Ragaalee Murtii Nama Rabbii Gaditti Waaqa Malee Kan Birootti Iyyatee Gargaarsa Kadhatu Irratti Dhiheessuu (afaan oromoo)

  • earth Afaanicha
    (afaan oromoo)
  • earth Barreessaa:
    الشيخ عبد العزيز بن عبد الله بن باز
PHPWord

 

إِقََامَةُ البَرَاهِينِ عَلَى

حُكْمِ مَنِ اسْتَغَاثَ بِغَيرِ اللهِ

 

 

Ragaalee Murtii Nama Rabbii Gaditti Waaqa Malee Kan Birootti Iyyatee Gargaarsa Kadhatu Irratti Dhiheessuu

 

 

لِسَمَاحَةِ الشَّيْخِ العَلَّامَةِ

عَبْدِ العَزِيزِ بْنِ عَبْدِ اللهِ بْنِ بَازٍ

رَحِمَهُ اللهُ

 

Qopheessaan Kabajamoo Šeykh

Ābdul'āziiz bin Ābdallaah bin Baaz

 


بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ

Ergaa Lammaffaa:

Murtoo Nabiyyii irraa birmannaa barbaaduu -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu

Faaruun hundi kan Rabbitii, raḥmannii fi nageenyi ergamaa Rabbii, waa'illan isaanii fi nama qajeeluma isaaniitiin qajeele irratti ha jiraatu.

Booda kanaatii: Gaazeexaan Al-Mujtamá Al-Kuweetiyyaa jedhamu, maxxansa isaa 15ffaa, kan akka lakkoofsa hijraatti bara19/ 4/ 1390 tti maxxanfameme, mata-duree: (Yaadannoo Mawliida Nabiyyii Kabajamaa) jedhuun walaloo raabsee ture, Walaloon kunis, akka nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ummata isaaniitiif tumsanii fi adda facaatii fi wal dhabbii isaan keessatti kufan kana keessaa akka bilisa isaan baasaniif jecha, birmannaa fi tumsa nabiyyii irra barbaaduu of keessatti qabata, Kunis mallattoo dubartii: (Aaminaa) jettee of moggaafteetiin kan dhiyaate yoo ta'u, kunis barreeffama walaloo eeramee sanaati:

Yaa ergamaa Rabbii, addunyaa... waraanaan boba'uu fi balala isaatiin gubatu qaqqabi.

Yaa ergamaa Rabbii ummata qaqqabi... kan dukkana šakkii keessatti deemsi isaanii dhugumatti dheerate.

Yaa ergamaa Rabbii, ummata qaqqabi... kan dhama'iinsa gaddaa keessatti mul'anni isaanii bade.

Hanga akkana jettutti itti fufte:

Tumsa ariifachiisi akkuma ariifachiistetti... guyyaa Badrii yeroo Rabbiin kadhattetti.

Kanaafuu salphinni gara injifannoo ajaa'ibaatti jijjiirame... Dhugumatti, Rabbiif loltoota ati hin arginetu jiru.

Ḥaala kanaan barreessituun tun waamichaa fi birmannaa barbaaduu ishii gara Ergamaatti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- deebifte, ḥaala tumsa ariifachiisaadhaan akka isaan ummata qaqqaban isaan irraa barbaadduuni, garuu tumsi harka Rabbii qofa akka jiru, harka Nabiyyiifi -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- uumamtoota biroo akka hin jirre dagachuun yookaan wollaaluun kana goote, akkuma Rabbiin qulqullaa'e kitaaba isaa ifa ta'e keessatti jedhetti:

﴿...وَمَا النَّصْرُ إِلَّا مِنْ عِنْدِ اللَّهِ الْعَزِيزِ الْحَكِيمِ﴾

{...Tumsi Rabbii injifataa, ogeessa ta’e irraa malee hin jiru.} [Aal Īmraan: 126] Ammas Rabbiin olta'e akkana jedha:

﴿إِنْ يَنْصُرْكُمُ اللَّهُ فَلَا غَالِبَ لَكُمْ وَإِنْ يَخْذُلْكُمْ فَمَنْ ذَا الَّذِي يَنْصُرُكُمْ مِنْ بَعْدِهِ...﴾

{Yoo Rabbiin isin gargaare, wanti isin injifatu hin jiru, Yoo Inni isin xiqqeesse immoo, inni booda isaatii isin gargaaru sun eenyu....} [Aal Īmraan: 160].

Hojiin kadhannaa fi gargaarsa barbaaduu kun: gosoota gabbartii keessaa tokko Rabbiin malee waan jiruuf dabarsanii kennuudha; Kun akka hin taane dhugumatti ragaa fi waliigaltee ulamootaatiin beekamee jira, akkasuma Rabbiin -qulqullaa'e- uumama kana akka isa gabbaraniif jecha uumee, gabbartii kana ifa gochuu fi gara isaatti waamuuf jechas, ergamtoota ergee kitaabotas buuse, akkuma jedhee jirutti:

﴿وَمَا خَلَقْتُ الْجِنَّ وَالْإِنْسَ إِلَّا لِيَعْبُدُونِ56﴾

{Jinniifi ilma namaa akka ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.} [Aż-żaariyaat: 56]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَلَقَدْ بَعَثْنَا فِي كُلِّ أُمَّةٍ رَسُولًا أَنِ اُعْبُدُوا اللَّهَ وَاجْتَنِبُوا الطَّاغُوتَ...﴾

{Dhugumatti, nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra } [Al-naḥli: 36], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَمَا أَرْسَلْنَا مِنْ قَبْلِكَ مِنْ رَسُولٍ إِلَّا نُوحِي إِلَيْهِ أَنَّهُ لَا إِلَهَ إِلَّا أَنَا فَاعْبُدُونِ 25﴾

{Yaa Muḥammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.} [Al-Anbiyaai: 25]. Ammas Rabbiin olta'e akkana jedha:

﴿الر كِتَابٌ أُحْكِمَتْ آيَاتُهُ ثُمَّ فُصِّلَتْ مِنْ لَدُنْ حَكِيمٍ خَبِيرٍ1 أَلَّا تَعْبُدُوا إِلَّا اللَّهَ إِنَّنِي لَكُمْ مِنْهُ نَذِيرٌ وَبَشِيرٌ2﴾

{Alif Laam Raa (Qur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, eegasii addaan baafamtee, (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e birraa addaan baafamtedha.

“Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte) dhugumatti Ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha}.

[Huud: 1, 2]

Rabbiin ol ta'e Aayattoota ifa galoo kana keessatti, jinniifi ilma namaa isuma qofa tokkicha Šariika hin qabne akka gabbaraniif malee waan biraatiif akka isaan hin uumnee fi gabbartii kanatti ajajuufi faallaa isaa irraa dhoorguuf jecha Ergamtoota -Rabbiin raḥmata fi nageenya isaan irratti ha buusu- erguu isaa ifoomse, akkasumas -inni injifate, guddate- isaa gaditti wanti biraa akka hin gabbaramneef jecha, Aayattoota kitaaba isaa ifa galchee adda baasuus hime.

Akkuma beekkamu gabbartiin jechuun: Rabbiin tokkichoomsuu, ajajoota Isaa raawwachuu fi dhoorgaawwan Isaa dhiisuun saaf ajajamuudha, dhugumatti Rabbiin aayattoota hedduu keessatti kana ajajee fi himee jira, isaan keessaa: jecha Isaa akkas jedhu:

﴿وَمَا أُمِرُوا إِلَّا لِيَعْبُدُوا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ حُنَفَاءَ...﴾

{Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu...tti malee homaatti hin ajajamne} [Al-Bayyinah: 5] Ammas jecha Rabbii ol-ta'eeti:

﴿وَقَضَى رَبُّكَ أَلَّا تَعْبُدُوا إِلَّا إِيَّاهُ...﴾

{Gooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarreefi...murtessee jira…} [Al-Israa'i: 23], Ammas jecha Rabbii -inni qulqullaa'e- akkas jedhu:

﴿إِنَّآ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ فَٱعۡبُدِ ٱللَّهَ مُخۡلِصٗا لَّهُ ٱلدِّينَ2 أَلَا لِلَّهِ ٱلدِّينُ ٱلۡخَالِصُۚ وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَ مَا نَعۡبُدُهُمۡ إِلَّا لِيُقَرِّبُونَآ إِلَى ٱللَّهِ زُلۡفَىٰٓ إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡ فِي مَا هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي مَنۡ هُوَ كَٰذِبٞ كَفَّارٞ3﴾

{Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerra. Rabbiin gabbari amantii Isaaf qulqulleessaa ta’ii.

Dharga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaah qofa. Warri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu), Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa, Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.} [Az-zumar: 2-3].

Aayatoonni hiika kana keessatti dhufan hedduudha, hundi isaanituu gabbartii Rabbii tokkicha qofaaf qulqulleessuun dirqama ta'uu fi waan isaa gaditti gabbaramu nabiyyootaa fi kanneen biroo gabbaruu dhiisuutti akeeku.

Du'aa'iin gosoota ibaadaa keessaa irra barbaachisaa fi irra walitti qabataa akka ta'e shakkiin hin jiru, kanaafuu Rabbii tokkicha qofaaf qulqulleessuun dirqama, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti:

﴿فَادْعُوا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ وَلَوْ كَرِهَ الْكَافِرُونَ14﴾

{Oduma kaafirtoonni jibbaniilllee, amantii isaaf qulqulleessaa, Rabbiin gabbaraa}. [Ǧaafir: 14] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

﴿وَأَنَّ الْمَسَاجِدَ لِلَّهِ فَلَا تَدْعُوا مَعَ اللَّهِ أَحَدًا18﴾

{Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa.} [Al-jinn: 18], Qajeelfamni duāa'iidhaan Rabbiin tokkichoomsuu kun, uumama hunda nabiyyootaafi kanneen biroos ni hammata; jechii Rabbii:

﴿وَلَا تَدْعُ مِنْ دُونِ اللَّهِ مَا لَا يَنْفَعُكَ وَلَا يَضُرُّكَ فَإِن فَعَلۡتَ فَإِنَّكَ إِذٗا مِّنَ ٱلظَّٰلِمِينَ106﴾

{Rabbii gaditti waan si hin fayyadneefi si hin miine hin gabbarin. Yoo (akkas) hojjatte, dhugumatti ati yoos miidhaa hojjattoota irraa taata.} [Yuunus: 106] Kuni dubbii Nabiyyiitti -nagaa fi raḥmanni irra haa jiraatu- haasa'amedha, Rabbiin -qulqullaa'e- širkii irraa akka isaan eege beekamaadha, garuu wanti kana irraa barbaadame namoota biroo akeekkachiisuudha, eegasii Rabbiin akkana jedhe:

﴿وَلَا تَدۡعُ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَنفَعُكَ وَلَا يَضُرُّكَ فَإِنْ فَعَلْتَ فَإِنَّكَ إِذًا مِنَ الظَّالِمِينَ106﴾

{Rabbii gaditti waan si hin fayyadneefi si hin miine hin gabbarin. Yoo (akkas) hojjatte, dhugumatti ati yoos miidhaa hojjattoota irraa taata.”} [Yuunus: 106] Kun dubbii Nabiyyiitti -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- haas'amedha, wanti irraa barbaadames: warra isaanin alaa akeekkachiisuudha; sababni isaas Rabbiin ol ta'e Ergamaa isaa shirkii irraa akka tiikse beekkamaadha, eegasii Rabbiin ol ta'e akkas jechuun dhoorgaa fi akeekkachiisa keessatti dubbii jabeesse:

﴿...فَإِنْ فَعَلْتَ فَإِنَّكَ إِذًا مِنَ الظَّالِمِينَ﴾

{...Yoo (akkas) hojjatte, dhugumatti ati yoos miidhaa hojjattoota irraa taata.} Zulmiin yoo waliigalaan dubbatamu, wanti itti fedhamu: Širkii guddaadha, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti:

﴿...وَالْكَافِرُونَ هُمُ الظَّالِمُونَ﴾

{...Kaafiroonni isaanumatu miidhaa raawwattoota.} [Al-Baóarah: 254] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿...إِنَّ الشِّرْكَ لَظُلْمٌ عَظِيمٌ﴾

{...dhugumatti širkiin miidhaa guddaadha} [luqmaan: 13] Erga caalaan ilmaan Aadam -raḥmannii fi nageenyi isaan irra ha jiraatu- osoo Rabbiin ala waan biraa kadhatanii, silaa zaalimtoota irraa ta'u ta'ee, eegaa kan isaanin alaa hoo akkam ta'a?!

Aayattoota kanneenii fi kan birootiin Rabbiin malee waan biraa kadhachuun -nama du'aa, mukkeen, taabotaa fi kanneen biroo- Rabbii ol ta'etti qindeessuudha, Rabbiin tokkichoomsuunis kan wal faallessudha, gabbartii isa Rabbiin kaayyoo isaatiif jinnii fi ilmi namaa uumee, ergamoota ergee fi kitaabota buusee, akkasumas hiikkaa: Laa ilaaha illallaah; kan ibaadaa Rabbiin malee waan biraa irraa mormee, Rabbiin qofaaf mirkaneessuunis wol faallessa, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡحَقُّ وَأَنَّ مَا يَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ هُوَ ٱلۡبَٰطِلُ وَأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡعَلِيُّ ٱلۡكَبِيرُ62﴾

{Kun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran immoo isa sobaa ta’ee, ammas Rabbiin Isatu ol ta’aa, guddaa ta'eefi.} [Al-Ḥajji: 62].

Kuni hundee amantiitii fi bu'uura isaati, gabbartiin kamuu booda hundeen kun sirrii ta'ee malee sirrii hin ta'u, akkuma Rabbiin ol ta’e jedhetti:

﴿وَلَقَدْ أُوحِيَ إِلَيْكَ وَإِلَى الَّذِينَ مِنْ قَبْلِكَ لَئِنْ أَشْرَكْتَ لَيَحْبَطَنَّ عَمَلُكَ وَلَتَكُونَنَّ مِنَ الْخَاسِرِينَ65﴾

{Dhugamatti, gara keetiifi gara warra si dura turaniittis “yoo Rabbii wajjiin waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata” jechuun wahyiin buufameera.} [Al-zumar: 65] Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

﴿...وَلَوْ أَشْرَكُوا لَحَبِطَ عَنْهُمْ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ﴾

{...odoo isaan qindeessanii silaa wanti isaan dalagaa turan isaan jalaa bada.} [Al-An'āam: 88].

Waan dabre irraa kan ifa ta'u, amantii Islaamaatii fi (ḥaóaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jirru jedhanii) ragaa ba'uudhaaf bu'uuraalee gurguddoo lama akka qabanidha:

Tokkoon isaanii: Rabbii tokkicha šariika hin qabne qofa malee wanti biraa gabbaramuu dhabuudha; nabiyyootaa fi kan biroo irraa warra du'an kadhate, yookaan taabota, yookaan mukkeen, yookaan dhagaa, yookaan uumamtoota biroo kadhate, yookaan birmannaa isaan irraa barbaade, yookaan qalmaa fi nażriidhaan isaanitti dhihaate, yookaan isaaniif sagade, yookaan isaaniif sujuude; dhugumatti Rabbiin gaditti gooftolee isaan godhatee, šariiktota isaan taasifatee, hiikka Laa ilaaha illallaas diigee mormeera.

