murtii falfalaa, raagaa fi waan isaan kanaan wal qabatu (afaan oromoo)

murtii falfalaa, raagaa fi waan isaan kanaan wal qabatu

  • earth Afaanicha
    (afaan oromoo)
  • earth Barreessaa:
    الشيخ عبد العزيز بن عبد الله بن باز
PHPWord

 

 

حُكْمُ السِّحْرِ وَالكِهَانَةِ

وَمَا يَتَعَلَّقُ بِهَا

 

 

murtii falfalaa, raagaa fi waan isaan kanaan wal qabatu

 

 

 

 

لِسَمَاحَةِ الشَّيْخِ العَلَّامَةِ

عَبْدِ العَزِيزِ بْنِ عَبْدِ اللهِ بْنِ بَازٍ

رَحِمَهُ اللهُ

 

Qopheessaan Kabajamoo Šeykh

Ābdul'āziiz bin Ābdallaah bin Baaz

 


بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ

Ergaa sagalaffaa:

murtii falfalaa, raagaa fi waan isaan kanaan wal qabatu1

Faaruun kan Rabbii tokkichaati; rahmannii fi nageenyi Nabiyyii xumuraa irra ha jiraatu, itti aansuudhaan:

Warra ogumma fayyaa himatan, kan karaa falfalaatiin yookaan raagaatiin yaalan yeroo boodaa kana keessatti baa'achuu warra falfala dalaganiitii fi biyya garii keessatti babal'achuu isaanii ilaaluudhaan, akkasumas hanqina hubannaa dhabuu namoota wallaalummaan isaan injifatetti fayyadamaa jiraachuu isaanii ilaaluudhaan, Rabbii fi gabroota isaatif gaarii yaaduuf jechan, islaamummaa fi muslimoota ilaalchisee balaa guddaa waan sana keessa jiru ibsuu yaade; Waan Rabbii ol ta'e malee jirutti rarra'uu fi ajaja isaa fi ajaja ergamaa isaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- faallessuun waan isa keessa jiruuf jecha.

Rabbii ol ta'een gargaarsifadhdhee nin jedha: walii galaan yaalamuun ni danda'ama, muslimaaf gara ogeessa fayyaa dhukuba kessaa ykn qalani yaaluu ykn dhukkuba hiddaa yookaan kan kana fakkaatuu deemuun ni danda'ama; Sababni isaas akka dhukkuba isaa adda isaa baasee, qoricha shari'aan eeyyamame irraa waan maluun akka isa yaaluuf jecha, akkaataa beekumsa fayyaa beekamutti; Kun sababoota baraman fudhachuu irraa waan ta'eef jecha, Rabbirratti hirkachuus hin faallessu, Rabbiin ol ta'e, namni isa beeke beekeera, namni isa wallaales wallaaleera, Garuu Rabbiin fayyaa gabroota isaa waan isaani irratti haraama taasise keessatti hin goone.

Dhukkubsataaf gara warra raagdotaa kan beekumsa waan fagoo himatanitti deemuun hin hayyamamu; Akka dhukkuba isaa karaa isaanitiin beekuuf jecha, akkuma waan isaan isatti himan dhugoomsuun isaaf hin hayyamamnetti, isaan shakkiidhaan dubbatan waan ta'eef jecha, yookaan waan barbaadan irratti jinnootaan gargaarsifatan waan ta'eef jecha, warra kana murtiin isaanii kufrii fi jallina, yoo kan beekumsa waan fagoo himatan ta'an.

Muslim Sahiiha isaa keessatti akka odeessetti, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:

«مَنْ أَتَى عَرَّافًا فَسَأَلَهُ عَنْ شَيْءٍ، لَمْ تُقْبَلْ لَهُ صَلَاةٌ أَرْبَعِينَ يَوْمًا».

«Namni waa himaa bira dhufee waan tokko irraa isa gaafate, sagadni guyyaa afurtamaa isaaf hin qeebalamu».

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ni jedhani:

«مَنْ أَتَى كَاهِنًا فَصَدَّقَهُ بِمَا يَقُولُ، فَقَدْ كَفَرَ بِمَا أُنْزِلَ عَلَى مُحَمَّدٍ ﷺ».

