi Jabaa ta'e irraa isaaniif raḥmata gochuuf jecha. Eegasii mallattoolee qiyaamaa irraa garii eeran, hanga akkana jedhanitti: - Yaa Šeyƙ Aḥmad dhaamsa kana isaan beeksisi; ishiin qalama qadariitiin Lawhal Maḥfuuz irraa dabarfamte waan taateef jecha, namni isii barreessee biyyaa gara biyyaatti, akkasumas iddoo gara iddootti erge, jannata keessatti qasriin isaaf ijaarama, nama isii barreessee, hin ergin immoo, guyyaa qiyaamaa shafa'aan kiyya isarratti haraama taateetti, Namni ishee barreesse hiyyeessa yoo ta'e Rabbiin isa duuromsa, yookaan idaan kan irra jiru yoo ta'e Rabbiin idaa isaa irraa kaffala, yookaan badiin yoo irra jiraate barakaa dhaamsa kanaatiin Rabbiin isaafi haadhaafi abbaa isaatiif ni araarama, Namni gabroota Rabbii irraa ishee hin barreessin, fuulli isaa addunyaa fi Aaƙiraa keessatti ni gurraacha'a, Akkana jedhe: Rabbii guddichaan yeroo sadii kakadhaa, kun dhugaadha, yoon sobaa ta'e Islaamummaa malee addunyaa irraa nan baha, namni isii dhugoomse adabbii ibiddaa irraa nagaa ba'a, namni isii sobsiise immoo ni kafare».
Kun cuunfaa waan dhaamsa sobaa Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- irratti kijibame keessa jiruuti, dhugumatti dhaamsa sobaa kana waggoota hedduu as yeroo baay'ee dhageenyeerra, yeroo irraa gara yerootti namoota jidduutti kan tamsaafamuu fi ummata bal'aa hedduu jidduutti kan babal'ifamu dha, jechoota isaa keessattis garaagarummaatu jira, Namichi soba khalaqe sunis ni jedha: Inni hirriiba keessatti Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- argee, wasiyyaa kana isa baachisaniiru, yaa dubbisaa maxxansa dhumaa kan nuti siif himne kana keessatti namichi soba ƙalaqe sun yeroo hirriibaaf qophaa'etti Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- arguu isaa himateera, hiikni isaas: inni osoo dammaqee jiruu isaan arge jechuudha!
Namichi waan hin jirre uume kun dhaamsa kana keessatti waan hedduu dubbateera; isaanis soba irra ifaa fi cubbuu irra ifaa ta'e irraayi, yoo Rabbiin fedhe, barruuu kana keessatti dhiyootti isa irratti siin dammaqsa. Waggoottan darbaniis dhugumatti isa irratti dammaqsee ture, namootaafis isaan soba irra ifaa fi cubbuu irra ifaa ta'uu isaanii addeessee ture. Yeroon maxxansa dhumaa kana arge, waa'ee isaa barreessuu irratti nan mamme; Sababa cubbuun isaa ifa ta'eefi, ija jabinni namoonni waan hin jirre uuman kunniin soba irratti qaban guddaa waan ta'eefi, akkasumas cubbuun isaa nama hubannoo xiqqaa yookaan fuumama nagaa qabu irratti fudhatama argata jedhee hin yaadne ture. Garuu obboleeyyan irraa baay'een akka inni namoota baay'ee biratti fudhatama argatee, gidduu isaaniitti kan wal harkaa fuudhan ta'uu, gariin isaaniis isa kan dhugoomse ta'uu natti himaniiru; kanaaf jecha waa'ee isaa barreessuun warra akka kiyyaa irratti dirqama ta'uu isaa arge, soba isa ifa godhuudhaaf, fi akka inni ergamaa Rabbii irratti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti kijibaan uumame ta'uu ifa gochuuf jecha, akka namni tokkollee isaan hin gowwoomneef. Namni warra beekumsaafi iimaana qaban, yookiin warra uumama qulqulluufi sammuu sirrii qaban irraa ta'ee isa xiinxale, karaa baay'eedhaan inni sobaafi waan of irraa uumame ta'uu isaa ni beeka.