Lammaffaan: karaa nabiyyii fi ergamaa isaatiin malee -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- Rabbiin ol ta'e gabbaramuu dhabuudha, namni amantii kana keessatti waan Rabbiin hin eeyyamne kalaqe; hiikkaa Muḥammad Rasuula Rabbii ta'uu ragaa ba'uu hin mirkaneessine, hojiin isaas isa hin fayyadu isarraas hin qeebalamu, Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَقَدِمْنَا إِلَى مَا عَمِلُوا مِنْ عَمَلٍ فَجَعَلْنَاهُ هَبَاءً مَنْثُورًا23﴾

{Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feenee (dhufnee) dhukkee faca’aa isa goone.} [Al-furóaan: 23]. Wanti hojiilee Aayaa keessatti dubbatamanitti fedhame: hojii nama Rabbiitti qindeessuu irratti du'eeti,

Akkasumas: Hojiiwwan Ƙalaqaman kan Rabbiin isaan hin eeyyamnes isa keessa seena, Guyyaa Qiyaamaa dhukkee bittinnaa'aa ta'u, sababaa isaan Šariāa isaa qulqulluun wol hin simatiniif jecha, akkuma Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- jedhanitti:

«مَنْ أَحْدَثَ فِي أَمْرِنَا هَذَا مَا لَيْسَ مِنْهُ فَهُوَ رَدٌّ».

«Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifamaadha (fudhatama hin qabu).» Sirrii ta'uu isaa irratti walii galameedha.

Cuunfaan dubbii: Barreessituun tun birmachiifannaa fi du'aa'ii ishee gara Ergamaatti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- qajeelchitee, Rabbii aalamaa kan tumsi, miidhaa fi fayidaan harka Isaa jiru irraa garagalteetti, wantoota kanneen keessaa homaa harka nama biraa keessa jiru.

Dhugumatti kun miidhaa guddaa fi hamaa ta'uu isaatiif Šakkiin hin jiru, dhugumatti Rabbiin ol ta'e isa kadhaachuutti ajajee, nama Isa kadhatuufis owwaachuu waadaa seenee jira, akkasuma namni kana irraa boones jahannam akka seenuu isaanitti dhaaddateera, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti:

﴿وَقَالَ رَبُّكُمُ ادْعُونِي أَسْتَجِبْ لَكُمْ إِنَّ الَّذِينَ يَسْتَكْبِرُونَ عَنْ عِبَادَتِي سَيَدْخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ 60﴾

{Gooftaan keessan ni jedhe: “Na kadhaa; isiniifiin awwaadhaa, Dhugumatti, isaan gabbartii kiyya irraa boonan, salphattoota ta’anii, jahannam seenuuf jiru.”} [Ǧaafir:60] Akkas Jechuunis: salphatoo fi tuffatamoo jechuudha, Aayaan kabajamtuun tun duāa'iin ībaadaa akka ta'ee fi dhugumatti namni isa irraa boone teessoon isaa jahannama akka ta'e agarsiisti, egaa yoo kun haala nama kadhaa Rabbii irraa boonee ta'e, haalli nama kan biraa kadhatee fi Isa irraa gara galee akkam ta'a? Inni dhihoo, wanti hunduu kan isaa ta'ee fi waan hunda irratti danda'aa ta'edha, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti:

﴿وَإِذَا سَأَلَكَ عِبَادِي عَنِّي فَإِنِّي قَرِيبٌ أُجِيبُ دَعْوَةَ الدَّاعِ إِذَا دَعَانِ فَلْيَسْتَجِيبُوا لِي وَلْيُؤْمِنُوا بِي لَعَلَّهُمْ يَرْشُدُونَ 186﴾

{Yeroo gabroonni kiyya Ana irraa si gaafatan “dhugumatti, Ani isaanitti dhihoodha” (jedhiin). Kadhaa kadhataatiif yeroo inni na kadhate nan owwaadha, naaf haa owwaatanu, nattis ha amananu, Akka qajeelaniif jecha.} [Al-baóarah:186]. Dhugumatti Ergamaan -Rabbiin raḥamataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ḥaadiisa ṡaḥiiḥa ta'e keessatti du'aa'iin ībaadah akka ta'e himanii jiru, ilma wasiila isaanii Abdullaah ibinu Ābbaasiin -Rabbiin isaan lamaan irraa ha jaallatu- akkana jedhaniin:

«احْفَظِ اللهَ يَحْفَظْكَ، احْفَظِ اللهَ تَجِدْهُ تُجَاهَكَ، إِذَا سَأَلْتَ فَاسْأَلِ اللهَ، وَإِذَا اسْتَعْنَتَ فَاسْتَعِنْ بِاللهِ».

«Rabbiin tiksi si tiksaa, Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo kadhatte Rabbiin kadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu». Tirmiżii fi kanneen biroos gabaasan.

Ammas akkas Jedhan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu:

«مَنْ مَاتَ وَهُوَ يَدْعُو لِلَّهِ نِدًّا؛ دَخَلَ النَّارَ».

"Namni ḥaala Rabbiif šariika waamuun du'e, ibidda seene.'' Buƙaariitu gabaase, Buƙaarii fi muslim keessatti Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- diliin kamtu irra guddaadha jedhamanii gaafatamanii, akkana jedhani:

«أَنْ تَجْعَلَ لِلَّهِ نِدًّا وَهُوَ خَلَقَكَ».

«Odoo inni si uumee jiruu Rabbiif qixxaataa taasisuudha.» Niddii jechuun: fakkaataa fi qixxaataadha, kanaafuu namni Rabbiin malee waan biraa kadhate hundi, yookaa isarraa birmannaa barbaade, yookaa isaaf nażrii seene, yookaa isaaf qale, yookaa wantoota dabran kana malees gabbartii irraa waan tokko isaaf godhe; dhugumatti niddii (šariika) isa godhateera, osoma nabiyyii, ykn woliyyii, ykn malaa'ikaa, ykn jinnii, ykn taabota, yookaa uumamtoota biroo ta'ellee.

Asitti namni tokko akkana jechuu danda'a: nama lubbuu qabu, kan nama bira jiru, waan inni irratti danda'u gaafachuu fi dhimmoota qabatamaa kan inni irratti danda'u keessatti isa gargaarsisiifachuun murtiin isaa maali; Deebiin isaas: kun širkii irraa miti, garuu dhimmoota idilee Muslimoota gidduutti eeyyamamoo ta'an irraayyi, akkuma Rabbiin ol ta'e seenaa Muusaa keessatti dubbatee akkana jedhetti:

﴿...فَاسْتَغَاثَهُ الَّذِي مِنْ شِيعَتِهِ عَلَى الَّذِي مِنْ عَدُوِّهِ...﴾

{...Inni lammii isaa irraa ta’e, isa diina isaa irraa ta’e irratti tumsa isa gaafate...} "[Al-Óaṡaṡ: 15]," ammas akkuma Rabbiin ol ta'e seenaa Muusaa keessattis jedhe:

﴿فَخَرَجَ مِنْهَا خَائِفًا يَتَرَقَّبُ...﴾

{Sodaataafi of eeggataa ta’ee ishee irraa bahe...} [Al-Óaṡaṡ: 21], Akkuma namoonni waraanaa fi dhimmoota biroo isaan mudatan keessatti, hiriyoota isaanii biramchiifatanuu fi walii isaaniitti haajomanutti.

Dhugumatti Rabbiin nabiyyii isaa -Rabbiin raḥmataafi nageenya isaan irratti ha buusu- nama tokkoofuu fayidaa fi miidhaa akka of harka hin qabne ummata isaaniitti akka himanu isaan ajaje, Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e ni jedhe:

﴿قُلْ إِنَّمَا أَدْعُو رَبِّي وَلَا أُشْرِكُ بِهِ أَحَدًا21 قُلْ إِنِّي لَا أَمْلِكُ لَكُمْ ضَرًّا وَلَا رَشَدًا22﴾

{(Yaa Muḥammad) jedhi: "wanti ani gabbaru Gooftaa kiyya qofa; Isattii waan tokkollee hin qindeessu.

Jedhi: "Ani dhugumatti, miidhaas ta'ee qajelluma isiniif (fiduu) hin danda'u.} [Al-jinn: 21, 22], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿قُلْ لَا أَمْلِكُ لِنَفْسِي نَفْعًا وَلَا ضَرًّا إِلَّا مَا شَاءَ اللَّهُ وَلَوْ كُنْتُ أَعْلَمُ الْغَيْبَ لَاسْتَكْثَرْتُ مِنَ الْخَيْرِ وَمَا مَسَّنِيَ السُّوءُ إِنْ أَنَا إِلَّا نَذِيرٌ وَبَشِيرٌ لِقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ188﴾

{Ani waan Rabbiin fedhe malee lubbuu kiyyaaf faayidaas ta’ee miidhaa fiduu hin danda'u, Odoon kanin fagoo (ǧaybii) beeku ta'ee, silaa toltuu irraan baay'ifadha; hamtuun na hin tuqu ture, Ani namoota amananiif akeekkachiisaafi gammachiisaa malee himaa miti}. [Al-Aáraaf: 188].

Aayattoonni hiikkaa kana keessatti hedduudha.

Akkuma beekamutti Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- Gooftaa isaanii malee hin kadhatanu, akkuma guyyaa badiriitti Rabbiin birmachiifachaa, diina isaanii irratti tumsa isarraa barbaadaa turuun isaanii isaan irraa mirkanaa'ee jirutti, sana keessattis ciminaan kadhachaa akkas jedhu turan: «Yaa Gooftaa kiyya! Waan waadaa naaf galte naaf raawwadhu». Hanga Ṡiddiióichi guddaan Abubakar -Rabbi isa irraa ha jaalatu- akkas jedhutti: "Si ga'a yaa Ergamaa Rabbii, dhugumatti Rabbiin waan waadaa siif gale siif raawwataadha," Rabbiin qulqullaa'aan dhimma kana keessatti jecha isaa ol ta'e buuse:

﴿إِذۡ تَسۡتَغِيثُونَ رَبَّكُمۡ فَٱسۡتَجَابَ لَكُمۡ أَنِّي مُمِدُّكُم بِأَلۡفٖ مِّنَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةِ مُرۡدِفِينَ9﴾

{Yeroo isin Rabbii keessan irraa birmannaa barbaaddanii isiniif awwaate “Ani malaa'ikoota kumaa wal hordofoo ta’an isiniif gargaarsa godhaadha” (jechuun) [yaadadhu].} [Suurah Al-Anfaal: 9], Rabbiin qulqullaa'e keeyyattoota kana keessatti birmannaa barbaaduu isaanii isaan yaadachiise, akkasuma akka isaaniif owwaatee injifannoodhaa fi tasgabbeessuudhaan isaan gammachiisuudhaaf jecha malaa'ikootaan akka gargaarsa isaaniif godhe isaanitti hime. Rabbiin qulqullaa'es injifannoon malaa'ikoota irraa akka hin taanee fi dhugumatti injifannoon isuma qofa biraa akka ta'e ibse, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe:

﴿وَمَا النَّصْرُ إِلَّا مِنْ عِنْدِ اللَّهِ...﴾

{Injifannoon Rabbiin biraa malee hin taane ykn hindhufu...} [Aal īmraan: 126] Rabbiin olta'e akkana jedha:

﴿وَلَقَدْ نَصَرَكُمُ اللَّهُ بِبَدْرٍ وَأَنْتُمْ أَذِلَّةٌ فَاتَّقُوا اللَّهَ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ123﴾

{Dugumatti haala isin xiqqoo taataniin, (dirree) Badriitti Rabbiin isinii tumseera, Akka galateeffattaniif jecha Rabbiin sodaadhaa.} [Aal Īmraan: 123]. Rabbiin ol ta'e aayata tana keessatti, guyyaa Badriitti akka inni isaaniif tumsaa ta'e ibse, Kanaanis meeshaafi humnni isaaniif kenne, akkasumas malaa'ikaan inni ittiin isaan gargaare, kanneen hundu sababoota injifannoo, gammachiisuufi tasgabbii ta'uun beekame, Injifannoonis isaan kanneen irraa miti, inumaayyuu injifannoon dhuguamatti Rabbiin qofa bitaati. Barreessituun tun yookiin namni biroo, akkamumatti birmannaa fi injifannoo kadhachuu isii gara Nabiyyiitti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- qajeelchitee Rabbii Āalamootaa, abbaa waan hundaa fi kan waan hundaa irratti danda'aa ta'e irraa garagaluu ija jabaatte?!

Kun irra fokkataa wallaalummaa, darbees irra guddaa širkii ta'uun isaa Šakkiin hin qabu, kanaafuu barreessituun gara Rabbii qulqullaa'eetti towbaa dhugaa tawbachuun ishii irratti dirqama ta'a, towbaan dhugaas dhimmoota hedduu of keessatti hammata, isaanis: Tokkoffaan: Waan irraa argame irratti gaabbuudha. Lammaffaan: badii keessatti kufe irraa buqqa'uudha, sadaffaan: Rabbii guddisuu fi Isaaf qulqulleessuun, waan Inni itti ajaje hojjachuu fi waan Inni irraa dhoorge irraa eeggachuun, badii sanatti deebi'uu dhabuu kutannoo qabaachuudha, tawbaan qulqulluunis isii kanadha, Dhimmi afraffaan addatti kan yoo badiin ḥaóa uumamtootaa keessatti ta'e jirutu jira, innis: Afraffaa: ḥaóa gara abbaa isaatti deebisuu, yookiin isa irraa dhiifama gaafachuu.

Rabbiin dhugumatti gabroota isaa tawbaa akka godhan ajajeera, akka isaan irraa qeebalus waadaa isaaniif galeera, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti:

﴿وَتُوبُوا إِلَى اللَّهِ جَمِيعًا أَيُّهَ الْمُؤْمِنُونَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ31﴾

{Yaa mu’uminootaa! Akka milkooftaniif jecha hundi keessanuu gara Rabbiitti tawbaa deebi'aa.} [An-nuur: 31], Ammas wa'ee kiristaanotaa ilaalchisuun akkas jedhe:

﴿أَفَلَا يَتُوبُونَ إِلَى اللَّهِ وَيَسْتَغْفِرُونَهُ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ74﴾

{Sila gara Rabbiitti tawbatanii araarama Isa hin kadhatanuu? Rabbiin araaramaa, raḥmata godhaadha.} [Al-Maa'idah: 74] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَالَّذِينَ لَا يَدْعُونَ مَعَ اللَّهِ إِلَهًا آخَرَ وَلَا يَقْتُلُونَ النَّفْسَ الَّتِي حَرَّمَ اللَّهُ إِلَّا بِالْحَقِّ وَلَا يَزْنُونَ وَمَنْ يَفْعَلْ ذَلِكَ يَلْقَ أَثَامًا68 يُضَاعَفْ لَهُ الْعَذَابُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَيَخْلُدْ فِيهِ مُهَانًا69 إِلَّا مَنْ تَابَ وَآمَنَ وَعَمِلَ عَمَلًا صَالِحًا فَأُولَئِكَ يُبَدِّلُ اللَّهُ سَيِّئَاتِهِمْ حَسَنَاتٍ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَحِيمًا70﴾

{Ammas isaan Rabbii wajjin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin ajjeesuu ḥaraama godhe ḥaóaan alatti hin ajjeefneefi hin sagaagalleedha. Namni (hojii gadhee) kana hojjate, adabbii qunnama.

Guyyaa Óiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifama. Isa keessa salphifamaa ta’ee yeroo hunda jiraatas.