«Namni raagdutti dhaqee waan inni jedhu dhugoomse, dhugumatti inni waan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti bu'etti kafareera». Abuu Dawuud fi warra sunana afraniitu gabaase, Haakim immoo kan sahiiha jedheen yoo ta'u, Nabiyyii irraas -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- jecha kanaan gabaafame:

«مَنْ أَتَى عَرَّافًا أَوْ كَاهِنًا فَصَدَّقَهُ بِمَا يَقُولُ، فَقَدْ كَفَرَ بِمَا أُنْزِلَ عَلَى مُحَمَّدٍ ﷺ».

«Namni waa himtuu ykn (Raaduu) ykn kaahina bira dhufee waan inni jedhu dhugeesse, dhugaan inni waan Muhammad irratti buufametti kafare, nagaa fi rahamanni irrattin ha jiraatu».

Imraan ibnu Husayn irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«لَيْسَ مِنَّا مَنْ تَطَيَّرَ أَوْ تُطُيِّرَ لَهُ، أَوْ تَكَهَّنَ أَوْ تُكُهِّنَ لَهُ، أَوْ سَحَرَ أَوْ سُحِرَ لَهُ، وَمَنْ أَتَى كَاهِنًا فَصَدَّقَهُ بِمَا يَقُولُ، فَقَدْ كَفَرَ بِمَا أُنْزِلَ عَلَى مُحَمَّدٍ ﷺ».

«Namni milkii ilaallate yookaan ilaalchifate, yookaan raage yookaan raagameef, yookaan falfale yookaan falfalameef nurraayyii miti, namni raagaa bira dhaqee waan inni jedhu isa dhugeesse dhugaatti waan Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti bu'etti kafareera», Bazzaartu sanada gaariin gabaase.

Hadiisota kabajamoo kana keessa: warra waan fagoo himan, raagdota, falfaltoota fi warra akka isaanii bira dhaqanii, isaan gaafatanii, isaan dhugeessuu irraa dhoorguutu jira, akkasumas sana irratti doorsisuunis isaan keessa ni jira.

Kanaafuu waan garii keessatti dhugaa dubbachuu isaanitiin gowwoomuun hin danda'amu, akkasumas baay'ina nama gara isaanii dhufuunis; Isaan wallaalaa waan ta'aniif namoonni isaanin gowwoomuu hin qabani; Sababni isaas Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- isaan bra deemanii, isaan gaafachuudhaan isaan dhugeessuu irraa dhoorganiiru waan ta'eef jecha; Badiin guddaan, balaan hamaa fi booddeen hamtuun waan sana keessa jiruuf jecha, akkasumas isaan kijibdoota jallataa waan ta'aniif jecha.

akkuma hadisota kana keessa: kafaruu raagaa fi falfalaa irratti ragaan jirutti; Sababni isaas isaan beekumsa waan fagoo waan himataniif jecha, kuni immoo kufriidha, akkasumas isaan waan barbaadanitti jinnii fayyadamuu fi Rabbii gaditti isaan gabbaruudhaan maleetti waan hin geenyef jecha, kuni immoo Rabbii ol ta'etti kafaruu fi waan biroo itti qindeessuudha, namni beekumsa waan fagoo himachuu isaanii keessatti isaan dhugoomse akkuma isaaniti ta'a. Nama wantoota kanneen nama isaan hojjatu irraa fudhate hunda, dhugumatti ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- isa irraa qulqullaa'aniiru,

Akkuma muslimaaf hin danda'amnetti: waan isaan yaala jedhaniif bitamuun; Xalaasima fayyadamuun yookaan rasaasa dhangalaasuun kan akka falfala gochuu isaanii, akkasumas wantoota bakka hin qabne kan isaan hojjatan irraa waan sana fakkaatuun, inni kun raagaa fi namootatti wal fakkeessuu irraayi. Namni sana jeellate cubbuu fi kufrii isaanii irratti dhugumatti isaan gargaareera.

akkuma muslimoota irraa nama kamuufuu isaan bira dhaquun hin hayyamamnetti; nama fuulduratti ilmi isaa yookaan firri isaa fuuchuuf taa'u irraa isaan gaafachuuf jecha, yookaan jaalalaa fi beellama guutuu irraa, yookaan diinummaa, wal dhabdee fi kan kana fakkaatan irraa isaan gaafachuuf jecha; Inni kuni waan fagoo kan Rabbii ol ta'e malee namni tokkolleen isa hin beekne irraa waan ta'eef jecha.

