دفن الموتى في المساجد (أورومو)

  • earth Afaanicha
    (أورومو)
  • earth Barreessaa:
    الشيخ عبد العزيز بن عبد الله بن باز
PHPWord

 

 

دَفْنُ المَوتَى فِي المَسَاجِدِ

 

 

Masjiidota keessatti warra du'an awwaaluu

 

 

 

 

لِسَمَاحَةِ الشَّيْخِ العَلَّامَةِ

عَبْدِ العَزِيزِ بْنِ عَبْدِ اللهِ بْنِ بَازٍ

رَحِمَهُ اللهُ

 

Qopheessaan Kabajamoo Šeykh

Ābdul'āziiz bin Ābdallaah bin Baaz

 

 

 

بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ

Ergaa kudha tokkoffaa:

Masjiidota keessatti warra du'an awwaaluu

Maqaa Rabbii guddaatiinin jalqaba. Galanni kan Rabbiiti, Rahmataa fii Nageenyi Ergamaa Rabbii irratti ha jiraatu, akkasumas maatii isaaniitii fi nama qajeeluman isaaniin hordofe irrattis ha jiraatu, itti aansuudhaan:

Dhugumatti gaazexaa “Kharxuum” was gaafa 4/17/1415 H bahe ilaaleera; isa keessattis ibsi Sayyid Muhammad Al-Hasan Al-Idriisii ​​cinaa abbaa isaatti masjiida isaanii kan magaalaa Um Durmaan keessatti awwaalamuu isaa ibsu maxxanfamee argeera... hanga xumuratti.

Gorsa muslimootaaf gochuufi munkara ykn hamtuu balaaleffachuu fi addeessuun waan Rabbiin dirqama taasiseef jecha; Masjiidoota keessatti awwaaluun dhimma hin eeyyamamne ta'uu hubachiisuun arge, inumaayyuu inni karaa shirkiitti nama geessu irraayi, akkasumas inni hojiilee Yahuudootaa fi kiristaanootaa kan Rabbiin isaan irratti balaaleffateefi Ergamaan isaas -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- isaanif jecha isaan abaaran irraayyi, akkuma sahiiha lamaan keessatti Aa'ishaa -Rabbiin isii irraa ha jaallatuu- irraa dhufetti, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- akkaana jedhan:

«لَعَنَ اللَّهُ الْيَهُودَ وَالنَّصَارَى، اتَّخَذُوا قُبُورَ أَنْبِيَائِهِمْ مَسَاجِدَ».

«Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanota irratti ha ta’u, qabrii nabiyyoota isaanii masjiidoota taasifatan», Sahiiha Muslim keessatti, Jundub bin Abdullaah irraa akka odeeffametti, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:

«أَلَا وَإِنَّ مَنْ كَانَ قَبْلَكُمْ كَانُوا يَتَّخِذُونَ قُبُورَ أَنْبِيَائِهِمْ وَصَالِحِيهِمْ مَسَاجِدَ، أَلَا فَلَا تَتَّخِذُوا الْقُبُورَ مَسَاجِدَ؛ فَإِنِّي أَنْهَاكُمْ عَنْ ذَلِكَ».

«Dhagahaa! Dhugumatti warri isiniin dura turan qabrii nabiyyoota isaaniitii fi namoota gaggaarii isaanii masjiidoota taasifachaa turan, dhagahaa! Qabriiwwan masjiidoota hin taasifatinaa; dhugumatti ani san irraa isinan dhorga». Hadiisoonni dhimma kana keessatti hedduudha.

Kanaafuu dirqamni muslimtoota bakka hunda keessatti argaman irratti -mootummootaa fi uummatoota-: Rabbiin sodaachuu, waan inni irraa dhoorge irraa of eeguu fi worra isaan keessaa du'an masjiidootaan alatti isaan awwaaluudha, akkuma Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu-, akkasumas sahaaboonni isaanii -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- worra du'an masgiidootaan alatti awwaalaa turanitti, akkasumas worri toltuun isaan hordofanis.

Qabriin Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- fi waahiloota isaanii lameenii Abuu bakarii fi Umar -Rabbiin jara irraa ha jaallatu- masjiida isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- keessatti argamuun immoo keessatti; kun masjiidoota keessatti worra du'an awwaaluuf ragaa hin ta'u; sababni isaas isaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- mana isaanii keessatti awwaalaman -mana Aa'ishaa -Rabbiin isii irraa ha jaallatu- keessatti awwaalaman-, ergasii waa'iloonni isaanii lameen isaan wajjiin awwaalaman, yeroo Waliid bin Abdul-malik masjiidicha bal'isu dhuma jaarraa tokkoffaa hijraa irratti hujuraa (kutaa sana) masjiidicha keessa seensise, worri beekumsaas dhugumatti kana isa irratti balaaleffataniiru, garuu inni kun masjiidicha bal'isuu irraa waan dhoorgu akka hin taanee fi dhimmi kunis ifaa kan namatti wal hin dhoofne ta'uu arge.

Kanaanis hundi muslima hundaaf ifa ta'a: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi waa'iloonni isaanii lameen -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- masjiida keessatti hin awaalamne, sababa bal'isuutiif isaan masjiida keessa galchuunis masjiida keessatti awwaaluun hayyamamaa ta'uu irratti ragaa hin ta'u; isaan masjiida keessa waan hin jirreef jecha, isaan manuma isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- keessa jiru malee, akkasumas hojiin Waliid dhimma kana keessatti nama tokkoofiyyuu ragaa ta'uu waan hin dandeenyeefi, ragaan Kitaabaa fi Sunnaa, akkasumas waliigaltee salafa ummataa -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- keessa qofa jira, nuus worra toltuun isaan hordofan irraa nu ha taasisu.

Gorsaa fi itti gaafatamummaa bahuuf jecha kun barreeffame: 14/ 5/ 1415 H.

Rabbiin abbaa towfiiqaati. Rabbiin Nabiyyii keenya Muhammad irratti rahmataa fi nageenya ha buusu, akkasumas maatii, sahaaboota isaanitii fi warra kheyrii irratti isaan hordofan irratti Rabbiin rahmataa fi nageenya ha buusu.

 

 

***

 

 

om397v4.0 - 16/11/2026