Nama tawbateefi amanee dalagaa gaarii hojjate malee, Isaan sun Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiiraaf. Rabbiin araaramaa, raḥmata godhaa ta’eera.} [Al-Furóaan: 68-70] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَهُوَ الَّذِي يَقْبَلُ التَّوْبَةَ عَنْ عِبَادِهِ وَيَعْفُو عَنِ السَّيِّئَاتِ وَيَعْلَمُ مَا تَفْعَلُونَ25﴾

{Inni Isa gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalu; Kan hamtuus irra dabruufi waan isin dalagdan beekuudha.] [Aš-šuuraa: 25].

Karaa sirrii ta'een Ergamaa Rabbii irraa akka odeeffametti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:

«الإِسْلَامُ يَهْدِمُ مَا كَانَ قَبْلَهُ، وَالتَّوْبَةُ تَجُبُّ مَا كَانَ قَبْلَهَا».

"Islaamummaan waan isa dura dabre(badii) ni diiga, Tawbaan waan isii dura dabre ni haqxi."

Jechoonni gabaaboon kunneen kan qophaa'aniif; hammeenyi širkii guddaa waan ta'ee fi inni badiiwwan hunda irra guddaa waan ta'eefi, akkasuma waan barreessituu tana irraa ba'een namoonni gowwoomfamuun waan sodaatamee fi Rabbii fi gabroota Isaatiif gorsuun waan dirqama ta'eef jecha. Barreeffama kanaan namoota akka fayyadu, haala keenyaa fi haala Muslimootaa hunda akka tolchu, amantii hubachuu fi isa irra gadi dhaabachuu hunda keenya akka badhaasuu fi nu'ii fi Muslimoota hamtuu lubbuu keenyaa fi hamtuu dalagaa keenyaa irraa akka tiksu Rabbiinan kadha, isatu sana irratti gargaaraa fi danda'aadha waan ta'eef.

Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa nabiyyii keenya Muḥammad, maatii fi sahaabota isaanii irratti raḥmata, nageenyaa fi barakaa ha buusu.

 

***

 


بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ

Ergaan Sadaffaa:

Murtii jinnii fi Šeyṫaanota birmachisiifachuu fi wareega isaaniif gochuu

Ābdul Āziiz ilma Abdullaah ilma Baaz irraa, gara Muslimoota isa argu maraatti, Rabbiin anaafi isaanis amantii isaa jabeessanii qabachuu fi isa rratti gadi dhaabbachuutti nu ha qajeelchu, Aamiin.

Assalaamu'ālaykum waraḥmatullaahi wabarakaatuhuu, (nageenyi, raḥmannii fi barakaan Rabbii isin irra ha jiraatu.)

Kana boodaan: Obboleewwan gariin waan wallaaltonni gariin hojjatan; Rabbiin malee waan biraa kadhachuu fi dhimmoota gurguddoo keessatti isa irraa gargaarsa barbaaduu; kan akka jinnii waammachuu, isaan irraa gargaarsa barbaaduu, isaanif nazrii godhuu fi isaaniif gorra'uu irraa na gaafatan. Ammas sana keessaa jecha garii isaanii: "Yaa Sab'aa (Yaa torban)" jechuu, akkas jechuunis: hooggantoota jinnii keessaa torban, isa qabaa, lafee isaa cabsaa, dhiiga isaa dhugaa, qaama isaa kukkutaa, yaa torban akkas isatti godhaa, Yookaan immoo jecha namoota garii: (yaa jinnii waaree, yaa jinnii asrii, isa fudhaa), kunis kallattii kibbaa garii keessatti baay'inaan argama, wantoota dhimma kanatti maxxanan keessaa: warra du'an kan akka anbiyootaa, namoota gaggaarii fi kanneen biroo waammachuu akkasuma malaa'ikoota waammachuu fi isaan irraa gargaarsa barbaaduudha. Kun hundii fi kanneen isa fakkaatan, nama islaamummaa himatu hedduu irraa argama, wallaalummaa isaatii fi warra isa duraa hordofuudhaan, tarii gariin isaanii dhimma kana laaffisuun akkana jechuun ragaa godhatu ta'a: kun waan arrabuma keenya irra dhufudha, itti hin yaannee miti isattis hin amannu.

Ammas na gaafate: murtii fuudhaa fi heeruma namoota hojii kanneeniin beekamanii, gorraasuu isaanii nyaachuu, isaan irratti sagaduu fi duuba isaaniitiin sagaduu irraa na gaafate, akkasuma murtii falfaltootaa fi waa himtuu; akka nama waan qaama dhukkubsataa tuqe wohii, kan akka imaamaa, kofoo, haguuggataa fi kanneen kana fakkaatan biroo arguudhumaan, dhukubaa fi sababa isaa beekuu himatuu.

Deebiin: Faaruun gaggaariin hundi Rabbii tokkicha qofaafi; raḥmannii fi nageenyi Nabiyyii booda isaatiin nabiyyiin hin jirre, maatii isaanii, hiryoota isaanii fi hanga guyyaa mindaatti nama qajeeluma isaaniitiin qajeele irra ha jiraatu.

Booda kanaatii: Rabbiin -qulqullaa'ee olta'e- dhugumatti ulfaatoo lameen (jinnii fi ilma namaa) waan isa malee jiru hunda dhiisanii isuma qofa akka gabbaranii fi kadhaa, birmachiifannaa, qalma, nażrii fi gosoota gabbartii hundaan adda akka isa baasaniif isaan uume, ergamtootas dhugumatti sanaan erguun, isattis isaan ajajee jira, akkasuma kitaabota samii kan irra guddichi isaanii Óur'aana kabajamaa ta'es, sana akka ifa gochu, gara isaatti akka waamuu fi Rabbitti qindeessuu fi waan isaan ala jiru gabbaruu irraa namoota akka akeekkachiisuuf buusee jira. Kun hundee hundeewwanii fi bu'uura amantiiti, innis hiikkaa Šahaadaa "An Laa ilaaha illallaah" (ḥaóaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru) jedhanii ragaa ba'uuti, dhugaan isaas: ḥaóaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru jechuudha, innis gabbaramuu fi gabbartii waan Rabbii gaditti jiru irraa mormanuun, uumamyooys isa malee jiruun alatti Rabbii tokkicha qofaaf mirkaneessuudha, Ragaaleen kanarratti kitaaba Rabbii fi sunnaa ergamaa isaa ﷺ irraa bay'ee hedduudha, isaan keessaa: jecha Rabbii ol ta'eeti:

﴿وَمَا خَلَقْتُ الْجِنَّ وَالْإِنْسَ إِلَّا لِيَعْبُدُونِ56﴾

{Jinniifi ilma namaa akka ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.} [Aż-żaariyaat: 56]. Ammas jacha Rabbii -qulqullaa'ee:

﴿وَقَضَى رَبُّكَ أَلَّا تَعْبُدُوا إِلَّا إِيَّاهُ...﴾

{Gooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarree fi haadhaa fi abbaattis tola ooluu murteesse...} [Al-Israa'i: 23], Akkasumas jecha Rabbii ol ta'ee:

﴿وَمَا أُمِرُوا إِلَّا لِيَعْبُدُوا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ حُنَفَاءَ...﴾

{Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuutti malee hin ajajamne...} [Al-Bayyinah: 5] Akkasumas jecha Rabbii ol ta'ee:

﴿وَقَالَ رَبُّكُمُ ادْعُونِي أَسْتَجِبْ لَكُمْ إِنَّ الَّذِينَ يَسْتَكْبِرُونَ عَنْ عِبَادَتِي سَيَدْخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ60﴾

{Gooftaan keessan ni jedhe: “Na kadhaa; isiniifiin awwaadhaa. Dhugumatti, isaan gabbartii kiyya irraa boonan, salphattoota ta’anii, jahannam seenuuf jiru.”} [Ǧaafir:60] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَإِذَا سَأَلَكَ عِبَادِي عَنِّي فَإِنِّي قَرِيبٌ أُجِيبُ دَعْوَةَ الدَّاعِ إِذَا دَعَانِ...﴾

{Yeroo gabroonni kiyya Ana irraa si gaafatan “dhugumatti, Ani isaanitti dhihoodha, Kadhaa kadhataatiif yeroo inni na kadhate nan owwaadha" (jedhiin)} [Al-baóaraa: 186].

Rabbiin qulqullaa'e Aayattoota kana keessatti ilmaan namaatii fi jinnii isuma gabbaruudhaaf akka uume ifa galche, akkasumas inni gabroottan isaa Óur'aana ifa galaa ta'e keessattii fi arraba Ergamaa isaa -Rabbiin raḥmata fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti, Gooftaa isaanii malee wanti biroo akka hin gabbaramne murteesse - akkas jechuunis: ajajee fi dhaame.

Akkasuma -Rabbiin guddate ol ta'e- du'āa'iin Ībaadaa guddoo akka ta'ee fi namni isa irraa boone ibidda akka seenu ibse, gabroottan isaas isa qofa akka kadhatanitti ajajee, dhihoo kadhaa isaaniif owwaatu ta'uus hime, kanaafuu gabroottan hunda irratti du'āa'iidhaan Gooftaa isaanii adda baasuutu dirqama ta'a; sababni isaas inni gosa ībaadaa isaan isaaf uumamanii fi isatti ajajajaman irraa waan ta'eefi, Rabbiin guddate ol ta'e akkas jedhe:

﴿قُلْ إِنَّ صَلَاتِي وَنُسُكِي وَمَحْيَايَ وَمَمَاتِي لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ162 لَا شَرِيكَ لَهُ وَبِذَلِكَ أُمِرْتُ وَأَنَا أَوَّلُ الْمُسْلِمِينَ163﴾

{Jedhi: "Dhugumatti sagadni kiyya, gorraasuun kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa Āalama qofaafi.

Šariikni isaaf hin jiru; isuma kanattin ajajame; ani jalqaba Muslimootati.} [Al-an'āam: 162, 163].

Kanaaf Rabbiin nabiyyii isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- sagadni isaanii fi gorraasuun isaanii, jireenyi isaanii fi duuti isaaniis Rabbii gooftaa Āalamaa, kan isatti waan tokko hin qindeeffamneef ta'uu isaa namootatti akka beeksisisan ajaje, kana irratti hundaa'uun: namni waan Rabbiin malee jiruuf qale dhugumatti Rabbitti qindeesseera, akkuma osoo waan Rabbiin malee jiruuf sagadeeti; sababni isaas Rabbiin -qulqullaa'e- sagadaa fi qaluu wolitti kan hidhaman taasisuun, isaan lamaanuu Rabbii tokkicha isatti waan tokko hin qindeeffamne qofaaf ta'uu akka qabannus beeksiseera, Namni waan Rabbiin malee jiru, jinnii, malaa'ikootaa, warra du'anii fi kanneen birootiif qale, haala qalma sanaan isaanitti dhihaachuu barbaaduun, inni akkuma nama waan Rabbiin malee jiruuf sagadeeti, Ḥadiiśa ṡaḥiiḥa keessatti Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhani:

«لَعَنَ اللهُ مَنْ ذَبَحَ لِغَيْرِ اللهِ».

«Rabbiin nama waan Rabbiif malee jiruuf gorra'e abaare». Imaamu Aḥmad sanada ḥasan ta'een, karaa Ṫaarió ilama Šihaab irraa odeeffameen -Rabbiin isa irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhan:

«مرَّ رَجُلَانِ عَلَى قَومٍ لَهُم صَنَمٌ لَا يَجُوزُهُ أَحَدٌ حَتَّى يُقرِّبَ لَهُ شَيئًا، فَقَالُوا لِأَحَدِهِمَا: قَرِّبْ. قَالَ: لَيسَ عِندِي شَيءٌ أَقَرِّبُهُ، قَالُوا: قَرِّبْ وَلَوْ ذَبَابًا، فَقَرَّبَ ذُبَابًا، فَخَلُّوا سَبِيلَهُ، فَدَخَلَ النَّارَ، وَقَالُوا لِلآخَرِ: قَرِّبْ. قَالَ: مَا كُنْتُ لِأُقَرِّبَ لِأَحَدٍ شَيْئًا دُونَ اللهِ جَلَّ جَلَالُهُ، فَضَرَبُوا عُنُقَه، فَدَخَلَ الجَنَّةَ».

«Namoonni lama ummata taabota qabu, kan namni tokkollee hanga waa tokko isaaf qallutti isa bira hin darbine tokko bira darbani, isaan keessaa nama tokkoon: woreega dhiheessi (qali) jedhaniin. Innis ni jedhe: waan dhiheessu (qalu) homaa hin qabu, isaanis akkas jedhaniin: tisiisa yoo ta'ellee dhiheessi, innis tisiisa dhiheessee jennaan, karaa isaa gadi dhiisaniif, sababa sanaatiif ibidda seene, isa lammataatiinis: dhiheessi, jedhaniin. Innis ni jedhe: ani Rabbii ol ta'een alatti eenyumaafuu waan tokkollee kan dhiheessu hin taane, isaanis morma isaa murani, sababaa sanaan jannata seene.»

Eegaa eega namni tisiisaa fi waan isa fakkaatuun gara taabotaatii fi waan isa fakkaatuutti dhihaate mušrika ta'ee ibidda seenuu kan ḥaóa godhatu ta'ee, namni jinnii, malaa'ikootaa fi woliyyoota kadhatu, akkasuma namni isaan gargaarsifatu, isaaniif nażrii godhuu fi qalmaan isaanitti dhihaatu, kan kanaanis qabeenya isaa eeggachuu, ykn dhibamaa isaa fayyisuu, ykn beeyladoota isaatii fi midhaan isaa nagaa taasisuu kan kajeelu akkamuma ta'a? akkasuma namni sodaa hamtuu jinnii ykn waan kana fakkaatuuf jecha kana dalagu hoo akkamum ta'a?! dhugumatti namni kanaa fi waan kana fakkaatu dalage, nama tisiiisa taabotatti dhiheesse kana caalaatti mušrika ta'uufi ibidda seenuu kan ḥaóa godhatu ta'uun isaa šakkii hin qabu.

Ammas waan kana ilaalchisuun waan dhufe keessaa, jecha Rabbii guddatee kana:

﴿إِنَّآ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ فَٱعۡبُدِ ٱللَّهَ مُخۡلِصٗا لَّهُ ٱلدِّينَ2 أَلَا لِلَّهِ ٱلدِّينُ ٱلۡخَالِصُۚ وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَ مَا نَعۡبُدُهُمۡ إِلَّا لِيُقَرِّبُونَآ إِلَى ٱللَّهِ زُلۡفَىٰٓ إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡ فِي مَا هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي مَنۡ هُوَ كَٰذِبٞ كَفَّارٞ3﴾

{Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerra, kanaaf amantii Isaaf qulqulleessaa ta’ii Rabbiin gabbari.