Warra aangoo qaban, qondaaltotaa fi warra dandeettii fi taaytaa qaban kan biroo irra dirqamni jiru: warra raagdotaa, warra beekumsa waan fagoo himatanii fi kanneen biroo bira dhaquu irraa nama dhoorguudha, akkaammas warra waan akkanaa gabayaa keessattis ta'ee bakkoota keessatti dalagan dhoorguu fi akkaan irratti mormuudha, akkasumas nama gara warra kanaa dhufus dhoorguudha.

Akkasuma falfallis: Innis wantoota haraamaa kufrii irraayi, akkuma Rabbii guddaan dhimma malaa'ikoota lamaanii ilaalchisee akkana jadhe:

﴿...وَمَا يُعَلِّمَانِ مِنۡ أَحَدٍ حَتَّىٰ يَقُولَآ إِنَّمَا نَحۡنُ فِتۡنَةٞ فَلَا تَكۡفُرۡۖ فَيَتَعَلَّمُونَ مِنۡهُمَا مَا يُفَرِّقُونَ بِهِۦ بَيۡنَ ٱلۡمَرۡءِ وَزَوۡجِهِۦۚ وَمَا هُم بِضَآرِّينَ بِهِۦ مِنۡ أَحَدٍ إِلَّا بِإِذۡنِ ٱللَّهِۚ وَيَتَعَلَّمُونَ مَا يَضُرُّهُمۡ وَلَا يَنفَعُهُمۡۚ وَلَقَدۡ عَلِمُواْ لَمَنِ ٱشۡتَرَىٰهُ مَا لَهُۥ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ مِنۡ خَلَٰقٖۚ وَلَبِئۡسَ مَا شَرَوۡاْ بِهِۦٓ أَنفُسَهُمۡۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ﴾

{...Isaan (malaa’ikoonni) lamaan nama tokkos odoo "Nuti mokkoroof dhufnee hin kafarin" hin jedhin (sihrii) hin barsiisan. (Namoonnis malaa’ikoota) lamaan irraa waan ittiin dhirsaafi niitii addaan baasan baratu. Isaan sun nama tokko hayyama Rabbiitin ala kan isaan miidhan hin taane. Waan isaan miidhuu malee isaan hin fayyadne baratan. Dhugumatti, isaan (yahuudonni) akka warri isa (sihrii) bitate Aakhiraatti qooda homaa hin qabaanne sirritti beekaniiru. wanti isaan lubbuulee isaanii itti gurguran waa fokkate! Odoo kan beekan ta’anii}. [Al-Baqarah: 102].

Aayatoonni kabajamoon kunniin falfalli kufrii ta'uu falfaltoonni akka dhirsaa fi niitii adda baasan agarsiisan, akkuma falfalli ofuma isaatiin fayyaduunis ta'ee miidhuudhaan dhiibbaa fiduu akka hin dandeenye akka agarsiisanitti, inni kan dhiibbaa fiduu danda'u fedha Rabbii kan qadaraatiini; Sababni isaas Rabbiin ol ta'e isumaatu kherii fi hamtuu uumama waan ta'eef jecha.

Akkasumas aayaanni kabajamtuun tun: warri falfala baratan waan isaan fayyaduu osoo hin taane, waan isaan miidhu baratanii fi isaan qooda tokkollee akka Rabbiin biraa hin qabne agarsiifte, kuni immoo doorsisa guddaa kasaaraan isaanii duuniyaa fi aakhiraatti cimaa ta'uu agarsiisuudha, akkasumas isaan lubbuulee isaanii gatii akkaan gadi bu'aa ta'etti kan gurguran ta'uu agarsiisa, kanaaf jecha Rabbiin ol ta'e akkana jechuudhaan sana irratti isaan arrabse:

﴿...وَلَبِئۡسَ مَا شَرَوۡاْ بِهِۦٓ أَنفُسَهُمۡۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ﴾

{...Wanti isaan lubbuulee isaanii itti gurguran waa fokkate! Odoo kan beekan ta’anii}. [Al-Baqarah: 102], Bituun asitti hiika gurgurtaati qaba.