Dhugumatti ani firoota Šeyƙ Aḥmad kan kijibni kuni gara isaatti maxxanfame irraa garii isaanii waa'ee dhaamsa kanaa gaafadhee jira, innis naaf deebise: inni Šeyƙ Aḥmad irratti oduu sobaa yoo ta'u, innis gonkumaa isa hin jenne. Šeyƙ Aḥmad dubbatame kun yeroo dura du'eera, odoo Šeyƙ Aḥmad dubbatame kun, yookiin namni isa irra guddaa, Nabiyyiidhaan -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- hirriba keessatti yookiin dammaqaan argee, dhaamsa kana naaf dhaaman jedhee himateellee, inni nama sobaa ta'uu isaa, yookiin kan waan kana isaan jedhe sheyxaana ta'uu isaa, inni Rasuula -nagaa fi raḥmanni irra haa jiraatu- akka hin taane shakkii tokko malee ni beekna ture, kunis sababoota hedduudhaaf, isaan keessaa:
Tokkoffaa: Ergamaan ﷺ erga du'anii booda yeroo dammaqaa kan hin argamne ta'uudha, namni wallaalota Suufiyyaa irraa akka inni Nabiyyii ﷺ yeroo dammaqaa argu, ykn isaan mowliida irratti ni argamu, ykn waan sana fakkaatu jedhee falmu; dhugumatti dogongora fokkuu dogongoreera, garmalee itti wal dhahameera, dogongora guddaa keessa bu'eera, Kitaaba, Sunnaa fi walii galtee worra beekumsaa faallesseera; sababni isaas worri du'an qabrii isaanii irraa guyyaa qiyaamaa bahu malee addunyaa tana keessatti hin baanef jecha. Namni faallaa kanaa jedhe, inni kijiba ifa ta'e kijibeera, yookiin dogoggoraa kan itti wal makeedha, dhugaa Salafni gaggaariin beekan, kan ṡaḥaabonni Ergamaa Rabbii ﷺ fi warri toltuudhaan isaan hordofan irratti deeman hin beekne, Rabbiin ol tahe ni jedhe:
﴿ثُمَّ إِنَّكُم بَعۡدَ ذَٰلِكَ لَمَيِّتُونَ15 ثُمَّ إِنَّكُمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ تُبْعَثُونَ16﴾
﴾Eegasii Isin sana booda du’oodha,15
Eegasii isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu16﴿ [Al-Mu'uminuun: 15, 16], Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:
«أَنَا أَوَّلُ مَنْ تَنْشَقُّ عَنْهُ الْأَرْضُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ، وَأَنَا أَوَّلُ شَافِعٍ وَأَوَّلُ مُشَفَّعٍ».
«Guyyaa qiyaamaatti ani jalqaba nama dachiin isa irraa baqaqtuuti, akkasumas jalqaba nama magantaa dhaabbatuutii fi jalqaba nama magantaan isaa qeebalamuuti». Aayatoonnifi ḥadiiśonni hiika kana keessatti hedduudha.
Lammaffaan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- jireenya isaanii keessattis ta'ee du'a isaanii keessatti waan haqa faallessu kan hin dubbanne ta'uu isaaniiti, dhaamsi kuni immoo Šariāa isaanii haala ifa ta'een faallessa, sunis karaalee hedduudhaan - akka dhufutti -, isaanis -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- hirriba keessatti argamuu danda'u, Namni manaama keessatti suuraa isaanii kabajamaa irratti isaan arge, dhugumatti isaan argeera; Šeyṫaanni suuraa isaaniitiin waan of hin fakkeessineef jecha, akkuma ḥadiiśa ṡaḥiiḥa kabajamaa keessatti dhufetti. Garuu dhimmi hundi iimaana nama manaama argee, dhugummaa isaa, haqummaa isaa, qabannaa isaa, amantii isaatii fi amanamummaa isaa irratti hundaa'a, akkasumas Nabiyyii -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- suuraa isaanii irratti argee moo suuraa biraa irratti arge kan jedhu irratti hundaa'a.