Dhaga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaaha qofa. Warri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu) Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. dhugumatti Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu. [Al-zumar: 1-3], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَيَعْبُدُونَ مِنْ دُونِ اللَّهِ مَا لَا يَضُرُّهُمْ وَلَا يَنْفَعُهُمْ وَيَقُولُونَ هَؤُلَاءِ شُفَعَاؤُنَا عِنْدَ اللَّهِ قُلْ أَتُنَبِّئُونَ اللَّهَ بِمَا لَا يَعْلَمُ فِي السَّمَاوَاتِ وَلَا فِي الْأَرْضِ سُبْحَانَهُ وَتَعَالَى عَمَّا يُشْرِكُونَ18﴾

{Rabbiin ala waan isaan hin miineefi hin fayyadne gabbaranii “Isaan kun Rabbiin biratti manguddoota keenya” jedhu. “Sila isin waan Inni samiifi dachii keessatti hin beekne Rabbitti himtuu? Inni (Rabbiin) waan isaan Isa waliin gabbaran irraa qulqullaa’e, olis ta’ee jira” jedhi.} [yuunus: 18]

Rabbiin ol ta'e aayattoota lamaan kana keessatti, mušrikoonni Rabbiin gaditti uumamtoota irraa gargaartota, sodaan, kajeellaan, qalmaan, nażriin, kadhaa fi kanneen kana fakkatan biroo kan isaa waliin gabbaran akka godhatan hime, kanas kan godhan gargaartonni kunniin warra isaan gabbaru gara Rabbiitti dhiheessu, Isa birattis magantaa isaaniif dhaabbatu jedhanii sobaan falmuun akka ta;e hime, eegasii Rabbiin ol ta'e isaan kijibsiisee, soba isaaniis ifa godhee, kijibdoota, kaafirtootaa fi mušrikoota jechuun isaan waamee, Širkii isaanii irraas of qulqulleesse, Rabbiin guddaan ol ta'e akkana jedhe:

﴿...سُبْحَانَهُ وَتَعَالَى عَمَّا يُشْرِكُونَ﴾

{…(Rabbiin) waan isaan Isatti qindeessan irraa qulqullaa’ee ol ta’aardha.} [An-naḥl: 1]. Kanaanis namni malaa'ikaa, yookaan nabiyyii, yookaan jinnii, yookaan muka, yookaan dhagaa, kan Rabbii woliin isa waammatu, gargaarsa isa irra barbaaduu fi kan nażrii fi gorraasuun isatti dhihaatu, haala magantaa isaaf dhaabbachuu fi akka isatti isa dhiheessu barbaaduun yookaan dhukkubsaataa akka isaaf fayyisu kajeeluun, yookaan qabeenya isaa akka isaaf eegu kajeeluun, yookaan namni bade nagaan galuu isa irra kajeeluun yookaan wantootaa sana fakkaatan biroo irra kajeeluun; dhugumatti inni širkii guddaa kana fi balaa hamaa kana keessa bu'eera, kan Rabbiin isa keessatti akkana jedhe:

﴿إِنَّ اللَّهَ لَا يَغْفِرُ أَنْ يُشْرَكَ بِهِ وَيَغْفِرُ مَا دُونَ ذَلِكَ لِمَنْ يَشَاءُ وَمَنْ يُشْرِكْ بِاللَّهِ فَقَدِ افْتَرَى إِثْمًا عَظِيمًا48﴾

{Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeeffamuu hin araaramu, Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti cubbuu guddaa kijibaan uumeera.} [An-nisaa'i: 48] , Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿...إِنَّهُ مَنْ يُشْرِكْ بِاللَّهِ فَقَدْ حَرَّمَ اللَّهُ عَلَيْهِ الْجَنَّةَ وَمَأْوَاهُ النَّارُ وَمَا لِلظَّالِمِينَ مِنْ أَنْصَارٍ﴾

{…Dhugumatti, namni Rabbitti qindeesse, Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseera. Teessoon isaas ibidda, Miidhaa raawwattootaaf tumsitoonni hin jiranu.} [Al-Maa'idah: 72].

Guyyaa qiyaamaatti magantaan dhugumaan kan argamu worra Rabbiin tokkichoomsanii fi qulqulleessaniifi, worra širkiitiifii miti, akkuma Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- yeroo: ''Yaa Ergamaa Rabbii! magantaa keetiin irra milkaa'aan namaa eenyu?'' isaaniin jedhametti, akkuma akkas jedhanitti:

«مَنْ قَالَ: لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ خَالِصًا مِنْ قَلْبِهِ».

«Nama onnee isaa irraa qulqulleessee Laa Ilaaha Illallaah (dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru) jedhe». Ammas Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhani:

«لِكُلِّ نَبِيٍّ دَعْوَةٌ مُسْتَجَابَةٌ، فَتَعَجَّلَ كُلُّ نَبِيٍ دَعْوَتَهُ، وَإِنِّي اخْتَـبَأْتُ دَعْوَتِي شَفَاعَةً لِأُمَّتِي يَومَ القِيَامَةِ، فَهِيَ نَائِلَةٌ إِنْ شَاءَ اللهِ مَن مَاتَ مِنْ أُمَّتِي لَا يُشْرِكُ بِاللهِ شَيْئًا».

«Nabiyyii hundaafuu kadhaa qeebalamaatu jira, nabiyyiin hundis kadhaa isaa ariifatee argateera, ani garuu kadhaa kiyya guyyaa óiyaamaatti ummata kiyyaaf Šafaa'āa taasisuuf ol kaa'eera, isiinis yoo Rabbiin fedhe, nama ummata kiyya irraa osoo waa tokkollee Rabbiitti hin qindeessin du'e qaqqaba».

Mušrikoonni duraanii akka Rabbiin Gooftaa isaanii, Uumaa isaanii fi Sooraa isaanii ta'e ni amanu ture, garuu nabiyyoota, awliyaawwan, malaa'ikoota, mukkeen, dhagaawwanii fi waan kana fakkaatanitti kan isaan rarra'aniif, Rabbiin biratti magantaa isaan irraa barbaaduu fi gara Isaatti akka isaan dhiheessan kajeeluuni, akkuma aayattoota darban keessatti darbetti. Rabbiin kanaaf ūżrii isaaniif hin goone, inumaayyuu Rabbiin kitaaba isaa guddaa keessatti isaan balaaleffatee, kaafirtootaa fi mušrikoota jechuun isaan waamee, jecha isaanii gooftoleen kunniin Šafaa'āa nuuf ta'u Rabbiinitti nu dhiheessu jedhus kijibsiise, Rasuulli Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kana irratti sababaa isaaniif hin kennine, inumaayyuu hanga isaan gabbartii Rabbii tokkichaaf qulqulleessanitti, širkii kana irratti isaaniin loeelra, jecha Rabbii akkas jedhu hojii irra oolchuun:

﴿وَقَاتِلُوهُمْ حَتَّى لَا تَكُونَ فِتْنَةٌ وَيَكُونَ الدِّينُ لِلَّهِ...﴾

{Hanga Širkiin hafee amantiin Rabbiif qofa ta’utti isaaniin lolaa...} [Al-Baóarah: 193]. Ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:

«أُمِرْتُ أَنْ أُقَاتِلَ النَّاسَ حَتَّى يَشْهَدُوا أَنْ لَا إِلهَ إِلَّا اللهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ، وَيُقِيمُوا الصَّلَاةَ، وَيُؤتُوا الزَّكَاةَ، فَإِذَا فَعَلُوا ذَلِكَ عَصَمُوا مِنِّي دِمَاءَهُم وَأَمْوَالَهُمْ إِلَّا بِحَقِّ الإِسْلَامِ، وَحِسَابُهُم عَلَى اللهِ».

«hanga Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muḥammad Ergamaa Rabbii ta'uu ragaa ba'anii, sagadta dhaabanii, zakaa kennanitti namootaan lolutti ajajameen jira, yoo sana hojjatan ḥaóa islaamummaatiin malee dhiiga isaanitii fi qabeenya isaanii narraa tikfataniiru, herregni isaanii immoo Rabbiin irra jira» Hiikni jecha nabiyyii kanaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu-:

«حَتَّى يَشْهَدُوا أَن لَا إِلهَ إِلَّا اللهُ»

«Hanga Rabbiin malee ḥaóaan gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa ba'anitti» jedhuu: jechuunis: hanga waan isa malee jiru hundaan alatti, Rabbiin gabbartiidhaan adda taasisanitti.

Dhugumatti Mušrikoonni jinnoota ni sodaatu turan, isaanittis ni maganfatu turan, kanaaf Rabbiin ol ta'e waa'ee kana ilaalchisee jecha isaa kana buuse:

﴿وَأَنَّهُ كَانَ رِجَالٌ مِنَ الْإِنْسِ يَعُوذُونَ بِرِجَالٍ مِنَ الْجِنِّ فَزَادُوهُمْ رَهَقًا6﴾

{Ammas dhiironni nama irraa ta'an dhiirota jinnii irraa ta'anitti maganfatanii boonaaf joonjo hirrina isaaniif (jinnootaaf) dabalaa turan.} [Al-jinn: 6]. Warri Óur'aana hiikan aayaa kabajamtuu kana ilaalchisuun akkas jedhani:

﴿...فَزَادُوهُمْ رَهَقًا﴾

{...boona isaaniif (jinnootaaf) dabalaa turan.} Kana jechuun: rifaatuudhaa fi sodaadhaan jechuudha; sababiin isaas jinnoonni yeroo ilmaan namaa isaanitti maganfachuu argan, of guddisuun boonu, Yeroo sanatti dabalanii akka isaan gabbaranuu fi gara isaaniittis akka baqaqtanuuf jecha, sodaa fi rifuu isaanitti dabalu.

Rabbiin muslimootaaf, isaa fi jechootawwan isaa guutuu ta'anitti maganfachuu bakka buuseefii jira, sana ilaalchisuunis jecha isaa akkas jedhu buusee jira:

﴿وَإِمَّا يَنْزَغَنَّكَ مِنَ الشَّيْطَانِ نَزْغٌ فَاسْتَعِذْ بِاللَّهِ إِنَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ200﴾

{Yoo garagalchaan šayṫaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhu, Inni dhagayaa, argaadha.} [Al-Aáraaf: 200], Ammas jecha Rabbii ol ta'ee:

﴿قُلْ أَعُوذُ بِرَبِّ الْفَلَقِ1﴾

{Jedhi: "Gooftaa bariittin maganfadha.} Karaa sirrii ta'een Nabiyyii irraa akka odeeffametti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:

«مَنْ نَزَلَ مَنْزِلًا فَقَالَ: (أَعُوذُ بِكَلِمَاتِ اللهِ التَّامَّاتِ مِنْ شَرِّ مَا خَلَقَ)؛ لَم يَضُرَّهُ شَيءٌ حَتَّى يَرْتَحِلَ مِنْ مَنْزِلِهِ ذَلِكَ».

«Namni bakka tokko qubatee: (Aūużu bikalimaatillaahi attaammaati Min šarri Maa Ƙalaó) jedhe; qubsuma isaa sana irraa hanga imalutti homaa isa hin miidhu».

Aayaataa fi ḥadiiśa darbe irraa, namni najaa ba'uu barbaadu, amantii isaa eeggachuu fedhuu fi širkii xinnaa fi guddaa irraa nagaa ba'uu fedhu; dhugumatti du'aa, malaa'ikaa, jinnii fi uumamtoota birootti rarra'uun, isaan kadhachuun, isaanitti maganfachuu fi kan kana fakkaatan gochuun; dalagaa warra jaahiliyyaa mušrikootaa irraa akka ta'ee fi širkii fokkattuu Rabbiin irratti raawwatamu irraa akka ta'e beeka, kanaafuu dirqamni namarra jiruu kana dhiisuu, isa irraa eeggachuu, sa dhiisuu waliif dhaamuu fi nama isa dalage irratti mormuudha.

Namni nmoota irraa gochoolee širkii kanaan beekame immoo: isa wajjiin wal fuudhuun, gorraasuu isaa nyaachuun, isa irratti sagaduunii fi isa duubaan sagaduun hin eeyyamamu; hanga inni gocha sana irraa gara Rabbii qulqullaa'etti tawbaa ykn jiile irraa Rabbitti deebiee isaa ifa godhutti, akkasumas kadhannaa/du'āa'ii fi ibaadaa Rabbi tokkichaaf qulqulleessutti. Kadhannaan/du'āa'iin ībaadaadha, inumaa dhuka ishiiti, akkuma Nabiyyiin -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- jedhan:

«الدُّعَاءُ هُوَ العِبَادَةُ».

"Du'āa'iin (kadhaan) inni Ībaadaadha". Akkasumas jecha biraatiin Nabiyyii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jechuun isaanii gabaafameera:

«الدُّعَاءُ مُخُّ العِبَادَةِ».

""Du'āa'iin dhuka Ībaadaati"." Dhimma fuudha mušrikootaa ilaalchisee immoo: Rabbiin Ol ta'e akkana jedhee jira:

﴿وَلَا تَنْكِحُوا الْمُشْرِكَاتِ حَتَّى يُؤْمِنَّ وَلَأَمَةٌ مُؤْمِنَةٌ خَيْرٌ مِنْ مُشْرِكَةٍ وَلَوْ أَعْجَبَتْكُمْ وَلَا تُنْكِحُوا الْمُشْرِكِينَ حَتَّى يُؤْمِنُوا وَلَعَبْدٌ مُؤْمِنٌ خَيْرٌ مِنْ مُشْرِكٍ وَلَوْ أَعْجَبَكُمْ أُولَئِكَ يَدْعُونَ إِلَى النَّارِ وَاللَّهُ يَدْعُو إِلَى الْجَنَّةِ وَالْمَغْفِرَةِ بِإِذْنِهِ وَيُبَيِّنُ آيَاتِهِ لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمْ يَتَذَكَّرُونَ221﴾

{dubartoota mušrikaa hin fuudhinaa hanga isaan amananitti, Odoma isheen isin dinqisiifteeyyuu gabrittii mu’umintittiitu mušriktittirra caalti, dhiira mušrikootaatti hin heerumsiisinaa hanga amananitti, Odoma (inni) isin dinqisiiseeyyuu gabricha mu’uminaatu mušrika irra caala, Warri sun gara ībiddaatti waamu; Rabbiin immoo eeyyama isaatiin gara jannataafi araaramaatti waama, Haa gorfamaniif jecha aayatoota isaa namootaaf ibsa.} [Al-Baóarah: 221], Rabbiin -qulqullaa'e- dubartoota mušrikaa, kanneen taabota, jinnii, malaa'ikootaafi waan biroo gabbaran fuudhuu irraa muslimoota dhorgee jira; hanga isaan gabbartii Rabbi tokkichaaf qulqulleessuun, Ergamaa immoo -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- waan isaan ittiin dhufan dhugoomsanii karaa isaanii hordofuun amananitti, Akkasumas dhiira mušrikootaatti dubartoota muslimaa heerumsiisuu irraa dhorgee jira; hanga isaan gabbartii Rabbi tokkichaaf qulqulleessuun, Ergamaa immoo -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- dhugoomsanii isa hordofuun amananitti.

Rabbiin -qulqullaa'e- gabrittiin mu'uminaa birmaduu mušrika taate irra akka caaltu hime, bareedinaa fi gaarummaa haasaa išeetiin nama ishee ilaaluu fi haasaa ishee dhagahu kan hawwattu yoo taatellee, Akkasumas gabrichi mu'uminaa birmaduu mušrika ta'e irra akka caalu hime, bareedina isaatiin, qulqullina haasaa isaatiin, jagnummaa isaatii fi wantoota kana fakkaatan birootiin nama isa dhagahuu fi isa laalu kan hawwatu yoo ta'ellee, Sanaan booda sababoota caalmaa kanaa akkas jechuun jecha Isaa qulqullaa'een ibse:

﴿...أُولَئِكَ يَدْعُونَ إِلَى النَّارِ...﴾

{...Warri sun gara ibiddaatti waamu...} [Al-Baóarah: 221]. Kana jechuun: mušrikoota dhiiraafi dubartiiti; sababni isaas isaan jechoota isaaniitiin, hojiiwwan isaaniitiin, adeemsa isaaniitiifi amaloota isaaniitiin warra gara ibiddaatti waaman irraayyi, Mu'umintoonni dhiiraafi dubartiin immoo, isaan amaloota isaaniitiin, hojiiwwan isaaniitiifi adeemsa isaaniitiin warra gara Jannataatti waaman irraayyi, egaa akkamitti isaan kunniiniifi isaan sunniin wal qixxaatu!