Dhugumaan miidhdhaan guddateera, balaanis warra dhara uuman kanneen beekumsa kana mushrikoota irraa dhaalanii, namoota sammuun dadhaboo ta'an ittiin dogoggorsan irratti cimee jira. Dhugumatti nuti kan Allaah ti, nuti gara isaattis deebi'oodha, Allaah nuuf gahaadha, inni immoo itti hirkachutti waa tolee.

Rabbi kadhanna akka sharrii falfaltootaa, raagdotaa fi warra falfala dalagan hunda irraa akka nagaa nu taasisu, akkasumas muslimoota akka sharrii isaanii irraa isaan tiksuus Rabbii ol ta'e ni kadhanna, akkasumas falfaltoota irraa baqachuu fi seera Rabbii isaan keessatti raawwachuu akka hooggantoota muslimootaa milkeessu Rabbiin kadhanna; Miidhaa fi gochoota isaanii badoo irraa gabroonni boqotaniif jecha.. Inni arjaa kennaadha.

Rabbiin ol ta'e dhugumatti gabroota isaatif karaa godheera: osoo hin mudanne waan ittiin falfala irraa of eegan, akkasumas erga mudates waan ittiin of yaalan; rahmata isaanif godhuuf jecha, akkasumas tola isaanitti ooluuf jecha, qananii kanas isaan isaan guutuuf jecha.

Armaan gaditti wantoota osoo hin argamne ittiin balaa falfalaa irraa ofiin eeganii fi erga argamanii booda wantoota ittiin of yaalan ibsuutu jira, isaanis wantoota shari'aadhaan hayyamaman irraayi, ibsuun isaanitiis akka armaan gadii kanatti ta'a:

Tokkoffaan: wantoota odoo inni hin argamin falfala irraa ofiin eegani, irra barbaachisaa fi irra fayyadaan isaa immoo: zikriiwwan shari'aatiin, du'aaiiwwanii tiksitoota gabaafamaniin of eeguudha. Sana keessaa: eega salaamtaa baafataniin boodattti duuba sagada dirqamaa hundatti aayatul kursii -inni irra guddaa aayatoota Qur'aana kabajamaati- qara'uudha, innis jecha Rabbii ol ta'eeti:

﴿ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡحَيُّ ٱلۡقَيُّومُۚ لَا تَأۡخُذُهُۥ سِنَةٞ وَلَا نَوۡمٞۚ لَّهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۗ مَن ذَا ٱلَّذِي يَشۡفَعُ عِندَهُۥٓ إِلَّا بِإِذۡنِهِۦۚ يَعۡلَمُ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُمۡۖ وَلَا يُحِيطُونَ بِشَيۡءٖ مِّنۡ عِلۡمِهِۦٓ إِلَّا بِمَا شَآءَۚ وَسِعَ كُرۡسِيُّهُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَۖ وَلَا يَـُٔودُهُۥ حِفۡظُهُمَاۚ وَهُوَ ٱلۡعَلِيُّ ٱلۡعَظِيمُ255﴾

{Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha guttataadha. Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabu. Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati. Inni hayyama Isaatiin malee Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka. Beekumsa Isaa irraa waan Inni fedhetti malee hin marsanu. Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateera. Isaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu, Inni ol ta’aa, guddaadha}. [Al-Baqarah: 255], Akkasumas Ishee qara'uunis: yeroo bakka hirriibatti, dhugumatti ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- karaa sirrii ta'een akka gabaafametti akkana jedhan:

«مَنْ قَرَأَ آيَةَ الْكُرْسِيِّ فِي لَيْلَةٍ، لَمْ يَزَلْ عَلَيْهِ مِنَ اللَّهِ حَافِظٌ، وَلَا يَقْرَبُهُ شَيْطَانٌ حَتَّى يُصْبِحَ».

«Namni halkan tokko keessatti aayatal kursii qara'e Rabbiin irraa tiksaan isa irratti ta'uu irraa hin deemu, hanga bariisifatuttis sheyxaanni isatti hin dhihaatu».

