PHPWord

 

 

 

مَا لَا يَسَعُ المُسْلِمَ جَهْلُهُ

 

Waan Muslimni tokko wallaaluu hin qabne

 

 

 

اللَّجْنَةُ العِلْمِيَّةُ

بِرِئَاسَةِ الشُّؤُونِ الدِّينِيَّةِ بِالمَسْجِدِ الحَرَامِ وَالمَسْجِدِ النَّبَوِيِّ

 

Koree Beekumsaa Hoggansa Dhimmoota Amantii Masjidul haraami fi Masjida nabayyii

 


بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ

Waan Muslimni tokko wallaaluu hin qabne

 

Seensa

Faaruun kan Rabbii gooftaa Aalamaati, rahmannii fi nageenyi Nabiyyii Aalama hundaaf rahmata ta'anii ergaman irratti haa jiraatu, akkasumas maatii, sahaabota isaanii fi nama hanga guyyaa qiyaamaatti sunnaa isaanii qabatee karaa isaanii hordofe irrattis haa jiraatu, Itti aansuudhaan:

Kun ergaa gabaabaa irra guddaa wantoota aqiidaa, ibaadaa fi haala jireenya isaa keessatti nama muslimaa tokkoof barbaachisoo ta'an of keessatti hammatedha, Daawwattoota dhiirotaa fi dubartootaa Harama kabajamoo lameenii ta'aniif kan walitti isa qabnedha; Akka isaan dhimmoota amantii isaanii keessatti beekumsaa fi hubannoo qabaataniif jecha, Rabbii arjaa tola oolaa ta'e irraa ergaa kanaan namoota akka fayyaduu fi fuula isaa qofaaf qulqulluu akka isa taasisu kajeeluu wojjin; Inni irra caalaa waan kadhatamuu fi irra caalaa waan abdatamuu waan ta'eef jecha.

 

Koree Beekumsaa Hooggansa Dhimmoota Amantaa Masjidul Haraamii fi Masjiida Nabii.

Maqaa Rabbii rahmata godhaa mararfataa ta'eetiin

Boqannaa tokkoffaa:

Waan Aqiidaa wajjin wal qabatu

Kutaa Tokkoffaa: Hiika Islaamaa fi Rukniiwwan isaa:

Islaamummaa jechuun: Tokkichoomsuun Rabbiif haraka kennuu, ajajamuun Isaaf bitamuu fi shirkii fi warra shirkii irraa qulqullaa'uudha.

Rukniiwwan isaa shani:

Tokkoffaa: Rabbii tokkicha malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhaammad ergamaa Rabbii tahuu ragaa ba'uudha.

Lammaffaa: Salaata dhaabuudha.

Sadaffaa: Zakaa kennuudha.

Afraffaa: Ramadaana soomuudha.

Shanaffaa: Mana Rabbii kabajamaa hajja'uudha, nama gara isaatti karaa danda'eef.

Barbaachisummaa Tawhiidaa:

Beeki, Rabbiin guddaan ol ta'e uumama kan uumeef osoo homaa Isatti hin qindeessine akka Isa gabbaraniif jecha. Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَمَا خَلَقۡتُ ٱلۡجِنَّ وَٱلۡإِنسَ إِلَّا لِيَعۡبُدُونِ 56﴾

﴾Jinnii fi ilma namaa akka na gabbaraniif malee hin uumne﴿. [Azzaariyaat:56], Gabbartiin kun immoo beekumsaan malee hin baramu, Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿فَٱعۡلَمۡ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱللَّهُ وَٱسۡتَغۡفِرۡ لِذَنۢبِكَ وَلِلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِۗ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ مُتَقَلَّبَكُمۡ وَمَثۡوَىٰكُمۡ 19﴾

﴾ Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jiruu beeki; dilii teetiif araarama (Rabbii) kadhu; mu’uminoota dhiiraafi dubartootaatiifis (kadhu). Rabbiin sochii keessaniifi qubannoota keessanis ni beeka﴿. [Muhammad: 19], Beekumsaan jalqabe jechaa fi gocha dura. Irra guddaan waan barachuun isaa muslima irra jiruu Rabbii guddaa ol ta'e tokkichoomsuudha; Sababni isaas inni bu'uura amantii fi hundee isaa waan ta'eefi, Amantiin tawhiidaan malee gad hin dhaabbatu, kunis waan dura Muslima irratti dirqama ta'uuti, akkasumas inni dirqama isa dhumaati. Tawhiidni rukniiwwan Islaamaa kan muslimni hundi isaan beekuu fi isaanitti hojjachuun isa irratti dirqama ta'u keessaa isa jalqabaati, isaanis rukniiwwan shani, Akkuma hadiisa Abdullaah ilma Umar irraa odeeffame keessatti dhufetti, -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhuun dhaga'e:

«بُنِيَ الإسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أنْ لَا إلَهَ إلَّا اللَّهُ وأنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ، وَإقَامِ الصَّلَاةِ، وَإيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَحَجِّ البَيْتِ، وصَوْمِ رَمَضَانَ».

«Islaamummaan waa shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, Manicha hajja'uu, fi Ramadaana soomuudha»1.

Hiikkaa Tawhiidaa barachuun Muslima irratti dirqama; innis Ibadaadhaan Rabbiin tokkichoomsuudha. Ibaadaa Isaa keessatti waan tokkollee Isa waliin hin qindeessu; Malaa'ikaa dhiheeffames ta'ee, Nabiyyii ergames.

Hiikkaan « Allaaha malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa bahuu»:

Innis gabrichi iimaana shakkii hin qabneen, Rabbii guddaa ol ta'e malee gabbaramaan haqaa akka hin jirre ragaa bahuu dha. Rabbiin qofa gabbara, gosoota ibaadaa, kan akka du'aa'ii, sodaa, kajeellaa, hirkachuu fi kaneen biroo hundaan Isa tokkichoomsa, inni qulqullaa'e.

Ragaa ba'uun kun ruknii lamaan malee hin mirkanaa'u:

Tokkoffaa: Wantoota Rabbiin malee jiran, kan akka shariiktotaa, gabbaramtootaa fi xaaghuutaa hunda irraa gabbartii mormuudha.

lammaffaa: Gabbaramummaa fi gabbartii haqaa Rabbii tokkicha qofaaf raggaasisuudha, waan isa malee jiruun alatti isuma qofaaf raggaasisuudha. Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿‌وَلَقَدۡ بَعَثۡنَا فِي كُلِّ أُمَّةٖ رَّسُولًا أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱجۡتَنِبُواْ ٱلطَّٰغُوتَ...﴾

﴾ Dhugumatti, Nuti ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraa fagaadhaa” (jechuun)...﴿‌. [Annahli: 36].

Ulaagaaleen (Laa ilaaha illallaah) immoo isaan:

Tokkoffaan: beekumsa wallaalummaa faallessu.

Lammaffaa: Mirkanaa’ummaa shakkii faallessu.

Sadaffaan: Ikhlaasa shirkii faallessu.

Afraffaa: Dhugaa kijiba faallessu.

Shanaffaa: Jaalala jibba faallessu.

Jahaffaa: Masakamuu dhiisuu faallessu.

Torbaffaa: Fudhachuu diddaa faallessu.

Saddeettaffaa: Waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafaruudha.

Ulaagaalee kanneenitti hojjachuun dirqama ta'a, wolaloo sarara lamaa armaan gaditti dhufu kana keessatti wolitti qabamaniiru:

Beekumsa, mirkana (yaqiina), ikhlaasa, dhugomsuu kee, jaalala, jala butamuu fi ishee fudhachuu waliin.

Saddeettaffaan isaa waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafaruu keeti.

Shahaadaa dhugoomsuun, Rabbii tokkicha shariika hin qabne gabbaruu fi gabbarti Isa qofaaf qulqulleessuudhaan argama. Rabbiin malee hin kadhatu, Rabbiin malee waan biraa irratti hin hirkatu, Rabbiin malee hin kajeelu, Rabbiif malee hin salaatu, Rabbii ol ta'eef malee hin qalu.

Wanti namoonni gariin hojjatan, kan akka qabrii naanna'uu, worra qabrii irraa gargaarsa barbaaduu fi Rabbii gaditti isaan waammachuu shirkii gabbartii keessatti ta'edha, Kanaafuu sana irraa eeggachuunii fi irraa sodaachisuunis dirqama ta'a; Sababni isaas kun Rabbii ol ta'ee gaditti taabota, dhagaa fi mukeen gabbaruu kan mushrikoonni hojjataa turan irraa waan ta'eef jecha, Inni shirkii isa irraa sodaachisuu fi irraa dhoorguuf jecha kitaabonni bu'anii, ergamtoonninis ergamanidha.

Hiikkaan Muhammad ergamaa Rabbii ta'uu ragaa ba'uu:

Waan inni itti ajaje keessatti isa tole jechuu, waan inni hime keessatti isa dhugoomsuu, waan inni irraa dhoorgee fi dinniine irraa fagaachuu fi waan inni karaa godheen maletti Rabbiin gabbaramuu dhabuudha. Muhammad ilma Abdullaah Al-qurashii Al-haashimiin: Ergamaa Rabbii ol ta'ee, jinnii fi ilma namaa irraa gara uumama hundaatti ergame ta'uu Muslimni ni mirkaneessa. Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿قُلۡ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنِّي رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيۡكُمۡ جَمِيعًا...﴾

﴾Jedhi: Yaa namootaa! Dhugumatti, ani gara hunda keessaniitti ergamaa Rabbiiti...﴿ [Al-a'araaf :158].

akkasumas Rabbiin amantaa Isaa geessuu fi uumama qajeelchuuf akka isaan erge, muslimni ni mirkaneessa, Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿‌وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ إِلَّا كَآفَّةٗ لِّلنَّاسِ بَشِيرٗا وَنَذِيرٗا وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ28﴾

﴾Nuti nama hundaaf walumaagalatti gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine. Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu﴿‌. [Saba'i: 28]. Ammas akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿‌وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ إِلَّا رَحۡمَةٗ لِّلۡعَٰلَمِينَ 107﴾

﴾Aalama (hundaaf) rahmata taasifnee malee waa si hin ergine﴿‌ [Al-anbiyaa'i: 107].

Wanti ragaa ba'iinsi kun dirqamsiisu: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbummaa keessaa haqa qabu jettee amanuu dhabuudha akkasumas uumama too'achuu keessatti, yookiin gabbartii keessaa haqa qabu jettee amanuu dhabuudha, Inumaa isaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabricha hin gabbaramnee fi ergamaa hin kijibsiifamnedha. Ofii isaaniitiifis ta'ee nama biraatiifis bu'aa yookaan miidhaa irraa waan tokkollee fiduu hin danda'anu, waan Rabbiin fedhe malee, Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿‌قُل لَّآ أَقُولُ لَكُمۡ عِندِي خَزَآئِنُ ٱللَّهِ وَلَآ أَعۡلَمُ ٱلۡغَيۡبَ وَلَآ أَقُولُ لَكُمۡ إِنِّي مَلَكٌۖ إِنۡ أَتَّبِعُ إِلَّا مَا يُوحَىٰٓ إِلَيَّ...﴾

﴾Jedhi: Kuusaaleen Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhu; waan fagoos hin beeku, akkasumas ani Maleykaadhas isiniin hin jedhu. Waan gara kiyyatti buufame malee hin hordofu...﴿‌ [Al-an'aam: 50].

Kutaa Lammaffaa: Hiika Iimaanaa fi Rukniiwwan isaa:

Iimaanni: qalbiin dhugoomsuu, arrabaan dubbachuu, qalbii fi qaamaan hojjachuudha, kheyrii hojjachuun ni dabala, badii hojjachuun immoo ni hir'ata.

Iimaanni sirrummaa fi qeebaltii gabbartiiwwaniitiif ulaagaadha, Akkuma shirkii fi kufriin kheyrii hunda balleessanitti, Akkuma Rabbiin salaata wuduu'aan maletti hin qeeballe, akkasuma gabbartiis iimaanaan malee hin qeebalu. Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَمَن يَعۡمَلۡ مِنَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ مِن ذَكَرٍ أَوۡ أُنثَىٰ وَهُوَ مُؤۡمِنٞ فَأُوْلَٰٓئِكَ يَدۡخُلُونَ ٱلۡجَنَّةَ وَلَا يُظۡلَمُونَ نَقِيرٗا 124﴾

﴾Dhiiraafi dubartii irraa namni mu’umina ta’ee hojii gaggaarii hojjate, isaan sun jannata seenu; hanga tuqaa temiraas hin miidhamanu﴿ [Annisaa'i: 124].

Shirkiin hojii kan balleessu akka ta'es ibseera, Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿وَلَقَدۡ أُوحِيَ إِلَيۡكَ وَإِلَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكَ لَئِنۡ أَشۡرَكۡتَ لَيَحۡبَطَنَّ عَمَلُكَ وَلَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ 65﴾

﴾Dhugumatti, gara keetiifi gara warra si dura turaniittis “yoo Rabbii wajjiin waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata” jechuun wahyiin buufameera﴿ [Azzumar: 65].

Rukniiwwan Iimaanaa jaha: Allaahitti amanuu, Malaa'ikaa Isaatti amanuu, Kitaabota Isaatti amanuu, Ergamtoota Isaatti amanuu, Guyyaa Aakhiraatti amanuu fi Qadara(murtoo), kheyrii isaatii fi sharrii isaattis amanuudha.

1) Rabbii ol ta'etti amanuun waa sadii of keessaa qaba:

1- Rabbummaa Isaatti amanuu:

Innis gochoowwan Isaa, kan akka uumuu, soorachisuu, jiraachisuu fi ajjeesuutiin Rabbii ol ta'e tokkichoomsuudha, Uumaan Rabbiin malee hin jiru, Sooraanis Rabbiin malee hin jiru, jiraachisaanis Rabbiin malee hin jiru, ajjeesanis Rabbiin malee hin jiru, uumama kana keessattis too'ataan Rabbii ol ta'e malee hin jiru.

