Āóiidaa ykn amantee sirrii ykn fi waan ishii faallessu (afaan oromoo)

Āóiidaa ykn amantee sirrii ykn fi waan ishii faallessu

  • earth Afaanicha
    (afaan oromoo)
  • earth Barreessaa:
    الشيخ عبد العزيز بن عبد الله بن باز
PHPWord

 

 

العَقِيدَةُ الصَّحِيْحَةُ وَمَا يُضَادُّهَا

 

 

Āóiidaa ykn amantee sirrii ykn fi waan ishii faallessu

 

 

 

 

لِسَمَاحَةِ الشَّيْخِ العَلَّامَةِ

عَبْدِ العَزِيزِ بْنِ عَبْدِ اللهِ بْنِ بَازٍ

رَحِمَهُ اللهُ

 

Qopheessaan Kabajamoo Šeykh

Ābdul'āziiz bin Ābdallaah bin Baaz

 

 

 


بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ

Eegumsa Tawhiidaa

 

Ergaa Tokkoffaa:

Āóiidaa ykn amantee sirrii ykn fi waan ishii faallessu

Faaruun kan Rabbii tokkichaati; raḥmannii fi nageenyi Nabiyyii xumuraa irra haa jiraatu; akkasumas maatii fi sahaabota isaanii irras haa jiraatu.

Itti aansuudhaan: Dhugumatti aqiidaan sirriin hundee diinii Islaamaa fi bu'uura amantiitii waan taateef jecha, mata duree kana irratti dubbachuun, akkasumas isa ibsuu fi ifa gochuu keessatti barreessuu fi qindeessuun waan barbaachisaa irraa ta'uu isaa dhugumatti nan arge.

Ragaalee shari'aa Kitaabaa fi Sunnaa irraa ta'aniin wantoota beekamoo ta'an keessaa: Hojiiwwanii fi jechoonni sirrii ta'anii fudhatama kan argatan yoo aqiidaa sirrii irraa maddan qofaadha. aqiidaan sirrii yoo hin ta'in immoo, hojiiwwanii fi jechoonni ishee irraa maddan ni badu, akkuma Rabbiin ol aane jedhe:

﴿...وَمَن يَكۡفُرۡ بِٱلۡإِيمَٰنِ فَقَدۡ حَبِطَ عَمَلُهُۥ وَهُوَ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ﴾

{...Namni iimaana irraa gara gale, dhugumatti dalagaan isaa bade. Inni Aakhiraatti warra hoonga’an irraa ta’a}. [Al-Maaidah: 5].

Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَلَقَدۡ أُوحِيَ إِلَيۡكَ وَإِلَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكَ لَئِنۡ أَشۡرَكۡتَ لَيَحۡبَطَنَّ عَمَلُكَ وَلَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ 65﴾

{Dhugamatti, gara keetiifi gara warra si dura turaniittis “yoo Rabbii wajjiin waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata” jechuun wahyiin buufameera}. [Azzumar: 65].

Aayatoonni dhimma kana keessatti hedduudha. Dhugumatti Kitaabni Rabbii ifa ta'ee fi Sunnaan Ergamaa Isaa amanamaa -Gooftaa isaanii irraa raḥmataa fi nageenyi irra caalaan isaan irratti haa jiraatu- aqiidaan sirriin dhimmoota jaha keessatti akka walitti qabamtu agarsiisanii jiru, isaanis: Rabbitti amanuu, Malaa'ikota Isaatti amanuu, Kitaabota Isaatti amanuu, Ergamtoota Isaatti amanuu, Guyyaa Aaƙiraatti amanuu fi Qadaratti: ƙeyrii isaatii fi Šarrii isaatti amanuudha. Dhimmootni jahan kunniin isaanis: bu'uurota aqiidaa sirrii kan Kitaabni Rabbii ol ta'ee ittiin bu'ee fi kan Rabbiin Ergamaa Isaa Muhammad (nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu) ittiin ergeedha,

Dhugumatti bu'uuroota jahan kana irratti ragaaleen baay'een Qur'aana fi Hadiisa sirrii ta'an keessatti dhufaniiru, isaan kana keessaas fakkeenyaaf kanneen armaan gadiiti:

Tokkoffaa: Ragaalee Kitaaba irraa; isaan keessaa: jecha Rabbii guddatee jabaateeti:

﴿لَّيۡسَ ٱلۡبِرَّ أَن تُوَلُّواْ وُجُوهَكُمۡ قِبَلَ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ وَلَٰكِنَّ ٱلۡبِرَّ مَنۡ ءَامَنَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةِ وَٱلۡكِتَٰبِ وَٱلنَّبِيِّـۧنَ...﴾

{Dalagaan gaariin fuulleen keessan gara bahaafi dhihaa naannessuu miti; haa ta’u malee dalagaan gaariin nama Rabbitti amane, Guyyaa Aaƙiraatti, malaa’ikootatti, kitaabattiifi nabiyyootatti (amanee)...}. [Al-Baóaraa: 177].

Ammas jecha Rabbii qulqullaa'ee ol ta'eeti:

﴿ءَامَنَ ٱلرَّسُولُ بِمَآ أُنزِلَ إِلَيۡهِ مِن رَّبِّهِۦ وَٱلۡمُؤۡمِنُونَۚ كُلٌّ ءَامَنَ بِٱللَّهِ وَمَلَٰٓئِكَتِهِۦ وَكُتُبِهِۦ وَرُسُلِهِۦ لَا نُفَرِّقُ بَيۡنَ أَحَدٖ مِّن رُّسُلِهِ...﴾

{Ergamaan (kiyya) waan Gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti amaneera; mu’uminoonnis. Hundumtuu Rabbitti, malaa’ikoota Isaa, kitaabota Isaafi ergamtoota Isaatti amananiiru. Nuti ergamtoota Isaa irraa jidduu tokkoos adda hin baafnu...}. [Al-Baóarah: 285],

Ammas jecha Rabbii qulqullaa'eeti:

﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ ءَامِنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلَّذِي نَزَّلَ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلَّذِيٓ أَنزَلَ مِن قَبۡلُۚ وَمَن يَكۡفُرۡ بِٱللَّهِ وَمَلَٰٓئِكَتِهِۦ وَكُتُبِهِۦ وَرُسُلِهِۦ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ فَقَدۡ ضَلَّ ضَلَٰلَۢا بَعِيدًا 136﴾

{Isin Yaa warra amantan! Rabbitti amanaa, ergamaa Isaattis, kitaaba ergamaa Isaa irratti buufamettis kitaaba Inni sana dura buusettis (amanaa). Namni Rabbitti kafare maleeykota Isaattis, kitaabota Isaattis, ergamtoota Isaattis,ifi Guyyaa Aakhiraatti (kafare), inni dhugumatti jallina fagoo jallateera}. [Annisaa'i: 136],

Ammas jecha Rabbii qulqullaa'eeti:

﴿أَلَمۡ تَعۡلَمۡ أَنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ مَا فِي ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِۚ إِنَّ ذَٰلِكَ فِي كِتَٰبٍۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٞ 70﴾

{Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? kun kitaaba (Lawḥal Maḥfuuź) keessa jira, kun Rabbi irratti laafaadha}. [Al-Ḥajji: 70].

Lammaffaa: Ragaalee Hadiisaa irraa; isaan keessaa Ḥadiiśa ṡaḥiiḥa beekamaa kan Muslim Ṡaḥiiḥa isaa keessatti Ḥadiiśa Amiiral-Mu'uminiin Ūmar bin Al-Ƙaṫṫaab (Rabbiin irraa haa jaallatu) irraa gabaaseedha, yeroo Jibriil (nageenyi irra haa jiraatuu) waa'ee Iimaanaa Nabiyyii (Ṡallallaahu aleyhi wa sallam) gaafate keessatti akkana jechuun deebisaniif:

«الإِيمَانُ أَنْ تُؤْمِنَ بِاللَّهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَاليَوْمِ الآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ».

«Iimaana jechuun: Ati Rabbitti, Malaa'ikota Isaatti, Kitaabota Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aaƙiraatti, akkasumas Qadara: gaarii fi hamaa isaatti amanuudha»1. Hanga Xumura Ḥadiiśa , Šeyƙan lameentu - garaagarummaa xiqqaadhaan - ḥadiiśa Abuu Hureyraa Rabbiin irraa ha jaallatu irraa odeessan.

Bu'uuraalee jahan kana irraas wanti akka dameetti ba'u: waan Rabbiin ol ta'ee fi Ergamaan Isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- himan irraa, wanta Muslima irratti dhugoomsuu fi itti amanuun dirqama ta'e hunda, haqa Rabbii ol ta'ee keessatti, dhimma deebii aakhiraa keessatti, akkasuma dhimmoota waan fagoo kan biroo keessatti.

Ibsi Bu'uuraalee jahan kanaas akka armaan gadiiti:

Bu'uurri tokkoffaan: Rabbii ol ta'etti amanuudha

Innis dhimmoota garaagaraa of keessaa qaba; isaan keessaa: Wanti biraa osoo hafuu Inni gabbaramaa dhugaa, kan gabbartii ḥaóa godhatu akka ta'e amanuudha; kunis inni uumaa gabrootaa, kan isaanitti tola oolu, kan soorata isaanii kennu, kan iccitii fi ifa isaanii beeku, akkasumas kan nama isaaf ajajame mindeessuu fi nama isa irratti fincile adabuu irratti danda'aa waan ta'eefi.