Sana keessaa qara'uudha:

﴿قُلۡ هُوَ ٱللَّهُ أَحَدٌ1﴾

{Óul Huwallaahu Aḥad}،

﴿قُلۡ أَعُوذُ بِرَبِّ ٱلۡفَلَقِ1﴾

{Qul A'ūuzu bi Rabbil Falaó}،

﴿قُلۡ أَعُوذُ بِرَبِّ ٱلنَّاسِ1﴾

{Qul A'ūuzu bi Rabbinnaas}، [An-naas:1], booda sagada dirqamaa hundatti, akkasumas suuraalee sadeen kanneen jalqaba guyyaa keessatti sagada fajrii boodattii fi jalqaba halkanii keessatti sagada maghriibaa boodatti qara'uudha.

Sana keessaas: jalqaba halkanii irratti aayaa lameen xumura suuraa baqaraa irra jiran qara'uudha, isaanis jecha Rabbii ol ta'eeti:

﴿ءَامَنَ ٱلرَّسُولُ بِمَآ أُنزِلَ إِلَيۡهِ مِن رَّبِّهِۦ وَٱلۡمُؤۡمِنُونَۚ كُلٌّ ءَامَنَ بِٱللَّهِ وَمَلَٰٓئِكَتِهِۦ وَكُتُبِهِۦ وَرُسُلِهِۦ لَا نُفَرِّقُ بَيۡنَ أَحَدٖ مِّن رُّسُلِهِۦۚ وَقَالُواْ سَمِعۡنَا وَأَطَعۡنَاۖ غُفۡرَانَكَ رَبَّنَا وَإِلَيۡكَ ٱلۡمَصِيرُ285﴾

{Ergamaan (kiyya) waan Gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti amaneera; mu’uminoonnis. Hundumtuu Rabbitti, malaa’ikota Isaa, kitaabota Isaafi ergamtoota Isaatti amananiiru. "Nuti ergamtoota Isaa irraa jidduu tokkoos adda hin baafnu" (jedhan). "Nuti dhageenye; ajajamnes. Gooftaa keenya! Araarama kee (barbaanna). Deebiinis garuma keeti" jedhan}. hanga xumura suuraatti.

Karaa sirrii ta'een Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa akka gabaafametti akkana jedhan:

«مَنْ قَرَأَ الآيَتَيْنِ مِنْ آخِرِ سُورَةِ البَقَرَةِ فِي لَيْلَةٍ كَفَتَاهُ».

«Namni halkan tokko keessatti dhuma suuraa baqarah irraa aayaa lameen qara'e isiin isaaf ni ga'an». hiikni isaas -Rabbiin hunda caalaa beekaadha-: hamtuu hunda irraa ni ga'aniif jechuudha. Sana keessaas jalqaba halkaniitii fi jalqaba guyyaa keessatti jechoota Rabbii kan guutuu ta'aniinin hamtuu waan inni uumee irraa tikfama jechuu baay'isuudha, akkasumas yeroo bakka kamuu qubatan keessatti, ijaarsa yookaan barahaa, qilleensa yookaan galaana keessatti; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- waan akkana jedhaniif jecha:

«مَن نَزَلَ مَنْزِلًا فَقالَ: أَعُوذُ بِكَلِمَاتِ اللهِ التَّامَّاتِ مِن شَرِّ ما خَلَقَ، لَمْ يَضُرَّهُ شَيءٌ حتَّى يَرْتَحِلَ مِن مَنْزِلِهِ ذَلِكَ».

«Namni bakka tokko qubatee, A'ūużu bikalimaatillaahi at-taammaati Min sharri Maa Khalaq jadhe, qubsuma isaa sana irraa hanga imalutti homaa isa hin miidhu».

Sana keessaas: namani muslimaa tokko jalqab guyyaa fi halkanii keessatti yeroo sadii akkana jechuudha:

«بِسْمِ اللهِ الَّذِي لَا يَضُرُّ مَعَ اسْمِهِ شَيءٌ فِي الأَرْضِ وَلَا فِي السَّمَاءِ، وَهُوَ السَّمِيعُ العَلِيمُ».

«Maqaa Rabbii maqaa isaatiin waliin homaa samii fi dachii keessatti nama hin miinenin tikfama. Inni dhaga'aa beekaadha».