Yoo Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- irraa ḥadiiśni bara jireenya isaanii keessatti dubbatan tokko dhufe, karaa gabaastota amanamoo, ḥaóaa fi yaadannoon isaanii cimaa ta'aniin ala yoo ta'e, irratti hin hirkatamu, ragaas ittiin hin godhamu. Yookiin karaa gabaastota amanamoo yaadannoon isaanii cimaa ta'aniin yoo dhufee, garuu gabaasa nama yaadannoon isaa isaan caaluu fi irra amanamaa ta'e faallessee, gabaasota lamaan gidduutti walsimsiisuun kan hin danda'amne yoo ta'e, ulaagaalee isaatiin bakka kun danda'ametti isaan lamaan keessaa inni tokko mansuukha (kan haqame) kan ittiin hin hojjatamne ta'a, inni lammaffaan immoo naasiƙa (kan haqu) kan ittiin hojjatamu ta'a. Yoo walsimsiisuus ta'ee haquun kan hin danda'amne yoo ta'e, gabaasa nama yaadannoon isaa xiqqaatuu fi haqummaan isaa gadi aanaa ta'ee kuffisuun dirqama ta'a, akkasumas Šaażżii (kan adda ba'e) kan ittiin hin hojjatamne jechuun irratti murteessuunis dirqama ta'a.
Kana erga barree dhaamsi namni isa Ergamaa Rabbii -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- irraa dabarse hin beekamne, akkasumas haqni isaa fi amanamummaan isaa hin beekamne akkamitti fudhatama? Haala kanaan osoo jiru, osuma wanti šariāa faallessu keessa hin jiraanne iyyuu, inni akka gatamuufi gara isaatti hin ilaalamne ta'uun haqadha; silaa yoo dhaamsichi dhimmoota baay'ee soba ta'uu isaa agarsiisan kan of keessatti hammate, Ergamaa Rabbii -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- irratti kan sobame, fi seera amantii Rabbiin isa hin hayyamne kan of keessatti qabatu yoo ta'e hoo akkamitti?!
Dhugumattis Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:
«مَنْ قَالَ عَلَيَّ مَا لَمْ أَقُلْ؛ فَلْيَتَـبَوَّأْ مَقْعَدَهُ مِنَ النَّارِ».
«Namni waan ani hin jedhin ana irratti jedhe, ibidda keessatti teessoo isaa ha qopheeffatu». Dhugumatti namni dhaamsa kana Ergamaa Rabbii irratti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kijibe waan isaan hin jedhin jedhee jira, soba ifaa fi hamaa isaan irratti sobes jira, doorsisni guddaan kun akka isaaf mala, akkamis haqa isa godhata yoo tawbaatti hin ariifatinii fi dhaamsi kun Ergamaa Rabbii irratti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- soba ta'uu isaa namootaaf yoo hin tamsaasin; Sababni isaas namni dhara namoota gidduutti tamsaasee, gara amantiitti isa hirkise, tawbaan isaa irraa sirrii hin taatu yoo isii labsee ifa godhe malee; hanga namoonni soba isaa irraa deebi'uu isaatii fi ofii isaa sobsiisuu isaa beekanitti; jecha Rabbii ol ta'ee kanaaf jecha:
﴿إِنَّ ٱلَّذِينَ يَكۡتُمُونَ مَآ أَنزَلۡنَا مِنَ ٱلۡبَيِّنَٰتِ وَٱلۡهُدَىٰ مِنۢ بَعۡدِ مَا بَيَّنَّٰهُ لِلنَّاسِ فِي ٱلۡكِتَٰبِ أُوْلَٰٓئِكَ يَلۡعَنُهُمُ ٱللَّهُ وَيَلۡعَنُهُمُ ٱللَّٰعِنُونَ159 إِلَّا ٱلَّذِينَ تَابُواْ وَأَصۡلَحُواْ وَبَيَّنُواْ فَأُوْلَٰٓئِكَ أَتُوبُ عَلَيۡهِمۡ وَأَنَا ٱلتَّوَّابُ ٱلرَّحِيمُ160﴾
{Dhugumatti, isaannan waan Nuti buufne -kan ragaawwan ifa ta’aniifi qajeelfama irraa ta’e erga kitaabicha (keenya) keessatti namootaaf addeessinee booda- dhoksan, warra san Rabbiin isaan abaara; warri abaarus isaan abaaru.