Dhugumatti Rabbiin jinnii fi ilma namaa Ībaadaa tanaaf jecha uume, ittis isaan ajaje, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿وَمَا خَلَقۡتُ ٱلۡجِنَّ وَٱلۡإِنسَ إِلَّا لِيَعۡبُدُونِ 56 مَآ أُرِيدُ مِنۡهُم مِّن رِّزۡقٖ وَمَآ أُرِيدُ أَن يُطۡعِمُونِ 57 إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلرَّزَّاقُ ذُو ٱلۡقُوَّةِ ٱلۡمَتِينُ 58﴾

{Jinniifi ilma namaa na ha gabbaraniif malee hin uumne.

Soorata homaatuu isaan irraa hin barbaadu fi Akka Ana nyaachisanis jararraa hin barbaadu.

Rabbiin Isatu akkaan soorata kennaa, abbaa humna cimaati}. [A-Żżariyaat: 56-58].

Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱعۡبُدُواْ رَبَّكُمُ ٱلَّذِي خَلَقَكُمۡ وَٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تَتَّقُونَ 21 ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ فِرَٰشٗا وَٱلسَّمَآءَ بِنَآءٗ وَأَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَأَخۡرَجَ بِهِۦ مِنَ ٱلثَّمَرَٰتِ رِزۡقٗا لَّكُمۡۖ فَلَا تَجۡعَلُواْ لِلَّهِ أَندَادٗا وَأَنتُمۡ تَعۡلَمُونَ 22﴾

{Isin Yaa namootaa! gooftaa keessan isa isiniifi warra isiniin duraa uume qofa gabbaraa! Akka Rabbiin sodaattaniif jecha.

[Rabbiin] Isa dachii afata, samii immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif taasisee, kan samii irraa bishaan buusee, ergasii isaan fuduraa irraa soorata isiniif baaseedha. Kanaafuu odoo [kan gabbaramuun malu Rabbiin qofa ta’uu] beektanuu Rabbiif šariikota hin godhinaa}. [Al-Baóarah: 21-22].

Rabbiin dhugumatti dhugaa kana ibsuuf, gara isaatti waamuu fi waan isa faallessu irraa akeekkachiisuuf ergamtoota ergee kitaabolee buuseera, akkuma Rabbiin ol ra'e jedhe:

﴿وَلَقَدۡ بَعَثۡنَا فِي كُلِّ أُمَّةٖ رَّسُولًا أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱجۡتَنِبُواْ ٱلطَّٰغُوتَ...﴾

{Dhugumatti, Nuti ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa...}. [Al-naḥli: 36].

Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَمَآ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ مِن رَّسُولٍ إِلَّا نُوحِيٓ إِلَيۡهِ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعۡبُدُونِ25﴾

{Yaa Muḥammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ana (qofa) gabbaraa” jechuun waḥyii gara isaatti buufnu malee hin ergine}. [Al-Anbiyaa'i: 25].

Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿الر كِتَابٌ أُحْكِمَتْ آيَاتُهُ ثُمَّ فُصِّلَتْ مِنْ لَدُنْ حَكِيمٍ خَبِيرٍ1 أَلَّا تَعْبُدُوا إِلَّا اللَّهَ إِنَّنِي لَكُمْ مِنْهُ نَذِيرٌ وَبَشِيرٌ2﴾

{Alif Laam Raa (Óur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, eegasii addaan baafamtee, (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e biraayi.

“Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte). Ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha}. [Huud: 1-2].

Dhugummaan gabbartii kanaa: Rabbii qulqullaa'aa ol ta'e waan gabroonni ittiin gabbaran hundaan adda taasisuudha; kan akka kadhannaa, sodaa, kajeellaa, sagada, sooma, qalma, nażrii fi gosoota gabbartii kan birooti, haala isaaf gad of qabanii, mindaa isaa kajeeluu fi adabbii isaa sodaachuutiin, jaalala guutuu isaaf qabaachuu fi guddummaa isaatiif of xiqqeessuu waliin.

Namni Óur'aana kabajamaa keessatti xiinxale: irra caalaan isaa bu'uura guddaa kana keessatti akka bu'e ni arga; akkuma jecha Isaa qulqullaa'ee ol ta'ee:

﴿إِنَّآ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ فَاعْبُدِ اللَّهَ مُخْلِصًا لَهُ الدِّينَ 2 أَلَا لِلَّهِ الدِّينُ الْخَالِصُ وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَ مَا نَعۡبُدُهُمۡ إِلَّا لِيُقَرِّبُونَآ إِلَى ٱللَّهِ زُلۡفَىٰٓ إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡ فِي مَا هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي مَنۡ هُوَ كَٰذِبٞ كَفَّارٞ3﴾

{Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerra. Rabbiin gabbari amantii Isa qofaaf qulqulleessaa ta’i.

Dhaga’aa! Amantiin qulqulluun kan Rabbii qofa. Warri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu) Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu}. [Azzumar: 2-3].

Ammas akka jecha Rabbii qulqullaa'ee ol ta'eeti:

﴿وَقَضَىٰ رَبُّكَ أَلَّا تَعۡبُدُوٓاْ إِلَّآ إِيَّاهُ...﴾

{Gooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarre murteesseera...}. [Al-Israa'i: 23].

Ammas akka jecha Rabbii ol-taheeti:

﴿فَٱدۡعُواْ ٱللَّهَ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ وَلَوۡ كَرِهَ ٱلۡكَٰفِرُونَ14﴾

{Rabbiin gabbaraa amantii isaaf qulqulleessoo tahaatii. Odoo kaafirtoonni jibbanillee}. [Ǧaafir:14].

Haaluma kanaan, namni Sunnaa Nabiyyii xiinxale ammas xiyyeeffannaa hundee guddaa kanaaf kenname ni arga, sana keessaa: waan Ṡaḥiiḥoota lamaan keessatti Muāaż irraa -Rabbiin isa irraa ha jaallatu- akka odeeffametti, Nabiyyiin -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- akkas jedhan:

«حَقُّ اللهِ عَلَى العِبَادِ أَن يَعْبُدُوهُ وَلَا يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا».

«Ḥaóni ykn dhugaan Rabbii gabroota irratti, osoo homaa Isatti hin qindeessin Isa gabbaruudha»2.

Akkasumas Rabbitti amanuu jala ni seena: arkaana Islaamaa shanan mul'atan irraa hunda waan Inni gabroota isaa irratti dirqama godhee fi isaan irratti farɗii taasiseetti amanuun.

Isaanis: Rabbiin malee ḥaóaan ykn dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muḥammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, Ṡagada yaruma hunda sagadu, zakaa kennuu, Ramaɗaana soomuu, nama karaa gara isaatti geessu danda'eef Mana Rabbii kabajamaa ḥajja'uu fi dirqamoota biroo kan Šariāan qulqulluun ittiin dhufeedha.

Utubaalee kanniin keessaa irra barbaachisaa fi irra guddaan: Ḥaóaan ykn dhugaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru, Muḥammad immoo ergamaa Allaahaati jedhanii ragaa ba'uudha, ragaan kunis kan dirqisiisu: gabbartii Allaaha qofaaf qulqulleessuu fi hunda waan isa alatti gabbaramuu akka hinjirre mirkaneessudha ykn mormuudha, kunis hiikkaa: Laa ilaaha illallaahu ti, hiikkaan isaas -akkuma hayyootni Rabbiin raḥmata isaaniif ha godhu jedhanitti-: ḥaóaan ykn dhugaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuudha, kana irratti hundaa'uun: dhugumatti hundi waan Allaahin malee gabbaramuu -ilma namaa irraa, malaykaa irraa, jinnii irraa yookiin waan kana alaa irraas yoo ta'e- inni dharaan kan gabbaramuudha, ḥaóaan gabbaramaan Allaaha tokkicha Šariika hin qabne qofadha, akkuma Rabbiin qulqullaa'ee fi ol ta'e jedhetti:

﴿ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡحَقُّ وَأَنَّ مَا يَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ هُوَ ٱلۡبَٰطِلُ...﴾

{Kun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran immoo isa sobaa ta’eefi...}. [Al-Ḥajji: 62].

Dhugumatti ibsi akkana jechuu dabree jira: Rabbiin ol ta'e ilma namaatii fi jinnii hundee bu'uuraa hundee kanaaf uumee, ittis isaan ajajee, ergamtoota isaas ittiin ergee, macaafota isaas ittiin buusee jira; kanaafuu gabrichi kana sirriitti xiinxaluu fi baay'isee qalbisuutu irra jira; bu'uura kana ilaalchisee wallaalummaan guddaan irra hedduun muslimootaa keessa kufan akka ifa isaaf galuuf jecha; hanga Rabbii wajjiin waan biraa gabbaranii, ḥaóa isaa qulqulluus waan isaatiin alaatiif dabarsanii kennanitti, Rabbumatu gargaarsifatama.

Rabbii qulqullaa'aa ta'etti amanuu irraayi, Inni uumaa Āalamaa ta'uu, gaggaragalchaa dhimmoota isaanii ta'uu fi Inni beekumsaa fi dandeettii isaatiin akka fedhetti isaan keessatti toohataa ta'uu amanuun, akkasumas inni mootii duniyaa fi aaƙiraa, akkasumas Gooftaa Āalama hundaa kan uumaa fi gooftaan isa malee hin jirre ta'uu amanuun. Akkasumas Inni gabroota sirreessuu fi gara wanta addunyaa fi Aaƙiraatti nagaa bahuu fi sirraahuun isaanii isa keessa jirutti isaan waamuuf jecha kan Ergamtoota ergee, kitaabota buuse ta'uu amanuun, Akkasumas Rabbiin san hunda keessatti kan Šariika hin qabne ta'uu amanuunis, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe:

﴿ٱللَّهُ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءٖۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ وَكِيلٞ 62﴾

{Rabbiin uumaa waan hundaati. Inni waan hunda irrattis bakka buaa ykn tiksaadha}.