Sana irratti kakaasuun karaa sirrii ta'een Ergamaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa waan gabaafameef jecha, akkasumas inni hamtuu hunda irraa nagaa ta'uuf sababaa akka ta'us.

Lammaffaan: waan falfalli eega argamee booda ittiin yaalamu, kunis ammas wantoota hedduun taha:

Inni jalqabaa: Rabbitti kadhaani cuucumma'uu heddummeessuu fi akka miidhaa kaasu fi rakkoo oofu isa kadhachuudha.

Lammaffaan: Dachii yookaan gaara yookaan waan biroo keessatti ta'us iddoo falfalli jiru beekuudha, yeroo beekamee, baafamee, balleeffame falfalli ni bada, kuni irra bu'a qabeessa yaala falfalaati.

Sadaffaan: Ruqaa azkaaraa fi awraadoota shari'āatiin godhuudha, isheenis baay'eedha; sana keessaa:

Waan jecha Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kana keessatti mirkanaa'eedha:

«اللَّهُمَّ رَبَّ النَّاسِ، أَذْهِبِ الْبَأْسَ، وَاشْفِ أَنْتَ الشَّافِي، لَا شِفَاءَ إِلَّا شِفَاؤُكَ، شِفَاءً لَا يُغَادِرُ سَقَمًا».

«Yaa Gooftaa ilma namaa! dhibee deemsisi, Ati fayyisaadhaa fayyisi, fayyaa kee malee fayyaan biraa hin jiru, fayyisiinsa dhukkuba hin dhiifne fayyisi» Yeroo sadii isa jedha,

Sana keessaas: Ruqaa Jibriil Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ittiin yaaleedha, innis jecha isaa kana:

«بِسْمِ اللَّهِ أَرْقِيكَ، مِنْ كُلِّ شَيْءٍ يُؤْذِيكَ، وَمِنْ شَرِّ كُلِّ نَفْسٍ أَوْ عَيْنِ حَاسِدٍ، اللَّهُ يَشْفِيكَ، بِسْمِ اللَّهِ أَرْقِيكَ».

«Maqaa Rabbitiin waan si rakkisu hunda irraa si yaala, akkasumas hamtuu lubbuu hundaa irraas, yookaan ija waanyoo irraas, Rabbiin si fayyisa, maqaa Rabbiitiin si yaala» Kana yeroo sadii irra deddeebi'a.

Sana keessaas - kuni namicha wal qunnamtii saalaa dadhabeef baay'ee fayyadaadha-: Sidrii magariisa irraa baala torba fuudhee, dhugaadhaan yookaan waan biraatiin isa bulleessee, eegasii meeshaa bishaanii keessatti isa godhee, bishaan waan dhiqannaaf isaaf ga'u itti naqa, eegasii kana irratti qara'a:

Aayatul kursii, fi

﴿قُلۡ يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡكَٰفِرُونَ1﴾

{Qul yaa ayyuhal kaafiruun} [Al-Kaafiruun: 1], fi

﴿قُلۡ هُوَ ٱللَّهُ أَحَدٌ1﴾

{Qul Huwallaahu Aḥad} [Al-Ikhlaaṡ: 1], fi

﴿قُلۡ أَعُوذُ بِرَبِّ ٱلۡفَلَقِ1﴾

{Óul A'ūużu bi Rabbil falaó} [Al-Falaq: 1], fi

﴿قُلۡ أَعُوذُ بِرَبِّ ٱلنَّاسِ1﴾

{Qul A'ūużu bi Rabbinnaas} [An-naas:1],

Akkasumas Aayatoonni falfalaa kan suuraa Aáraaf keessa jiran qara'uudha, isaanis jecha Rabbii ol ta'eeti:

﴿وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنۡ أَلۡقِ عَصَاكَۖ فَإِذَا هِيَ تَلۡقَفُ مَا يَأۡفِكُونَ117 فَوَقَعَ ٱلۡحَقُّ وَبَطَلَ مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ118 فَغُلِبُواْ هُنَالِكَ وَٱنقَلَبُواْ صَٰغِرِينَ119﴾

{Gara Muusaatti "ulee kee darbi" (jechuun) beeksisa goone, Achumaan isheen waan isaan kijiban ni liqimsiti.