Warra tawbatanii, hojii gaarii hojjatanii, (dhugaa dhoksan san) ifatti mul’isan malee. Warra san tawbaa isaanii isaan irraan qeebala, Ani akkaan tawba-qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha} [Al-Baóarah: 159, 160] Rabbiin -qulqullaa'e ol ta'e- Aayaa kabajamtuu tana keessatti akkana jechuudha ifoomse: namni dhugaa irraa waan tokko dhokse, erga sirreessee fi ifa godheen alatti tawbaan isaa waan sana irraa hin sirrii hin ta'u. Dhugumatti Rabbiin ol ta'e gabroottan isaatiif amantaa guutee jira, ergamuu ergamaa isaa Muḥammadiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- qananii isaan irratti guutee jira, akkasumas shari'aa guutuu irraa waan Rabbiin isaanitti wahyii godheen qananii isaas isaan irratti guutee jira, erga guutee fi ifa godheen boodatti malee gara isaatti isaan hin fuune, akkuma Inni ol ta'e jedhe:
﴿...ٱلۡيَوۡمَ أَكۡمَلۡتُ لَكُمۡ دِينَكُمۡ وَأَتۡمَمۡتُ عَلَيۡكُمۡ نِعۡمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ ٱلۡإِسۡلَٰمَ دِينٗا...﴾
{…Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’īmaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera} [Al-Maa'idah: 3]
Namni dhaamsa kijibaa kana uume jaarraa kudha arfaffaa keessa kan dhufe yoo ta'u, amantii haaraa namoota irratti makuudhaan isaan dogoggorsiisuu barbaada, kan bu'aan isaas nama Šariāa isaa fudhateef jannata seenuu ta'ee, nama Šariāa isaa hin fudhanneef immoo jannata irraa dhorgamuu fi ibidda seenuu ta'e. Akkasumas dhaamsa inni sobaan uume kana Óur'aana irra guddaa fi caalaa taasisuu barbaada, ishee keessatti akkana jechuun soba uume: namni ishee barreessee biyyaa gara biyyaatti, yookiin iddoo irraa gara iddootti erge; Jannata keessatti masaraan isaaf ijaarama, namni ishee hin barreessinii fi hin ergine ammoo Guyyaa Qiyaamaa šafaaāan Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- isa irratti haraama taati, Kunis soba irra fokkataa irraayi, akkasumas ragaalee irra ifa ta'an kan sobummaa dhaamsa kanaa, saalfii dhabuu nama soba kana uumee, fi guddina ija-jabina isaa kan soba irratti qabu agarsiisan irraayi; sababni isaas namni Óur'aana kabajamaa katabee biyya irraa gara biyyaatti, yookiin iddoo irraa gara iddootti erge, yoo Óur'aana kabajamaatti dalaguu baate sadarkaan kun isaaf hin argamu; egaa akkamitti nama soba kana katabeefi biyya irraa gara biyyaatti dabarsuuf argama! Namni Qur'aana hin barreessinii fi biyya tokko irraa gara biyya biraatti isa hin ergin, yoo kan isatti amanuu fi shari'aa isaa hordofu ta'e, shafaa'aa Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa hin dhoorgamu, Sobni tokkichi dhaamsa kana keessa jiru kun, dhara ta'uu isaa, sobduu ta'uu nama isa facaasuu, safuu dhabuu isaa, gowwummaa isaa fi wanta Ergamaan ﷺ qajeelfama irraa ittiin dhufan beekuu irraa fagaachuu isaa agarsiisuuf kophaa isaa ni ga'a.
Dhaamsa kana keessatti - waan dubbatameen alatti - dhimmoota birootu jiru, cufti isaanii cubbuu ta'uu ishii fi sobummaa ishii agarsiisu, odoo namni waan hin jirre uume kun sirrummaa ishiitiif jecha kakuu kuma tokko yookaan isaa ol kakatees, akkasumas odoo inni dhugaa dubbataa of gochuun adabbii gurguddaa fi qixaaxa hamaa of irratti kadhatees; inni dhugaa dubbataa hin ta'u, ishiinis sirrii hin taatu, haa ta'u malee ishiin, Rabbiin kakaan ergasii ammas Rabbiin kakaan, cubbuu gurguddoo fi irra fokkattuu irraayyi, nutis Rabbiin qulqullaa'ee fi malaykoota nu biratti argaman ragaa taasifanna, Muslimoota irraa namni barreeffama kana dubbise —ragaa nuti Gooftaa keenya ol tahe ittiin qunnamnuudha—: dhaamsi kun soba Ergamaa Rabbii irratti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu-, uumameedha, Rabbiin nama isa sobe ha salphisu, waan inni maluunis isatti ha hojjatu.