(Az-zumar :62)

Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ يُغۡشِي ٱلَّيۡلَ ٱلنَّهَارَ يَطۡلُبُهُۥ حَثِيثٗا وَٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ وَٱلنُّجُومَ مُسَخَّرَٰتِۭ بِأَمۡرِهِۦٓۗ أَلَا لَهُ ٱلۡخَلۡقُ وَٱلۡأَمۡرُۗ تَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ54﴾

{Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Āršii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Haala ariitiidhaan isa barbaadaa ta'een halkaniin guyyaa haguugsisa. Aduu, ji’aafi urjiiwwan kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati. Rabbiin Gooftaa Āalamaa ta’e barakaan ykn faydaan isaa baayate}. [Al-Āáraaf: 54].

Akkasumas Rabbii oltahetti amanuu keessaa: maqaalee isaa toltuuf sifoota isaa ol aantuu taate, tan kitaaba isaa kabajamaa keessatti dhuftee fi tan ergamaa isaa amanamaa irraa mirkanooftetti amanuudha, osoo hin jallisin, osoo hin dhabamsiisin, osoo hin fakkeessinii fi fakkeenya itti hin godhin,

﴿...لَيۡسَ كَمِثۡلِهِۦ شَيۡءٞۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ﴾

{…Fakkeenya isaa fakkaataan (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha}. [AŠ-Šuurah: 11].

Kanaafuu, dirqama taha (maqaan rabbii fi akkaataan ykn wasfiin) akkuma isheen dhuftetti akkaataa hinmalle itti gochuun waan maletti ishee dabarsuun, hiikaawwan gurguddoo isheen irratti akeektu kan sifaata Rabbii jabaatee guddatee ta'anitti amanuu waliin, fi akka isaaf malutti isaan kanaan Rabbii ol ta'e ibsuun dirqama ta'a, sifaata isaa irraa waan tokko keessattillee uumaa isaa fakkaachuun hinmaltu, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: Rabbiin ol ta'e ni jedhe

﴿فَلَا تَضۡرِبُواْ لِلَّهِ ٱلۡأَمۡثَالَۚ إِنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ وَأَنتُمۡ لَا تَعۡلَمُونَ74﴾

{Rabbiif fakkeenyota hin godhinaa. Rabbiin ni beeka; isin hin beektanu}. [An-naḥli: 74].

Inni kun: Āóiidah ykn Amantaa ahlussunnaa waljamaaāa kan Ṡaḥaabota Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi warra toltuun isaan hordofan irraa ta'aniiti; maqoowwanii fi Ṡifaata Rabbii keessatti. Isa kana kan Imaamni: Abul Ḥasan Al-Aš'āriin -Rabbiin raḥmata isaaf ha godhu- kitaaba "Al-Maóaalaat" keessatti warra Ḥadiiśaa fi ahlussunnaa irraa gabaasan, akkasumas warra beekumsaa fi iimaanaa irraa namoonni biroos isa gabaasaniiru.

Awzaaīin Rabbi ha raḥmatuufii akkana jedhe: (Zuhrii fi Makḥuul waa'ee aayatoota ṡifaataa gaafatamanii, isaanis ni jedhan: "Akkuma dhuftetti dabarsaa") ( odoo hika biraa hinkennin)3.

Ammas Awzaaīin Rabbi ha raḥmatuufii akkana jedhe: (Taabi'oonni heddummatanii otoo jiranuu nuti akkana jechaa turre: Dhugumatti Rabbiin -Inni qulqullaa'e- Āršii Isaa irratti ol ta'eera, amaloota irraa waan Ḥadiiśa keessatti dhufettis ni amanna)4.

Waliid ibnu Muslim -Rabbi raḥmata isaaf ha godhu- ni jedhe: (Maalik, Al-Owzaa'iin, Leys bin Sa'ad fi Sufyaan Assowriin -Rabbiin raḥmata isaaniif ha godhu- gabaasaalee sifaata keessatti dhufan irraa gaafatamanii, isaan hundinuu akkana jedhan: Akkuma isheen dhuftetti akkamtaa malee ishee dabarsaa)5."

Rabiīātu bin Abii Ābdurraḥmaan -Šeyƙa Maaliki, raḥmanni Rabbii isaan lamaan irra ha jiraatu- yeroo waa'ee Istiwaa'ii gaafatamanitti akkana jedhan: (Istiwaa'in wallaalamaa miti, akkaataan isaa sammuudhaan kan dhaqqabamuu miti, ergaan Rabbii irraayi, Ergamaa irra geessuu ifa ta'etu jira, nurra immoo dhugoomsuutu jira)6, Imaamu Maalikis -Rabbiin isaaf raḥamata ha godhu- waa'ee sanii yeroo gaafatametti akkana jedhe: (Istiwaa'in (ykn ol teinni rabbii) beekamaadha, akkaataan isaa wallaalamaadha, isatti amanuun dirqama, waa'ee isaa gaafachuun bid'āadha), eegasii gaafataadhaan ni jedhe: Ani nama hamaa ta'uu kee malee si hin yaadu! Akka gadi baafamu ajajee, ni baafames7. Hiikni kun akkasumas Ummu Salamah Haadha Mu'umintootaa irraa odeeffameera, Rabbiin ishee irraa ha jaallatu8.

Imaam Abuu Abdurraḥmaan bin Mubaarak -raḥmanni Rabbii irratti ha jiraatu- ni jedhe: (Rabbii keenya qulqullaa'e, Inni samiiwwan isaatii olitti Āršii isaa irratti, uumama isaa irraa adda ta'uu isaatiin ni beekna)9.

Jechi imaamotaa dhimma kana keessatti baay'ee hedduu waan ta'eef muḥaadaraa kana keessatti isa dabarsuun hin danda'amu, namni kana irraa hedduu isaa irra dhaabbachuu barbaade waan hayyoonni warra sunnaa dhimma kana keessatti barreessanitti ha deebi'u, Fakkeenyaf kitaaba "Sunnaa" kan Abdullaa bin Imaamu Aḥmad, kitaaba "Attowḥiid" kan imaama guddaa Muḥammad bin ƙuzeymaa, kitaaba "Sunnaa" kan Abul Óaasim Allaalakaa'ii Aṫṫabarii, kitaaba "Sunnaa" kan Abuu Bakar bin Abii Āaṡim, fi deebii Šeyƙul Islaam Ibnu Teymiyyaan warra Ḥamaatiif kenne. Innis deebii guddaa faayidaa hedduu qabuudha, isa keessatti -Rabbiin raḥmata isaaf ha godhu- aqiidaa Ahlussunnaa dhugumatti ifa godheera, akkasumas jecha jaraa irraa hedduu isaa, fi ragaalee šariāa fi sammuu kan sirrummaa waan Ahlussunnaan jedhanii fi dhara ta'uu waan mormitoonni jaraa jedhanii agarsiisu isa keessatti dhiyeesseera.

Akkasuma ergaan isaa kan 'Tadmuriyaa' jedhamtu; ishii keessatti dhimma kana bal'isee, āóiidaa Ahlussunnaa ragaalee ishii kan himaa fi sammuutiin ibseera, akkasumas nama warra beekumsaa irraa ta'ee, yaada gaarii fi ḥaóa beekuuf fedhii qabaatee kana qoratee ilaale hundaaf, haala ḥaóa ifa godhuu fi dhara dhabamsiisuun warra faallessan irratti deebisaa gayaa kenneera. Cuunfaan: Āóiidaا ahlussunnaa waljamaaāa dhimma maqaawwanii fi ṡifaataa keessatti; isaan waan inni ofii isaatiif Kitaaba Isaa keessatti mirkaneesse, yookaan waan Ergamaan Isaa Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- Ḥadiiśa isaanii keessatti isaaf mirkaneessan, Rabbi qulqullaa'ee ol ta'eef mirkaneessuu fakkeessuun maletti ta'e kan mirkaneessan ta'uu, akkasumas uumamtoota Isaatti fakkaachuu irraa Rabbii qulqullaa'ee ol ta'e qulqulleessuu onsuu irraa bilisa ta'e kan qulqulleessan ta'uudha; kanaanis wal faalleessuu irraa nagaa ba'uudhaan milkaa'an, Akkasumas qajeelcha Rabbi irraa ta'een ragaalee hundatti hojjataniiru; Sababni isaas nama ḥaóa Inni ergamoota Isaa ittiin erge qabatee, kana keessattis waan danda'u hunda godhee, kan barbaaduu isaa keessatti Rabbiif qulqulleesse, gara ḥaóaatti isa qajeelchuu fi ragaa isaa ifa baasuun, sunnaa Rabbii qulqullaa'ee irraa waan ta'eef jecha, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿بَلۡ نَقۡذِفُ بِٱلۡحَقِّ عَلَى ٱلۡبَٰطِلِ فَيَدۡمَغُهُۥ فَإِذَا هُوَ زَاهِقٞ...﴾

{Lakkii; dhugaa soba irratti darbina (ol taasifna), Sammuu isa dhoosee (isa balleessa); yoosuu inni (sobni) dhabamaadha...}.