Uumamtoota keessaa namni gooftummaa Rabbii qulqullaa'ee morme hin beekamne, yoo nama of tuulaa ta'ee waan dubbatutti hin amanne ta'e malee. Akkuma fir'oownaaf argametti, yeroo ummata isaatiin akkana jedhe keessatti:

﴿‌...أَنَا ‌رَبُّكُمُ ‌الْأَعْلَى﴾

﴾...Ani gooftaa keessan isa ol aanaadha﴿‌ [Annaazi'aati: 24], Garuu sun dhugaan itti amanee miti, akkuma Rabbiin ol ta'e Muusaa irraa dubbatetti, nageenyi isa irra haa jiraatu:

﴿‌قَالَ لَقَدۡ عَلِمۡتَ مَآ أَنزَلَ هَٰٓؤُلَآءِ إِلَّا رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ بَصَآئِرَ وَإِنِّي لَأَظُنُّكَ يَٰفِرۡعَوۡنُ مَثۡبُورٗا 102﴾

﴾(Muusaan) ni jedhe: “Ati dhugumatti isaan kana haala ragaa ifa ba’aa ta’aniin Gooftaa samiileefii dachii malee homtuu akka hin buusin sirritti beektee jirta. Ani yaa Fir’owna! Dhugumatti, ati halaakamaa ta’uun si yaada﴿‌. [Al-Israa'i: 102], ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

﴿‌وَجَحَدُوا بِهَا وَاسْتَيْقَنَتْهَا أَنْفُسُهُمْ ظُلْمًا وَعُلُوًّا... ﴾

﴾Odoo lubbuuleen isaanii mirkaneessituu, miidhaafi boonaaf jecha ishee morman...﴿‌ [Annamli: 14].

Uumamtoota tanaaf Uumaan jiraachuun dirqama, Ofiin of uumuu waan hin dandeenyeef jecha; Wanti tokko ofiin of hin uumu waan ta'eef jecha, akkasumas akka tasaa argamuunis waan hin malleef jecha; Waan ta'e hundaaf argamsiisaan jiraachuun waan dirqama ta'eef jecha, Akkasumas sirna bareedaa fi wal simataa ta'e kana irratti, akka tasa argamuun ishee waan hin malle waan ta'ef. Kanaafuu argamsiisaan isheef jiraachuun dirqama ta'a, Innis Allaahaa gooftaa aalamaati. Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿‌أَمۡ خُلِقُواْ مِنۡ غَيۡرِ شَيۡءٍ أَمۡ هُمُ ٱلۡخَٰلِقُونَ 35 أَمۡ خَلَقُواْ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَۚ بَل لَّا يُوقِنُونَ 36﴾

﴾Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman, moo isaanumatu uumoo dha?

Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu﴿‌. [Axxuur: 35-36].

Dhugumatti mushriktoonni osuma gabbartii keessatti isaatti qindeessanii, Rabbummaa Rabbii ol ta'ee ni fudhatu turan, kunis Islaamummaa keessa isaan hin seensifne. Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanin lolanii, dhiiga isaanii fi qabeenya isaanii halaala taasisan; Sababni isaas gabbartii keessatti shirkii waan raawwataniif jecha. Isa wajjin waan biraa, kan akka taabotaa, dhagaawwanii, malaa'ikotaa fi kanneen biroo gabbaran.

2- Gabbaramummaa isatti amanuudha:

Gabbaramummaa isaatti amanuu jechuun: Inni qofti gabbaramaa haqaa kan shariika hin qabne ta'uu isaatti amanuudha, (Al-Ilaah) hiikni isaa (Al-Ma'luuh) dha, jechuunis jaallachuun, guddisuu fi gad of qabuun kan gabbaramu jechuudha.

Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

﴿‌وَإِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞۖ لَّآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلرَّحۡمَٰنُ ٱلرَّحِيمُ 163﴾

﴾Gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha, isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. (Inni) akkaan mararfataa rahmata godhaadha﴿‌ [Al-baqarah: 163].

Namni Rabbi wajjiin gooftaa Isaa gaditti isa gabbaru godhate, gabbartiin isaa soba, Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

﴿ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡحَقُّ وَأَنَّ مَا يَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ هُوَ ٱلۡبَٰطِلُ وَأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡعَلِيُّ ٱلۡكَبِيرُ 62﴾

﴾Kun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni Isaa gaditti gabbaran immoo soba ta’anii, Rabbiin Isatu ol ta’aa, guddaa ta'eefi﴿ [Al-Hajji: 62].

Sababa kanaatiif ergamtoonni, nageenyi isaanirratti haa jiraatu, Nuuh irraa kaasee hanga Muhammad ga'uutti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, ummata isaanii gara Rabbiin tokkichoomsuu fi ibaadaadhaan Isa qofa gabbaruutti waamaa turan, Dhugumatti Rabbiin ol ta'e, gabbaramtoota mushrikoonni Rabbii ol ta'e wajjin gabbaran, akkasumas tumsaa fi gargaarsa isaan irraa barbaadan isaanii harkatti balleesseera. Kunis ragaa sammuu lamaani:

Tokkoffaa: gooftolee isaan gabbaramoo godhatan kanneen keessa amaloota gabbaramummaa irraa homaatuu hin jiru, kanaaf isaan uumamtoota, hin uumanis, warra isaan gabbaruuf bu'aa fiduu hin danda'an, miidhaas isaan irraa deebisuu hin danda'an, jiraachisuu, ajjeesuu, du'a irraas kaasuus hin danda'an, Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿وَٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةٗ لَّا يَخۡلُقُونَ شَيۡـٔٗا وَهُمۡ يُخۡلَقُونَ وَلَا يَمۡلِكُونَ لِأَنفُسِهِمۡ ضَرّٗا وَلَا نَفۡعٗا وَلَا يَمۡلِكُونَ مَوۡتٗا وَلَا حَيَوٰةٗ وَلَا نُشُورٗا 3﴾

﴾Isaa (Rabbii) gaditti gooftolee homaa hin uumne, kan isaanuu uumamanu, kan of irraa miidhaa deebisuus ta’ee bu’aa fiduu hin dandeenye, akkasumas ajjeesuu, jiraachisuu fi du’a irraa kaasuus hin dandeenye godhatan﴿ [Al-furqaan: 3].

Lammaffaa: mushrikoonni kunniin Rabbiin ol ta'e qofti wanti biraa osoo hafuu uumaa fi garagaggalchaa akka ta'e ni amanu, kun immoo akkuma Rabbummaan isa tokkoomsanitti gabbaramummaan akka isa tokkichoomsan taasisa, Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿قُل لِّمَنِ ٱلۡأَرۡضُ وَمَن فِيهَآ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ 84 سَيَقُولُونَ لِلَّهِۚ قُلۡ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ85 قُلۡ مَن رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ ٱلسَّبۡعِ وَرَبُّ ٱلۡعَرۡشِ ٱلۡعَظِيمِ 86 سَيَقُولُونَ لِلَّهِۚ قُلۡ أَفَلَا تَتَّقُونَ 87 قُلْ مَنْ بِيَدِهِ مَلَكُوتُ كُلِّ شَيْءٍ وَهُوَ يُجِيرُ وَلَا يُجَارُ عَلَيْهِ إِنْ كُنْتُمْ تَعْلَمُونَ 88 سَيَقُولُونَ لِلَّهِ قُلْ فَأَنَّى تُسْحَرُونَ 89﴾

﴾Jedhi: “dachiiniifi isaan ishee keessa jiran kan eenyuuti? Yoo kan beektan taatan” 84

“Kan Rabbiiti” jedhu, Sila isin hin gorfamtanuu?" jedhiin. 85

“Gooftaan samii torbaniifi Gooftaan Arshii guddaa eenyu?” jedhiin. 86

“Kan Rabbiiti” jedhu “Sila isin Allaah hin sodaattanuu?” jedhiin. 87

"Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru, innis kan tiksu; isa irratti kan hin tikfamne" eenu? jedhiin, yoo kan bektan taatan 88

“Kan Rabbiiti” jedhu “Akkam (dhugaa) irraa garagalfamtu ree?” jedhiin﴿ [Al-Mu'uminuun: 84-89] Yoo Tawhiida Rubuubiyyaa mirkaneessan; Rabbii ol ta'e gabbartiidhaan kophaa baasuunii fi gabbartii isaa keessatti homa tokkollee isatti qindeessuu dhiisuun isaan irratti dirqama ta'a.

3- Maqootaa fi Sifaatatti Amanuudha:

xjechuunis: waan Rabbiin ofii Isaatiif kitaaba Isaa keessatti mirkaneesse mirkaneessuudha, Yookiin waan Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Hadiisa isaanii keessatti isaaf mirkaneessan mirkaneessuudha; Maqootaa fi Sifaata irraa, akkaataa Rabbii ol ta'eef maluun, jallisuu fi onsuun maletti, akkamummaas akkaataa fi fakeenya itti gochuun maletti, Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

﴿‌وَلِلَّهِ ٱلۡأَسۡمَآءُ ٱلۡحُسۡنَىٰ فَٱدۡعُوهُ بِهَاۖ وَذَرُواْ ٱلَّذِينَ يُلۡحِدُونَ فِيٓ أَسۡمَٰٓئِهِۦۚ سَيُجۡزَوۡنَ مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ 180﴾

﴾Rabbiif maqaalee gaggaariitu jiru, Isheedhaan Isa kadhaa, Warra maqaalee Isaa keessatti jallisan dhiisaa, Waan dalagaa turan fuulduratti galata galfamuu taa'u﴿‌ [Al-a'araaf: 180], ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿‌...لَيۡسَ كَمِثۡلِهِۦ شَيۡءٞۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ﴾

﴾...Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha﴿‌ [Ashuuraa: 11].

Shirkiin bakka saditti qoodama:

1- Shirkii guddaa.

2- Shirkii xiqqaa.

3- Shirkii dhokataa.

1- Shirkii guddaa:

Walitti qabaan isaa: waan Rabbiin alaa wantoota dhuunfaa Rabbii keessatti Rabbitti qixxeessuudha, Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿‌إِذۡ نُسَوِّيكُم بِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ 98﴾

﴾Yeroo Gooftaa aalamtootaatti isin qixxeessinu san﴿‌ [Ahu'araa'i: 98].

Innis gabbartii waan Rabbii ol ta'e malee jiruuf kennuudha of keessatti qabata, Yookiin garii gabbartii, kan akka du'aa'ii, gargaarsa barbaaduu, nazrii, qalmaa fi gosoota gabbartii irraa waan biroo waan biraatif kennuudha.

Yookiin waan Rabbiin ol ta'e dhoorge halaala taasifachu of keessatti qabata, Yookaanis waan halaala godhame haraama taasifachuu, Yookaan waan Rabbiin ol ta'e dirqama godhe kuffisuu, akka waan amantii keessatti haraama ta'uun isaa dirqamaan beekame halaala godhachuu; akka Zinaa yookiin farshoo yookiin haadhaa fi abbaa faallessuu yookiin dhala yookiin waan kana fakkaatu halaala godhachuuti.

Yookiin wantoota gaggaarii Rabbiin ol ta'e halaala taasise haraama taasisuudha, Yookaan waan Rabbiin dirqama godhe kuffisuudha; akka Salaanni dirqamaa miti, yookaan Soomni dirqamaa miti, yookaan Zakaan dirqamaa miti jedhanii yaaduuti.

Shirkiin guddaan dalagaa nama isarratti du'ee jalaa balleessee, ibidda keessatti bara baraan akka ta'u isa taasisa, Akkuma Rabbiin ol tae jedhe:

﴿‌...وَلَوۡ أَشۡرَكُواْ لَحَبِطَ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ﴾

﴾...Odoo isaan qindeessanii silaa wanti isaan dalagaa turan isaan jalaa bada﴿‌. [Al-an'aam: 88].

Rabbiin nama isarratti du'eef dhiifama hin godhu, Jannatnis isarratti haraama, Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿‌إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَغۡفِرُ أَن يُشۡرَكَ بِهِۦ وَيَغۡفِرُ مَا دُونَ ذَٰلِكَ لِمَن يَشَآءُ...﴾

﴾Dhugumatti Rabbiin Isatti qindeeffamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama...﴿‌ [Annisaa'i: 48] , ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿...إِنَّهُۥ مَن يُشۡرِكۡ بِٱللَّهِ فَقَدۡ حَرَّمَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِ ٱلۡجَنَّةَ وَمَأۡوَىٰهُ ٱلنَّارُ...﴾

﴾Dhugumatti, namni Rabbitti qindeesse, Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseera. Teessoon isaas ibidda...﴿ [Al-maa'idaa: 72].

2- Shirkii xiqqaa;

Inni waan keeyyattoota keessatti shirkii jedhamee waamamuun isaa ragga'e, garuu sadarkaa shirkii guddaa kan hin geenyeedha; kun shirkii xiqqaa jedhama, Akka waan Rabbii ol ta'e malee jiruun kakachuu; Ka'abaan, nabiyyootaan, amaanaan, jireenya eebaluutii fi waan kana fakkaataniin akka kakachuuti, Akkuma nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jedhanii jiranu:

«مَنْ حَلَفَ بِغَيرِ اللهِ فَقَدْ كَفَرَ أَو أَشرَكَ».

«Namni waan Rabbiin malee jiruun kakate dhugumatti kafare, yookaan Rabbitti waan biraa qindeesse»2.

akkaataa waan onnee namichaa keessa jiruutiin shirkii guddaa ta'uus ni danda'a. Yoo onnee nama Nabiyyiin yookaan shekha ebeluutiin kakatuu keessa, inni akka Rabbiiti, yookaan Rabbiin alatti kan waamamu, yookaan uumama keessatti kan too'atu jechuun jiraate; inni shirkii guddaa ta'a. Namni waan Rabbiin malee jiruun kakatu yaada kana osoo hin qabaatin, waan isa barateef qofa arraba isaa irra kan yaa'e yoo ta'e immoo, inni shirkii xiqqaa ta'a. Wanni kun bakkeewwan garii keessatti baay'inaan argama, Kanaafuu dirqamni, tawhiida eeguu fi tiksuuf jecha, kanaaf dammaquu fi isa irraa akeekkachisuudha.