Waan darbe malees, soba ta'uu dhaamsa kanaatii fi waan bakka hin qabne ta'uu isaa wantoota agarsiisan keessaa: wantoota baay'ee keeyyata isaa kan dubbatame irraa ta'anidha. Isaan keessaa:
Dhimmi tokkoffaan: Jecha isaa kan isii keessatti akkana jedhuudha: (Sababni isaas Jimaata irraa hanga Jimaataatti namni kuma dhibba tokkoo fi kuma jahaatamaa diinii Islaamaatiin ala du'aniiru); Sababni isaas kun beekumsa waan fagoo irraa waan ta'eef jecha, Ergamaa -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- irraas waḥyiin booda du'a isaaniitii citeera, isaan jireenya isaanii keessatti waan fagoo hin beekanu, erga du'anii booda hoo akkamitti?; Jecha Rabbii qulqullaa'eetiif jecha:
﴿قُل لَّآ أَقُولُ لَكُمۡ عِندِي خَزَآئِنُ ٱللَّهِ وَلَآ أَعۡلَمُ ٱلۡغَيۡبَ...﴾
{Jedhi: "Kuusaaleen Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhu; fagoos hin beeku...} [Al-An'āam: 50] Akkasumas jecha Rabbii ol ta'eetif jecha:
﴿قُل لَّا يَعۡلَمُ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ ٱلۡغَيۡبَ إِلَّا ٱللَّهُ...﴾
{Wanti samiileefi dachii keessaa hunduu Rabbiin malee wanta fagoo (ǧaybii) hin beeku}. [An-namli: 65], Ḥadiiśa ṡaḥiiḥa keessatti Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:
«يُذَادُ رِجَالٌ عَنْ حَوْضِي يَوْمَ القِيَامَةِ، فَأَقُولُ: يَا رَبِّ! أَصْحَابِي أَصْحَابِي، فَيُقَالُ لِي: إِنَّكَ لَا تَدْرِي مَا أَحْدَثُوا بَعْدَكَ، فَأَقُولُ كَمَا قَالَ العَبْدُ الصَّالِحُ: ﴿وَكُنتُ عَلَيۡهِمۡ شَهِيدٗا مَّا دُمۡتُ فِيهِمۡۖ فَلَمَّا تَوَفَّيۡتَنِي كُنتَ أَنتَ ٱلرَّقِيبَ عَلَيۡهِمۡۚ وَأَنتَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ شَهِيدٌ﴾ [المائدة: 117]».
«Guyyaa qiyaamaatti namootni gariin ḥawɗii koo irraa ni fageeffamu, anis nan jedha: yaa Rabbi! Ṡaḥaabota koo, Ṡaḥaabota koo, eegasii naan jedhama: dhugumatti ati waan isaan booda keetii haarawa fidan hin beektu, anis akkuma gabrichi gaariin jedhe sanan jedha: ﴾Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol nafuutee booda ati isaan irratti tiksaa taate. Ati waan hunda irratti ragaadha﴿ [Al-Maa'idaa: 117]».
Dhimmi lammaffaan: -dhimmoota sobummaa dhaamsa kanaatii fi kijiba ta'uu isii agarsiisan irraa-: waan inni isii keessatti jedheedha: (namni isii barreesse yoo hiyyeessa ta'e Rabbiin isa duroomsa, yookiin yoo idaa qabaate Rabbiin idaa isaa ni kaffalaaf, yookiin diliin yoo isa irra jiraate barakaa wasiyyaa kanaatiin Rabbiin isaa fi haadhaa abbaa isaatiif ni araaramaaf) hanga dhumaatti. Kun kijiba irra guddaa dha, akkasumas namichi isa uume sobaa ta'uu fi Rabbii fi gabroota isaa irraa saalfii dhabuu isaa irratti irra ifa galaa ragaaleti; sababni isaas dhimmoonni sadan kun Óur'aana Kabajamaa barreessuu qofaan waan hin argamneef jecha, egaa akkamitti nama dhaamsa sobaa kana barreesseef argamu?! Dhugumatti, wanti namichi badaan kun barbaadu namoota dogoggorsuu fi dhaamsa kanatti isaan rarraasuudha; akka isaan isii barreessanii fi tola sobaa kanatti rarra'aniif jecha, akkasumas sababoota Rabbiin gabroota isaatiif karaa godhe, kan duroomuu, idaa kaffaluu fi diliiwwaniif araaramni argamuutti geessan akka dhiisaniif jecha. Sababoota salphinaa, fedhii lubbuu fi šeyṫaanaaf ajajamuu irraa Rabbitti maganfanna.