[Al-Anbiyaa'i: 18].

Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَلَا يَأۡتُونَكَ بِمَثَلٍ إِلَّا جِئۡنَٰكَ بِٱلۡحَقِّ وَأَحۡسَنَ تَفۡسِيرًا33﴾

{Gaaffiidhaan sitti dhufanii hin hafan, Yoo [deebii] dhugaafi kan hiikti isaa gaariif caalaa ta’e siif kennine malee}. [Alfuróaan: 33].

Namni dhimma maqoolee fi sifaataa keessatti waan isaan itti amanan irratti Ahlussunnaa faalleesse immoo: inni waan raggaasisuu fi mormu hunda keessatti wal faalleessuu ifa ta'e waliin, ragaalee himaa fi sammuu faalleessuu keessa kufuun isaa dirqama. Ḥaafiź ibnu Kaśiir -Rabbin raḥamata isaaf ha godhu- tafsiira isaa beekamaa keessatti dhimma kana irratti dhugumatti jecha gaarii dubbateera, kunis yeroo inni jecha Rabbii ol ta'e kana irratti irratti dubbatuudha:

﴿إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِ...﴾

{Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Āršii irratti (ol tauusaa isaaf malu) ol ta’eedha...}. [Al-Aáraaf: 54].

Waan faayidaan isaa guddaa ta'eef jecha isa asitti dabarsuun gaariidha, innis -Rabbin raḥamata isaaf ha godhu- waan barreeffamni isaa akka armaan gadii ta'e jedhe:

(Iddoo kana keessatti namootaaf jechoota baay'ee hedduutu jira, kun iddoo isii itti bal'isanii miti, Garuu nuti iddoo kana keessatti adeemsa worra gaarii darbaniiti hordofna: Maalik, Al-Awzaaīi, Aśawrii, Alleyśi bin Saád, Al-šaafi'īi, Aḥmad bin Ḥanbal, Isiḥaaó bin Raahuuyaa fi hayyoota muslimootaa kan duriiti fi kan ammaa irraa namoota biroo, innis: akkuma isiin dhuftetti ḥaala itti gochuu maleetti, fakkeessuu malee fi onsuun maleetti isii dabarsuudha, hiikkaan mul'ataa kan gara sammuu worra fakkeessaniitti dhufu Rabbi irraa haalamaadha, dhugumatti Rabbiin, uumama Isaa irraa wanti tokkos Isatti hin fakkaatu fi

﴿...لَيۡسَ كَمِثۡلِهِۦ شَيۡءٞۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ﴾

{…Fakkeenyi akka Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha}. [Al-Šuurah: 11]. Garuu dhimmichi akkuma imaamonni jedhaniidha, -isaan keessaa Nuēymi bin Ḥammaad Al-Ƙuzaaīin šeykni Buƙaarii akkana jedhe: (Namni Rabbiin uumama Isaatti fakkeesse kafareera, namni waan Rabbiin ofii isaa ittiin ibse irraa mormes dhugumatti kafareera)10, Waan Rabbiin ittiin of ibsee fi Ergamaan isaa ittiin isa ibsan keessa fakkeessuun hin jiru, namni waan aayatoota ifa ta'anii fi ḥadiiśota sirrii ta'an keessatti dhufe irraa, ḥaala guddina Rabbiif maluun Rabbii ol ta'eef mirkaneessee, akkasumas hanqinaalee Rabbii ol ta'e irraa haale; dhugumatti karaa qajeelloo hordofeera11. Jechi Ibn Kaśiir -Rabbiin raḥmata ha godhu- xumurame.

Akkasumas Rabbitti amanuu jala ni gala: Iimaanni jechaa fi hojii yoo ta'u, innis Rabbiif ajajamuun ni dabala, diliidhaan immoo ni hir'ata jedhanii itti amanuun, akkasumas Musliimota irraa nama tokkollee diliiwwan širkii fi kufrii gaditti jiran kan akka sagaggaalummaa, hanna, dhara nyaachuu, waan nama macheessu dhuguu, haadhaa fi abbaatti mataa jajjabaachuu fi diliiwwan gurguddoo irraa kan biroo, irraa waan tokkoonis kafarsiisuun hin danda'amu jedhanii itti amanuun, hanga inni waan sana ḥalaala hin godhatinitti; jecha Rabbii qulqullaa'ee ol ta'eef jecha:

﴿إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَغۡفِرُ أَن يُشۡرَكَ بِهِۦ وَيَغۡفِرُ مَا دُونَ ذَٰلِكَ لِمَن يَشَآءُ...﴾

{Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeeffamuuf hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama...}. [An-Nisaai: 48] , Akkasumas Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa ḥadiiśota mutawaatira keessatti waan mirkanaa'eef jecha, isaan keessaa: jecha isaaniiti:

«إِنَّ اللهَ يُخْرِجُ مِنَ النَّارِ مَنْ كَانَ فِي قَلْبِهِ مِثْقَالُ حَبَّةٍ مِنْ خَرْدَلٍ مِنْ إِيْمَانٍ».

«Rabbiin nama qalbii isaa keessa iimaana irraa hangi madaallii ija raafuu jiru ibidda irraa ni baasa»12.

Hundeen lammaffaa: Malaa'ikootatti amanuudha

Innis waan lama of keessaa qaba: Dhimmi tokkoffaan: Akka walii galatti Malaa'ikaatti amanuudha; sunis Rabbiin malaa'ikoota akka isaaf ajajamaniif isaan uumee, akkana jechuun isaan ibse akka qabu amanuudha:

﴿وَقَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱلرَّحۡمَٰنُ وَلَدٗاۗ سُبۡحَٰنَهُۥۚ بَلۡ عِبَادٞ مُّكۡرَمُونَ 26 لَا يَسۡبِقُونَهُۥ بِٱلۡقَوۡلِ وَهُم بِأَمۡرِهِۦ يَعۡمَلُونَ27 يَعۡلَمُ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُمۡ وَلَا يَشۡفَعُونَ إِلَّا لِمَنِ ٱرۡتَضَىٰ وَهُم مِّنۡ خَشۡيَتِهِۦ مُشۡفِقُونَ28﴾

{Isaan “Raḥmaan ilma godhate” jedhu, Inni qulqullaa’eera, Lakkii, isaan (maleykoonni) gabroota (Rabbii) kabajamoodha.

Jechaan Isa hin dursanu; isaan ajaja Isaatiin hojjatu.

Inni waan isaaniin duraatiifi waan isaaniin duubaas ni beeka, Nama Inni jaalateef malee isaan hin manguddoomanu, Isaan (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa rifatoodha}. [Al-Anbiyaa'i: 26-28].

Isaanis gosoota baay'eedha; isaan irraa warra Āršii baachuutti ramadamantu jira, isaan irraas eegdota jannataa fi ibiddaatu jira, isaan irraas warra dalagaa gabrootaa eeguutti ramadamantu jira. Dhimma lammaffaa: Malaa'ikaatti bal'innaan amanuudha; sunis isaan irraa warra Rabbiifii ergamaan isaa maqaa dhahanitti amanuudhaani; kan akka Jibriil isa wahyiitti ajajamee, kan akka Miikaa'eel isa roobatti ajajamee, kan akka Maalik eegaa ibiddaa fi kan akka Israafiil isa Xurumbaa afuufuutti ajajameeti. Akkuma waa'een isaanii ḥadiiśota ṡaḥiiḥa ta'an keessatti dubbatametti, isaan keessaa: waan Ṡaḥiiḥa keessatti mirkanaa'e, Āaīshaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:

«خُلِقَتِ الـمَلَائِكَةُ مِن نُورٍ، وَخُلِقَ الجَانُّ مِنْ مَارِجٍ مِنْ نَارٍ، وَخُلِقَ آدَمُ مِمَّا وُصِفَ لَكُم».

«Maleykoonni ifaa irraa uumaman,Jinniin ykn Šeyxaanni immoo boba’aa ibiddaa kan aara hin qabne irraa uumame, Aadamis wanta isiniif ibsame irraa uumame»13 Muslimtu ṡaḥiiḥa isaa keessatti gabaase.

Hundeen sadaffaa: Kitaabotatti amanuudha, innis ammas dhimmoota lama of keessatti qabata:

Dhimma tokkoffaa: Akka walii galaatti kitaabotatti amanuudha; kunis Rabbiin nabiyyootaa fi ergamtoota Isaa irratti kitaabota akka buuse amanuudha; ḥaóa Isaa ibsuu fi gara Isaatti waamuuf jecha, akkuma Rabbiin ol tahe jedhe:

﴿لَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا رُسُلَنَا بِٱلۡبَيِّنَٰتِ وَأَنزَلۡنَا مَعَهُمُ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡمِيزَانَ لِيَقُومَ ٱلنَّاسُ بِٱلۡقِسۡطِ...﴾

{Dhugumatti, nuti ergamtoota keenya ragaawwan ifa ta’aniin erginee, kitaabaafi miizaana isaan waliin buufne, akka namoonni ḥaóaan dhaabbataniif jecha...}. [Al-Ḥadiid: 25]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿كَانَ ٱلنَّاسُ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ فَبَعَثَ ٱللَّهُ ٱلنَّبِيِّـۧنَ مُبَشِّرِينَ وَمُنذِرِينَ وَأَنزَلَ مَعَهُمُ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ لِيَحۡكُمَ بَيۡنَ ٱلنَّاسِ فِيمَا ٱخۡتَلَفُواْ فِيهِ...﴾

{Ilmi namaa tuuta takka (amantii tokkicha irra) turan; ergasii Rabbiin nabiyyoota gammachiiftotaafi akeekkachiiftota taasisee erge. Isaan waliin kitaaba dhugaan buuse. akka inni waan isaan isa keessatti wal dhaban gidduu namootaatti murteessuuf jecha...}. [Al-Baóarah: 213].