Sadaffaa: Shirkii dhokataadha:

Inni agarsiifannaa qalbii keessatti ta'udha; Akka nama nama agarsiifachuuf salaatuu, yookiin qara'uu, yookiin akka isa faarsaniif tasbiiha godhuu, yookiin akka isa jajjaniif sadaqatuuti, Kun hojii isa keessatti agarsiifate sana kan balleessudha, hojiiwwan biroo kan inni Rabbiif qulqulleesse garuu hin tuqu.

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan:

«الشِّرْكُ فِي هَذِهِ الْأُمَّةِ أَخْفَى مِنْ دَبِيبِ النَّمْلَةِ السَّودَاءِ عَلَى الصَّفَاةِ السَّودَاءِ فِي ظُلْمَةِ اللَّيْلِ، وَكَفَّارَتُهُ أَنْ يَقُولَ: "اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ أَنْ أُشْرِكَ بِكَ شَيْئًا وَأَنَا أَعْلَمُ، وَأَسْتَغْفِرُكَ مِنَ الذَّنْبِ الَّذِي لَا أَعْلَمُ».

«Shirkiin ummata kana keessatti adeemsa mixii gurraattii dhagaa gurraacha irra dukkana halkanii keessaa irra dhokataadha, kaffaaraan isaas akkana jechuudha: "Yaa Rabbi, ani osoon beekuu waan tokko sitti qindeessuu irraa sittin maganfadha, badii ani hin beekne irraa immoo araaraman si gaafadha»3.

Gosoota kufrii:

Gosni tokkoffaa: Kufrii guddaadha:

Inni isa ibidda keessatti bara baraan ta'uu dirqamasiisudha, innis gosoota shan qaba:

1- kufrii sobsisiisuu:

Innis ergamtoota sobsiisuudha, Kun kaafiroota biratti muraasa; Sababni isaas Rabbiin ol ta'e ergamtoota Isaa ragaalee ifa ta'aniin waan isaan deeggareef jecha, Haalli warra kijibsiisan kanneenii akkuma Rabbiin akkana jechuun isaan ibsedha:

﴿‌وَجَحَدُوا ‌بِهَا ‌وَاسْتَيْقَنَتْهَا أَنْفُسُهُمْ ظُلْمًا وَعُلُوًّا...﴾

﴾Lubbuuleen isaanii osoo mirkaneessitee jirtuu, miidhaafi boonaaf jecha ishee morman...﴿‌ [Annahli: 14].

2- Kufrii diduu fi of tuuluuti:

Kunis fakkii kufrii Ibliisi; inni ajaja Rabbii hin mormine, garuu diduu fi boonaan isa simate. Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

﴿وَإِذۡ قُلۡنَا لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ ٱسۡجُدُواْ لِأٓدَمَ فَسَجَدُوٓاْ إِلَّآ إِبۡلِيسَ أَبَىٰ وَٱسۡتَكۡبَرَ وَكَانَ مِنَ ٱلۡكَٰفِرِينَ 34﴾

﴾Yeroo Nuti malaa’ikootaan "Aadamiif sujuuda godhaa" jenne [yaadadhu]. Ibliis malee Isaan sujuuda godhan; [Inni] didee; boonee, Kaafiroota irraa ta’e﴿. [Al-baqarah: 34].

3- Kufrii irraa garagaluuti:

Kunis dhageettii fi onnee isaatiin dhugaa hordofuu irraa gara galuudha, gara isaatti hin garagalu, bakkaas itti hin kennu. Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

﴿وَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّن ذُكِّرَ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِۦ ثُمَّ أَعۡرَضَ عَنۡهَآۚ إِنَّا مِنَ ٱلۡمُجۡرِمِينَ مُنتَقِمُونَ22﴾

﴾Eenyu ka ufmiidhe Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin gorfamee sana booda ishee irraa garagale caalaa? Nuti yakkamtoota irraa haaloo bahatoodha﴿. [Assajdaa: 22].

Guutummaa guutuutti osoo hin taane hanga ta'e Garagaluun immoo; fincila malee kufrii miti; akka nama dirqamoota diinii garii kan akka seerota Soomanaa ykn Hajjii fi kan kana fakkaatan barachuu irraa garagaluuti.

Afraffaa: Kufrii shakkiiti:

Kunis dhugaa mirkaneeffachuu dhabee, mamii keessa galuudha, inumaayyuu isa ni shakka, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿وَدَخَلَ جَنَّتَهُ وَهُوَ ظَالِمٌ لِنَفْسِهِ قَالَ مَا أَظُنُّ أَنْ تَبِيدَ هَذِهِ أَبَدًا 35 وَمَا أَظُنُّ السَّاعَةَ قَائِمَةً وَلَئِنْ رُدِدْتُ إِلَى رَبِّي لَأَجِدَنَّ خَيْرًا مِنْهَا مُنْقَلَبًا 36﴾

﴾Haala lubbuu isaa miidhaa ta’een oyruu isaa seenee, akkana jedhe: “Isiin kun gonkumaa ni baddii hin yaadu, 35

Qiyaamaanis ni dhaabbattii hin yaadu, Dhugumatti, yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifame, iddoo deebii kan isa caaluun argadha﴿

[Al-kahfi: 35-36].

5- Kufrii nifaaqaati:

Inni qalbii isaatti sobsiisuu dhoksee, arraba isaatiin immoo iimaana mul'isuu dha. Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

﴿وَمِنَ ٱلنَّاسِ مَن يَقُولُ ءَامَنَّا بِٱللَّهِ وَبِٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ وَمَا هُم بِمُؤۡمِنِينَ 8﴾

﴾Namoota irraa nama "Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanne" jedhutu jira. ammoo isaan warra amanee miti﴿ [Al-Baqaraa: 8].

Isaan kun gosoota kufrii guddaa kan amantii keessaa nama baasanuudha.

Gosti lammaffaa: Kufrii xiqqaadha;

Gosti kun ibidda keessatti bara baraan ta'uu hin dirqamsiisu, Innis waan Qur'aana fi Hadiisa keessatti kufrii jedhamee, Alii fi Laamiin osoo hin irratti hin galain, nakiraa(jecha banaa kan hin beekamne) ta'ee kan dhufeedha, Kanarratti fakkeenya hedduutu jira, isaan keessaa: Hadiisa Abuu Hureyraati -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:

«اثْنَتَانِ فِي النَّاسِ هُمَا بِهِمْ كُفْرٌ: الطَّعْنُ فِي النَّسَبِ، وَالنِّيَاحَةُ عَلَى المَيِّتِ».

«Namoota keessatti wanti lama kufrii dha: hidda dhalootaa arrabsuu fi warra du’an irratti iyyanii boo’uudha»4.

2) Malaa'ikootatti amanuudha:

Isaanis uumama fagoo dhokatoodha, Rabbiin ol ta'e ifaa irraa isaan uume, Isaan Rabbii ol ta'e gabbaroodha, Isaan amaloota Gooftummaa fi Gabbaramummaa irraa waan tokkollee hin qabanu. Isaan waan Rabbiin itti isaan ajaje keessatti Isa hin faallessanu, Waan itti ajajamaniis ni dalagu, Isaan baay'eedha, Rabbii ol ta'e malee kan isaan lakkaawu hin jiru.

Malaa'ikootatti amanuun wantoota afur of keessatti qabata:

1- Jiraachuu isaaniitti amanuudha.

2- Warra isaan keessaa maqaa isaanii beekne, kan akka: Jibriil, Miikaa'iil, Israafiilii fi kan birootti amanuudha. Warra maqaa isaanii hin beekne immoo, akkuma waliigalaatti isaanitti amanna.

3- Sifaata isaanii kan Qur'aanaa fi hadiisatti dhufe irraa waan beeknetti amanuudha; akka uumaa Jibriili, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Jibriiliin bifa isaa kan Rabbiin irratti isa uumeen akka isa argan himaniiru, qoochoo dhibba ja'a, kan fageenya ijaa cufe qaba.

4- Hojii isaanii irraa waan beeknetti amanuudha; Kunis akka tasbiiha Rabbii ol ta'eef gochuu isaanii fii nuffii fii dadhabbii tokko malee halkanii fi guyyaa isaaf gabbaruuti.

Fakkeenyaaf: Jibriil: Wahyii irratti amanamaadha.

Israafiil: Garrii keessatti afuufuu irratti ramadamaadha.

Malaa'ikaan du'aa: Yeroo duuti dhufetti lubbuuwwan fuuchuu irratti ramadamadha.

Maalik: eegduu ibiddaati. Ridwaan eegduu Jannataatii fi kanneen biroos.

3) Kitaabotatti amanuudha:

Kitaabotatti wanni fedhame: kitaabota samii kan Rabbiin ol ta'e ergamtoota isaa irratti buusedha, Dhala namaa qajeelchuu fi rahmata isaanif gochuuf jecha; akka isaan gammachuu ganda lamaanii argataniif.

Kitaabotatti amanuun waa afur of keessatti qabata:

1- Dhugaan Rabbi biraa buufamuu isaanitti amanuu.

2- Isaan keessaa kan maqaa isaanii beekanetti amanuudha, kan akka Qur'aana Muhammad irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- buufamee, akkasumas kan akkaTawraat Muusaa irratti buufamee, nageenyi irra haa jiraatu, akkasumas kan akka Injiil Iisaa irratti buufamee, nageenyi isarra haa jiraatu, akkasumas kan akka Zabuur Daawuud irratti buufamee, nageenyi isarra haa jiraatu.

Waan maqaa isaa hin beekne immoo, akka waliigalatti itti amanna.

3- Oduuwwan isaanii dhugoomsuudha, akka oduuwwan Qur'aanaa fi kitaabota duraanii irraa oduuwwan hin jallifamnes dhugoomsuudha.

4- Isaan keessaa seerota hin shaaraminitti hojjachuudha, akkasumas isa jaallachuu fi fudhachuudha, hikmaa isaa hubannus hubachuu baannus. Kitaaboleen darban hundinuu Qur’aana guddaan shaaramoodha, Kanaafuu murteewwan kitaabota duraanii irraa murtee kamittuu hojjachuun hin eeyyamamu, waan sirrii ta'ee, Qur'aanni kabajamaan, yookaan Hadiisni nabiyyii mirkaneesse yoo ta'e malee.

4) Ergamtootatti amanuu -nageenyi isaan irra haa jiraatu:

Ergamtoonni: baay'ina jecha Ergamaa jedhuuti; innis nama ilma namaa irraa ta'ee kan shari'aan wahyii itti godhamee namootatti geessuutti ajajameedha. Jalqabni isaanii Nuuh -nageenyi isa irra haa jiraatu-, xumurri isaanii immoo Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, Isaan namoota uumamoodha, Amaloota Rabbummaatii fi gabbaramummaa irraa homaa hin qaban.

Ergamtootatti amanuun waan armaan gadii kana of keessatti hammata:

1- Ergaan isaanii dhugaa Rabbiin biraa ta'e akka ta'e amanuudha. Namni ergaa tokkoon isaaniitti kafare dhugaan hundatti kafareera.

2- Warra isaan keessaa maqaa isaanii beekne, kan akka: Muhammad, Ibraahim, Muusaa, Iisaa, fi Nuuh -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- maqaa isaaniitiin itti amanuudha. Isaan ergamtoota keessaa warra kutannoo qabaniidha.

Isaan keessaa warra maqaa isaanii hin beekne immoo; akka waliigalatti itti amanna, Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

﴿‌وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا رُسُلٗا مِّن قَبۡلِكَ مِنۡهُم مَّن قَصَصۡنَا عَلَيۡكَ وَمِنۡهُم مَّن لَّمۡ نَقۡصُصۡ عَلَيۡكَ...﴾

﴾Dhugumatti, si dura ergamtoota erginee jirra. Isaan irraa warra seenaa isaanii siif himnetu jira. Isaan irraas warra seenaa isaanii siif hin himintu jiru...﴿‌ [Ghaafir: 78].

3- Oduu isaan ilaalchisuun dhufe sirrii ta'e dhugoomsudha, nageenyi isaan irra haa jiraatu.

4- Shari'aa nama isaan keessaa gara keenyatti ergameetti hojjechuudha, innis xumuuraa isaanii Muhammad, Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buus.

5) Guyyaa Aakhiraatti amanuu:

Inni guyyaa qiyaamaa, kan ilmaan namaa isa keessatti herregaa fi mindaaf jecha kaafamanidha, Sababni kanaan moggaafameef guyyaan isa booda waan hin jirreef jecha, yeeroo warri jannataa mana isaanii qubatanii, warri ibiddaatis mana isaanii qubatan keessatti.

Guyyaa Aakhiraatti amanuun waa sadi of keessatti qabata:

A- Kaafamuutti amanuu:

Innis yeroo Garrii keessatti afuuffaan lammaffaan afuufamu warra du’e kaasudha. Namoonni miila qullaa, qaama qullaa, dhaqna kan hin qabanne ta'anii Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu. Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

﴿كَمَا بَدَأْنَا أَوَّلَ خَلْقٍ نُعِيدُهُ ‌وَعْدًا ‌عَلَيْنَا إِنَّا كُنَّا فَاعِلِينَ 104﴾

﴾Akkuma uumama duraa jalqabnetti isa deebifna. (Kun) waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra﴿. [Al-anbiyaa'i: 104].

B- Herregaa fi Mindaatti amanuudha:

Gabrichi hojii isaa irratti ni herregama, isa irrattis galata ni galfama, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe:

﴿إِنَّ إِلَيۡنَآ إِيَابَهُمۡ 25 ثُمَّ إِنَّ عَلَيۡنَا حِسَابَهُم 26

﴾Deebiin isaanii garuma Keenya

Ergasii qormaanni isaanii nurra jira﴿ [Al-gaashiyaa: 25-26].

