Qabrii irratti masjiidoota ijaaruu irraa akeekkachiisuu (afaan oromoo)

  • earth Afaanicha
    (afaan oromoo)
  • earth Barreessaa:
    الشيخ عبد العزيز بن عبد الله بن باز
PHPWord

 

 

التَّحْذِيرُ مِنْ بِنَاءِ المَسَاجِدِ

عَلَى القُبُورِ

 

 

Qabrii irratti masjiidoota ijaaruu irraa akeekkachiisuu

 

 

 

لِسَمَاحَةِ الشَّيْخِ العَلَّامَةِ

عَبْدِ العَزِيزِ بْنِ عَبْدِ اللهِ بْنِ بَازٍ

رَحِمَهُ اللهُ

 

Qopheessaan Kabajamoo Šeykh

Ābdul'āziiz bin Ābdallaah bin Baaz

 

 


بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ

Ergaa Kurnaffaa:

Qabrii irratti masjiidoota ijaaruu irraa akeekkachiisuu

Maqaa Rabbiitiin eegala, galanni kan Rabbiiti, Rahmataa fi Nageenyi Ergamaa Rabbii irratti ha jiraatu.

Itti aansuudhaan: Dhugumatti wanta maxxansa sadaffaa barruulee Raabixaa Beekumsa Islaamaa keessatti, kutaa (Oduu Muslimootaa Ji'a Tokkoo) jalatti maxxanfame argeera: Innis, Raabixaan Beekumsa Islaamaa Mootummaa Urdun Haashimiyyaa keessatti, godaa (Al-kahfi) dhiyeenya kana ganda Arruhayb keessatti argame irratti masjiida ijaaruuf yaada akka qabuudha. Innis godaa (Al-kahfi) akkas jedhamu saniidha: Ahlul-Kahfi (warri Al-kahfi) kanneen Qur'aana Kabajamaa keessatti dubbataman isa keessa rafaniiru, jechuun xumurame.

Rabbii fi gabroota Isaatiif gaarii yaaduun dirqama ta'uu ilaaluudhaan; Baruma sana keessatti Dhaabbata Beekumsa Islaamaa kan Mootummaa Urdun Haashimiyyaa keessa jiruuf jecha tokko dabarsuun arge; qabiyyeen isaas: Dhaabbaticha masjida holqa eerame san irratti ijaaruuf waan niyyate raawwachuu irraa gorsuudha; kunis waan biraatiif osoo hin taane, qabrii nabiyyootaa fi namoota gaggaarii, akkasumas aasaara isaanii irratti masjiidoota ijaaruun waan shari'aan Islaamaa guutuun irraa dhorgu, akeekkachiisuu fi nama isa hojjate abaaruun waan ittiin dhufe irraa waan ta'eefi; sababni isaas sun karaawwan gara shirkiitti nama geessan, akkasumas nabiyyootaa fi namoota gaggaarii keessatti daangaa darbuu irraa waan ta’eef jecha. Haalli qabatamaan dhugumaa wanta shari'aan ittiin dhufee ragaa baha, akka inni Rabbii ol ta'e biraa ta'es ragaadha, akkasumas dhugummaa Rasuula Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- wanta isaan Rabbi biraa ittiin dhufanii fi ummataaf geessan keessatti ragaa ifaa fi akeektuu murteessaadha. Namni haala addunyaa Islaamaa fi waan sababaa qabriiwwan irratti masjiidota ijaaruu, isaan kabajuu, isaan afuu fi bareechuu, akkasumas eegdota isaaf godhachuutiin shirkii fi daangaa darbuu irraa waan isa keessatti argame hunda namni xiinxale, dhugumatti inni karaawwan gara shirkiitti nama geessan irraa akka ta'ee fi isa irraa dhoorguu fi isa ijaaruu irraa akeekkachiisuun bareedina shari'aa Islaamaa irraa ta'uu isaa ni beeka.