Dhimmi lammaffaan: Kitaabotatti ḥaala bal'innaan amanuudha; sunis kitaabota keessaa waan Rabbiin maqaa dhahetti amanuudha; kan akka Towraat, Injiil, Zabuurii fi Óur'aanaa, akkasumas Óur’aanni isaan keessaa irra caalaa, xumuraa isaanii, isaan irratti too'ataa fi isaan mirkaneesaa akka ta'e amanuudha, ammas wanta Ḥadiiśa Ergamaa Rabbii ﷺ irraa sirrii ta'een wajjiin isuma qofa kan isa hordofuun fi isa murteessifachuun ummata hunda irratti dirqama ta'u akka ta'etti amanuudha; sababni isaas Rabbiin qulqullaa'e Ergamaa Isaa Muḥammad ﷺ gara sanyiiwwan lamaanii (jinnii fi ilmaan namaa) hundaatti ergamaa godhee ergee, Óur'aana kanas akka isaan gidduutti ittiin murteessaniif isaan irratti waan buusef jecha, waan qoma keessa jiruuf qoricha, waan hundaaf ibsaa, akkasumas mu'uminootaaf qajeelloo fi raḥmata isa taasise, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿وَهَٰذَا كِتَٰبٌ أَنزَلۡنَٰهُ مُبَارَكٞ فَٱتَّبِعُوهُ وَٱتَّقُواْ لَعَلَّكُمۡ تُرۡحَمُونَ155﴾

{Kun kitaaba Nuti buufne kan barakeeffameedha, Kanaafuu isa hordofaa, (Rabbiin) sodaadhaa, Akka raḥmanni isiniif godhamu}. [Al-an'āam: 155]. Ammas Inni qulqullaa'e ni jedhe:

﴿...وَنَزَّلۡنَا عَلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ تِبۡيَٰنٗا لِّكُلِّ شَيۡءٖ وَهُدٗى وَرَحۡمَةٗ وَبُشۡرَىٰ لِلۡمُسۡلِمِينَ﴾

{...Kitaaba (Óur’aana) sirratti buufne, Waan hunda addeessuuf jecha, Muslimootaaf qajeeluma, raḥmataafi gammachuu goonee}. [An-naḥl: 89]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿قُلۡ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنِّي رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيۡكُمۡ جَمِيعًا ٱلَّذِي لَهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحۡيِۦ وَيُمِيتُۖ فَـَٔامِنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِ ٱلنَّبِيِّ ٱلۡأُمِّيِّ ٱلَّذِي يُؤۡمِنُ بِٱللَّهِ وَكَلِمَٰتِهِۦ وَٱتَّبِعُوهُ لَعَلَّكُمۡ تَهۡتَدُونَ158﴾

{Jedhi: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ani ergamaa Rabbii Isa mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergamee dha). Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ni jiraachisa; ni ajjeesas, Rabbiifi ergamaa Isaa nabiyyii hin dubbifneefi hin barreessine ta’eetti amanaa, isa Rabbiifi jechoota Isaatti amanu sanitti, isa hordofaa akka qajeeltaniif jecha}. [Al-aáraaf :158]. Aayatoonni hiika kanaan dhufan baay'eedha.

 

Hundeen afraffaa:

Ergamtootatti amanuu

Innis akkasumas dhimmoota lama of keessatti qabata: Dhimmi jalqabaa: walumaa galatti Ergamtootatti amanuu dha; innis Rabbiin qulqullahee oltahe gabroota isaatti isaanuma irraa ergamtoota gammachiiftotaa fi akeekkachiiftota, akkasuma gara ḥaóaatti waamtoota taasisee akka erge amanuu dha; namni isaanif awwaate gammachuudhaan milkaa'eera, namni isaan faallesse immoo hoongoo fi gaabbiitti deebi'eera. Xumurri isaanii fi irra caalaan isaanii Nabiyyii keenya Muḥammad ilma Abdullaa ti (Sallallaahu Āleyhi Wasallam), akkuma Rabbiin oltahe jedhe:

﴿وَلَقَدۡ بَعَثۡنَا فِي كُلِّ أُمَّةٖ رَّسُولًا أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱجۡتَنِبُواْ ٱلطَّٰغُوتَ...﴾

{Dhugumatti, Nuti ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa (jechuudhaan)...}. [Annaḥli: 36]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿رُّسُلٗا مُّبَشِّرِينَ وَمُنذِرِينَ لِئَلَّا يَكُونَ لِلنَّاسِ عَلَى ٱللَّهِ حُجَّةُۢ بَعۡدَ ٱلرُّسُلِ...﴾

{Gammachiisoofi dinniinoo taasifnee ergamtoota (ergine), Akka Ergamtoota booda Rabbi irratti namootaf ragaan hin argamneefi...}. [Annisaa'i: 165]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿مَّا كَانَ مُحَمَّدٌ أَبَآ أَحَدٖ مِّن رِّجَالِكُمۡ وَلَٰكِن رَّسُولَ ٱللَّهِ وَخَاتَمَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ...﴾

{Muḥammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkoos hin taane. Garuu inni ergamaa Rabbiitiifi xumuraa nabiyyootaati...}. [Al-Aḥzaab: 40].

Dhimma lammaffaa: Ergamtootatti haala bal'inaatiin amanuudha; kunis isaan keessaa warra Rabbiin maqaa dhaye yookiin warra Ergamaa Rabbii ﷺ irraa maqaan isaanii mirkanaa'etti, haala bal'inaatii fi adda baasuutiin itti amanuudha; kan akka: Nuuḥ, Huud, Saaliḥ, Ibraahiim fi kanneen biroo, Rabbiin raḥmataa fi nageenyi isaan irratti, akkasumas maatii isaanii fi hordoftoota isaanii irratti haa buusu.

 

 

Hundeen shanaffaa: Guyyaa Aaƙiraatti amanuudha

Innis waan armaan gadii kana of keessatti qabata:

Waan Rabbiinii fi Ergamaan isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- himan hundatti amanuudha, waan erga du'aatii ta'u irraa; kan akka qormaata qabrii, adabbii isaatii fi qananii isaa, fi waan guyyaa qiyaamaa ta'u irraa kan akka naasuu, dhiphinaa, siraaxii, miizaanaa, herregaa, mindaa, fi galmeewwanii namoota gidduutti raabsamuu; nama kitaaba isaa harka mirgaa isaatiin fudhatuutu jira, kan kitaaba isaa harka bitaa isaatiin yookaan duuba dugda isaatiin fudhatus jira.

Akkasumas isa keessa ni gala: Ḥawɗii itti dhufamu kan Nabiyyii keenya Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- tti amanuun, jannataa fi ibiddatti amanuunis, mu'umintoonni Gooftaa isaanii qulqullaa'ee ol ta'e arguu isaanii fi Inni isaan dubbisutti amanuunis, akkasumas waan Óur'aana kabajamaa fi Ḥadiiśa Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa karaa sirrii ta'een gabaafame keessatti dhufe irraa waan birootti amanuunis; kanaafuu kana hundaatti amanuun gabricha irratti dirqama ta'a, akkasumas haala Rabbii fi Ergamaan Isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- itti ibsan irratti isa dhugoomsuunis gabricha irratti dirqama ta'a.

Hundeen jahaffaa: Murtootti amanuudha

Innis dhimmoota afuritti amanuu of keessatti qabata:

Dhimmi jalqabaa: Rabbiin ol ta'e waan ta'ee fi ta'uuf deemu, ḥaala gabroota Isaa, rizqii isaanii, ajala isaanii, gochoota isaanii fi dhimmoota isaanii kan biroos akka beeku amanuudha. Waan kana irraa wanti tokkolleen Rabbii ol ta'e irratti hin dhokatu, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿...وَٱعۡلَمُوٓاْ أَنَّ ٱللَّهَ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٞ﴾

{...Akka Rabbiin waan hunda beekaa ta’es beekaa}. [Al-baóarah: 231]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿...لِتَعۡلَمُوٓاْ أَنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ وَأَنَّ ٱللَّهَ قَدۡ أَحَاطَ بِكُلِّ شَيۡءٍ عِلۡمَۢا﴾

{...(Wanti inni kana uumeefis) akka isin Rabbiin waan hunda irratti danda'aafi Rabbiin dhugumatti beekumsaan wantoota hunda marsee akka jiru akka beektanuufi}. [AṪ-Ṫalaaó: 12].