D- Jannataa fi ibiddatti amanuu:

Isaan lamaan uumamaaf bakka itti deebii bara baraa akka ta'an amanuudha. Jannanni ganda qananii, kan Rabbiin ol ta'e mu'umintoota warra Rabbiin sodaataniif, akkasumas warra Rabbii fi Ergamaa Isaatif ﷺ ajajamaniif qopheessedha. Isa keessa waan ijji hin argin, gurri hin dhaga'in, qalbii namaa irraas hin yaa'intu jira.

Ibiddi immoo; Isheen ganda adabbii, kan Rabbiin kaafiroota Rabbiitti kafaranii fi ergamtoota Isaa didaniif qopheessedha. Ishee keessa gosoota adabbii fi qabaa irraa waan qalbiin hin yaadnetu jira.

6) Qadara, kheyrii fi sharrii isaatti amanuu:

Qadara jechuun: Akkaataa beekumsa Isaatii fi ogummaan isaa agarsiiftutti murtoo Rabbiin ol ta'e waan ta'uuf jiruuf kaa'edha.

Qadaratti amanuun dhimmoota afur of keessatti qabata:

1- Beekumsa: innis beekumsa Rabbii ol ta'etti amanuudha, inni waan turee fi waan ta'uuf jiru, yeroo ta'uutti akkamitti akka ta'u, akka waliigalaattii fi bal'inaan, azalii fi abaditti akka beeku amanuudha. Rabbiin -inni qulqullaa'e- wanta hin taane, otoo ta’ee akkamitti akka ta’u isa beekudha. Akkuma Rabbiin qulqullaa'e jedhe:

﴿‌وَلَوۡ رُدُّواْ لَعَادُواْ لِمَا نُهُواْ عَنۡهُ ...﴾

﴾Silaa Odoo deebifamanii waan irraa dhorgamanitti deebi’u...﴿‌ [Al-an'aam: 28].

2- Barreeffama: Rabbiin ol ta'e murtiiwwan waan hundaa hanga guyyaa qiyaamatti barreessee akka jiru amanuudha. Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿أَلَمۡ تَعۡلَمۡ أَنَّ ٱللَّهَ يَعۡلَمُ مَا فِي ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِۚ إِنَّ ذَٰلِكَ فِي كِتَٰبٍۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٞ 70

﴾Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin barree? kun kitaaba (Lawhal Mahfuuz) keessa jira, kun Rabbi irratti laafaadha﴿. [Al-hajji: 70].

3- Fedhiidha: innis uumama kana keessatti waan Rabbiin ol ta'e fedhe malee wanti ta'u hin jiruu amanuudha. Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

﴿وَرَبُّكَ يَخۡلُقُ مَا يَشَآءُ وَيَخۡتَارُ ...﴾

﴾Rabbiin kee waan fedhe uuma; ni filatas ...﴿ [Al-qasas: 68]. Ilma namaatiifis fedhiin ni jira, garuu fedhii Rabbii irraa hin baatu, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿وَمَا تَشَآءُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ 29

﴾Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu﴿ [Attakwiir: 29].

4- Uumuudha: Innis Rabbiin ol ta'e uumamtoota, hojiiwwan isaaniitii fi gochoota isaanii kan khayriitii fi sharrii hunda akka uume amanuudha. Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

﴿ٱللَّهُ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءٖۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ وَكِيلٞ 62

﴾Rabbiin uumaa waan hundaati. Inni waan hunda irrattis tiksaadha﴿ [Azzumar :62].

Sadarkaaleen kunniin wolaloo sarara tokkoo kana keessatti wolitti qabamaniiru:

Beekumsa, barreessuu Rabbii keenyaa, fedhuu isaatii fi uumuu isaati; kunis argamsiisuu fi walitti qabuudha.

Kutaa sadaffaa: Ihsaana(tolchuu):

Ihsaanni: Ruknii tokko; innis: Ati akka waan Isa argituutti Rabbiin gabbaruudha, yoo ati Isa hin argines Inni si arga.

Jechuunis: ilmi namaa waan Rabbiin ittiin of gabbarachiise akka nama fuuldura Rabbii guddaa ol ta'ee dhaabbatuutti raawwachuudha, Kun immoo sodaa guutuu fi gara Isaatti deebi'uu dirqamsiisa, inni qulqullaa'e. akkasumas Ibaadaa akka sunnaa Ergamaattii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- raawwachuu dirqama taasisa.

Ihsaanni sadarkaa lama qaba, warri Ihsaanatis Ihsaana keessatti sadarkaa lama kan wal caalaa ta'e qabu:

Sadarkaan tokkoffaa: Innis isa ol aanaadha, sadarkaa daawwiiti. Innis gabrichi akka waan onnee isaatiin Rabbiin ilaalaa jiruutti hojjechuu dha, onneenis ifa Iimaanaatiin ifa, hanga fagoon akka waan ijaan arganii ta'utti.

Sadarkaan lammaffaa: sadarkaa Ikhlaasaa fii Muraaqabaati, Innis gabrichi Rabbiin akka isa argaa jiruu fi isa irratti mul'achaa jiru qalbiitti fiduudhaan hojjachuudha, yoo kana qalbiitti fide inni Rabbii ol ta'eef nama qulqulleessu ta'a.

Kutaa Afraffaa: Cuunfaa gabaabaa bu'uuraalee ahlussunnaa wal jamaa'aa.

Inni alqabaa: waan Qur'aana fi Hadiisa keessatti dhufe keessaa fi alaan hordofuudha, Haasaa nama kamiiyyuu haasaa Rabbii ol ta'ee fi haasaa Ergamaa isaa -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra dursa kennuu dhabuudha.

Lammaffaan: qalbii fi arrabni isaanii sahaabota Ergamaa Rabbiitif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nagaa ta'uudha, Khaliifaan booda Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: Abuu Bakr, eegasii Umar, eegasii Usmaan, eegasii Aliyyi -Rabbiin isaan hunda irraa haa jaallatu- akka ta'e ni amanu.

Sadaffaan: Maatii Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jaallachuu fi isaaniif tumsuudha, maatiin isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- addatti warra gaggaarii ta'an qofa.

Afraffaan: Dureewwanii fi bulchitoota irratti finciluu dhabuudha, osoo isaan jallatanillee, Tolinaa fi naga ta'uutu isaanif kadhatama, Du'aa'iin isaanirratti hin godhamu. Hanga isaan badiitti hin ajajnetti, isaaniif ajajamuun dirqama Rabbiif ajajamuu irraa ta’edha. Yoo badiitti ajajan immoo, sana keessatti isaaniin hin bulamu, Waan sanaan alaa keessatti, waan gaarii keessatti isaaniif ajajamuun dirqama ta'a.

Shanaffaa: karaamaalee (raajiiwwan) awliyootaa dhugoomsuudha; Isaanis waan aadaa faallessu irraa wantoota Rabbiin harka isaanii irratti mul'isudha.

Jahaffaa: warra qiblaa diliiwwan waliigalaatii fi badiiwwan gurguddoon hin kafarsiisan, Akka Khawaarijaan dalagan, Inumaayyuu obbolummaan Iimaanaa diliiwwan waliinillee mirkanaa'aadha, Waa'ee nama dilaawaa akkana jedhu: iimaana isaatiin mu'imina, badii isaa guddaadhaan immoo faasiqa.

Boqannaa lammaffaa: waan Gabbartiiwwan wajjin walqabatu

Kutaa tokkoffaa: Qulqullina:

Xahaaraa jechuun akka afaaniitti: Qulqullinaa fi xuriiwwan mul'atanii fi kan keessoo irraa walaboomuudha.

Shari'aan immoo: hadasni (waan dhiqannaa fi waduu'a dirqamsiisu) nama irraa ka'uu fi najaasaan deemuudha. Xahaaraan furtuu salaataati, Kanaafuu isa barachuun, dhimmoota diinii gurguddoo kan muslimni hundi barachuu fi itti yaadda'uun dirqama ta'u irraayyi.

Tokkoffaa: Qooddaa bishaanii:

1- Xahuura; kan ittiin qulqullaawuun sirrii ta'edha, Uumama isaarratti hafaa ta'us; kan akka bishaan roobaa, yookiin bishaan lagaa, yookiin galaanaa, Yookiin wanti qulqulluun isa irratti hin moohanne itti makamee, maqaa isaa kan irraa hin deemsifne ta'us tokkuma.

2- Najisa; itti fayyadamuun hin eeyyamamnedha, Hadasa hin kaasu. Najaasas hin deemsisu, Innis bishaan halluun, fooliin ykn mi'aan isaa najaasaadhaan jijjiiramedha.

Lammaffaa: Najaasaa:

Najaasaa jechuun: xurii adda ta'e, kan gosti isaa salaata dhoorgudha; akka fincaanii, sagaraa, dhiigaa fi kanneen birooti, kunis qaama, iddoo fi uffata irratti argama.

Bu'uurri wantoota keessatti: eeyyamamuu fi qulqullina, Namni najisummaa wanta tokkoo dubbate, ragaa itti fidu qaba. NajaaAakkitaan, dafqi namaatii fi dafqi harree najaasaa irraayyii miti, inumaa isaan xaahara, osuma kosii ta'aniillee. Najasni hundi xuraa'aadha, garuu xuraa'aan hundi najasaa miti.

Najaasaan sadarkaa sadi qaba:

Inni jalqabaa: Najaasaa ulfaataadha;

akka; najaasaa waan sareen arraabdee, Akkaataan isa itti qulqulleessan: yeroo torba dhiquudha, kan jalqabaa biyyeedhaan.

Inni lammaffaa: Najaasaa salphaadha:

Akka fincaan daa'ima dhiiraa harma hodhuu, yeroo uffataa fi waan biroo tuqe. akkaataan isa itti qulqulleessan: bishaan hanga isa uwwisutti bishaan irratti dhangalaasuudha, rirriituu yookaan cuunfuu hin barbaachisu.

Sadaffaa: Najaasaa giddu galeessa:

sunis akka fincaan namaa, sagaaraa isaatii f irra baay'ee najaasoowwaniiti, yeroo lafa ykn uffataafi wantoota kana fakkaatan irra bu'e. akkaataan itti isa qulqulleessan: najaasicha yoo qaama qabaate qaama isaa deemsisuu fi bakka isaa sana bishaaniin yookiin meeshaalee qulqullinaa birootiin qulqulleessuudha.

Waan najasummaan isaa ragaan mirkanaa'e keessaa:

1- Fincaanii fi sagaraa ilma namaati.

2- Maziyyii fi Wadiyyiidha5.

3- Dikee waan foon isaa hin nyaatamnee.

4- Dhiiga laguu fi dhiiga da'umsaa.

5- Gorora saree.

6- Du'aa, sana irraa ni fo'ama:

A- Nama yeroo du'e.

B- Du'aa qurxummii fi awwaanisaa.

C- Du'aa uumama dhiiga yaa'u hin qabnee, kan akka tisiisaa, mixii, kanniisaa fi kanneen kana fakkaatanii.

D- Lafee waan du'aa, gaafa isaa, qeensa isaa, rifeensa isaa fi baallee isaa.

Akkaataan najaasaa itti qulqulleessan akkana ta'a:

1- Bishaaniin, inni najaasaa qulqulleessuuf bu'uura, kanaaf bakka inni jiruu fi isa fayyadamuun danda'amutti isa dhiifamee gara waan biraatti hin goramu.

2- Akkaataa wantoota najaasaa ta'an yookaan najafaman ittiin qulqulleessan kan shari'aan ibse:

A- Gogaan waan du'ee duuguun qulqullaa'a.

B- Meeshaa sareen keessaa arraabde qulqulleessuun; yeroo torba dhiquudhaan qulqullaa'a; kan jalqabaa biyyeedhaan ta'a.

D- Uffata dhiigni laguu isa tuqe qulqulleessuun; isa hooqanii, eegasii bishaaniin rirriitanii, eegasii bishaan irratti dhangalaasuudhaan ta'a, sana booda yoo mallattoon wahii hafes rakkoo hin qabu.

E- Fiixeen uffata dubartii kan jalaa; lafa qulqulluu ta'e irraa waan isa booda dhufuun qulqullaa'a.

H- Fincaan daa'ima dhiiraa harma hodhuu irraa uffata qulqulleessuun; bishaan itti facaasuudhaan ta'a, kan daa'ima durbaa immoo dhiquudhaan ta'a.

W- Uffata maziyyii irraa qulqulleessuun bakkicha irratti bishaan dhangalaasuudhaan argama.

Z- Jala kophee qulqulleessuun; lafa qulqulluutti haquudhaan ta'a.

H- Lafa najasa irraa qulqulleessuun; bakkicha i sanitt bishaan okolee tokkoon naquudha, yookaan hanga aduun yookaan qilleensaan gogutti dhiisuudha. Yoo faanni najasichaa irraa deeme, lafti sun qulqulloofteetti.

Sadaffaa: Waan nama hadasa (waan dhiqannaa yookaan wuduu'a dirqama taasisu) qabu irratti isa hojjachuun haraama ta'u:

Wantoonni nama xurii xiqqaa yookiin guddaa qabu irratti haraama ta'an:

1- Salaata, salaata waajibaa yookaan sunnaa ta'us; Hadiisa Ibnu Umar irraa odeeffame keessatti -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkas jedhaniif jecha:

«لَا يَقْبَلُ اللَّهُ صَلَاةً بِغَيْرِ طُهُورٍ».

«Rabbiin salaata qulqullinaan malee hin qeebalu»6.

2- Qur'aana tuquu; Waan xalayaa Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Amrii bin Hazmiif barreessan keessatti dhufeef jecha, isa keessatti akkana jechuu isaaniitu jira:

«لَا يَمَسُّ الْقُرْآنَ إِلَّا طَاهِرٌ».

«Nama xahaaraa qabu malee Qur’aana hin tuqu»7.