Mušrikoota irratti salaatuun immoo: Rabbiin guddatee ol ta'e waa'ee munaafiqootaa akkas jedhe:

﴿وَلَا تُصَلِّ عَلَى أَحَدٍ مِنْهُمْ مَاتَ أَبَدًا وَلَا تَقُمْ عَلَى قَبْرِهِ إِنَّهُمْ كَفَرُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ وَمَاتُوا وَهُمْ فَاسِقُونَ84﴾

{Isaan irraa nama du’e tokkollee irratti hin sagadin, Qabrii isaa irras hin dhaabbatin, Dhugumatti isaan Rabbiifi ergamaa Isaattis kafaran. finciltoota ta’anii du’aniiru.} [AT-Tawbah: 84], Rabbiin ol ta'e Aayaa kabajamtuu tana keessatti, sababaa Rabbii fi ergamaa isaatti kafaraniif jecha munaafiqaafi kaafira irratti (sagada janaazaa) akka hin sagadamne dhugumatti ifa godhee jira; akkasumas duuba isaaniitti hin sagadamu, muslimootaafis imaama hin godhamanu; kafaruu, amaanaa dhabuu, diinummaa gidduu isaaniitii fi gidduu muslimootaa jiruu fi waan isaan warra salaataa fi gabbartii hin taaneef jecha; kufriifi širkiin hojjii wohiituu waan isaaniif hin hanbifneefi, kana irraa Rabbiin nageenya kadhanna. Gorraasuu mušrikootaa nyaachuun immoo: dhugumatti Rabbiin -ulfinni isaa guddate- baktii fi wanti mušrikoonni gorra'anii ḥaraama ta'uu isaa ibsuun akkas jedhe:

﴿وَلَا تَأْكُلُوا مِمَّا لَمْ يُذْكَرِ اسْمُ اللَّهِ عَلَيْهِ وَإِنَّهُ لَفِسْقٌ وَإِنَّ الشَّيَاطِينَ لَيُوحُونَ إِلَى أَوْلِيَائِهِمْ لِيُجَادِلُوكُمْ وَإِنْ أَطَعْتُمُوهُمْ إِنَّكُمْ لَمُشْرِكُونَ121﴾

{Waan maqaan Rabbii isarratti hin dubbatamin hin nyaatinaa, Dhugumatti, inni fincila, Dhugumatti, šayṫaanonni akka isiniin falmanuuf gara jaalallee isaanii hasaasu, Isin yoo isaaniif ajajamtan dhugumatti isin mušrikoota.} [Al-An'āam: 121], Rabbiin -ulfinni isaa guddate- baktii fi qalma mushrikaa nyaachuu irraa muslimoota dhorgee jira; sababni isaas inni najisa, kanaafuu qalmi isaas odoo maqaa Rabbii irratti dhahees murtii baktii qaba; maqaa Rabbii dhahuun isa irraa argames kijiba dhiibbaa tokkollee hin qabu; gorraasuun gabbartiidha waan ta'ee fi širkiin immoo hanga namni širkii godhu sun irraa deebi'utti gabbartii waan balleessuuf jecha, Rabbiin ol ta'e jecha isaa akkas jedhu keessatti nyaata Abbootii kitaabaa eeyyame malee:

﴿...وَطَعَامُ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ حِلٌّ لَكُمْ وَطَعَامُكُمْ حِلٌّ لَهُمْ...﴾

{...Nyaanni abbootii kitaabaas isiniif eeyyamamaadha. Nyaanni keessanis isaaniif hayyamamaadha..} [Al-Maa'idah: 5], Sababni isaas isaan gara amantaa samiitti waan of hirkisaniif jecha, kijibdoota yoo ta'anillee hordoftoota Muusaa fi Iisaati jedhu waan ta'eef, Rabbiin Muḥammadiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- gara ilmaan namaa cufaatti erguudhaan, amantii isaanii haqee isa balleessee jira, garuu Rabbiin guddate oguma hoonga ga'ee fi iccitii eegame kan worri beekumas qaban ifa galchaniif jecha, nyaata warra kitaabaa fi dubartoota isaanii nuuf eeyyamee jira, faallaa mushrikoota worreen nabiyoota, woliyyootaa fi kanneen biroo irraa taabotootaa fi namoota du’an gabbaranitti; sababni isaas amantaan isaanii bu'uura hin qabu, wol fakkaannaanis isa keessa hin jiru, inumaayyuu inni bu'uuruma isaa irraayyuu kijiba dogongora, kanaaf gorraasuun warra kanaas baktiidha ykn Duaadha, nyaachuunis hin eeyyamamu.

Namni nama isaan haasa'uun: (jinniitu si tuqe), (jinniitu si qabe), (šeeyxaanatu siin barare), fi kan kana fakkaatu biroo jechuun isaa immoo, kun arrabsoo fi salphisuu irrayyi lakkaa'ama, kunis akkuma gosoota arrabsoo fi salphisoo borootti muslimoota giddutti hin eeyyamamu, garuu kun gosa Širkii irraayyi miti, yoo kan namni jecha sana jedhu sun akka jinnin eeyyama Rabbii fi fedha isaatiin alatti namoota irratti ajaja ofii raawwattu amanu ta'e malee, Jinnii yookiin uumamtoonni biroo waan akkasii raawwatu jedhee namni amane, inni amantii kanaan kaafira; sababni isaas Rabbiin isatu Abbaa waan hundaa, kan waan hunda irrattis danda'aa waan ta'eefi, isatu fayyadaa fi miidhaadha, eeyyama isaa, fedhii isaatiifii murtee isaa duraaniitiin malee wanni tokkollee hin argamu, akkuma Rabbiin ol ta'e bu'uura guddaa kana namootatti akka himan Nabiyyii isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ajajuun akkas jedhetti:

﴿قُلْ لَا أَمْلِكُ لِنَفْسِي نَفْعًا وَلَا ضَرًّا إِلَّا مَا شَاءَ اللَّهُ وَلَوْ كُنْتُ أَعْلَمُ الْغَيْبَ لَاسْتَكْثَرْتُ مِنَ الْخَيْرِ وَمَا مَسَّنِيَ السُّوءُ إِنْ أَنَا إِلَّا نَذِيرٌ وَبَشِيرٌ لِقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ188﴾

{Jedhi "Ani lubbuu kiyyaaf faayidaas ta’ee miidhaa fiduu hin danda'u waan Rabbiin fedhe malee, Odoon kanin fagoo (ghaybii) beeku ta'ee, silaa toltuu irraan baay'ifadha; hamtuunis na hin tuqu ture, Ani ummata amananiif akeekkachiisaafi gammachiisaa malee hintaane".} "[Al-Aáraaf: 188]," Mootiin uumamaa fi irra caalaan isaanii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- lubbuu ofiitiif waan Rabbiin fedhe malee faaydaas ta'ee miidhaa of harkaa kan hin qabne erga ta'ee, akkamitti uumamni biraa hoo akkam ta'a?! Aayaanni hiika kana keessatti baay'eedha.

Waa himtuu, falfaltoota, worra urjii ilaaluun waa himanii fi kanneen kana fakkaatan biroo, worra oduu waan fagoo fi dhokataa irraa dubbatan gaafachuun immoo, inni badiidha hin eeyyamamu, isaan dhugeessuun immoo irra hamaa fi irra badiidha, inumaayyuu inni damee kufrii irraayyi; jecha nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buus- akkas jedhuuf jecha:

«مَنْ أَتَى عَرَّافًا فَسَأَلَهُ عَنْ شَيءٍ؛ لَمْ تُقْبَلْ لَهُ صَلَاةٌ أَرْبَعِينَ يَومًا».

«Namni waa himaa bira dhufee waan tokko irraa isa gaafate; sagadni guyyaa afurtamaa isaaf hin qeebalamu». Muslimtu ṡaḥiiḥa isaa keessatti gabaase, Ammas Ṡaḥiiḥa isaa keessatti Mu'aawiyaa ibinu hakam assulamii irraa odeeffamee -Rabbi isarraa haajaalatuu- akkas jedhe:

«أَنَّ النَّبيَّ ﷺ نَهَى عَنْ إِتْيَانِ الكُهَّانِ وَسُؤَالِهِم».

"Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- gara raagduu dhufuu fi isaan gaafachuu irraa dhoorgani."

Akkasumas warri Sunanaa Nabiyyii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jechuu isaanii gabaasanii jiru:

«مَنْ أَتَى كَاهِنًا، فَصَدَّقَهُ بِمَا يَقُولُ؛ فَقَدْ كَفَرَ بِمَا أُنْزِلَ عَلَى مُحَمَّدٍ ﷺ».

"Namni raagdutti dhaqee waan inni jedhu dhugoomse, dhugumatti waan Rabbin muḥammad irrati buusetti kafaree jira -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu-". Hiikaa kana ilaalchisuun ḥadiiśota hedduutu jiru. Dirqamni musliimota irra jiru: raagdota, waa himtootaa fi falfaltoota hunda worra oduu waan dhokataa fi fagoo dubbachuu fi muslimootatti wol fakkeessuu irratti bobba'an hunda waa gaafachuu irraa of eeguudha, sun maqaa yaalaatiinis ta'ee yookaan kan biraatiinis yoo ta'e, dhoorgaa fi sodaachisa nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- darbeef jecha, wanti namni gariin maqaa yaalaatiin himatu, dhimmoota beekumsa waan fagoo dhokataa ta'e, kan akka yeroo marata dhukkubsataa yookaan Shaashii isaa yookaan waan sana fakkaatu biroo fuunfachuun: dhimmoota fagoo dhokatoo kan marata dhukkubsaa fi kanneen biroo iraa mallattoon homaatuu kan isa irraa hin jirre, dhukkubsataan kun ykn dhukkubsattuun tun waan akkasii dalage yookaan waan akkasii raawwate jedhu, sana hunda irraa wanti barbaadame nomootatti wol fakkeessuun akka isaan: inni yaala, gosoota dhukubaa fi sababa isaas beeka jedhaniif jecha, tarii dawaa wohiis isaaniif kenninaan, dawaan sunis fayyummaa qunnamee jennaan, isaanis sun sababaa dawaa isaati jedhanii yaaduutu mala, Tarii dhukubni sun sababaa garii jinnii fi Šeeyṫana namicha ogeessa yaalaa ta'uu himatu tajaajilanu kan garii waan fgoo dhokatoo itti ga'anii isatti himanii jennaan isa irratti hundaa'uun dubbatuu ta'uutu mala, jinniifi Šeeyṫana gabbartii isaan barbaadan isaaniif dhiheessuun isaan jaalachiisee jennaan, dhukkubsataa sana keessaa ba'uun, miidhaa fi rakkina isatti owwisanis dhiisu, nama isaan tajaajiluuf kana gochuun jinnii fi Šayṫaana irraa beekamaadha.

Ammas dirqamni muslimtootarra jiru: sana irraa of eeggachuu, isa dhiisuu waliif dhaamuu fi dhimma hunda keessatti Rabbii ol ta'e qofa irratti hirkachuudha, ruqaa (yaala) Šari'āa, dawaa eeyyamamaa fi ogeeyyii fayyaa worra dhukkubsataa ilaaluun, sababaa mul'ataa fi sammuun amansiisaa ta'een dhibee isaa mirkaneessan birattis yaalamuun rakkoo hin qabu, nabiyyii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jechuun karaa sirrii ta'een dhufee jira:

«مَا أَنْزَلَ اللهُ دَاءً إِلَّا أَنْزَلَ لَهُ شِفَاءً، عَلِمَهُ مَنْ علِمه، وَجَهِلَهُ مَنْ جَهِلَهُ».

"Rabbiin dhukuba wohii buusee isaaf dawaa busu malee hin hafne, namni beeke beeke kan wallalees wallaale" Ammas nabiyyiin :Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhani:

«لِكُلِّ دَاءٍ دَوَاءٌ، فإِذَا أُصِيبَ دَوَاءٌ الدَّاءَ بََرَأَ بِإِذْنِ اللهِ».

""Dhukuba hundaaf dawaatu jira, yoo dawaan dhukuba qunname yyama Rabbiitiin ni fayya."" Ammas nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha busu- akkas Jedhan:

«عِبَادَ اللهِ، تَدَاوَوا وَلَا تَدَاوَوا بِحَرَامٍ».

«Yaa gabroota Rabbii, dawaa godhadhaa haraamaan dawaa hin godhatinaa». Ergaa kana keessatti ḥadiiśonni hedduun dhufanii jiru.

Haala muslimootaa hundaa akka tolchu, qalbii fi qaama isaanii waan hamtuu hundarraa akka fayyisu, qajeeluma irratti akka walitti isaan qabu, nu'ii fi isaanis fitnaalee nama jallisuu fi šeeṫaanaa fi awliyaa'oota isaatiif ajajamuu irraa akka nu tiksu Rabbiin qofa kadhanna, Inni waan hunda irratti danda'aadha, falliifi humni Rabbii ol aanaa guddaa ta'een malee hin jiru.

Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa nabiyyii keenya Muḥammad, firoota isaanii fi ṡaḥaabota isaanii irratti raḥmata, nageenya fi barakaa ha buusu.

 

 

***

 


بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ

Ergaa Afraffaa:

Murtii Żikrii fardeeffatamanii jedhaman kan baasaa fi Širkii ta'niin gabbartii gochuu

Ābdul Āziiz ilma Abdullaah ilma Baaz irraa, gara kabajamaa obboleessa kabajamaa (.........), Rabbiin toltuu hundaaf isa ha qajeelchu, Aamiin.

Nageenyi, raḥmannii fi barkaan Rabbii isin irra ha jiraatu (Assalaamu'alaykum Waraḥmatullaahi Wabarakaatuhuu).

Kana boodaan: kitaabni keessan kabajamaan na qaqqabee jira, Rabbin qajeeluma isaatiin isin ha qaqqabu, faaydaan inni of keessatti qabate, biyya keessan keessa akka namoonni Żikrii Rabbiin ragaa itti hin buusin frdeeffatanii jedhan qabatanii jiran jiranutu isa keessa jira, isa keessaa kan baasa ta'etu jira, akkasuma kan širkii ta'etu jira, waan godhan kana immoo gara Amiira Mu'uminaa: Āliyyii ilma Abii Ṫaalibii fi -Rabbi isa irraaa ha jaallatu- kan birootti hirkisu, Żikriiwwan fardeeffatan sanniin bakka żikriif taa'amutti yookaan sagada magribaa booda masjiida keessatti qara'u, sana kan godha immoo wanti kun Rabbitti nu dhiheessa jechuuni, akka jecha isaanii: "Ḥaóóa Rabbiitiin, yaa namoota Rabbii, gargaarsa Rabbiitiin nu gargaaraa, Rabbiin gargaarsaa keenya nuuf ta'aa." jechuu faa. Akkasuma akka jecha isaanii: “Yaa aqxaabotaa, yaa gooftolii, yaa warra gargaarsaa nu keessa jirtan nuuf owwaadhaa, Rabbi birattis magantaa nuuf godhaa, kunoo gabrichi keessan dhaabatee jira, balbala keessan irrattis taa'ee jira, hanqina isaatiifis sodaatee jira, nu birmadhu yaa ergamaa Rabbii, isin malee qaaman itti deemu hin qabu, wanti barbaadames isinuma irraa argama, isin warra Rabbiiti, Ḥamzaa gooftaa Šahiidotaatiin (isin kadhanna), isin irraas eenyutu birmannaa nuuf ta’a, nuu birmadhu yaa ergamaa Rabbii.” Akkasumas akka jecha isaanii: "Yaa Rabbi! Nama dhodhoo'iinsa iccitiiwwan mootummaa keetiitii fi adda ba'iinsa ifa raḥmata keetiitiif sababa taasite irratti raḥmata buusi, innis hadraa gooftummaa irraa bakka bu'aa fi iccitiiwwan żaatii keetiitiif Ƙaliifaa ta'eera."