Dhimma lammaffaa: Rabbiin waan qaddaree fi murteesse hunda kan barreesse ta'uu Isaatti amanuudha; akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿قَدۡ عَلِمۡنَا مَا تَنقُصُ ٱلۡأَرۡضُ مِنۡهُمۡۖ وَعِندَنَا كِتَٰبٌ حَفِيظُۢ 4﴾

{Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. kitaabni tiksaan nu biratti jira}. [Óaaf: 4]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿...وَكُلَّ شَيۡءٍ أَحۡصَيۡنَٰهُ فِيٓ إِمَامٖ مُّبِينٖ﴾

{...Waan hundayyuu kitaaba ifa bahaa keessatti galmeessinee jirra}. [Yaasiin: 12]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿أَلَمۡ تَعۡلَمۡ أَنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ مَا فِي ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِۚ إِنَّ ذَٰلِكَ فِي كِتَٰبٍۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٞ70﴾

{Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? kun kitaaba (Lawhal Maḥfuuz) keessa jira, kun Rabbi irratti laafaadha}. [Al-Ḥajji: 70].

Dhimmi sadaffaan: Fedhii Rabbii ol ta'ee kan fullaa'aa ta'etti amanuudha,. Wanni inni fedhe ni ta'a, wanni inni hin fedhin hin ta'u, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿...إِنَّ ٱللَّهَ يَفۡعَلُ مَا يَشَآءُ﴾

{...Dhugumatti, Rabbiin waan fedhe hojjata}. [Al-Ḥajji: 18]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿إِنَّمَآ أَمۡرُهُۥٓ إِذَآ أَرَادَ شَيۡـًٔا أَن يَقُولَ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ82﴾

{Ajajni Isaa, yoo waan tokko fedhe “tahi” isaan jechuma qofa; yoosuu taha}. [Yaasiin: 82]. Ammas Inni qulqullaa'e ni jedhe:

﴿وَمَا تَشَآءُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ29﴾

{Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu}. [At-takwiir: 29].

Dhimmi arfaffaan: Rabbiin ol ta'e uumamtoota hunda akka uume amanuudha; uumaan isa malee hin jiru, Gooftaanis isa malee hin jiru; akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿ٱللَّهُ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءٖۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ وَكِيلٞ62﴾

{Rabbiin uumaa waan hundaati. Inni waan hunda irrattis tiksaadha}. [Az-zumar: 62]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱذۡكُرُواْ نِعۡمَتَ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡۚ هَلۡ مِنۡ خَٰلِقٍ غَيۡرُ ٱللَّهِ يَرۡزُقُكُم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِۚ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ فَأَنَّىٰ تُؤۡفَكُونَ3﴾

{Yaa namootaa! Qananii Rabbii kan isin irratti ta'e yaadadhaa. Sila Rabbiin malee uumaan biraa kan samiifi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa? Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Akkamitti isa (irraa) garagalfamtu?} [Faaṫir: 3].

Kanaafuu Óadaratti amanuun: dhimmoota afran kana hundatti amanuu of keessatti qabata, akkuma inni amantii Ahlussunnaa Wal-Jamaaāa ta'etti; Warra bid'aa irraa nama garii sanaa morme faallessuuf jecha.

Dhimmootii barbaachisoo āóiidah sirrii ta'e keessatti warri sunnaa itti amanan keessaa: Rabbiif jecha jaallachuu fi Rabbiif jecha jibbuu, Rabbiif jecha tumsuu fi Rabbiif jecha diinomfachuudha, kunis: Āóiidah walaa'aa fii Baraa'aati, isiinis Rabbii ol ta'etti amanuu irraayi.

Kanaafuu mu'uminni mu'uminoota ni jaallata, isaan jaalallee ni taasifatas, kaafiroota ni jibba, isaan ni diinomfatas. Mu'uminoota ummata kanaa irraas hunda kan dursan sahaabota Rasuula Rabbiiti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, -akkuma Ahlussunnaa wal Jamaa'aa biratti mirkanaa'etti-; isaan ni jaallatu, isaan ni maxxanfatus, isaan erga anbiyootaatii caalaa namootaa ta'uu isaaniitti ni amanu, jecha Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kanaaf jecha:

«خَيْرُ القُرُونِ قَرْنِي ثُمَّ الَّذِينَ يَلُونَهُمْ ثُمَّ الَّذِينَ يَلُونَهُم»

«Irra caalaan jaarrootaa jaarraa kiyya, ergasii warra isaanitti aanani, ergasiis warra isaanitti aanani»14 Ṡaḥiiḥa ta'uu isaa irratti walii galameera,

Irra caalaan isaanii: Abuu Bakir AṠ-Ṡiddiió, eegasii Ūmar Al-Faaruuó, eegasii Usmaan zuunnuureyn, eegasii Aliyyii Al-Murtadaa akka ta'an ni amanu, Rabbiin isaan hunda irraa ha jaallatu, eegasii isaan boodaan kurnan irraa warra hafani, eegasii ṡaḥaabota hafan -Rabbiin isaan hunda irraa ha jaallatu-, waan isaan -jechuunis: ṡaḥaabota baana- jidduutti uumame irraas of ni qabu, dhimma kana keessatti isaan akka tattaaffii godhan itti amanu, namni ḥaóa qunname mindaan lama akka isaaf jiruu fi namni dogoggore immoo mindaa tokko akka qabu ni amanu.

Maatii Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kanneen isaanitti amanan ni jaallatu, isaanis ni deeggaru, haadholii manaa Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- Haadholee Mu'umintootaas ni deeggaru, hunda isaanitiifis jaalala Rabbii ni kadhatu. Daandii Raafidaa warra Ṡaḥaabota Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- jibbanii fi isaan arrabsan, maatii manichaa keessatti daangaa dabranii fi sadarkaa Rabbii guddaan isaan qubachiise irra ol isaan kaasan irraa ni qulqullaa'u, akkuma daandii Nawaasibootaa warra maatii manichaa dubbiidhaan yookiin dalagaadhaan miidhan irraa qulqullaa'anitti.

Wanni nuti eerre kun: hundi isaa āóiidah sirraawaa kan Rabbiin Ergamaa isaa Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ittiin erge keessa galaadha, isheenis āóiidah itti amanuun, jabeeffatanii qabachuun, irratti gadi dhaabbachuu fi waan ishee faallessu irraa of eeguun dirqama taateedha, isheenis āóiidah tuuta nagaya baatuu ahlussunnaa fi waljamaaāati, kan Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ishee ilaalchisee akkana jedhan:

«لَا تَـزَالُ طَائِفَةٌ مِنْ أُمَّتِي ‌ظَاهِرِينَ ‌عَلَى ‌الحَقِّ، لَا يَضُرُّهُمْ مَنْ خَذَلَهُمْ، حَتَّى يَأْتِيَ أَمْرُ اللهِ وَهُمْ كَذَلِكَ».

«Gareen tokko ummata kiyya keessaa dhugaa irratti ifa bahuu irraa hin deeman, namni isaan salphise isaan hin miidhu, hanga ajajni Rabbii dhufutti isaan haaluma sana irra jiru»15, Gabaasa biroo keessatti ammoo:

«لَا تَزَالُ طَائِفَةٌ مِنْ أُمَّتِي عَلَى الحَقِّ مَنْصُورَةٌ».

«Gareen tokko ummata kiyya keessaa ḥaóa irratti tumsamoo ta'uu irraa hin deeman»16, Ammas Nabiyyiin -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- akkana jedhan:

«افْتَرَقَتِ اليَهُودُ عَلَى إِحْدَى وَسَبْعِينَ فِرْقَةً، وَافْتَرَقَتِ النَّصَارَى عَلَى اثْنَتَيْنِ وَسَبْعِينَ فِرْقَةً، وَسَتَفْتَرِقُ هَذِهِ الأُمَّةُ عَلَى ثَلَاثِ وَسَبْعِينَ فِرْقَةً كُلُّهَا فِي النَّارِ إِلَّا وَاحِدَةً فَقَالَ الصَّحَابَةُ: مَنْ هِيَ يَا رَسُولَ اللهِ؟ قَالَ: مَنْ كَانَ عَلَى مِثْلِ مَا أَنَا عَلَيْهِ وَأَصْحَابِي»

«Yahuudaan garee torbaatamii tokkotti adda baate, Naṡaaraanis garee torbaatamii lamatti adda baate, ummatattiin kunis (Ummata Muḥammed) garee torbaatamii sadiitti adda ba'uuf teessi, hundi isiituu ibidda keessatti ta'u, tokkittii malee. Ṡaḥaabonnis ni jedhan: Isiin eenyu Yaa Ergamaa Rabbii? Isaanis ni jedhan: Nama waan akka aniifi ṡaḥaabonni kiyya irra jirru irratti ta'eedha»17

Āóiidaawwan āóiidaa sirrii faallessan

Warri āóiidah tana irraa jallatanii fi warri faallaa isii irra deeman, isaan gosoota baay'eedha; isaan keessaa: warra taabotaa, malaa'ikoota, awliyoota, jinnii, mukkeen, dhagaa fi kan kana fakkaatan gabbaraniidha. Isaan kunniin waamicha ergamtootaatiif hin awwaanne, garuu isaan didanii isaan mormani, akkuma Qureyšiifi gosoonni Ārabaa Nabiyyii keenya Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- wajjiin dalaganitti; Kanaaf gabbaramoon isaanii akka haajaa isaanif baasan, dhibamaa akka fayyisanii fi diinota irratti akka isaanif tumsan isaan kadhachaa turan, ammas isaanif ni qalu, qodhaas isaanif ni godhu turan, yeroo Rasuulli -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- waan kana isaan irratti mormanii, gabbartii Rabbii tokkicha qofaaf qulqulleessuutti isaan ajajanitti, kana dinqisiifatanii diduudhaan akkana jedhan:

﴿أَجَعَلَ ٱلۡأٓلِهَةَ إِلَٰهٗا وَٰحِدًاۖ إِنَّ هَٰذَا لَشَيۡءٌ عُجَابٞ5﴾

{Sila gabbaramtoota (hunda) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha}. [Ṡaad: 5].