Dhugaan ni mirkanaa’e; wanti isaan hojjataa turan ni badde.

Achitti ni injifataman; salphattoota ta’anii deebi’an}

[Al-A'áraaf: 117-119],

Akkasumas Aayatoota suuraa Yuunus keessa jiran qara'uudha, isaanis jecha Rabbii ol ta'eeti:

﴿وَقَالَ فِرۡعَوۡنُ ٱئۡتُونِي بِكُلِّ سَٰحِرٍ عَلِيمٖ79 فَلَمَّا جَآءَ ٱلسَّحَرَةُ قَالَ لَهُم مُّوسَىٰٓ أَلۡقُواْ مَآ أَنتُم مُّلۡقُونَ80 فَلَمَّآ أَلۡقَوۡاْ قَالَ مُوسَىٰ مَا جِئۡتُم بِهِ ٱلسِّحۡرُۖ إِنَّ ٱللَّهَ سَيُبۡطِلُهُۥٓ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُصۡلِحُ عَمَلَ ٱلۡمُفۡسِدِينَ81 وَيُحِقُّ ٱللَّهُ ٱلۡحَقَّ بِكَلِمَٰتِهِۦ وَلَوۡ كَرِهَ ٱلۡمُجۡرِمُونَ82﴾

{Fir’āwn ni jedhe: “Cufa falfalaa beekaatiin natti koottaa.

Yeroo falfaltoonni dhufan, Muusaan isaaniin ni jedhe: “isin Waan darbitan darbaa.”

Yeroo isaan darban Muusaan ni jedhe: “Wanti isin isaan dhuftan falfala, dhugumatti, Rabbiin isa balleessuuf jira. Dhugumatti, Rabbiin dalagaa badii hojjattootaa hin tolchu ,hinmilkeessu.

Odoo badii raawwattoonni jibbanillee, Rabbiin dhugaa jechoota Isaatiin ni mirkaneessa}

[Yuunus: 79-82].

 

Akkasumas Aayatoota Suuraa Xaahaa keessa jiran:

﴿قَالُواْ يَٰمُوسَىٰٓ إِمَّآ أَن تُلۡقِيَ وَإِمَّآ أَن نَّكُونَ أَوَّلَ مَنۡ أَلۡقَىٰ65 قَالَ بَلۡ أَلۡقُواْۖ فَإِذَا حِبَالُهُمۡ وَعِصِيُّهُمۡ يُخَيَّلُ إِلَيۡهِ مِن سِحۡرِهِمۡ أَنَّهَا تَسۡعَىٰ66 فَأَوۡجَسَ فِي نَفۡسِهِۦ خِيفَةٗ مُّوسَىٰ67 قُلۡنَا لَا تَخَفۡ إِنَّكَ أَنتَ ٱلۡأَعۡلَىٰ68 وَأَلۡقِ مَا فِي يَمِينِكَ تَلۡقَفۡ مَا صَنَعُوٓاْۖ إِنَّمَا صَنَعُواْ كَيۡدُ سَٰحِرٖۖ وَلَا يُفۡلِحُ ٱلسَّاحِرُ حَيۡثُ أَتَىٰ69﴾

{Yaa Muusaa! Ati darbachuu yookiin jalqaba nama darbuu nuti ta’uu (filadhu)” jedhaniin.

(Muusaanis) “Lakkisaa; isinummaan darbadhaa!” jedhe, yoggus haadoowwan, funyooleen isaaniifi uleewwann isaaniis falfala isaanii irraa kan ka'e waan fiigdu (bofa) itti fakkeeffama.

Muusaan lubbuu isaa keessatti sodaan itti dhaga’ame.

“Hin sodaatin! Dhugumatti, ati sumatu ol'aanaadha” jenneen.

Waan mirga kee keessa jiru darbi! Waan isaan dalagan ni liqimsiti, Wanti isaan dalagan (hundi) toftaa nama falfala hojjatuuti, Falfalaan bakkuma dhufe (hunda)ttuu hin milkaa’u}.

[Xaahaa: 65-69].