Waan dhimma kana keessatti dhufe irraa wanti Sheykhoonni lamaan Bukhaarii fi Muslim -Rabbiin rahmata isaaniif ha godhu- gabaasani, Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa ha jaallatu- ni jette: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhan:

«لَعَنَ اللَّهُ الْيَهُودَ وَالنَّصَارَى، اتَّخَذُوا قُبُورَ أَنْبِيَائِهِمْ مَسَاجِدَ، قالَتْ عَائِشَةُ: يُحَذِّرُ مَا صَنَعُوا، قالَتْ: وَلَوْلَا ذَلِكَ لَأُبْرِزَ قَبْرُهُ، غَيْرَ أَنَّهُ خُشِيَ أَنْ يُتَّخَذَ مَسْجِدًا».

«Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanoota irratti ha ta’u, qabrii nabiyyoota isaanii masjiida taasifatan», Aa'ishaan akkana jette: "dalagaa isaanii irraa akeekachiisa kennu" ni jette: "Osoo kun ta'uu baatee silaa qabriin isaanii ifatti mul'ifama ture, garuu akka inni masjiida taasifamu sodaatameeti». Sahiihoota lamaan keessattis: “Ummu Salaamah fi Ummu Habiibaan -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- Ergamaa Rabbiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- bataskaana biyya Habashaa keessatti argan dubbatan, suuraa adda addaa irraa waan ishee keessa jirus itti himan. Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:

«أُولَئِكَ إِذَا مَاتَ فِيهِمُ الرَّجُلُ الصَّالِحُ؛ بَنَوْا عَلَى قَبْرِهِ مَسْجِدًا، وَصَوَّرُوا فِيهِ تِلْكَ الصُّوَرَ، أُولَئِكَ شِرَارُ الْخَلْقِ عِنْدَ اللَّهِ».

«Isaan sun yeroo namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayani, warri sun Rabbiin biratti irra badduu uumamaati».

Sahiiha Muslim keessatti, Jundub ibnu Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa ha jaallatu- akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- du’a isaanii dura guyyaa shaniin kan akkas jedhuun dhaga’e:

«إِنِّي أَبْرَأُ إِلَى اللَّهِ أَنْ يَكُونَ لِي مِنْكُمْ خَلِيلٌ، فَإِنَّ اللَّهَ قَدِ اتَّخَذَنِي خَلِيلًا، كَمَا اتَّخَذَ إِبْرَاهِيمَ خَلِيلًا، وَلَوْ كُنْتُ مُتَّخِذًا مِنْ أُمَّتِي خَلِيلًا، لَاتَّخَذْتُ أَبَا بَكْرٍ خَلِيلًا، أَلَا وَإِنَّ مَنْ كَانَ قَبْلَكُمْ كَانُوا يَتَّخِذُونَ قُبُورَ أَنْبِيَائِهِمْ وَصَالِحِيهِمْ مَسَاجِدَ، أَلَا فَلَا تَتَّخِذُوا الْقُبُورَ مَسَاجِدَ، فَإِنِّي أَنْهَاكُمْ عَنْ ذَلِكَ».

«Ani gara Rabbiittan of qulqulleessa isin irraa jaalalleen anaaf ta'uu irraa, dhugumatti Rabbiin jaalallee na taasifatee jira, akkuma Ibraahiimiin jaalallee taasifatetti, osoon kan ummata koo irraa jaalallee taasifadhu ta'ee silaa Abuu Bakiriinan jaalallee taasifadha, dhagahaa! worroonni isiniin dura turan qabrii nabiyyootaa fi gaggaaroota isaanii masjiidota taasifataa turan, dhagahaa! qabriiwwan masjiidota hin taasifatinaa, dhugumatti ani sana irraan isin dhoorga». Hadiisoonni dhimma kana keessatti dhufan hedduudha.

Dhugumatti imaamoonni hayyoota muslimootaa mazaahiboota afran hundaa fi isaanin alaa irraa ta'an, qabrii irratti masjiidoota taasifachuu irraa dhoorguu irratti ibsanii jiru, kana irraas akeekkachiisanii jiru; sunnaa Rasuulaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- ittiin hojjachuuf jecha, ummataaf gorsa taasisuu fi daangaa darbitoota yahuudotaa, kiristaanootaa fi jallatoota ummata kanaa irraa fakkaatoota isaanii irraa waan warri isaan dura darban isa keessatti argaman irraa ummata kana akeekkachiisuuf jecha.