Ergamaanis -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- gara Rabbiitti isaan waamaa, Širkii irraa isaan akeekkachiisaa, fi dhugaa waan itti isaan waamuu isaaniif ibsuu irraa hin deemne; hanga Rabbiin isaan irraa nama qajeelche qajeelchutti, sana booda tuuta tuutaan amantaa Rabbii keessa seenan, waamicha walitti fufaa fi jihaada dheeraa Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isa irratti ha buusu-, ṡaḥaaboota isaanii -Rabbi isaan irraa ha jaalatu- fi warra toltuun isaan hordofan irraa ta'een booda, amantaan Rabbii amantaalee biroo hunda irratti ol aane. Sana booda haalonni ni jijjiiraman, wallaalummaan uumama irra hedduu irratti ni moo'ate; irra hedduun isaanii gara amantii jaahiliyyaatti deebi'an, nabiyyootaa fi waliyyoota keessatti daangaa darbuudhaan, isaan kadhachuu fi isaan birmachisiifachuudhaan, fi kanneen biroo gosoota širkii ta'aniin, hiika: Laa ilaaha illallaahu hin beekne; akkuma kaafiroonni Ārabaa hiika isii beekanitti, Rabbumatu gargaarsifatamaadha.

Širkiin kun ammallee hanga bara keenya kanaatti namoota keessatti babal'achaa jira; sababa wallaalummaan irra aanaa ta'uutiifii bara nabiyyummaa irraa fagaachuutiif jecha.

Šubhaan ykn dogongorsisaan warra boodaa kanaa Šubhaadhuma warra duraaniiti, isheenis jecha isaaniiti:

﴿...هَٰٓؤُلَآءِ شُفَعَٰٓؤُنَا عِندَ ٱللَّهِ...﴾

{...Isaan kun Rabbiin biratti manguddoota keenya...}. [Yuunus: 18], Ammas akka jecha isaaniiti:

﴿...مَا نَعۡبُدُهُمۡ إِلَّا لِيُقَرِّبُونَآ إِلَى ٱللَّهِ زُلۡفَىٰٓ...﴾

{...Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru...}. [Az-zumar: 3] Rabbiin dhugumatti Šubhaa tana balleesseera, namni Isaa gaditti waan biraa gabbare, eenyu fedhe yoo ta'ellee, dhugumatti Isatti qindeesseera, kafarees jira jechuu ibse, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿وَيَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَضُرُّهُمۡ وَلَا يَنفَعُهُمۡ وَيَقُولُونَ هَٰٓؤُلَآءِ شُفَعَٰٓؤُنَا عِندَ ٱللَّهِ...﴾

{Rabbii gaditti waan isaan hin miineefi hin fayyadne gabbaranii “Isaan kun Rabbiin biratti manguddoota keenya” jedhu...}. [Yuunus: 18]. Rabbiin qulqullaa'e akkas jechuun isaan irratti deebise:

﴿قُلۡ أَتُنَبِّـُٔونَ ٱللَّهَ بِمَا لَا يَعۡلَمُ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَلَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ سُبۡحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ18﴾

{Jedhi: Sila isin waan Inni samiifi dachii keessatti hin beekne Rabbitti himtuu? Inni (Rabbiin) waan isaan Isa waliin gabbaran irraa qulqullaa’e, olis ta’ee jira”}. [Yuunus: 18].

Rabbiin ol ta'e aayata kana keessatti ni addeesse: Isaa gaditti nabiyyoota, awliyoota yookaan waan biraa gabbaruun Širkii guddaa ta'uu, osoo warri sana raawwatan maqaa biraatiin isa waamanillee, ammas Rabbiin ol ta'e akkana jedhe:

﴿...وَٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَ مَا نَعۡبُدُهُمۡ إِلَّا لِيُقَرِّبُونَآ إِلَى ٱللَّهِ زُلۡفَىٰٓ...﴾

{...Warri Isaa gaditti gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru...}. [Az-zumar: 3]. Ergasii Rabbiin ol ta'e akkana jechuun isaan irratti deebise:

﴿...إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡ فِي مَا هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي مَنۡ هُوَ كَٰذِبٞ كَفَّارٞ﴾

{...Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu}.

[Az-zumar: 3].

Rabbiin ol ta'e sanaani waan isa malee jiru gosoota gabbartii kan akka kadhannaa, sodaa, kajeellaa fi kan kana fakkaataniin gabbaruun isaanii; Rabbii ol ta'etti kafaruu akka ta'e ifa taasise, akkasumas jecha isaanii kan akkana jedhu keessattis isaan sobsiise: "gabbaramoonni isaanii sirritti gara isaatti isaan dhiheessan".

Āóiidaawwan kufrii kan Āóiidah sirrii taate faallessanii fi waan ergamtoonni (nagaan isaan irratti ha jiraatu) ittin dhufan morman irraayi: Hordoftoota maarkis, leeniinii fi warra gara Rabbiin waakkachuu fi kufritti nama waaman irraa kan biroo irraa wanti warri Rabbiin waakkatan bara kana keessatti itti amanan, sana ishtiraakiyyaa, shuyuu'īyyaa, ba'asiyyaa yookaan maqaalee birootiin waamanis tokkuma. Dhugumatti akkana jechuun hundeelee namoota Rabbiin waakkatan kanneen irraayi: Rabbiin hin jiru, jireenyis meeshaadha.

Akkasumas hundeelee isaanii irraayi: kaafamuu haaluun, jannataa fi ibidda haaluu, fi amantiiwwan hundaatti kafaruun, namni kitaabota isaanii ilaalee waan isaan irra jiran barate kana mirkaneeffatee ni beeka, dhugumatti aqiidaan tun amantiiwwan samii hunda kan faallessitu ta'uu keessatti Šakkiin hin jiru, akkasumas worra isiitti amanan adduniyaafii aaƙiratti kan gara booddee irra hamaatti geessitu ta'uu keessas šakkiin hin jiru.

Āóiidaawwan ḥaóa faallessan sana irraayi: wanti suufiyyoota irraa gariin itti amanan, kan akka namoonni isaan awliyoota jedhanii isaan waaman gariin garagaggalchuu fi dhimmoota addunyaa too'achuu keessatti Rabbii woliin qooddatan jechuu, Aóṫaaba, Awtaada, Aǧwaaśa fi maqoolee gooftolee isaanitiif ishee kalaqan irraa maqaa birootiin isaan waamu. Kunis gooftummaa keessatti Rabbiitti qindeessuudha, innis gosoolee Rabbii ol ta'etti qindeessuu keessaa irra fokkataadha.

Namni širkii warra duraanii kan warra jaahiliyyaa xinxalee, širkii warra boodaa jidduutti tamsa'e waliin walbira qabee laale; Širkiin warra boodaa irra guddaa fi irra hammaataa ta'uu arga, ibsi kanaas akka armaan gadiiti: Dhugumatti, kaafiroonni Ārabaa yeroo wallaalummaa keessa dhimmoota lamaan adda baafaman: Dhimmi jalqabaa: Isaan gooftummaa keessatti kan itti hin qindeessine ta'uu isaaniiti, garuu Širkiin isaanii gabbartii keessatti ture; dhugumatti isaan gooftummaa Rabbii guddaa tokkichaaf ni mirkaneessu ture, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿وَلَئِن سَأَلۡتَهُم مَّنۡ خَلَقَهُمۡ لَيَقُولُنَّ ٱللَّهُ...﴾

{Eenyuutu isaan uumee odoo isaan gaafattee “Allaahdha” jedhu...}. [Az-zuƙruf: 87]. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe:

﴿قُلۡ مَن يَرۡزُقُكُم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِ أَمَّن يَمۡلِكُ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡأَبۡصَٰرَ وَمَن يُخۡرِجُ ٱلۡحَيَّ مِنَ ٱلۡمَيِّتِ وَيُخۡرِجُ ٱلۡمَيِّتَ مِنَ ٱلۡحَيِّ وَمَن يُدَبِّرُ ٱلۡأَمۡرَۚ فَسَيَقُولُونَ ٱللَّهُۚ فَقُلۡ أَفَلَا تَتَّقُونَ31﴾

{Jedhiin “Eenyutu samiifi dachii irraa isin soora? Yookiin dhageettiifi argituulee eenyutu dhuunfata? Ammas eenyutu jiraataa du’aa irraa baasa, du’aa jiraataa irraa baasa? Eenyutu waan hunda gara gaggalchas?” (jedhi). ‘Rabbuma’ jedhu. “Sila Rabbiin hin sodaattanii?” jedhiin}. [Yuunus: 31]. Hiikaa kana keessatti aayatoota akkaan hedduu ta'aniitu jiran.

Dhimmi lammaffaan: dhugumatti širkiin isaanii gabbartii keessatti yeroo hundaa hin turre, garuu kan inni uumamu yeroo bal'inaa keessa ture, yeroo rakkoo keessatti immoo dhugumatti isaan gabbartii Rabbiif qulqulleessu turan, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿فَإِذَا رَكِبُواْ فِي ٱلۡفُلۡكِ دَعَوُاْ ٱللَّهَ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ فَلَمَّا نَجَّىٰهُمۡ إِلَى ٱلۡبَرِّ إِذَا هُمۡ يُشۡرِكُونَ65﴾

{Yeroo doonii yaabbatan, amantii Isaaf qulqulleessuun Allaah qofa kadhatu. Yeroo Inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo yeroma san (Rabbitti) qindeessu}. [Al-Ānkabuut: 65].