Dhimmi sadaffaan: -dhimmoota sobummaa dhaamsa kanaa agarsiisan irraa-, jecha isaa kan ishee keessatti akkana jedhudha: (gabroota Rabbii irraa namni ishee hin barreessine; addunyaa fi aaƙiraatti fuulli isaa ni gurraacha'a). Kunis — akkasuma — soba irra fokkisaa fi dhaamsi kun soba ta'uu fi namichi isa uume sobaa ta'uu irratti irra ifa galaa fagaalee keessaa isa tokkoodha. Namni sammuu qabu akkamitti dhaamsa namni hin beekamne tokko jaarraa kudha arfaffaa keessatti fidee dhufe kana barreessuu fudhata? Kan Ergamaa Rabbii, kadhannaa fi nagaan Waaqayyoo isa irratti ha jiraatu, irratti sobaan uumee fi akka namni isa hin barreessine addunyaa fi aakhiraatti fuulli isaa gurraacha'u, namni isa barreesse immoo hiyyummaa booda sooressa akka ta'u, idaan erga irratti tuulamee boodas idaa irraa nagaa akka ba'u, akkasumas cubbuu inni dalage hunda akka araaramamuuf dubbatu!!
Qulqulloofte! Kun kijiba guddaadha!! Dhugumatti, ragaaleenii fi haalli qabatamaa kijibummaa nama kijiba uume kanaa, guddina ija jabina inni Rabbirratti qabuu fi xiqqaachuu saalfii inni Rabbii fi namoota irraa qabu irratti ragaa ba'u. Kunoo ummatootni baay'een ishii hin barreessine, fuulli isaaniis hin gurraachofne. Asittis tuutni baay'een kan Rabbiin malee isaan hin lakkoofne yeroo baay'ee ishii barreessaniiru, garuu liqaan isaanii hin kaffalamne, hiyyummaan isaaniis isaan irraa hin deemne. Kanaafuu, jallina qalbii fi xurii cubbuu irraa Rabbitti maganfanna. Kunniin amaloowwanii fi galatoota shari'aan kabajamaan nama kitaaba irra caalaa fi irra guddaa ta'e, innis Óur'aana kabajamaa, katabeefuu kan hin fidinidha; egaa akkamitti nama dhaamsa kijibaa kan gosoota baaxilaa fi himoota hedduu gosoota kufrii irraa ta'an of keessatti qabate katabeef argama? Ṡubḥaanallaah!! Nama Isa irratti kijiba uumuudhaan ija jabaate irratti obsi Isaa akkam guddaadha.
Dhimmi afraffaan: -dhimmoota dhaamsi kun dhara irra dharaa fi soba ifa bahaa ta'uu isaa agarsiisan keessaa-: jecha inni ishee keessatti akkana jedheedha: (Namni ishee dhugoomse adabbii ibiddaa irraa ni baraarama, namni ishee sobsiise ni kafara), Kuni -ammas-, soba irratti ija jabaachuu irra guddaa fi cubbuu irra fokkataa irraayi, sobduun kuni akka soba inni tolche kana dhugoomsan namoota hunda waama, saniin adabbii ibiddaa irraa akka nagaya bahanii fi namni isii sobsiise immoo akka kafaru ni himata. Wallaahi sobdichi kun Rabbiin irratti kijiba uumuu guddiseera, Wallaahi waan dhugaa hin ta'in jedheera. Dhugumatti, namni ishee dhugoomse, inni kaafira ta'uun kan isaaf maluudha malee nama ishee kijibsiisee miti; sababni isaas isheen kijiba uumamaa, baaxilaa fi soba bakka hin qabneedha. Nutis akka isheen soba taatee fi namni ishee uumes sobaa ta'e akka Rabbiin ragaa taasifna. Inni namootaaf waan Rabbiin itti hin eyyamin seera gochuu fi amantii isaanii keessa waan irraa hin ta'in seensisuu barbaada. Rabbiin immoo kijiba uumamaa kana