Kanaafuu, Waldaa Beekumsa Islaamaa kan Urduniitiifi Muslimoota biroo irrattis dirqamni jiru: Sunnaa qabachuu, qajeelfama imaamoota hordofuu fi wanta Rabbiifi Ergamaan isaa irraa akeekkachiisan irraa fagaachuudha; sababni isaas tolinni gabrootaa, gammachuun isaanii fi addunyaa fi aakhiraatti nagaya bahuun isaanii kanuma keessa jira waan ta'eef jecha. Dhugumatti, namoonni gariin dhimma kana keessatti jecha Isaa (Guddatee Ol ta'ee) kan seenaa warra holqaa keessatti dubbatame ragaa godhataniiru:

﴿...قَالَ ٱلَّذِينَ غَلَبُواْ عَلَىٰٓ أَمۡرِهِمۡ لَنَتَّخِذَنَّ عَلَيۡهِم مَّسۡجِدٗا﴾

{...Warri dhimma isaanii irratti injifatan immoo ni jedhan “Nuti dhugumatti, masjida isaan irratti godhanna}. [Al-Kahf: 21].

Deebiin kanaa: akkana jedhamuudha: Dhugumatti, Rabbiin -qulqullaa'ee ol ta'e- dura bu'ootaa fi warra yeroo san keessa angoo qaban ilaalchisee akka isaan dubbii kana jedhan himeera, kunis karaa isaan irraa jaallachuu fi isaaniif raggaasisuutiin miti, garuu inni karaa isaan ceepheessuu, balaaleffachuu fi gocha isaanii irraa fageessuutiini. Kana irratti ragaan: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kan aayaan tun isaan irratti buute, kan hiika isiitti irra beekaa namootaa ta'an; qabrii irratti masjiidoota taasifachuu irraa ummata isaanii dhoorgan, san irraas isaan sodaachisan, nama san hojjates ni abaaran, akkasumas ni balaaleffatan.

Osoo sun eeyyamamaa ta'ee, silaa Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- kana keessatti jabeessuu guddaa kana hin jabeessani ture, hanga nama isa hojjate abaaranittis akkaan hin jabeessani ture, akkasumas inni Rabbii guddatee ol ta'e biratti irra badaa uumamaa keessaa akka ta'e hin himani ture, kunis nama haqa barbaaduuf gahaa fi quubsaadha. Odoo masgiidota qabrii irratti gochuun warra nu dura turaniif eeyyamamaa ta'eeyyuu; dhimma kana keessatti fakkeenya isaan godhachuun nuuf hin eeyyamamu; sababnis shari'aan teenya shari'aalee isa dura turan haqaa waan ta'eef jecha, ergamaan keenyas -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- xumura ergamootaa, shari'aan isaaniis guutuu fi waliigalaa waan ta'eef jecha, dhugumatti masgiidoota qabrii irratti gochuu irraa nu dhoorganii jiru; kanaafuu isaan faallessuun nuuf hin eeyyamamu, isaan hordofuu fi waan isaan ittiin dhufanitti cichuun, akkasumas shari'aalee durii fi aadaawwan warra isaan raawwatan biratti bareedoo ta'an irraa waan kana faallessu dhiisuun dirqama nurratti ta'a; sababnis shari'aa Rabbii caalaa kan guutuu ta'e hin jiru, qajeelfama ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- caalaas qajeelfamni irra gaariin hin jiru waan ta'eef jecha.

Rabbi qofatu, nuufi Muslimoota hunda amantii isaa irratti gadi dhaabbachuu, shari'aa ergamaa isaa Muhammad, rahmannii fi nageenyi irratti ha jiraatu, cimsanii qabachuu akka nu waffaqu ykn milkeessu kadhatama; jechaa fi gocha keessatti, waan mul'atuu fi dhokatuu fi dhimmoota hunda keessatti hanga Rabbii guddaa ol ta'een, wol geenyutti. Inni dhugumatti dhaga'aa, dhihaataadha.

Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa Muhammad irrattii fi firoota fi sahaaboota isaanii irratti, akkasumas warra hanga guyyaa galataatti qajeelfama isaanii hordofan irratti rahmataa fi nageenya ha buusu.

 

 

***

 

om397v4.0 - 16/11/2026