3- Mana turaa (Ka'abaa) xawaafuu; Jecha Nabiyyiitiif jecha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«الطَّوَافُ بِالْبَيْتِ صَلَاةٌ، إِلَّا أَنَّ اللَّهَ أَبَاحَ فِيهِ الْكَلَامَ».

«Manicha (Ka'abaa) naanna'uun salaatadha, garuu immoo Rabbiin isa keessatti dubbii eeyyameera»8. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- xawaafiif jecha dhugumatti wuduu’a godhataniiru, Akkasumas dubartii laguu irra jirtu hanga qulqullooftutti Ka'abaa naanna'uu irraa dhoorguun isaanii karaa sirrii ta'een isaan irraa gabaafameera, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu.

Wantoonni addatti nama hadasa guddaa (kan dhiqannaa dirqama taasisu) qabu irratti haraama ta'anu kanneeni:

1- Qur'aana qara'uu. Hadiisa Aliyyiif jecha -Rabbiin isa irraa haa jaallatu: Wanti tokkollee isaan -jechuunis Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qur'aana irraa hin dhoorgu ture, Janaabaa yoo ta'e malee"9.

2- Masjida keessa wudu'a malee taa'uu; Jecha Rabbii ol ta'eetiif jecha:

﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَقۡرَبُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَنتُمۡ سُكَٰرَىٰ حَتَّىٰ تَعۡلَمُواْ مَا تَقُولُونَ وَلَا جُنُبًا إِلَّا عَابِرِي سَبِيلٍ حَتَّىٰ تَغۡتَسِلُواْ...﴾

﴾Yaa warra amantan! salaatatti hin dhihaatinaa Haala machaa'oo taataniin hanga waan dubbattanu beektanitti, yoo janaabawoo taatanis hanga dhiqattanutti, karaa dabraaf malee...﴿

[Annisaa'i :43]

Namni hadasa guddaa qabu wuduu’a yoo godhate, masjiida keessa taa'uun isaaf ni eeyyamama, akkasumas nama hadasa guddaa qabuuf, osoo keessa hin taa'in isa keessa dabruun qoftis ni eeyyamama.

Afraffaa: naamusa mana fincaanii:

Wantoota yeroo haajaa baafatan keessatti jaallatamoo ta'an:

1- Bakka fincaaniitti namoota irraa fagaachuu fi dhokachuudha.

2- Yeroo seenan du'aa'ii dhufe jechuudha, innis:

«اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْخُبْثِ وَالْخَبَائِثِ».

«Allaahumma innii A'uuzu bika minal khubsi wal khabaa'is, jechuunis: Yaa Rabbi ani sheyxaana dhiirotaati fi sheyxaana dubartootaa irraan sitti majanfadha» jechuudha10.

Yeroo haajaa baafatan keessatti wantoota dirqama ta'an:

1- Fincaan irraa qulqullaa'uu.

2- owuraa dhokfachuudha.

Yeroo haajaa baafatan keessatti wantoota haraama ta'an:

1- Gara qiblaa fuulaan garagaluu fi yookaan dugdaan itti garagaluu.

2- Karaa namootaa fi eddoolee ummataa walii galaa keessatti dhimma ba'uu.

3- Bishaan dhaabbataa keessatti finca'uu.

Yeroo haajaa ba'atanitti wantoota jibbamaa ta'an:

1- Yeroo haajaa ba'atanitti Qaama saalaa harka mirgaatiin tuquu.

2- Harka mirgaatiin Istinjaa godhachuu fi qoorfachuu.

3- Yeroo haajaa ba'atanitti haasa'uun ni jibbama, keessattuu yeroo sana keessatti Rabbii ol ta'e zakkaruun akkaan jibbama.

Shanaffaa: Seerota Istinjaa fi Istijmaaraa:

Istinjaa jechuun: faanaa waan karaa lamaan irraa ba'ee bishaanin ofirraa deemsisuudha.

Istijmaara jechuun: bishaanin osoo hin taane waan akka dhagaa fi sooftiitiin faanaa waan karaa lamaan irraa bahee ofirraa deemsisuudha.

Ulaagaalee waan ittiin istijmaarri godhatamuu:

1- Halaala ta'uu.

2- Qulqulluu ta'uu.

3- Qulqulleessaa ta'uu.

4- lafee yookiin dikee ta'uu dhabuu.

5- Waan kabajamaa ta'een ta'uu dhabuu; kan akka waraqaalee maqaan Rabbii ol ta'ee irra jiruu faa.

Qoorfachuu qofa irratti gabaabbachuun ulaagaa lamaan danda'ama:

1- Wanti ba'e iddoo aadaa isaa bira dabruu dhabuu.

2- Dhagaa sadii kan qulqulleessoo ta'anii fi sanaa oliin ta'uu.

Ja'affaa: Seerota wuduu'aa:

Gabbartiiwwan sadiif wuduu'a godhachuun dirqama:

1- Salaata, salaata dirqamaa ta'us, yookaan sunnaas ta'u.

2- Qur'aana tuquu.

3- Xawaafa.

Ulaagaalee Wuduu'aa:

1- Islaamummaa.

2- Sammuu.

3- Waa adda baafachuu dand'uu.

4- Niyyaa: bakki isaatis qalbiidha, afaaniin dubbachuun bida'aadha, Namni wuduu'a barbaade hundi dhugumatti niyyateera, Qaamolee wuduu'aa niyyaa qabbaneeffannaatiin ykn qulqullinaatiin dhiqachuun immoo wuduu'a hin ta'u.

5- Hanga xahaaraan isaa guutamutti isa kutuu niyyachuu dhabuun hukmii isaa of jala oofuu.

6- Wanti wudu'a dirqama taasisu addaan cituu. Namni fincaan isaa adda hin dhaabbannee fi dubartii dhiigni dhukkubaa irra jiru sana keessaa ni baafamani.

7- Namni fincaan yookaan sagaraan irraa ba'e wuduu'aan duratti istinjaa godhachuu yookaan qoorfachuu.

8- Bishaan qulqulluu fi halaala ta'uu.

9- Waan bishaan qaamatti ga'uu dhoorgu deemsisuu.

10- Nama hadasni irraa hin cinneef yeeroon salaataa seenuu.

Dirqamoota Wuduu'aa:

1- Fuula dhiquu: lulluuqachuu fi bishaan funyaanitti ol fudhatanii gadi deebisuunis isuma irraayyi.

2- Ciqilee lamaan waliin harka lamaan dhiquu.

3- Mataa hunda haxaa'uu, gurri lamaanis isuma irraayyi.

4- Koomee lamaan waliin miila lamaan dhiquu.

5- Gidduu qaamolee wudu'aatti tartiiba eeguu.

6- Wal-duuka oofuu: qaamolee gidduutti yeroo dheeraaf addaan hin kutamu.

Akkaataa wuduu'aa:

1- Maqaa Rabbii dhahuu.

2- Ganaa harkaa lamaan yeeroo sadii dhiquu.

3- Fuula yeroo sadi dhiqachuu, Afaan luluuqachuu fi funyaanitti ol fudhatanii gad deebisuun isuma irraayyi.

4- Ciqilee lamaan waliin harka lamaan yeroo sadii dhiquu, kan mirgaan eegaluun eegasii kan bitaati.

5- Mataa gurra lamaan wajjiin haxaahuu.

6- Miila lamaan koronyoo lamaan wajjiin dhiquu, miila mirgaatiin jalqabanii, kan bitaa itti aansani.

Wantoota Wuduu'a balleessan:

1- Waan karaa lameeniin bahu, kan akka: fincaanii, dhuufuu fi sagaraati.

2- Waan fokkataa najasa ta'e kan baay'inaan qaama irraa ba'u.

3- Sammuun namaa hirriibaan yookaan waan biraatiin deemuu.

4- Harka qullaa ta'een qaama saalaa kan fuulduraa, yookaan kan duubaa tuquu.

5- Foon Gaalaa nyaachuu.

6- Islaamummaa irraa garagaluu, Rabbi nuufi Muslimoota sana irraa haa tiksu.

Torbaffaa: Seerota khuffii lamaani fi jawraba lamaan irra haxaa'uu:

1- Khuffii jechuun: waan gogaa irraa fi fakkaataa isaa irraa ta'ee, kan miila lamaan irratti uffatamuudha.

2- Jowraba jechuun: waan suufii yookiin jirbii fi fakkaattota isaan lamaanii irraa tolfamee, kan miila lameen irratti uffatanidha.

Ulaagaalee isaan lamaan irra haxaa'uu:

1- Eega xahaaraan guutee booda isaan lamaan uffachuu.

2- Miila lamaan koomee waliin haguuguu.

3- Isaan lamaanuu qulqulluu (xahaaraa) ta'uu.

4- Haxaa'iinsi yeroo daangeffame keessatti ta'uu.

5- Haxaa'uun osoo dhiqannaa hin taane wuduu'a keessatti ta'uu.

6- Khuffiin ykn wanti isa fakkaatu eeyyamamaa ta'uu, Yoo kan saamame ta'e ykn dhiira ilaalchisee hariira yoo ta'e, isa irra haxaa'uun hin eeyyamamu; Rukhsaan (laaffisni) wanta haraamaatiin hin eeyyamamu waan ta'eef jecha.

Hanga haxaawwannaa:

Jiraataaf: guyyaa tokkoo fi halkan tokko, imaltuudhaaf immoo: guyyoota sadii halkan isaanii waliin.

Akkaataan haxaa'uu:

Harka bishaaniin jiisanii, gubbaa Kaalsii lamaanii yookiin Khuffii lamaanii haxaa'uudha, qubbeen miila lamaanii irraa kaasanii hanga mogoletti, yeroo tokko qofa haxaa'an.

Wantoota haxaawwannaa balleessan:

1- Yeroon haxaawwannaa dhumuu.

2- Kaalsii lamaan ykn tokkon isaanii baasuu.

3- Hadasni guddaan argamuu.

Murtoo khuffii lamaan irra haxaa'uu:

Inni rukhsaadha (laafiinsa), isa raawwachuutu khuffii lameen baasanii miila lameen dhiquu irra caala; kunis laafintii Rabbii ol ta'ee fudhachuu fi Nabiyyitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hidhatanii, warra bid'aa faallessuufi.

3- Jabaa'iraa, Asaa'ibaa fi Pilaasterii irra haxaa'uu:

Jabaa'irri: waan jeesoo, yookaan mukkeenii fi fakkaataa isaanii irraa cabaa irratti hidhamudha.

Asaa'ibni: carqii fi kan isa fakkaatu irraa ta'ee waan madaa, yookiin cafaqqii yookiin gubaa irratti hidhamudha.

Pilaasterri: waan waan yaalaaf jecha madaa yookiin finniisa irratti maxxanfamudha.

Murtoo isaan irra haxaa'uu:

Ni eeyyamama: Turuun ishee barbaachisaa yoo ta'e, garuu bakka barbaachisu bira darbuu hin qabu.

Hin eeyyamamu: yoo haajaan irraa dhumate, yookiin isa baasuun rakkina yookiin miidhaa kan hin qabne ta'e.

Akkaataa itti irra haxaa'an:

Naannoo isaa dhiqanii, gama hundaan isa irra haxaa'an. Wanti bakka wuduu'aa irra darbe hin haxaa'amu.

Sadeetaffaa: Seerota Tayammumaa:

Tayammumni: qulqullina niyyatanii, fuulaa fi ganaa lamaan biyyee qulqulluun haala adda ta'een haxaa'uudha.

Murtoon isaa:

Bakka bishaan dhabanitti yookaan isa fayyadamuu dadhabanitti, bakka wuduu'ii fi dhiqannaa tayammuma godhachuun dirqama ta'a.

Ogummaa karaa godhamuu isaa keessa jiru:

Tayammumni wantoota ummanni Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin adda ta'an irraayyi, Ummatoota darban keessatti beekamaa hin turre; Rabbiin ummata kana irratti bal'isuu fi isaanitti tola ooluuf jecha karaa godhe.

Haalowwan tayammumni isaan keessatti karaa godhamu:

1- Yoo bishaan dhabe, isa dhabuun biyyattis ta'ee, yookaan imala keessatti ta'us, isa barbaadee yoo kan hin arganne ta'e.

2- Bishaan dhugaatiif yookaan nyaata bilcheessuuf itti haajomu of biraa yoo qabaatee, odoo qulqullinaaf itti fayyadamee haajaa isaa kan miidhu yoo ta'e, bakka dheebuu ofirratti sodaatutti, yookaan ilma namaa yookaan beelladaa kabajamaa ta'e irratti dheebuu bakka sodaatutti.

3- Bishaan fayyadamuudhaan qaama isaa irratti miidhaa, yookaan fayyuun isaa turuu yoo sodaate.

4- Dhukkuba isa waliin sochii hin dandeenyeef jecha bishaan fayyadamuu dadhabee, namni wuduu'a isa goosisu isa waliin jiraachuu baatee, yoo yeroon ba'uu yoo sodaate.

5- Bishaan fayyadamuudhaan yoo qorra sodaatee, waan ittiin hoo'ifatu yoo dhabe, tayammuma godhatee salaata.

Akkaataa Tayammumaa:

Qubbeen isaa addaan babaasee harka isaa lamaanin biyyee rukutee, eegasii keessoo qubbeen isaatiin fuula isaa haxaa'uudha, akkasumas keessoo harka isaa lamaaniin ganaa isaa lamaan irra haxaa'uudha, yeroo haxaa'utti fuula fi ganaa lamaan waliin ga'ee haxaa'uu qaba.

Wantoota Tayammuma Balleessan:

1- Bishaan argamuudha, yoo tayammumni sababaa inni dhabamuutiin ta'e, Yookaan tayammumni sababaa itti fayyadamuu dadhabuutiif yoo ta'e, dandeettiin itti fayyadamuu argamuudha.

2- Tokkoo wantoota wuduu'a balleessaniitiin ni bada, yookiin tokkoo wantoota qaama dhiqannaa dirqama taasisaniin, kan akka janaabaa, dhiiga laguu fi dayumsaatiin ni bada.