 

Eega waan dubbatame kana bishaanitti qara'ee booda yeroo sadii irraa dhugee, waan hafeen dhiqata, yoo Rabbi jedhe ykn giidoo rabbiin sanaani dhibeen deema, yoo haajamsisee yeroo lamaaf sanii olis itti fayyadamuun ni dandama hanga dhukubni deemutti

Kanaafuu ażkaarri, maganfachuun fi karaaleen kunniin hamtuu falfalaa fi hamtuu waan biraa irraa tikfamuu keessatti irra gurguddoo sababootaa irraayi, Akkasumas isheen eega argamee booda falfala balleessuuf irra guddaa meeshaati; Kunis nama dhugummaa fi iimaanaan irratti tikfateefi, akkasumas Rabbitti of amananii, irratti hirkachuun, akkasumas waan isheen qajeelchitetti qoma bal'achuudhaan.

Kuni wantoota falfala irraa ittiin of eeganii fi ittiinis yaalaman irraa waan ibsuun isaa wan nuu laafeedha. Rabbin abbaa towfiiqaati.

Asitti dhimmi barbaachisaan tokko ni dhufa, innis hojii falfalootaa kan qalmaan, yookaan wantoota ittiin dhihaatan irraa waan biraatiin karaa jinnitti dhihachuutiin ta'uun falfala yaaluudha, kun hindanda'amu ykn hin eeyyamamu; Sababni isaas inni hojii sheyxaanaa irraa waan ta'eef jecha, inumaayyuu inni shirkii guddaa irraayi. Akkuma raagdota, warra beekumsa waan fagoo himatanii fi fakkeessitoota gaafachuu fi waan isaan jedhan fayyadamuun isa yaaluun hin danda'amnetti; Sababni isaas isaan waan hin amanneef jecha, akkasumas sobdoota jallatoo beekumsa waan fagoo himatanii, namoota irratti fakkeessan waan ta'aniif jecha. Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- isaan bira dhaqanii, isaan gaafatanii isaan dhugoomsuu irraa dhugumatti akeekkachiisaniiru, jalqaba ergaa kanaa irratti ibsuun isaa akkuma darbetti. Kanaafuu sana irraa of eeggachuun dirqama, dhugumatti Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa karaa sirrii ta'een akka odeeffametti, isaan falfalaa falfalaan hiikuu irraa gaafatamanii, akkana jedhan:

«هِيَ مِنْ عَمَلِ الشَّيْطَانِ».

«Isiin dalagaa sheyxaanaa irraayi», Imaamu Ahmad fi Abu Daawuud tu sanada gaariidhaan gabaase.

Nushraa jechuun isiin namicha falfalli itti godhame irraa falfala hiikuu yoo ta'u, jecha isaanii kanatti wanti isaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fedhan: falfala hiikuu warri bara wallaalummaa raawwachaa turan saniidha, innis: namicha falfalaa akka fafalicha hiiku gaafachuudha, yookaan falfalaan biraa falfalicha falfala akka isaatiin hiikuudha ykn kufrii kufriin, cubbuu cubbuun hikuu jachcha.

Ruqaa, tiksitoota shari'aatii fi qorichoota hayyamamaniin isa hiikuun immoo rakkoo hin qabu,dirqamas akkuma asiin dura darbetti. Dhugumatti hayyuun Islaamaa ibnul Qayyim fi sheykh Abdurrahmaan Hasan "Fat-hul Majiid" keessatti kana addeessaniiru, Rabbiin rahmata isaanif ha godhu, akkasumas warra beekumsa qaban irraa namoonni biraatis kana addeessaniiru.

Rabbin kadhatamadhaa, hamtuu hunda irraa nagaa ta'uu akka muslimota waffaquuf, akkasumas amantii isaanii akka isaan irratti tiksuu fi isa keessattis hubannoo fi waan shari'aa isaa faallessu hunda irraa nagaa ta'uu akka isaanif kennuuf.

Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa Muhammad irratti, akkasumas firoota fi Ṡaḥaabota isaanii irratti rahmataa fi nageenya ha buusu.

 

***

 

om397v4.0 - 16/11/2026


Dhaamsi kun maxxansaa lakkoofsa 17 keessatti waajjira waliigalaa bulchiinsa qorannoo ilmii, fatwaa, da'awaafi qajeelchaa irraa bara 1402 H bahe.