Fedhii keessan wanta bid'āa ta'ee fi wanta širkii ta'e ibsuu keessatti qabdan irraa ka'uun, sagadni imaama du'āa'ii kanaan kadhatu duubaan sirrii ta'aa, sun hundi beekamaa ta'edha?

Deebiin: Faaruun kan Rabbii qofa; raḥmannii fi nageenyi nabiyyii nabiyyiin isa boodaan hin jirre irra ha jiraatu; akkasumas maatii, ṡaḥaabota isaanii fi hanaga guyyaa qiyaamaatti nama qajeeluma isaaniitiin qajeele irras ha jiraatu.

Booda kanaatii: beeki - Rabbiin si ha milkeessuu - Rabbiin qulqullaa'aan uumama kan uumee fi ergamtootas - raḥmataa fi nageenyi isaan irratti ha jiraatu - kan ergeef, wanta isaan alaa hunda dhiisuun isa tokkicha šariika hin qabne qofa akka gabbaraniifi; akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti:

﴿وَمَا خَلَقْتُ الْجِنَّ وَالْإِنْسَ إِلَّا لِيَعْبُدُونِ56﴾

{Jinniifi ilma namaa akka ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.} [Aż-żaariyaat: 56].

Gabbartiin - akkuma duraan ibsametti - : waan Rabbii fi ergamaan isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- itti ajajan hojjachuu fi waan Rabbii fi ergamaan isaa irraa dhoorgan dhiisuun, Rabbiif ajajamuu fi ergamaa isaa Muḥammadiif ajajamuudha, Rabbii fi ergamaa Isaatti amanuudhaan, hojii Rabbiif qulqulleessuudhaan, jaalala ol'aanaa fi gadi of qabiinsa guutuu waan isa malee jiruun alatti isuma qofaaf qabaachuu waliin; akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti:

﴿وَقَضَى رَبُّكَ أَلَّا تَعْبُدُوا إِلَّا إِيَّاهُ...﴾

{Gooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarree fi haadhaa fi abbaatti tola akka ooltan murteesse...} [Al-Israai: 23] Kana jechuun: inni qofti akka gabbaramu ajajee dhaammate, Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿الْحَمْدُ لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ2 الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ3 مَالِكِ يَوْمِ الدِّينِ4 إِيَّاكَ نَعْبُدُ وَإِيَّاكَ نَسْتَعِينُ5﴾

{Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa Āalamaati.

Akkaan mararfataa akkaan raḥmata godhaa.

Abbaa (mootii) guyyaa murtii.

Si qofa gabbarra; Si qofa gargaarsifannas.} [Al-Faatiḥah: 2-5] Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e aayattoota kanneeniin kan ibse: gabbaramuuf kan dhugaan ḥaóa godhatu isuma qofa, gargaarsifatamuuf kan malus isuma qofa akka ta'edha. Rabbiin akkana jedhe:

﴿إِنَّآ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ فَٱعۡبُدِ ٱللَّهَ مُخۡلِصٗا لَّهُ ٱلدِّينَ2 أَلَا لِلَّهِ ٱلدِّينُ ٱلۡخَالِصُۚ...﴾

{Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerra, kanaf amantii Isaaf qulqulleessaa ta’ii Rabbiin gabbari.

Dharga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaah qofa...} "[Az-zumar: 3-2]," Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿فَادْعُوا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ وَلَوْ كَرِهَ الْكَافِرُونَ14﴾

{Oduma kaafirtoonni jibbanuu amantii isaaf qulqulleessaa, Rabbiin gabbaraa}. [Ǧaafir:14] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَأَنَّ الْمَسَاجِدَ لِلَّهِ فَلَا تَدْعُوا مَعَ اللَّهِ أَحَدًا18﴾

{Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa.} [Al-jinn: 18], Ergaa kana ilaalcjisee aayattoota hedduutu jiru, hundinuu gabbartiidhaan Rabbiin kophaa baasuun dirqama ta'uu agarsiisu.

Du'aa'iin gosoota isaa hundaan ibaadaa irraa ta'uun beekamaadha, kanaafuu aayattoota kabajamoo kanaa fi kan ergaa isaanii qabatanii dhufaniin hojjachuuf jecha, nama tokkoofiyyuu Gooftaa isaa malee kan biraa kadhachuun, isa malee kan biraa gargaarsifachuu fi birmachisiifachuun hin eeyyamamu. Kunis dhimmoota idilee fi sababoota qabatamaa, kan uumamni jiraataan nama bira jiru irratti danda'uun ala waan jiru keessatti, kun dhugumatti gabbartii irraayyii miti, inumaayyuu keeyyattootaa fi waliigaltee ulamootaatiin namni tokko nama lubbuu qabu kan dandeettii qabu, wantoota idilee irratti danda'u irratti gargaarsiifachuun eeyyamamaadha; akka hammeenya ilma isaa, ykn tajaajilaa isaa, ykn saree isaa fi waan kana fakkaatu biroo deebisuu keessatti gargaarsisiifachuu ykn birmachiifachuu. Akkasuma akka namni tokko nama lubbuu qabu kan nama bira jiru kan dandeettii qabu ykn kan fagoo jiru karaa sababoota qabatamaa akka xalayaa barreessuu fi kan kana fakkaatan birootiin, mana isaa ijaaruu, ykn konkolaataa isaa suphuu, ykn waan kana fakkaatu biroo keessatti gargaarsifachuu faa, Sana irraa: Namni tokko jihaada, waraanaa fi kan sana fakkaatan biroo keessatti hiriyoota isaa birmachiifachuu faa. Kan akka kanaa ilaalchisuun jechaa Rabbiin ol ta'ee seenaa Muusaa keessatti -nagaa fi raḥmanni isa irra ha jiraatu- dubbate:

﴿...فَاسْتَغَاثَهُ الَّذِي مِنْ شِيعَتِهِ عَلَى الَّذِي مِنْ عَدُوِّهِ...﴾

{...Inni lammii isaa irraa ta’e isa diina isaa irraa ta’e irratti tumsa isa gaafate...} [Al-Óaṡaṡ: 15].

Du'aa, jinniifi malaa'ikaa, mukaafi dhagaa birmachiifachuun immoo: kun širkii guddoo irraayyi, innis gosa dalagaa mušriktoonni duraanii gabbaramtoota isaanii wajjiin dalaganiiti; akka Ūzzaa, Laatii fi wantoota kana malee jiranu biroos, akkasuma waan Rabbiin malee namni kamuuu hin dandeenye; kan akka dhukkubsataa fayyisuu, qalbii qajeelchuu, jannata seenuu, ibidda irraa bilisa ba'uu fi kan kana fakkaatan biroo irratti, namoota lubbuun jiranu kan waliyyiidha jedhanii amanan irraa birmannaa fi gargaarsa barbaaduu faa.

Aatoowwan dabran, aayatoowwanii fi hadiisotni biroon ergaa kana qabatanii dhufan: hundi isaanii dhimmoota hunda keessatti qalbii gara Rabbii qajeelchuu fi gabbartii Rabbi qofaaf qulqulleessuun dirqama ta'uutti akeeku; akkuma aayattoota darban keessatti eeramaetti, gabroottan isaaf jecha uumaman isattis ajajamani waan ta'eef, akkauma jecha Rabbii ol ta'ee keessatti dubbatametti:

﴿وَاعْبُدُوا اللَّهَ وَلَا تُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا...﴾

{Rabbiin gabbaraa; Isatti homaa hin qindeessinaas...} [An-nisaa'i: 36], Ammas jecha Rabbii qulqullaa ta'ee:

﴿وَمَا أُمِرُوا إِلَّا لِيَعْبُدُوا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ...﴾

{Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu...maletti hin ajajamne…} [Al-Bayyinah: 5] Akkasuma jecha Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- hadiisa Mu'aaz irraa odeeffameen -Rabbi isa irraa ha jaallatu- akkana jedhan:

«حَقُّ اللهِ عَلَى العِبَادِ أَنْ يَعْبُدُوهُ وَلَا يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا».

«Haqni ykn dhugaan dirqamni Rabbi gabroota irraa qabu, osoo waan tokkollee Isatti hin qindeessin Isa gabbaruudha.» Bukhaarii fi Muslimtu sahiiha ta'uu isaa irratti wolii galani, Ammas jecha nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- hadiisa Ibnu Mas'uud odeesse keessatti-Rabbiin isa irraa ha jaallattu- akkas jedhani:

«مَنْ مَاتَ وَهُوَ يَدْعُو لِلَّهِ نِدًّا؛ دَخَلَ النَّارَ».

"Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee osoo kadhatuu du'e ibidda seene." Bukhaariitu gabaase. Bukhaarii fi Muslim keessatti hadiisa Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- yeroo Mu'aazin gara yamanitti erganitti akkas jedhaniin:

«إِنَّكَ تَأْتِي قَومًا أَهْلَ كِتَابٍ، فَلْيَكُنْ أَوَّلَ مَا تَدْعُوهُم إِلَيهِ شَهَادَةِ أَنْ لَا إِلهَ إِلَّا اللهُ».

«Dhugumatti, ati gara ummata warra kitaabaa ni dhaqta, wanti jalqaba gara isaatti isaan waamtu Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa ba'uu haa ta'u.» jecha biraatiin:

«اُدْعُهُمْ إِلَى شَهَادَةِ أَنْ لَا إِلهَ إِلَّا اللهُ وَأَنِّي رَسُولُ اللهِ».

«Gara haqaan gabbaramaan Allaahaa malee akka hin jirree fi ani ergamaa Allaahaa ta'uu ragaa ba'uutti isaan waami»." Gabaas bukhaariitiin:

«فَلْيَكُنْ أَوَّلَ مَا تَدْعُوهُم إِلَى أَنْ يُوَحِّدُوا اللهَ».

«Wanti duraa kan ati itti isaan waamtu Rabbiin tokkochoomsuu ha ta'u.» Sahiiha Muslim keessatti, Xaariq ibnu Ash-yam Al-Ashja'ii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:

«مَنْ قَالَ: لَا إِلهَ إِلَّا اللهُ، وَكَفَرَ بِمَا يُعْبَدُ مِن دُونِ اللهِ؛ حَرُمَ مَالُهُ وَدَمُهُ، وَحِسَابُهُ عَلَى اللهِ جَلَّ جَلَالُهُ».

«Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra». Ergaa kana ilaalchisuun hadiisota hedduutu jiru.

Towhiidni ykn rabbin qaroo male gabbaruun kun hundee diinii islaamaa, bu'uura amantiiti, i inni mataa dubbii fi irra barbaachisaa dirqamootaati, inni sababaa jinnii fi ilmaan namaa uumuu fi sababaa ergamtoonni hundi ergamuuti -rahmannii fi nageenyi isaan irra ha jiraatu- akkauma aayattoota kanatti akeekan keessatti darbee jirutti, isaan keessaa jecha Rabbii qulqullaa'ee akkas jedhu:

﴿وَمَا خَلَقْتُ الْجِنَّ وَالْإِنْسَ إِلَّا لِيَعْبُدُونِ56﴾

{Jinniifi ilma namaa ana qofa akka gabbaraniif malee hin uumne.} [Az-zaariyaat: 56] Ammas Sana irratti ragaalee jiran keessaa: jecha Rabbii ol ta'ee:

﴿وَلَقَدْ بَعَثْنَا فِي كُلِّ أُمَّةٍ رَسُولًا أَنِ اُعْبُدُوا اللَّهَ وَاجْتَنِبُوا الطَّاغُوتَ...﴾

{Dhugumatti, Nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra...} (An-nahl:90) Akkasumas jecha Rabbii qulqullaa'ee ol ta'ee:

﴿وَمَا أَرْسَلْنَا مِنْ قَبْلِكَ مِنْ رَسُولٍ إِلَّا نُوحِي إِلَيْهِ أَنَّهُ لَا إِلَهَ إِلَّا أَنَا فَاعْبُدُونِ25﴾

{(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.} {Al-Anbiyaa: 25} Rabbiin -kabajni isaa guddate- Nuuh, Huud, Saalihii fi Shu'ayb -rahmataa fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- ummata isaaniitiin maal akka jedhan ilaalchisuu akkas jedhe::

﴿...اعْبُدُوا اللَّهَ مَا لَكُمْ مِنْ إِلَهٍ غَيْرُهُ...﴾

{...Rabbiin qofa gabbaraa Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru...} [Al-A'araaf: 59], Akkuma aayattoonni darban lameen agarsiisanitti Kun waamicha ergamtootaa hundaati, diinonni ergamtootaa akka ergamtoonni gabbartiin Rabbiin kophaa baasuu fi gabbaramtoota Isaa gaditti gabbaraman dhiisuutti isaan ajajan dhugumatti amananii jiru, akkuma Rabbiin -kabajni isaa guddate- seenaa Aad keessatti akka isaan Huudiin -nageenyi isa irra ha jiraatu- akkas jedhan akkuma himee jirutti:

﴿...أَجِئْتَنَا لِنَعْبُدَ اللَّهَ وَحْدَهُ وَنَذَرَ مَا كَانَ يَعْبُدُ آبَاؤُنَا...﴾

{...Akka nuti Rabbiin tokkicha Isaa gabbarruu fi wantoota abbootiin keenya gabbaraa turan dhiifnuuf nutti dhuftee..?} [Al-A'araaf: 70], Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e dhimma Qurayshootaa, yeroo Nabiyyiin keenya Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- gabbartiin Rabbiin qofa adda baasuu fi waantoota isaa gaditti gabbaran malaa'ikota, awliyaa'oota, taabotoota, mukkeenii fi kanneen biroo dhiisuutti isaan waame ilaalchisuun, akkana jedhe:

﴿أَجَعَلَ الْآلِهَةَ إِلَهًا وَاحِدًا إِنَّ هَذَا لَشَيْءٌ عُجَابٌ5﴾

{Sila gabbaramtoota (hunda) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha.”} [Saad: 5] Ammas Rabbiin qulqullaa'ee fi ol ta'e dhima isaanii irraa akkana jedhe:

﴿إِنَّهُمْ كَانُوا إِذَا قِيلَ لَهُمْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ يَسْتَكْبِرُونَ35 وَيَقُولُونَ أَئِنَّا لَتَارِكُوٓاْ ءَالِهَتِنَا لِشَاعِرٖ مَّجۡنُونِۭ36﴾

{Isaan yeroo “Rabbiin malee gabbaramaan dhugaa hin jiru” isaanin jedhamu ni boonu.