dura jaarraa kudha afuriin dura ummata kanaaf amantii guutee xumureera. Hubadhaa: Yaa dubbistootaa fi obboleeyyan, adaraa kijiboota akkanaa dhugoomsuu fi isin gidduutti fudhatama akka argatu gochuu irraa of eeggadhaa, dhugaan ifa qaba waan ta'eef nama isa barbaadu irratti wal hin fakkaatu, kanaafuu dhugaa ragaa isaatiin barbaadaa, waan isiniif ifa hin ta'in warra beekumsaa gaafadhaa, kakuu warra sobaniitiinis hin gowwoominaa, Ibliis inni abaaramaan odoo inni irra guddaa warra gananii fi akkaan sobaa warra sobanii ta'ee jiruu, akka inni isaan gorsitoota irraa ta'eetti abbaa fi haadha keessan Aadam fi Hawaadhaaf kakatee ture, akkuma Rabbiin ol ta'e kana isa irraa himuudhaan akkana jedhe:
﴿وَقَاسَمَهُمَآ إِنِّي لَكُمَا لَمِنَ ٱلنَّٰصِحِينَ21﴾
{Dhugumatti, ani isiniif warra toltuu yaadan irraayi" (jechuun) isaan lamaaniif kakate} [Al-Aáraaf: 21]. Kanaafuu isa irraa of eeggannoo godhaa, hordoftoota isaa worra sobdootaa irraas of eeggannoo godhaa, nama gowwoomsuu fi jallisuuf jecha isaa fi isaaniif kakuu sobaa, waadaa gantuu fi jechoota bareechifaman meeqatu jira! Waan kijibaan kun badiin mul'achuu irraa dubbate immoo; inni dhimma qabatamaan argamuudha, Qur'aanni kabajamaan fi Sunnaan qulqulluun isa irraa akeekkachiisa cimaa akeekkachiisaniiru, isaan lamaan keessattis qajeelumaa fi gahaatu jira.
Wanti ulaagaalee qiyaamaa ilaalchisee dubbatame immoo, dhugumatti Ḥadiiśonni Nabiyyii waan mallattoolee qiyaamaa irraa ta'e ifa godhaniiru, Óur'aanni kabajamaanis sana irraa gariitti eereera, namni kana beekuu fedhe kitaabota Sunnaa fi barreeffamoota warra beekumsaa fi iimaanaa irraa iddoo isaatti isa argata, namoonnis ibsa namicha sobaa akka kanaa, dogoggorsuu isaatii fi dhugaa fi soba walitti makuu isaatti haajaa hin qaban. Rabbiin anaafi isin, akkasumas hunda muslimootaa ha tiksu sharrii Šayxaanotaa irraa, fitnaa warra jallisanii, dabinsa warra dabanii, fi fakkeessaa diinota Rabbii warra dhugaa balleessanii irraa, isaan ifa Rabbii afaan isaaniitiin dhaamsuu fi amantii isaanii namoota irratti walxaxuu fedhan, Rabbiin ifa isaa guutaadha, amantii isaas gargaaraadha, diinonni Rabbii šayṫaanotaa fi kaafirootaa fi Rabbi waakkatoo irraa hordoftoonni isaanii odoo jibbanillee. Rabbiin kadhanna akka haala Muslimootaa tolchee, ḥaóa hordofuu fi irratti gadi dhaabbachuu, akkasumas dilii hunda irraa gara Rabbii ol ta'etti towbaa deebi'uun akka isaan irratti tola oolu. Inni dhugumatti towbaa qeebalaa, rahmata godhaa fi waan hunda irratti danda'aadha. Gayaan keenya Allaaha waatolee irkannoon keenya isa tahuun, malaafii dandeettiin Rabbii ol tahe guddaan malee hin jiru.
Galanni hundi kan Rabbii gooftaa aalamaati, Rabbiin raḥmataa fi nageenya gabrichaa fi ergamaa isaa dhugaa dubbataa fi amanamaa ta'an irratti ha buusu, maatii fi saahiboota isaanii, fi warra hanga guyyaa qiyaamaatti toltuudhaan isaan hordofan irrattis haa buusu.
***
om397v4.0 - 16/11/2026