Murtoo nama bishaanis, tayammumas fayyadamuu dadhabee:

Namni bishaanii fi biyyee dhabe, yookaan namni sadarkaa qaama isaa bishaaniin yookaan biyyeen tuquu hin dandeenyetti ga'e; inni akkuma isaaf mijjatetti salaata, wuduu'a fi tayammumaan alatti; Sababni isaas Rabbiin lubbuu kamiyyuu humna ishee malee waan hin dirqisiifneef jecha. Odoo sana booda bishaanii fi biyyee argachuun isaa tilmaamamellee, yookaan lamaanuu fayyadamuu odoo danda'eellee; Waan salaate hin deebisu; Sababni isaas inni waan itti ajajame raawwateera waan ta'eef jecha. Jecha Rabbii ol ta'eetiif:

﴿...فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ مَا ٱسۡتَطَعۡتُمۡ...﴾

﴾Hanga dandeessan Rabbiin sodaadhaa﴿ [Attaghaabun: 16], Akkasumas jecha nabiyyiitiif jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«إِذَا أَمَرْتُكُمْ بِأَمْرٍ فَأْتُوا مِنْهُ مَا اسْتَطَعْتُمْ».

«Yeroon dhimma tokkotti isin ajaje, hanga dandeessan irraa hojjadhaa»11.

Faayidaa: Yoo janaabaaf tayammuma godhatee, eegasii bishaan argate ni dhiqata.

Sagalaffaa: Seerota Laguu fi Da'umsaa:

Tokkoffaa: Dhiiga laguu:

Inni dhiiga uumamaa kan yeroowwan beekamoo ta'an keessatti gadaameessa jalaa ba'udha. Baay'inaan ji'a hunda keessatti guyyaa ja'aaf yookiin torbaaf ba'a, dabaluunis yookiin hir'achuunis ni mala. Jiini dubartii ni dheeratas, ni gabaabbatas; kunis akkaataa uumama Rabbiin irratti isii uumetti.

Seerowwan dubartoota laguu qabanii:

1- Dubartiin laguu qabdu hin salaattu, hin soomtus, isii irraas sirrii hin ta'u.

2- Dubartiin laguu qabdu yeroo dhiiga laguu isii irraa qulqulloofte sooma qofa qadaa baafti.

3- Ka'abaa naanna'uun isheef hin eeyyamamu. Qur'aanas hin qaraatu, Masjiida keessas hin teessu. 4- Abbaa manaa ishee irratti karaa qaama saalaa isheetiin wal qunnamtii saalaa ishee waliin raawwachuun haraama ta'a, hanga dhiigni laguu irraa citee qaama dhiqattutti.

5- Abbaa manaa dubartii laguu qabduutiif, wol qunnamtii saalaa qaama saalaa keessatti raawwachuun alaatti, akka dhungannaa, tuquu fi wantoota kana fakkaataniin isheetti qanani'uun ni danda'amaaf.

6- Abbaan manaa isheetif osoo isheen laguu qabduu ishee hiikuun isaaf hin eeyyamamu.

Qulqullaa'uun dhiigni dhaabbachuudha, yeroo dhiigni dhaabbate; isheen qulqulloofteetti, yeroon laguu ishees dhumateera, kanaafuu dhiqachuun ishee irratti dirqama ta'a. Ergasii waan sababaa laguutiin irraa dhoorgamte ni hojjatti.

Eega qulqulloofte booda yoo boora'iinsa yookiin daalachoomina agarte, gara isaa mildhachuu hin qabdu.

Lammaffaa: Da'umsa:

Innis dhiiga gadameessi da'umsaa fi isa boodatti baasudha, innis haftee dhiigaa kan yeroo ulfaa keessatti qabamee turedha.

Dhiigni da'umsaa wanta eeyyamamu, kan akka qaama saalaatiin alaatti isheetti qanani'uu keessatti akkuma dhiiga laguuti.

Waan haraama ta'u, kan akka qaama saalaa keessatt wal qunnamtii saalaa raawwachuu, soomaa, salaataa, hiikkaa, xawaafaa, Qur'aana qara'uu fi masjiida keessa taa'uu keessattis akkuma dhiiga laguuti. akkasumas yeroo dhiigni ishee dhaabbatetti qaama dhiqachuun dirqama ta'uu keessattis, akkuma dubartii laguu qabduuti.

Sooma qadaa baasuun ishee irratti dirqama, salaata garuu akkuma dubartii dhiiga laguu irra turteetti qadaa hin baastu.

Irra baay'een yeroo isaa guyyaa afurtama, Dhiigni da'umsaa guyyaa afurtama duratti yoo irraa dhaabbate, yeroon da'umsaa ishee dhumateera; dhiqattee, salaatti, akkasumas waan sababaa dayumsaatiin irraa dhoorgamtee turte ni hojjatti.

Kutaa lammaffaa: Salaata:

Tokkoffaa: Seerota Azaanaa fi Iqaamaa:

Azaanni Hijraa nabiyyii irraa waggaa jalqabaa keessatti karaa godhame, Sababni karaa godhamuu isaa: yeroo beekuun isaan irratti ulfaatee jennaan, isaaf mallattoo gochuu irratti wal mari'atani, Abdullaah bin Zeydii -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- azaana kana abjuu keessatti agarsiifamee, Wahyiinis isa mirkaneesse.

Azaanni: yeroon salaataa seenuu beeksisuudha. Iqaamaan immoo: salaanni dhaabbachuu (eegaluu) beeksisuudha.

Azaanaa fi iqaamaan salaatawwan dirqama ta'aniif jamaa'aa dhiirotaa irratti dirqama kan yoo tokko hojjate namoota hafan irraa kufudha, Isaan lameen mallattoolee (shi'aara) Islaamaa mul’atoo ta'an irraayyi, kanaaf isaan dhiisuun hin eeyyamamu.

Ulaagaalee Azaanaa:

1- Mu'azzinni dhiira ta'uu.

2- Azaanni tartiibaan ta'uu.

3- Azaanni walitti fufaa ta'uu.

4- Azaanni eega yeroon salaataa seenee booda ta'uu, Sana irraa ni baafama: Fajrii fi Jumu'aa keessatti azaana jalqabaa.

Sunnaawwan Azaanaa:

1- Quba isaa lamaan gurra isaa lamaan keessa kaa'uu.

2- Azaanni jalqaba yeroo irratti ta'uudha.

3- Wayta "Hayya alassalaah, Hayya alal falaah" jedhu keessatti gara mirgaa fi bitaa mil'achuu.

4- Nama sagalee gaarii qabu ta'uu.

5- Jechoota Azaanaa harkisuu fi dheeressuu daangaa darbeen maletti suuta jechuu.

6- Hima (jecha) hunda bira dhaabbachuu.

7- Yeroo azaana jedhu keessatti gara qiblaa garagaluu.

Azaanni jechoota kudha shani, akka Bilaal -Rabbiin isarraa haa jaallatu- yeroo hunda fuuldura Ergamaa Rabbiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin azaanaa turetti.

Jechoota Azaanaa:

(Allaahu Akbar): yeroo afur. akkas jechuunis Rabbi guddate jechuudha.

(Ash-hadu an laa ilaaha illallaah) yeroo lama, akkas jechuunis: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaan ba'a, jechuudha.

(Ash-hadu anna Muhammadan rasuulullaah) yeroo lama, akkas jechuunis: Muhammad ergamaa Rabbii ta'uu ragaan ba'a, jechuudha.

(Hayya alassalaah) yeroo lama, akkas jechuunis: gara salaataatti koottaa, jechuudha.

(Hayya alal falaah) yeroo lama, akkas jechuunis: gara milkiitti koottaa, jechuudha.

Eegasii akkana jedha: (Allaahu akbar) yeeroo lama.

Eegasii akkas jechuun xumura: (Laa Ilaaha Illallaah): yeroo tokko.

Azaana Fajrii keessatti eega "Hayya alal falaah" jedhe boodaan akkana jechuu dabala: (Assalaatu khayrun min anna'uum) yeroo lama; akkas jechuunis salaanni hirriba irra caalaadha jechuudha; Sababni isaas, yeroon kun yeroo namoonni baay'inaan isa keessatti rafan waan ta'eef jecha.

Iqaamaan immoo jechoota kudha tokko, isaanis ni ariifachiisa, jechuunis: isaan jechuu keessatti ni saffisa jechuudha; Sababni isaas namoota achitti argaman beeksisuuf waan ta'eef jecha, kanaafuu ishee keessatti suuta jechuun barbaachisaa miti.

Akkaataan ishee akka itti aanu kanatti:

(Allaahu Akbar): yeroo lama.

(Ash-hadu an laa ilaaha illallaah): yeroo tokko.

(Ash-hadu anna Muhammadan rasuulullaah): yeroo tokko.

(Hayya alassalaah): yeroo tokko.

(Hayya alal falaah): yeroo tokko.

(Qad qaamatissalaah): yeroo lama, jechuunis: Salaanni dhugumatti dhaabbatte jechuudha.

(Allaahu Akbar): yeroo lama.

(Laa Ilaaha Illallaah): yeroo tokko.

Nama Azaana dhaga'eef fakkaataa waan mu'azzinni jedhuu jechuun ni jaallatama, yeroo (Hayya Alassalaah) fi (Hayya Alal Falaah) jedhu keessatti malee, yeros (Laa hawla walaa quwwata illaa billaah) jedha. Ergasii Nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salawaata buusa. Eegasii sana booda akkana jedha:

«اللهمَّ رَبَّ هَذِهِ الدَّعْوَةِ التَّامَّةِ، وَالصَّلَاةِ القَائِمَةِ، آتِ مُحَمَّدًا الوَسِيلَةَ وَالفَضِيلَةَ، وَابْعَثْهُ مَقَامًا مَحْمُودًا الَّذِي وَعَدْتَهُ، إِنَّكَ لَا تُخْلِفُ الْمِيعَادَ».

«Allaahumma Rabba Haazihi Adda'awati Attaammaa, Wassalaat Al-Qaa'imaa, Aaati Muhammadan Al-Wasiilata Wal Fadiilata, Wab'ashu Maqaaman Mahmuudan Allazii Wa'adtahuu, Innaka Laa Tukhlifu Al-Mi'aad) akkas jechuun Yaa Rabbi, Gooftaa waamicha guutuu fi salaata yeroo hunda raawwatamu kanaa, Muhammadiif eddoo guddaa fi sadarkaa kenniif, gara eddoo faarfamaa isa ati waadaa galteefittis isa ol kaasi. Dhugumatti ati beellama hin diigtu» 12.

Ammas akkana jedha:

«رَضِيتُ بِاللَّهِ رَبًّا، وَبِالْإِسْلَامِ دِينًا، وَبِمُحَمَّدٍ ﷺ نَبِيًّا».

«Radiitu billaahi Rabban, wabil islaami diinan, wabi Muhammadin nabiyyaa, akkas jechuunis: Rabbiin Rabbummaa Isaa jaaladhe, Islaama amantummaa isaa jaaladhe, Muhammadiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nabiyyummaa isaanii jaaladhe» jechuudha13.

Azaana booda rakkoo ga'aa yookiin niyyaa deebi'uutiin malee masjiida irraa ba'uun haraama ta'a.

Salaata lama yeroo walitti qabanii salaatanitti, azaana tokkoo fi salaata hundaaf immoo iqaamaa tokko tokkoon of ga'ama.

Lammaffaa: Eddoo salaataa fi sadarkaa isaa:

Salaanni booda shahaadaa lamaaniitii irra jabaa rukniiwwan Islaamaati. Isaaf sadarkaa addaatu jira, Waan Rabbiin halkan mi'iraajaa samii keessatti Ergamaa isaa irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa dirqama taasisee jiruuf, Kunis guddina salaataa, dirqamummaan isaa jabaa ta'uu fi sadarkaa inni Rabbii ol ta'e biratti qabu agarsiisa.

Sadarkaa isaa fi tokko tokkoon nama hunda irratti dirqama ta'uu isaa keessatti hadiisonni baay'een dhufanii jiru, Dirqama ta’uun isaa amantii Islaamaa keessatti beekamaadha, ragaa hin barbaadu.

Dirqama ta'uu isaatii fi jabina isaatti wantoota agarsiisan keessaa: Keeyyatoota baay'ee Qur'aana fi Hadiisa irraa ta'anidha. Isaan keessaa:

1- Jecha Rabbii ol ta'eeti:

﴿...إِنَّ ٱلصَّلَوٰةَ كَانَتۡ عَلَى ٱلۡمُؤۡمِنِينَ كِتَٰبٗا مَّوۡقُوتٗا﴾

﴾...Dhugumatti, salaanni mu’uminoota irratti dirqama yeroon isaa murtaa’e ta’eera﴿ [Annisaa'i: 103]. Jechuunis: yeroolee Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan ibsan keessatti dirqama taasifame jechuudha.

2- Ammas jecha Rabbii ol ta'eeti:

﴿وَمَا أُمِرُوا إِلَّا لِيَعْبُدُوا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ حُنَفَاءَ وَيُقِيمُوا الصَّلَاةَ...﴾

﴾Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu, salaata dhaabuutti malee homaa hin ajajamne...﴿ [Suuraa Al-Bayyinah: 5].

3- Ammas jecha Rabbii ol ta'eeti:

﴿فَإِنْ تَابُوا وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ وَآتَوُا الزَّكَاةَ فَإِخْوَانُكُمْ فِي الدِّينِ...

﴾Yoo towbatanii, salaata gadi dhaabanii, zakaa kennan (isaan) amantii keessatti obboleeyyan keessani...﴿ [Attowbah: 11].

4- Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

«إِنَّ بَيْنَ الرَّجُلِ وَبَيْنَ الشِّرْكِ وَالْكُفْرِ تَرْكُ الصَّلَاةِ».

“ «Jidduu namichaatii fi jidduu shirkii fi kufritti salaata dhiisuutu jira»14.

5- Bureydaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:

«العَهْدُ الَّذِي بَيْنَنَا وَبَيْنَهُمُ الصَّلَاةُ، فَمَن تَرَكَهَا فَقَدْ كَفَرَ».

“ «waadaan nuu fi isaan jidduu jiru salaata, namni isa dhiise dhugumatti kafare»15.

Ulamaa'iin kafaruu nama dirqamummaa salaataa morme irratti walii galaniiru, Namni taati'oo fi dhimma dhabaaf jecha dhiise immoo, irra sirriin isaa kaafaruu isaati; Hadiisa sahiiha darbee fi sahaabonnis waan irratti walii galaniif jecha.

Sadaffaa: Ulaagaalee Salaataa:

1- Yeroon isaa seenuu:

Jecha Rabbii ol ta'eetiif:

﴿...إِنَّ ٱلصَّلَوٰةَ كَانَتۡ عَلَى ٱلۡمُؤۡمِنِينَ كِتَٰبٗا مَّوۡقُوتٗا﴾

﴾...Dhugumatti, salaanni mu’uminoota irratti dirqama yeroon isaa murtaa’e ta’eera﴿ [Annisaa'i]. Jechuunis: yeroolee murtaa’oo keessatti dirqama taasifame jechuudha.

Yeroowwan salaata dirqamaa akka armaan gadii kana:

A- Fajrii: fajriin ba'uu irraa kaasee hanga aduun ba'utti itti fufa.

b- Zuhrii: Aduun walakkaa samii irraa jallachuu irraa eegalee, hanga gaaddidduun wanta hundaa dheerinaan isatti qixxaa'utti.

D- Asrii: Yeroon zuhrii dhumuu irraa eegalee hanga aduun keellooftutti, yeroo rakkinni humnaa oloo nama mudatetti immoo hanga aduun lixxutti.

D- Maghriiba: Aduun lixuu irraa kaasee hanga billaachi diimaan badutti.

H- Ishaa: Yeroon Maghribaa dhumuu irraa eegalee hanga walakkaa halkaniitti.

2- Owraa dhokfachuu:

Innis waan haguugamuun dirqama ta'e, kan mul'achuun isaa fokkatuu fi irraa qaanfatamuudha. Owraan dhiiraa handhuura irraa hanga jilbaatti, Dubartiin immoo salaata keessatti fuula ishee malee qaamni ishee hundi owraadha. Fuula ishee dhiirota isheef ajnabii ta'an biratti ni haguugdi, jechuunis: warra mahrima ishee hin taane biratti jechuudha.

3- Najaasaa irraa fagaachuu:

Najaasaan: xurii addaa kan gosti isaa salaata dhoorgu, kan akka fincaanii, sagaraa, dhiigaa fi kanneen birooti, qaama, bakkaa fi uffata irratti argama.

4- Qiblaatti garagaluu:

Qiblaan Kaabaa kabajamaadha, namoonni gara isaatti waan garagalaniif Qiblaa jedhame.

Qiblaatti garagaluun maletti salannii fayyaa hin ta'u, Jecha Rabbii ol ta'eetiif:

﴿...وَحَيۡثُ مَا كُنتُمۡ فَوَلُّواْ وُجُوهَكُمۡ شَطۡرَهُ...﴾

﴾...Eessattillee yoo taatan fuula keessan gara isaa gara galchaa﴿ [Al-Baqaraa: 144].

5- Niyyaa:

Innis akka afaanitti: waa hamiluudha, akka shari'aatti immoo: gara Rabbii ol ta'eetti dhiheennya barbaaduuf jecha ibaadaa hojjachuu irratti murachuu jechuudha. Bakki niyyaa qalbiidha, arrabaan isa dubbachuun hin barbaachisu, inumaayyuu inni bid'aadha.

Afraffaa: Rukniiwwan salaataa:

Isaanis ruknii kudha afuri:

Rukniin tokkoffaa: dandeettii waliin dhaabbachuudha:

Jecha Rabbii ol ta'eetiif jecha:

﴿‌...وَقُومُواْ لِلَّهِ قَٰنِتِينَ﴾

﴾...Haala Rabbiif ajajamoo taataniin dhaabbadhaa﴿‌ [Al-baqaraa: 238]. Ammas hadiisa Imraan kan akkana jedhuuf jecha:

«صَلِّ قَائِمًا، فَإِن لَمْ تَسْتَطِعْ فَقَاعِدًا، فَإِن لَمْ تَسْتَطِعْ فَعَلَى جَنْبٍ».

«Dhaabbadhuu salaati, yoo hin dandeenye taa'ii salaati, yoo hin dandeenye cinaacha kee irratti hirkadhuu salaati»16.

Dhukkubaaf jecha dhaabbachuu yoo hin dandeenye, akka isaaf mijjatetti salaata, taa'ee, yookaan cinaacha irratti, Akkuma dhukkubsitaati: Namni sodaa keessa jiru, namni qullaa jiruu fi namni sababaa yaala dhaabbii isa dhoorguuf jecha taa'uu brbaadus, yookaan ciisuu barbaadus. Akkasumas namni imaama dhaabbataa kan dhaabbachuu dadhabe duubaan salaatu dhaabbachuu dhiisuuf sababaa qaba, yoo inni taa'ee salaate, warri isa duuba jiranis imaama isaanii hordofuun taa'anii salaatu. Osoo dhaabbachuu danda'uu salaata sunnaa taa'ee salaatuun ni danda'ama, garuu mindaan isaa akka mindaa nama dhaabbatee salaatuu hin ta'u.

Rukniin lammafaa: Takbiiraa harramannaa kan jalqaba salaataa keessatti ta'udha:

Jecha isaanii kan akkana jedhuuf jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«ثُمَّ اسْتَقْبِلِ الْقِبْلَةَ، وَكَبِّرْ».

«Eegasii gara Qiblaa garagalii, Allaahu Akbar jedhi»17.

Akkaataan isaas akkana jechuudha: (Allaahu Akbar), isa irraa wanti biraa bakka hin bu'u.

Ruknii sadaffaa: Suuraa Faatihaa qara'uudha:

Jecha isaanii kan akkana jedhuuf jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«لَا صَلَاةَ لِمَنْ لَمْ يَقْرَأْ بِفَاتِحَةِ الْكِتَابِ».

«Nama Faatihaa hin qara’iniif salaanni hin jiru»18.

Ruknii afraffaa: Raka'aa hunda keessatti jilba qabachuudhai:

Jecha Rabbii ol ta'eetiif:

﴿يَاأَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا ارْكَعُوا وَاسْجُدُوا...﴾

﴾Yaa warra amantan! Rukuu’a bu’aa; sujuudas bu’aa...﴿ [Al-Hajji: 77].

Rukniin shanaffaa fi jahaffaa:

Rukuu'a irraa ol jedhanii, akkuma duraatti sirnaan dhaabachuudha; Sababni isaas Nabiyyiin ﷺ dalagaa kana itti fufiinsaan waan hojjataniif jecha.

Rasuullis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha salaata isaa balleesseen akkana jedhan:

«ثُمَّ ارْفَعْ حَتَّى تَعْتَدِلَ قَائِمًا».

«Eegasii hanga sirriitti dhaabbattutti ol jedhi»19.

Rukniin torbaffaa: Qaamota torban irratti sujuuda gochuudha:

Isaanis kallacha (adda), funyaan waliin, harka lamaan, jilba lamaanii fi fiixa qubbeen miila lamaaniti, Jecha isaanii kan akkana jedhuuf jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«أُمِرْنَا أَنْ نَسْجُدَ عَلَى سَبْعَةِ أَعْظُمٍ: الجَبْهَةِ، وَأَشَارَ بِيدِهِ عَلَى أَنْفِهِ، وَالكَفَّيْنِ، وَالرُّكْبَتَيْنِ، وَأَطْرَافِ القَدَمَيْنِ».

«Humna (lafee) torba irratti sujuuduutti ajajamne: kallacha, harka isaanitiin gara funyaan isaanitti akeekan, harka lamaan, jilba lamaanii fi fiixa miila lamaaniiti»20.

Ruknii saddeettaffaa: Sujuuda irraa ol jechuu fi sujuuda lamaan jiddutti taa'uudha.

Hadiisa Aa'ishaa kanaaf jecha -Rabbiin isii irraa haa jaallatu:

«كَانَ النَّبِيُّ ﷺ إِذَا رَفَعَ رَأْسَهُ مِنَ السَّجْدَةِ، لَمْ يَسْجُدْ حَتَّى يَسْتَوِيَ جَالِسًا».

«Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo sujuuda irraa mataa isaanii ol kaasan, hanga sirriitti taa'anitti hin sujuudan ture»21.

Rukniin sagalaffaa: Rukniiwwan hunda keessatti tasgabbaa'uudha:

Innis tasgabbii dha, odoo xiqqooyyuu ta'ee, jecha Nabiyyiin namicha salaata isaa balleesseen jedhan kanaaf jecha, -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«حَتَّى تَطْمَئِنَّ».

«Hanga tasgabbooftutti»22.

Rukniiwwan lamaan: Kurnaffaa fi Kudha Tokkoffaa:

Tashahhuda boodaa fi teessuma isaati: Hadiisa ibn Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- kan Ergamaa Rabbii irraa odeeffame kanaaf jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«إِذَا صَلَّى أَحَدُكُمْ فَلْيَقُلْ: التَّحِيَّاتُ لِلَّهِ وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللَّهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللَّهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلٰهَ إِلَّا اللَّهُ وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ».

«Tokkoon keessan yeroo salaatu akkana haa jedhu:

: Attahiyyaatu lillaahi, wassalawaatu, waxxayyibaatu, assalaamu alayka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh, assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin, Ash-hadu anlaa ilaaha illallaahu, wa ash-hadu anna Muhammadan abduhuu wa Rasuuluh», jechuunis: Kabajoowwan Rabbiifi, akkasumas salaatowwanii fi wantoonni gaggaariinis Isumaafi, Nageenyi sirratti haa jiraatu yaa Nabiyyichana, akkasumas rahmanni Rabbiiti fi barakaan Isaa sirratti haa jiraatu, nuu fi gabroota Rabbii kan gaggaarii ta'an irrattis nageenyi haa jiraatu, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad akka gabricha Isaati fi ergamaa Isaa akka ta'an ragaa nan ba'a, jechuudha23.

Rukniin kudha lammaffaa: Tashahhuda isa dhumaa keessatti Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- salawaata buusuudha.

Akkana jechuun:

«اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ».

«Allaahumma salli alaa Muhammad» akkas jechuun Yaa Rabbi Muhammadiin irratti rahmata buusi.24، Wanti sana irratti dabalame immoo sunnaadha.

Rukniin kudha sadaffaa: Tartiiba rukniiwwan gidduu jiru eeggachuudha:

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusuu- tartiibaan isaan raawwachaa waan turaniif jecha, Ammas akkas waaan jedhanii jiranuuf:

«صَلُّوا كَمَا رَأَيْتُمُونِي أُصَلِّي».

«Akkuma anaa salaatuu na argitanitti salaataa» 25. Dhugumatti, namicha salaata isaa keessatti dogongore sana, jecha «eegasii» jedhu fayyadamuun tartiibaan isa barsiisaniiru.

Ruknii kudha afraffaa: Salaammataa baafachuudha:

Jecha nabiyyii kan akkana jedhuuf jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

««‌وَخِتَامُهَا ‌التَّسْلِيمُ».

«Xumurri isaa salaamata baafachuu dha»،, Ammas jecha isaanitif jecha:

«وَتَحْلِيلُهَا التَّسْلِيمُ».

«Xumurri ishee salaamtaadha»26.

Shanaffaa: Dirqamoota Salaataa:

Isaanis Saddeeti:

1- Takbiiraa ihraamaa malee takbiiraa hunda.

2- Rukuu'a keessatti yeroo tokko "Subhaana Rabbi Al-Aziim" jechuu: akkas jechuunis «Rabbiin koo guddaan qulqullaa'e», Hanga sadiitti dabaluun sunnaadha, inni irra xiqqaa guutumminaati. hanga kudhaniittis, dabaluun ni danda'ama, inni irra ol aanaa isaati.

3- Yeroo Rukuu'a irraa ol jedhan "Sami'allaahu Liman Hamidahuu" jechuu akkas jechuunis: Rabbiin nama isa faarse dhagahe» jechuudha,

4- Yeroo Rukuu'a irraa ol jedhan «‌Rabbanaa walakal hamdu" jechuu, akkas jechuunis: Yaa Rabbii keenaya faaruun keeti» jechuudha,

5- Sujuuda keessatti yeroo tokko akkana jechuudha: «‌Subhaana Rabbiyal a'alaa" jechuu, akkas jechuunis: Rabbiin keeyya ol aanaan qulqullaahe» jechuudha, Hanga sadiitti dabaluun sunnaa ta'a.

6- Sujuuda lamaan giddutti yeroo tokko: «‌Rabbighfirlii" jechuu, akkas jechuunis: Yaa Rabbii kiyya, naaf araarami» jechuudha. Hanga sadiitti dabaluun sunnaa ta'a.

7- Tashahhuda jalqabaati; innis akkana jechuudha:

«التَّحِيَّاتُ لِلَّهِ، وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللَّهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللَّهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلٰهَ إِلَّا اللَّهُ وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ».

«Attahiyyaatu Lillaahi, Wassalawaatu, Waxxayyibaatu, Assalaamu Aleyka Ayyuhannabiyyu Warahmatullaahi, wabarakaatuh, Assalaamu Alaynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin, Ash-hadu an laa ilaaha illallaahu, wa ash-hadu anna Mummadan abduhuu warasuuluh" akkas jechuunis: Kabajoowwan kan Rabbiiti, akkasumas Salaatoowwanii fi wantoonni gaggaariinis kanuma isaati, yaa nabiyyichana nageenyi, rahmannii fi barakaan Rabbii sirratti haa jiraatu, ammas nageenyi nuufii gabroota Rabbii gaggaarii irratti haa jiraatu, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan ba'a, akkasumas Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan ba’a» jechuudha 27.