Mušrikoonni warri boodaa immoo, dhugumatti isaan gama lamaan warra duraa irratti dabalaniiru: Kallattiin tokkoffaan:Širkii gariin isaanii Gooftummaa keessatti raawwataniidha. Kallattiin lammaffaan: yeroo bal'inaa fi rakkoo keessatti Širkii hojjachuu isaaniiti, kana immoo namni isaanitti makamee ḥaala isaanii gadi fageenyaan qoratee, waan isaan misra keessatti qabrii Huseyn, qabrii badawii fi kanneen biroo biratti hojjatan arge ni beeka, akkasumas qabrii Aydaruus kan Adan keessa jiru, qabrii haadii kan yaman keessatti, qabrii ibnu arabii kan shaam keessa jiru, qabrii Šeykh Abdulqaadir jeylaanii kan Īraaq keessa jiruu fi qabriiwwan beekamoo biroo kan ummanni isii keessatti daangaa dabranii, hedduu ḥaóa Rabbii ol ta'ee isheef kennan biratti waan isaan hojjatanis, namni waan kana isaan irratti mormee, dhugaa towhiidaa kan Rabbiin nabiyyii isaa Muḥammad ﷺ, fi ergamtoota isaan dura turan -nagaa fi raḥmanni isaan irratti haa jiraatu- ittiin erge isaaniif ibsu muraasa, dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaattis deebi'oodha.

Āóiidaawwan āóiidaa sirriidhaan wal faalleessan kan dhimma maqoolee fi sifaataa keessatti argaman irraa: āóiidah warra bid'āa Jahmiyyaa, Mu'ūtazilaa, fi sifaata Rabbii ol ta'ee mormuu, sifaata guutummaa irraa waan Rabbii ol ta'eef dubbatame duwwaa taasisuu keessatti, akkasumas Rabbii ol ta'e sifaata wantoota hin jirree, wantoota lubbuu hin qabnee fi wantoota ta'uun isaanii hin malleen ibsuu keessatti aqiidaa warra karaa isaanii qabateeti. Rabbiin waan isaan jedhan irraa ol ta'iinsa guddaa ol ta'eera.

Kana keessa ni seena: warri garii ṡifaataa mormanii garii isaanii mirkaneessan; akkuma inni itti amantii Ašaaīraa ta'etti, isaan kun sifaata isaan mirkaneessan keessatti fakkaataan waan isaan sifaata mormanii, ragaalee ishees ta'awiila ykn waan hintanetti jijjiirama godhan keessatti irraa baqatanii dirqama isaanitti ta'a, kanaanis ragaalee dhageettii fi sammuu faallessan, kana keessattis wal faalleessuu ifa ta'e wal faalleessan.

Warri sunnaa fi jamaaāan immoo: Rabbii ol ta'eef maqaawwanii fi ṡifaata irraa waan Inni ofii Isaatiif mirkaneesse, yookaan waan Ergamaan Isaa Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- Isaaf mirkaneessan ḥaala guutuu ta'een mirkaneessanii jiru, uumamtoota Isaa fakkaachuu irraas Isa qulqulleessan, qulqulleessuu xurii onsuu irraa qulqulluu ta'e, kanaaf isaan ragaalee hundatti hojjetaniiru, hin jallisne, hin onsines, wal faallessuu isa warri isaanin alaa keessa kufan irraas nagaa bahan- akkuma kana dura ibsametti-,

Kun karaa nagaa bahuu, fi gammachuu duuniyaa fi Aaƙiraati, innis karaa qajeelaa kan salafni ummata kanaatii fi imaamonni isaanii irra hiriiraniidha, ummata kana irraa warri boodaa wanta warri duraa ittiin tolan malee hin tolan, innis Kitaabaa fi Sunnaa hordofuu, fi wanta isaan faallesse dhiisuudha. Rabbiin inni qulqullahee ol ta'e ummata gara qajeelluma isaanitti akka deebisu, isaan keessattis warra qajeellumatti nama waaman akka heddummeessu, akkasumas hogganootaa fi ulamaa'ota isaanii shirkii loluuf, dhabamsiisuufi karaalee isatti geessan irraa akeekkachiisuuf akka milkeessu ni kadhanna... Inni dhugumatti dhaga'aa, dhihaataadha. Rabbiin abbaa towfiióaati, Inni nuuf gahaadha, isa irratti hirkachuun waa tolee, humnis, dandeettiinis isaan malee hin jiru. Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa, nabiyyii keenya Muḥammad irrattii fi maatii fi Ṡaḥaabota isaanii irratti raḥmataa fi nageenya ha buusu.

 

***

 

 

om397v4.0 - 16/11/2026


Buƙaariin lakkoofsa (2856) irratti, Muslim immoo (30) irratti gabaase.

Laalakaa'iitu 'Šarḥu uṡuul al-i'ītióaad' keessatti gabaase (735), akkasumas Ibnu Abdulbarris "Jaamiūl īlmi wa faɗlihi" keessatti (1801) gabaase, garuu jecha aayatoota ṡifaataa jedhuun osoo hin taane, jecha Ḥadiiśota jedhuuni, jechichi isaas: "Ḥadiiśota kana akkuma dhufetti gabaasaa ishee keessattis wal hin falminaa".

Bayḥaóiitu kitaaba "Al-asmaa'u waṡṡifaat" jedhu keessatti lakkoofsa (865) irratti gabaase, Ibnu taymiyyaan immoo kitaaba "Al-ḥamawiyyaa" jedhu (fuula: 269) irratti sanadni isaa ṡaḥiiḥa jedhe, Żahabiinis "Al-ārɗi" lakkoofsa (2/223) irratti akkana jedhe: gabaasonni isaa imaamota amanamoodha.

Laalakaa'iitu Šarḥu usuul al-i'īītióaad keessatti lakkoofsa (930) irratti gabaase, Bayḥaqiinis Al-asmaa'u waṡṡifaat keessatti lakkoofsa (955) irratti gabaaseera.

Laalakaa'iitu šarḥii uṡuul al-i'ītióaad keessatti lakkoofsa (665)irratti gabaase, Bayḥaóiinis Al-asmaa'u waṡṡifaat keessatti lakkoofsa (868) irratti gabaaseera.

Laalakaa'iitu Šarḥii uṡuul al-i'ītióaad keessatti lakkoofsa (664) irratti gabaase, Abuu Nu'āymis Ḥilyatul awliyaa keessatti lakkoofsa (6/325) irratti, Bayḥaqiin immoo Al-asmaa'u waṡṡifaat keessatti lakkoofsa (867) irratti gabaaseera.

Al-muzakkiin Al-muzakkiyyaat keessatti lakkoofsa (29) irratti gabaase, akkasumas Ibnu Baṫṫaan Al-ibaanah keessatti lakkoofsa (120) irratti, Laalakaa'iin immoo šarḥii uṡuul al-i'ītióaad keessatti lakkoofs (663) irratti gabaaseera.

Daarimiin Arraddu ālal-Jahmiyyaa keessatti lakkoofsa (67) irratti, Bayḥaóiin immoo Al-Asmaa'u waṡṡifaat keessatti lakkoofsa (903) irratti gabaasan.

Żahabiin Al-ūluwwi keessatti lakkoofsa (464) irratti gabaase, Albaaniin immoo Muƙtaṡara Ūluwwii keessatti (fuula: 184) irratti akkas jedhe: sanadni kun ṡaḥiiḥa, rijaalonni isaas amanamoo beekamoodha.

Tafsiira Ibni Kaśiir (3/426, 427).

Buƙaariitu ḥadiiśa Abuu Saīid Al-Ƙudrii (Rabbiin isarraa ha jaallatu) irraa lakkoofsa (22) irratti gabaase.

Muslimtu lakkoofsa (2996) irratti, ḥadiiśa Āaishaa (Rabbiin ishee irraa ha jaallatu) gabaase.

Buƙaariin lakkoofsa (3651) irratti, Muslim immoo (2533) irratti, ḥadiiśa Abdullaa bin Mas'ūud (Rabbiin irraa ha jaallatu) irraa gabaase.

Muslimtu lakkoofsa (1920) irratti, ḥadiiśa Śowbaan irraa (Rabbiin irraa ha jaallatu) gabaase.

Ibnu Maajaatu lakkoofsa (3952) irratti, ḥadiiśa Śowbaan irraa (Rabbiin isa irraa ha jaallatu) gabaase, Ibnu Ḥibbaan immoo lakkoofsa (6714) irratti, Ḥaakimis lakkoofsa (8653) irratti ṡaḥiiḥa jedhaniin.

Tirmiżiitu lakkoofsa (2641) irratti, ḥadiiśa Abdullaa ibnu Āmrii -Rabbiin isarraa ha jaallatu- irraa gabaase. Munaawiin Feayiɗul óadiir keessatti lakkoofsa (5/347) irratti akkana jedhe: "Isa keessa Abdurraḥmaan ibnu Ziyaad al-afriiqiitu jira, Żahabiin isa ilaalchisee akkana jedhe: isa laaffisaniiru". Albaaniin immoo ṡaḥiiḥa al-jaami'i keessatti lakkoofsa (5343) irratti ṡaḥiiḥa jedheen.

Muslimtu lakkoofsa (8) irratti gabaase.