“Sila nuti weellisaa maraataa (kanaaf) gabbaramtoota keenya dhiifnaa?” jedhu.} [Assaaffaat: 35-36] Aayattoonni hiikkaa kana argisiisan hedduudha.

Aayattootaa fi hadiisota dubbanneen: Rabbiin anaa fi si'is amantii hubachuu fi haqa Gooftaa Aalamaa beekuuf nu ha qajeelchu ـ kadhaawwanii fi gosoonni gargaarsa barbaaduu kunniin - kan ati gaaffii kee keessatti ifa goote -, hundinuu gosoota shirkii guddo irraa ta'uun isaanii ifa siif gala; sababni isaas isaan kunniin waan Rabbiin malee jiru gabbaruu fi wantoota inni malee eenyullee hin dandeenye, du'aa fi namoota nama bira hin jirra irraa barbaaduudha, kunis shirkii warra duraa irra fokkataadha; sababni isaas warri duraa yeroo qananii keessatti qofa Rabbitti qindeessu waan ta'eef, Yeroo rakkinaa keessatti garuu gabbartii Rabbiif qulqulleessu; sababni isaas rakkina irraa isaan baasuu waan isa malee jiruun alatti isuma qofatu danda'aa akka ta'e waan beekaniif jecha, akkuma Rabbiin ol ta'e Qur'aana isaa ifa galaa ta'e keessatti waa'ee worra isatti qindeessan saniinii ilaachisuun akkas jedhee jirutti:

﴿فَإِذَا رَكِبُواْ فِي ٱلۡفُلۡكِ دَعَوُاْ ٱللَّهَ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ فَلَمَّا نَجَّىٰهُمۡ إِلَى ٱلۡبَرِّ إِذَا هُمۡ يُشۡرِكُونَ65﴾

{Yeroo doonii yaabbatan, amantii Isaaf qulqulleessuun Allaah qofa kadhatu, Yeroo Inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo yeroma san (Rabbitti) qindeessu.} [Al-ankabut: 65] Ammas Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e aayaa biraa keessatti isaanitti dubbachuun akkana jedhe:

﴿وَإِذَا مَسَّكُمُ ٱلضُّرُّ فِي ٱلۡبَحۡرِ ضَلَّ مَن تَدۡعُونَ إِلَّآ إِيَّاهُۖ فَلَمَّا نَجَّىٰكُمۡ إِلَى ٱلۡبَرِّ أَعۡرَضۡتُمۡۚ وَكَانَ ٱلۡإِنسَٰنُ كَفُورًا67﴾

{Yeroo rakkoon wahii galaana keessatti isin tuqe, Isa malee wantoonni isin kadhachaa turtan (hundi) ni badu, Yeroma Inni gara dachiitti isin baase (Isa irraa) gara galtan, Namni akkaan kafaraa ta’eera.} [Al-Israa: 67].

Yoo mushrikoota boodaa kanniin irraa namni wohii tokko akkas jedhe: "Nuti isaan sun ofii isaaniitiin faayidaa ni fidu, ofii isaaniitiin dhukkubsattoota keenya ni fayyisu, yookiin ofii isaaniitiin nu fayyadu, yookiin ofii isaaniitiin nu miidhu jennee hin yaadnu; garuu nuti sana keessatti magantaa Rabbiin biratti akka nuuf ba'an barbaanneeti?

Deebiin: akkana isaan jedhamuudha: dhugumatti kun kaayyoo kaafirtoota duraaniitiifi fedhii isaaniiti, fedhiin isaanii gabbaramtoonni isaanii waa ni uumu, ykn rizqii ni kennu, ykn ofuma isaaniitiin bu'aa fidu ykn miidhaa geessisu jechuuniii miti, kana wanti Rabbiin Qur'aana keessatti isaan ilaalchisuun dubbate dhugumatti ni fashaleessa, isaan kan barbaadan magantaa isaaniitiifi kabaja isaaniitii fi gara Rabbii dhiheenyaan akka isaan dhiheessanidha, akkuma Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e jedhe:

﴿وَيَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَضُرُّهُمۡ وَلَا يَنفَعُهُمۡ وَيَقُولُونَ هَٰٓؤُلَآءِ شُفَعَٰٓؤُنَا عِندَ ٱللَّهِ...﴾

{Rabbiin ala waan isaan hin miineefi hin fayyadne gabbaranii “Isaan kun Rabbiin biratti manguddoota keenya” jedhu.} [Yuunus 18] Rabbiinis akkas jechuun isaan irratti deebise:

﴿...قُلۡ أَتُنَبِّـُٔونَ ٱللَّهَ بِمَا لَا يَعۡلَمُ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَلَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ سُبۡحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ﴾

{...“Sila isin waan Inni samiifi dachii keessatti hin beekne Rabbitti himtuu? Inni (Rabbiin) waan isaan Isa waliin gabbaran irraa qulqullaa’e, olis ta’ee jira” jedhi.} [Yuunus: 18] Rabbiin qulqullaa'aan samii keessattis ta’ee dachii keessatti, haala mushriktoonni yaadan saniin magantaa isa biraa akka hin beekne ifoomsee jira, wanti Rabbiin jiraachuu isaa hin beekne immoo hin jiru; sababni isaas homtuu isa jalaa hin dhokatu waan ta'eef. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ 1 إِنَّآ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ فَٱعۡبُدِ ٱللَّهَ مُخۡلِصٗا لَّهُ ٱلدِّينَ2 أَلَا لِلَّهِ ٱلدِّينُ ٱلۡخَالِصُۚ وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَ مَا نَعۡبُدُهُمۡ إِلَّا لِيُقَرِّبُونَآ إِلَى ٱللَّهِ زُلۡفَىٰٓ إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡ فِي مَا هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي مَنۡ هُوَ كَٰذِبٞ كَفَّارٞ3﴾

{Buufamuun kitaabichaa Rabbii injifataa, ogessa ta’e irraayyi.

Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerra, kanaaf amantii Isaaf qulqulleessaa ta’ii Rabbiin gabbari2.

Dhaga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaah qofa. Warri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu) Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.3} [AZ-Zumar: 1-3].

Asitti hiikni diinii jechuu: gabbartiidha, innis: akkuma darbee jirutti Rabbii fi Ergamaa isaatiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ajajamuudha, du'aa'ii fi birmannaa barbaaduun, sodaa fi kajeellaan, gorraasuu fi nazriinis isa keessa seena, akkuma: salaanni fi soomnii fi wantoonni Rabbii fi ergamaan isaa itti ajajan biroos isa keessa seenanitti. Kanaafuu Rabbiin qullqullaa'e gabbartiin Isa qofaaf ta'uu fi gabroottan irratti gabbartii isaanii Isa guddinni Isaa ol ta'eef qulqulleessuun dirqama akka ta'e if galchee jira; sababni isaas ajajni Inni Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabbartii Isaaf qulqulleessuutti ajaje, ajaja ilmaan ummata kanaa hundaaf ta'e waan ta'eef jecha.

Eegasii Allaahaan ol-ta'ee qulqullaa'e sana booda waa'ee kaafirtootaa ilaalchisuun akkana jedhe:

﴿...وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَ مَا نَعۡبُدُهُمۡ إِلَّا لِيُقَرِّبُونَآ إِلَى ٱللَّهِ زُلۡفَىٰٓ...﴾

{Warri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu)} [Az-zumar: 3]. Rabbiin qulqulluun akkas jechuun isaanitti deebise:

﴿...إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡ فِي مَا هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي مَنۡ هُوَ كَٰذِبٞ كَفَّارٞ﴾

{...Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.} [Az-zumar: 3], Rabbiin qulqulluun Aayaa kabajamaa kana keessatti: kafaroonni akka gara Rabbiitti sirriitti isaan dhiheessaniif malee waan biraatiif waliyyoota hin gabbarre jedhe; Kunis kaayyoo kaafirootaa kan durii fi kan ammaati. Rabbiin ol ta'es jecha Isaa kanaan dhugaan kana soba taasisee jira:

﴿...إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡ فِي مَا هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي مَنۡ هُوَ كَٰذِبٞ كَفَّارٞ﴾

{...Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.} [Az-zumar: 3], Rabbiin qulqulluun kanaafi ifse: kijiba isaanii waan isaan gooftoleen isaanii gara Rabbiitti akka sirritti isaan dhiheessan jedhanii yaadanii fi gabbartii isaaniif kennuu isaaniitiin kafaruu isaanii kufrii isaanii ifa galchee jira, Kanaanis namni hubannoo xiqqoo qabu kamuu; kufriin kaafirtoota duraanii, nabiyyoota, awliyaawwan, mukkeen, dhagaawwanii fi uumamtoota kanneen biroo gidduu isaaniitii fi gidduu Rabbiitti araarsitoota godhachuu isaaniitiin ta'uu isaa beeka. akkuma ministeeronni mootota biratti magantaa dhaabbatanitti, eeyyamaa fi jaalala Isaatiin maletti dhimma isaanii baasu jedhanii yaaduun isaanii, mootolee fi hooggantootatti isa fakkeessuu isaaniiti -inni kabajni isaa guddate, Ammas ni jedhani: "Akkuma namni mootii fi gaggeessaa irraa haajaa qabu tokko, warra isatti dhihaatanii fi ministeerota isaatiin gara isaatti magantaa barbaadu, nutis akkasuma nabiyyoota Isaa fi awliyaawwan Isaa gabbaruun gara Rabbii dhihaanna." Kunis soba hunda irra soba ta'eedha; sababni isaas Inni qulqulluu ol ta'e, wanti akka Isaa hin jiru, uumama Isaattis hin madaalamu, magantaa keessattis eeyyama Isaatiin yoo ta'e malee namni tokko Isa biratti magantaa hin dhaabbatu, warra isa tokkichoomsaniif malees hin eeyyamu. Inni qulqulluu ol ta'e waan hunda irratti danda'aadha, waan hunda beekaadha, Inni warra rahmata godhan hundarra rahmata godhaadha, nama tokkollee hin sodaatu, sodaanis Isa hin qabu; sababni isaas isatu garboota Isaa gubbaatti mo'ataa fi akka fedhetti isaan keessatti dhimma kan raawwatudha. Faallaa moototaa fi gaggeessitootaattti, isaan waan hunda irratti dandeettii hin qaban, kanaafuu ministeerota, worra isaanitti dhihaatanii fi loltoota isaanii irraa waan isaan dadhaban irratti nama isaan gargaarutti haajomu; akkuma haajaa nama haajaa isaa hin beekneef, haajicha nama isaaniin ga'utti haajomanutti, kanaafuu ministeerotaa fi worra isaanitti dhihaatan irraa nama isaan laaffisuu fi isaan jaallchiisu barbaadu, Rabbiin jabaatee ol ta'e qulqulluu immoo, uumama isaa hunda irraa dureessa, Inni haadholii isaanii caalaa isaaniif rahmata godhaadha, Inni Abbaa murtii haqaati, akka ogummaa isaa, beekumsa isaa fi dandeettii isaatti wantoota iddoo isaaniitti kaa'a; kanaafuu karaa kaminuu uumama isaatti isa madaaluun hin eyyamamu. Kanaafuu, Rabbiin -qulaullaa'e- kitaaba Isaa keessatti mushrikoonni dhugumatti Inni Uumaa, sooraa, garaggaggalchaa ta'uu isaa fi nni isa nama rakkateef owwaatu, hamtuu saaqu, isa jiraachisuu fi ajjeesu ta'uu isaa, akkasumas gochoota isaa kanneen biroos akka isaan mirkaneessan dhugumatti ifa godheera. Wal dhabbiin mushrikootaa fi ergamtoota jidduu ture gabbartii Rabbii tokkichaaf qulqulleessuu keessatti, tura, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿َوَلَئِن سَأَلۡتَهُم مَّنۡ خَلَقَهُمۡ لَيَقُولُنَّ ٱللَّهُ...﴾

{Eenyuutu isaan uumee odoo isaan gaafattee “Allaahdha” jedhu...} [Az-zukhruf: 87] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿قُلۡ مَن يَرۡزُقُكُم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِ أَمَّن يَمۡلِكُ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡأَبۡصَٰرَ وَمَن يُخۡرِجُ ٱلۡحَيَّ مِنَ ٱلۡمَيِّتِ وَيُخۡرِجُ ٱلۡمَيِّتَ مِنَ ٱلۡحَيِّ وَمَن يُدَبِّرُ ٱلۡأَمۡرَۚ فَسَيَقُولُونَ ٱللَّهُۚ فَقُلۡ أَفَلَا تَتَّقُونَ31﴾

{jedhiin “Eenyutu samiifi dachii irraa isin soora? Yookiin dhageettiifi argaa eenyutu dhuunfata? Ammas eenyutu jiraataa du’aarraa baasa, du’aa jiraatarraa baasa? Eenyutu waan hunda gara gaggalchas?” (jedhi). ‘Rabbuma’ jedhu. “Sila Rabbiin hin sodaattanii?” jedhiin.} [Yuunus: 31] Aayattoonni hiikaa kana qaban hedduudha.

Aayaattoonni waldhabbiin ergamtootaafii ummattoota gidduu ture, dhugumatti Rabbii tokkicha qofaaf gabbartii qulqulleessuu keessatti akka ta'e agarsiisan duraan dubbatamanii jiru, akka jecha Rabbii Qulqulluu ol ta'ee:

﴿وَلَقَدۡ بَعَثۡنَا فِي كُلِّ أُمَّةٖ رَّسُولًا أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱجۡتَنِبُواْ ٱلطَّٰغُوتَ...﴾

{Dhugumatti, Nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra...} [An-nahli: 36], Kanaa fi aayattoota biroo kanneen hikkaa kana keessatti dhufan. Rabbiin -qulqulluu- kitaaba isaa kabajamaa keessatti bakkeewwan hedduu keessatti dhimma magantaa ibsee jira, Rabbiin olta'e akkas jedhe:

﴿َ...مَن ذَا ٱلَّذِي يَشۡفَعُ عِندَهُۥٓ إِلَّا بِإِذۡنِهِ...﴾

{...Inni eeyyama Isaatiin malee Isa biratti araarsu eenyuma?...} [Al-Baqarah: 255], Ammas Rabbiin -injifatee ol ta'e- akkas jedhe:

﴿وَكَم مِّن مَّلَكٖ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ لَا تُغۡنِي شَفَٰعَتُهُمۡ شَيۡـًٔا إِلَّا مِنۢ بَعۡدِ أَن يَأۡذَنَ ٱللَّهُ لِمَن يَشَآءُ وَيَرۡضَىٰٓ26﴾

{Maleeykota irraa, warra erga Rabbiin nama fedhuuf hayyamee malee manguddummaan isaanii homaa hin fayyadne baay'eetu samii keessa jiru.} [An-najm: 26].

Waa'ee malaa'ikootaa ibsuu keessatti Rabbiin akkana jedhe:

﴿...وَلَا يَشۡفَعُونَ إِلَّا لِمَنِ ٱرۡتَضَىٰ وَهُم مِّنۡ خَشۡيَتِهِۦ مُشۡفِقُونَ﴾

{...Nama Inni jaalateef malee isaan hin manguddoomanu, Isaan (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa rifatoodha.} [Al-Anbiyaa'i: 28].

Akkasuma Rabbiin -kabajaan Isaa guddate-, gabroota Isaa irraa kufrii akka hin jaallannee fi kan inni isaan irraa jaallatu galata qofa akka ta'e himee jira. Galanni immoo Isa tokkichoomsuu fi ajaja isaatti dalaguudha, Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿إِن تَكۡفُرُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَنِيٌّ عَنكُمۡۖ وَلَا يَرۡضَىٰ لِعِبَادِهِ ٱلۡكُفۡرَۖ وَإِن تَشۡكُرُواْ يَرۡضَهُ لَكُمۡ...﴾

{Yoo kafartanis, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessa. Garuu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatu, Yoo (Isa) galateeffattan isa isiniif ni jaallata...]

[Az-zumar: 7].

Bukhaariin Sahiih isaa keessatti Abuu Hurayraa irraa akka gabaasetti -Rabbi isa irraa ha jaallatu- ni jedhe: "Yaa Ergamaa Rabbii! magantaa keetiin irra milkaa'aan namaa eenyu?" ergamaanis akkas jedhan:

«مَنْ قَالَ: لَا إِلهَ إِلَّا اللهُ خَالِصًا مِنْ قَلْبِهِ».

«Nama onnee isaa irraa qulqulleessee Laa ilaaha illallaah jedhe». Ammas ni jedhani:

«مِنْ نَفْسِهِ».

"«Lubbuu isaa irraa»."

Sahiih keessatti Anas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhan:

«لِكُلِّ نَبِيٍّ دَعْوَةٌ مُسْتَجَابَةٌ، فَتَعَجَّلَ كُلُّ نَبِيٍّ دَعْوَتَهُ، وَإِنِّي اخْتَبَأْتُ دَعْوَتِي شَفَاعَةً لِأُمَّتِي يَوْمَ الْقِيَامَةِ، فَهِيَ نَائِلَةٌ إِنْ شَاءَ اللَّهُ مَنْ مَاتَ مِنْ أُمَّتِي لَا يُشْرِكُ بِاللَّهِ شَيْئًا».

«Nabiyyii hundaaf kadhaa fudhatama qabutu jira, nabiyyiin hundis kadhaa isaa ariitiitti fudhateera, ani immoo kadhaa kiyya guyyaa qiyaamaa ummata kiyyaaf magantaa akka ta'uuf ol kaa'adheera, innis yoo Rabbiin fedhe, ummata kiyya irraa nama osoo waan tokkollee Rabbitti hin qindeessin du'eef kan qaqqabudha». Hiikkaa kana keessatti hadiisonni dhufan hedduudha.

Wanti nuti aayattootaa fi hadiisota irraa dubbanne hunduu, gabbartiin haqa Rabbii kan dhuunfaa isaa akka ta'ee fi isa irraa homaa Rabbiin malee waan jiruuf, nabiyyootaafis ta'ee worra birootiif dabarsanii kennuun akka hin taane, akkasumas magantaanis qabeenya Rabbii -kabajaan isaa guddatee- akka ta'etti akeeku, akkuma Rabbiin qulqullaa'e jedhetti:

﴿قُل لِّلَّهِ ٱلشَّفَٰعَةُ جَمِيعٗا...﴾

{“Araarri hunduu kanuma Rabbiiti...” jedhiin.} [Az-zumar: 44] Namni tokkoyyuu haqa isa hin godhatu, eega Rabbiin nama magantaa godhuuf eeyyamee fi nama magantaan godhamuuf sana irraas jaalatee booda malee, akkauma darbee jirutti Rabbiin -qulqullaa'e- Tawhiida malee hin jaallatu. Kana irratti hundaa'uudhaan: mushrikoonni manguddummaa keessaa qooda hin qaban, kanas Rabbiin ol ta'e jecha Isaa keessatti ifa godheera:

﴿فَمَا تَنفَعُهُمۡ شَفَٰعَةُ ٱلشَّٰفِعِينَ 48﴾

{Jaarsummaan (araarri) warra araarsanii isaan hin fayyadu.} [Al-Muddassir: 48], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿...مَا لِلظَّٰلِمِينَ مِنۡ حَمِيمٖ وَلَا شَفِيعٖ يُطَاعُ﴾

{...Miidhaa raawwattootaaf firri yookiin manguddoon fudhatama qabu tokkolleen hin jiru.} (Gaafir:18)

Akkuma beekamu, miidhaan yeroo haala waliigalaatiin dubbatamu, Rabbii ol ta'etti qindeessuudha, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿...وَٱلۡكَٰفِرُونَ هُمُ ٱلظَّٰلِمُونَ﴾

{...Kaafiroonni isaanumatu miidhaa raawwattoota.} [Al-Baqarah: 254], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿...إِنَّ ٱلشِّرۡكَ لَظُلۡمٌ عَظِيمٞ﴾

{...dhugumatti shirkiin miidhaa guddaadha} [luqmaan; 13]

Wanti ati gaafii kee keessatti dubbatte immoo: jecha gariin suufiyyootaa masjiidotaafi iddoo biroo keessatti jedhan irraa: Yaa Rabbi nama iccitiiwwan aangoo keetii addaan baqaquuf sababa taasiftee fi ifaawwan kee rahmataas addaan dhoo'uuf sababa taasistee jennaan, kanaan haadaraa rabbanummaa irraa bakka bu'aa ta'ee fi bakka bu'aa iccitiiwwan zaata keetii ta'e irratti salawaata buusi... fi kkf.

Deebiin isaas akkana jedhamuudha: Dhugumatti dubbiin kunii fi kanneen isa fakkaatan gosa of-rakkisuu fi daangaa darbuu kan Nabiyyiin keenya Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buuusu- irraa akeekkachiisan irraayyi; hadiisa Muslim sahiha keessatti Abdullaa ibinu Mas'uud irraa gabaaseen -Rabbi isa irraa ha jaallatuu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:

«هَلَكَ المُتَنَطِّعُونَ» قَالَهَا ثَلَاثًا.

«Finxaaleyyoonni badan(worra daangaa darban, kan akka barbaachisuun alatti waa jajjabeessan)» yeroo sadi akkas jedhan.

Imaam Al-Khaxxaabiin -Rabbiin rahamata isaaf haa godhu- akkana jedhe: Mutanaxxi'ini: nama waan tokko keessatti gadi fagaatu, kan isa barbaaduu keessatti of dirqu; akka karaa worra ahlul kalaam, warra waan isaan hin ilaallanne keessa seenanii, waan aqliin isaanii itti hin qaqqabne irraa dubbatanuu.

Abuu Asa'aadaat Ibnu Al-Asiir akkana jedhe: Isaan warra haasawa keessatti garmalee gad fagaatanii fi daangaa dabran, warra irra fagoo qoonqoo isaanii irraa haasa'anidha, kunis 'Naṭa'i' irraa kan fudhatame yoo ta'u, innis goda afaanii gara gubbaati, eegasii nama haasaafi dalagaa keessatti garmalee gad fagaatu hunda keessatti dhimma itti ba'ame.

Waan imaamonni Afaanii lameen kun dubbataniin, si'iifi fi nama hubannoo xiqqoo qabu hundaaf, Nabiyyii fi caalaa keenya Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti rahmataa fi nagaa buusuu keessatti akkaataan kun, of dhiphisuu fi daangaa darbuu irraa dhorgame irraayyi. Dhimma kana ilaalchisuun wanti muslimaaf karaa godhame, akkaataa nagaa fi rahmata isaan irratti buusan kan Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa mirkanaa'e adda baafachuudha, isatti dhimma ba'uu keessa kan biraa irraa of ga'uutu jira.

Sana keessaa: waan Bukhaarii fi Muslim Sahiihaa lameen keessatti gabaasan, Ka’ab bin Ujraa irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii! Rabbiin rahmata akka sirratti buufnu nu ajajeera; mee akkamitti rahmata sirratti buufna? isaanis akkas jedhan:

«قُولُوا: اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ كَمَا صَلَّيْتَ عَلَى إِبرَاهِيمَ وَعَلَى آلِ إِبرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ، وَبَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ كَمَا بَارَكْتَ عَلَى إِبرَاهِيمَ وَعَلَى آلِ إِبرَاهِيمَ إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ».

Jedhaa: «Allaahumma salli alaa Muhammadin, wa alaa aali Muhammadin, kamaa sallayta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiima, Innaka hamiidun majiid, wa baarik alaa Muhammadin, wa alaa aali Muhammadin, kamaa baarakta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiima, Innaka hamiidun majiid» akkas jechuunis: Jedhaa: Yaa Rabbi! Muhammadii fi maatii Muhammad irratti rahmata buusi, akkuma Ibraahiimii fi maatii Ibraahiim irratti rahmata buuftetti, ati faarfamaa, guddaadha, akkasumas Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaas buusi, akkuma Ibraahiimii fi maatii Ibraahiim irratti barakaa buuftetti, ati faarfamaa, guddaadha, jechuudha.

Bukhaarii fi muslim keessatti Abuu Humeyd Assaa'idii irraa -Rabbi isa irraa haa jaallatuu-: sahaabonni akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii! akkamitti rahmata sirratti buufna? isaanis akkas jedhan:

«قُولُوا: اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى أَزْوَاجِهِ وَذُرِّيَّتِهِ كَمَا صَلَّيْتَ عَلَى آلِ إِبرَاهِيمَ، وَبَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى أَزْوَاجِهِ وَذُرِّيَّتِهِ كَمَا بَارَكْتَ عَلَى آلِ إِبرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ».

Jedhaa: «Allaahumma salli alaa Muhammadin, wa alaa azwaajihii wa zurriyyatihii, kamaa sallayta alaa aali Ibraahiima, wa baarik alaa Muhammadin, wa alaa azwaajihii wa zurriyyatihii, kamaa baarakta alaa aali Ibraahiima, Innaka hamiidun majiid», akkas jechuunis: Akkas jedhaa: Yaa Rabbi! Muhammad, haadholii manaa isaatii fi sanyii isaa irratti rahmata buusi, akkuma maatii Ibraahiim irratti rahmata buuftetti, akkasumas Muhammad, haadholii manaa isaatii fi sanyii isaa irratti barakaas buusi, akkuma maatii Ibraahiim irratti barakaa buuftetti, ati faarfamaa, guddaadha, jechuudha."

Sahiiha Muslim keessatti Abuu Mas'uud Al-Ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Bashiir ibnu Sa'ad ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii! Rabbiin akka rahmata sirratti buufnu nu ajajeera; mee akkamitti rahmata sirratti buufna? Isaanis callisanii ka'anii, sana booda akkana jedhani:

«قُولُوا: اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ؛ كَمَا صَلَّيْتَ عَلَى آلِ إِبرَاهِيمَ، وَبَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ؛ كَمَا بَارَكْتَ عَلَى آلِ إِبرَاهِيمَ فِي العَالَمِينَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ، وَالسَّلَامُ كَمَا عَلِمتُم».

Jedhaa «Allaahumma salli alaa Muhammadin, wa alaa aali Muhammadin; kamaa sallayta alaa aali Ibraahiima, wa baarik alaa Muhammadin, wa alaa aali Muhammadin; kamaa baarakta alaa aali Ibraahiima fil aalamiina, Innaka hamiidun majiid wassalaamu kamaa alimtum», akkas jechuunis: Jedhaa: Yaa Rabbi! Muhammadii fi maatii Muhammad irratti rahmata buusi, akkuma maatii Ibraahiim irratti rahmata buuftetti, akkasumas Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaas buusi, akkuma aalamoota keessatti maatii Ibraahiim irratti barakaa buuftetti, ati faarfamaadha, guddaadha, salaamni immoo akkuma beektan saniidha, jechuudha."

Kanaafuu, jechoonni kunniinii fi fakkaattoonni isaanii kanneen biroo kan Nabiyyii irraa mirkanaa'an -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Muslimni Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irratti rahmataa fi nagaa buusuu keessatti itti fayyadamuutu isa irra jiraata; sababni isaas Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haqa isaanii keessatti waan itti fayyadamuun malu namoota hunda irra kan beekan waan ta'aniif, akkuma jechoota haqa Rabbiitii ilaalchisuun dhimma itti ba'aman keessatti namoota hunda irra beekaa ta'anitti.

Jechoonni of rakkisanii dubbatanii fi haaraa uumaman, akkasumas jechoonni hiikkaa sirrii hin taane of keessatti qabachuu danda'an immoo; kan akka jechoota gaaffii keessatti dubbatamanii yoo ta'e, isaanitti fayyadamuun hin barbaachisu; sababni isaas of rakkisuu of keessaa waan qabanii fi hiikkaawwan sirrii hin ta'aniin hiikamuu waan danda'aniif jecha, akkasumas kun faallaa jechoota ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- filatanii fi ummata isaanii itti qajeelchanii ta'uu isaattii waliin, isaan uumama hunda keessaa irra beekaa, irra tola yaadaa fi of rakkisuu irraa irra fagaataadha, Rabbii isaanii irraa irra caalaan rahmataa fi nageenyaa isaan irratti haa jiraatu.

Kanuma, maalummaa Tawhiidaa, maalummaa shirkii, garaagarummaa gidduu waan mushrikoonni duraanii fi boodaa dhimma kana keessatti irra turanii fi akkaataa ergamaa Rabbii irratti rahmata buusuuf karaa godhame ifa gochuu keessatti ragaaleen dubbanne nama haqa barbaaduuf ga'aa fi amansiisaa ta'uun kajeela. Namni haqa beekuuf fedhii hin qabne immoo; inni kun fedhii lubbuu isaa kan hordofuudha, Rabbiin kabajni isaa ol ta'e akkana jedha:

﴿فَإِن لَّمۡ يَسۡتَجِيبُواْ لَكَ فَٱعۡلَمۡ أَنَّمَا يَتَّبِعُونَ أَهۡوَآءَهُمۡۚ وَمَنۡ أَضَلُّ مِمَّنِ ٱتَّبَعَ هَوَىٰهُ بِغَيۡرِ هُدٗى مِّنَ ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ50﴾

{Yoo siif hin owwaatin, fedhiilee isaanii qofa hordofuu isaanii beeki, Nama qajeeluma Rabbi irraa ta’een alatti fedhii ofii hordofe caalaa namni jallate eenyu? (tokkoyyuu hin jiru), Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.}

[Al-Qasas: 50].

Rabbiin qulqullaa'e Aayaa kabajamtuu tana keessatti: namoonni qajeelfamaa fi amantii haqaa Rabbiin nabiyyii isaa Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ittiin erge ilaalchisee qooda lama akka ta'an ifa galche:

Inni tokkoffaan: nama Rabbii fi ergamaa Isaatiif owwaatu ykn ajajamu.

Lammaffaan: kan fedhii lubbuu isaa hordofeedha; eegasii Rabbiin qulqullaa'e nama qajeeluma Rabbi irraa ta'een ala fedhii lubbuu isaa hordofe caalaa namni jallate akka hin jirre hime.

Rabbiin ol ta'e fedhii lubbuu hordofuu irraa akka nu fayyisu, nu'iifi isinis akkasumas obboloota keenya biroo hundas warra Rabbiifi ergamaa isaatiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- owwaatan, shari'aa isaa worra guddisanii fi bid'aa fi fedhii lubbu waan shari'aa isaa faallessu hunda irraa warra dinniinan irraa akka nu taasisun kadha.. isatu arjaa kennaadha waan ta'eef.

Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa, nabiyyii keenya Muhammad, maatii isaa, sahaabota isaa fi warra toltuun hanga guyyaa mindaatti isaan hordofan irratti rahmata haa buusu.

 

***

 

 

om397v4.0 - 16/11/2026