8- Tashahhuda jalqabaatiif taa'uudha.

Ja'affaan: Sunnaawwan Salaataa:

Sunnaawwan Salaataa kanneen isaan dhiisuun salaata hin balleessine, Isaanis bakka lamaatti qoodaman: Sunnaawwan jechootaa fi Sunnaawwan gochootaati.

Tokkoffaa: Sunnaawwan jechootaa:

1- Du'aa'ii baniinsaati, isaafis akkaataa baay'eetu jiru, isaan keessaa:

«سُبْحَانَكَ اللَّهُمَّ وَبِحَمْدِكَ، وَتَبَارَكَ اسْمُكَ، وَتَعَالى جَدُّكَ، وَلَا إِلٰهَ غَيْرُكَ».

«Subhaanaka Allaahumma wabihamdika, wa tabaaraka ismuka, wa ta'aalaa jadduka, walaa ilaaha Gheyruk" akkas jechuunis: Yaa Rabbi! Si faarsuun waliinan Si qulqulleessa, kheyriin maqaa keetii heddummaate, guddinni kee ol ta'e, haqaan gabbaramaan si malee hin jiru» jechuudha28.

2- Faatihaa qara'uun duratti Rabbitti maganfachuudha, Innis akkana jechuudha: «A'uuzu billaahi minashayxaanirrajiim" akkas jechuunis: Sheyxaana darbamaa ta'e irraan Rabbitti maganfadha» jechuudha.

3- Qara'uun duratti bismillaah jechuudha, Innis akkana jechuudha: «Bismillaahi Arrahmaani Arrahiim».

4- Tasbiiha rukuu'aa fi sujuudaa keessatti tokko irratti waan dabalame.

5- Akkana jechuu irraa waan tokko irratti dabalame:

«رَبِّ اغْفِرْ لِي».

«Rabbighfir lii, akkas jechuunis: Yaa Rabbi naaf araarami, jechuudha sujuuda lameen jiddutti.

6- Jecha akkas jedhu:

«مَلْءَ السَّمَاوَاتِ، وَمَلْءَ الْأَرْضِ، وَمَلْءَ مَا بَيْنَهُمَا، وَمَلْءَ مَا شِئْتَ مِنْ شَيْءٍ بَعْدُ».

«Mil'assamaawaati, wa mil'al ardi, wa mil'a maa beynahumaa, wa mil'a maa shi'ita min shay'in ba'ad" akkas jechuunis: Faaruun samii, dachii fi waan gidduu isaan lamaanii jiru guutu, akkasumas faaruun sana booda waan ati feete guutu» jechuudha, Eega akkana jedhanii booda:

«رَبَّنَا ولَكَ الحَمْدُ».

«Rabbanaa walakal hamdu" akkas jechuunis: Gooftaa keenya faaruun keeti jechuudha 29.

7- Eega Faatihaa qara'anii booda waan biraa qara'uudha.

8- Jecha akkas jedhu:

«اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنْ عَذَابِ جَهَنَّمَ، وَمِنْ عَذَابِ الْقَبْرِ، وَمِنْ فِتْنَةِ الْمَحْيَا وَالْمَمَاتِ، وَمِنْ فِتْنَةِ الْمَسِيحِ الدَّجَّالِ».

«Allaahumma Innii A'uuzu Bika Min Azaabi Jahannama, Wa min Azaabil qabri, Wa min fitnatil mahyaa wal mamaati, Wa min fitnatil masiihiddajjaal" akkas jechuunis: Yaa Rabbi! azaaba jahannam, azaaba qabrii, qormaata jiruu fi du'aa, akkasumas qormaata masiih addajjaal irraa sitti maganfadha jechuudha.30. Tashahhuda xumuraa keessatti du'aa'ii irraa waan sana irratti dabalame.

Lammaffaa: sunnaawwan gochootaa:

1- Harka lameen bakka afur keessatti qixa gateettii lameeniitti, yookaan qixa gurra lameeniitti ol kaasuudha:

A- Yeroo takbiiraa ihraamaa (hidhannaa) jedhan keessatti.

B- Yeroo rukuu'aa.

C- Yeroo rukuu'a irraa ol jedhan.

D- Yeroo gara raka'aa sadaffaatti ol-ka'mu.

2- Rukuu'aan durattii fi isa boodattis yeroo dhaabbannaa irra jiran keessatti harka mirgaa harka bitaa irra kaa'anii qoma irra kaa'uudha.

3- Eddoo sujuudaa ilaaluudha.

4- Yeroo sujuuda irra jiran keessatti irree lameen cinaacha lameen irraa fageessuudha.

5- Sujuuda lamaan keessatti garaa sarbaa lameen irraa fageessuudha.

6- Teessuma salaataa hunda keessatti miila bitaa afatanii irra taa'uudha, tashahhuda dhumaa kan salaata raka'aa sadii fi afurii keessatti yoo ta'e malee.

7- Salaata raka'aa sadii yookiin afurii keessatti tashahhuda xumuraa irratti tawarrukatti taa'uudha (faana isaa kan mirgaa ol dhaabuun miila bitaa karaa mirgaatiin teessuma jala baasuun teessumaan lafa irra taa'uudha).

Torbaffaa: Akkaataa salaataa:

1- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo salaataaf ka'an, gara qiblaa deebi'anii, harka isaanii lamaan ol kaasanii, keessa qubbeen isaanii gara qiblaa deebisuun, akkana jedhu turani:

«اللهُ أَكْبَرُ».

«Allaahu Akbar, akkas jechuunis: Rabbiin waa hunda irra guddaadha» jechuudha.

2- Eegasii harka isaanii kan mirgaatiin harka bitaa isaanii qabachuun, lamaan isaaniituu qoma isaanii irra kaa'u.

3- Eegasii du'aa'ii baniinsaa qara'u, du'aa'ii baniinsaa tokko qofa yeroo hunda hin jedhanu ture. Du'aa'iiwwan baniinsa salaataa kan isaan irraa mirkanaa'an hundi, isaaniin du'aa'ii baniinsaa jechuun ni danda'ama, isaan keessaa:

«سُبْحَانَكَ اللَّهُمَّ وَبِحَمْدِكَ، وَتَبَارَكَ اسْمُكَ، وَتَعَالى جَدُّكَ، وَلَا إِلٰهَ غَيْرُكَ».

«Subhaanaka Allaahumma wabihamdika, wa tabaaraka ismuka, wa ta'aalaa jadduka, walaa ilaaha Gheyruk, akkas jechuunis: Yaa Rabbi! Si faarsuun waliinan Si qulqulleessa, kheyriin maqaa keetii heddummaate, guddinni kee ol ta'e, haqaan gabbaramaan si malee hin jiru» jechuudha.

4- Eegasii akkana jedhu:

«أَعُوذُ بِاللَّهِ مِنَ الشَّيْطَانِ الرَّجِيمِ، بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ».

«A'uuzu billaahi min Ashayxaani Arrajiim, Bismillaahi Arrahmaani Arrahiim, akkas jechuunis: Sheyxaana darbatamaa ta'e irraan Rabbiitti maganfadha, Maqaa Rabbii akkaan mararfataa, akkaan rahmata godhaa ta'een».

5- Eegasii Faatihaa qara'anii, yeroo isa xumuranitti akkana jedhu: «Aamiin».

6- Eegasii Qur'aana irraa waan isaanif laafe qara'u, Salaata Fajrii, Salaata Magribaa fi Ishaa'ii irratti raka'aalee duraa lameen keessatti sagalee ol kaasanii qara'u. Waan sanaan alaa keessatti immoo sagalee gadi qabatanii qara'u. Salaata hundumaa keessatti raka'aa jalqabaa kan lammaffaa caalaa ni dheeressu.

7- Eegasii akkuma baniinsa irratti ol kaasanitti harka isaanii lamaan ol kaasu, Eegasii akkana jedhu: «Allaahu Akbar», gadi jechuun jilba qabatu, Harka isaanii lameen qubbeen adda babaasuun jilba isaanii lameen irra kaa'u, isaan lameenif ni mijjeessa, duugda isaaniis ni diriirsu, mataa isaaniis likkii dugdatti godhu; ol isa hin kaasanus, gadis hin qabanus, akkana jedhu:

«سُبْحَانَ رَبِّيَ الْعَظِيمِ» مرةً.

Yeroo tokko «Subhaana Rabbiyal Aziim, akkas jechuunis: Rabbiin kiyya guddaan qulqullaa'e» jechuudha, Irra xiqqaan guutumminaa yeroo sadiidha, akkuma dabretti.

8- Eegasii akkana jechaa mataa isaanii ol qabatu:

«سَمِعَ اللَّهُ لِمَنْ حَمِدَهُ».

«Sami Allaahu giman himadah, akkkas jechuunis: Rabbiin nama isa faarse dhaga'e» jechuudha, Akkuma yeroo rukuu'a bu'aan ol kaasanitti harka isaanii lamaan ol kaasu.

9- Yeroo diriiranii ol dhaabbatanitti akkana jedhu:

«اللَّهُمَّ رَبَّنَا وَلَكَ الْحَمْدُ، حَمْدًا كَثِيرًا طَيِّبًا مُبَارَكًا فِيهِ، مَلْءَ السَّمَاءِ، وَمَلْءَ الْأَرْضِ، وَمَلْءَ مَا بَيْنَهُمَا، وَمَلْءَ مَا شِئْتَ مِنْ شَيْءٍ بَعْدُ، أَهْلَ الثَّنَاءِ وَالْمَجْدِ، أَحَقُّ مَا قَالَ الْعَبْدُ، وَكُلُّنَا لَكَ عَبْدٌ، لَا مَانِعَ لِمَا أَعْطَيْتَ، وَلَا مُعْطِيَ لِمَا مَنَعْتَ، وَلَا يَنْفَعُ ذَا الْجَدِّ مِنْكَ الْجَدُّ».

«Allaahumma! Rabbanaa Walakal hamdu, hamdan kasiiran, xayyiban mubaarakan fiihi, mil'assamaawaati, wa mil'al ardi, wa mil'a maa beynahumaa, wa mil'a maa shi'ita min shey;in ba'adu, Ahlassanaa'i wal majdi, Ahaqqu maa qaalal abdu, wa kullunaa Laka abdun, laa maani'a limaa a'axeyta, walaa mu'uxiya limaa mana'ata, walaa yanfa'u zal jaddi minkal jaddu, akkas jechuunis: Yaa Rabbii keenya! faaruun keeti, faaruun heddduun, gaggaarii fi kan barakaa qabu, kan samii guutu, kan dachii guutu, kan waan gidduu isaanii jiru guutu, eegasii wahirraa kan waan ati feete guutu. Yaa abbaa faaruu fi guddinaa, irra dhugaan waan gabrichi jedhee, nuti hundinuu siif gabricha, Waan ati kenniteef dhoorgaan hin jiru, waan ati dhoorgatteefis kennaan hin jiru. Abbaa qabeenyaa, qabeenyi isaa si biratti isa hin fayyadu» jechuudha31 . Diriiranii dhaabbachuu kana ni dheereessu turani.

10- Eegasii Allaahu Akbar jechuun sujuuda bu'u, harka isaanii lamaan ol hin kaasanu. Adda, funyaan, harka lameen, jilba lameenii fi fiixa miila isaanii lameen irratti sujuudu, Qubbeen harka isaaniitii fi miila isaaniitiin gara qiblaatti garagalu, Sujuuda isaanii keessatti ni diriiru Kallacha isaaniitii fi funyaan isaanii lafa qabsiisu, Ganaa isaanii lamaan irratti ni hirkatu, ciqilee isaa lamaan immoo ol kaasu, Irree isaanii cinaacha isaanii irraa ni fageessu, garaa isaanii sarbaa isaanii lamaan irraa ol kaasu, Sarbaa isaanii lamaanis mogolee isaanii lamaan irraas ol kaasu, Sujuuda isaanii keessatti akkana jedhu:

«سُبْحَانَ رَبِّيَ الأَعْلَى».

«Subhaana Rabbiyal 'a'alaa, akkas jechuunis:  Rabbiin kiyya ol'aanaan qulqullaa'e» jechuudha. yeroo tokko, Irra xiqqaan guutuu yeroo sadiidha, akkuma ammaan dura dura dabretti, Du'aa'iiwwan dhufaniin ni kadhatu.

11- Eegasii akkana jechaa mataa isaanii ol qabatu: «Allaahu Akbar», Eegasii miila isanii bitaa afatanii irra taa'u, kan mirgaa ammoo ni dhaabu, Harka isaanii lameen sarbaa isaanii lameen irra kaa'uun, eegasii akkana jedhu:

«اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي، وَارْحَمْنِي، وَاجْبُرْنِي، وَاهْدِنِي، وَارْزُقْنِي».

«Allaahummaghfir lii, warhamnii, wajburnii, wahdinii, warzuqnii, akkas jechuunis: Yaa Rabbi naaf ararrami, rahmata naaf godhi, na suphi, na qajeechi, na soori» jechuudha32.

12- Eegasii Allaahu Akbar jechuun, sujuuda bu'u, raka'aa lammaffaa keessattis akkuma isa jalqabaa keessatti hojjatan hojjatu.

13- Eegasii Allaahu Akbar jedhaa mataa isaanii ol qabatu, jilbaa fi sarbaa isaanii lamaan irratti hirkachuun, fuul dura miila isaanii lamaan irratti ol ka'u.

14- Yeroo diriiranii dhaabbatanutti immoo; qara'uu eegalu, Raka'aa lammaffaas akkuma kan jalqabaatti salaata.

15- Eegasii tashahhuda jalqaatiif miila isaanii bitaa afatanii taa'u, akkuma sujuuda lamaan jidduutti taa'anutti. Harka mirgaa isaanii sarbaa isaanii mirgaa irra kaa'uun, harka bitaa immoo sarbaa isaanii bitaa irra kaa'u, Abbuudduu harka isaanii kan mirgaa quba isaanii kan jidduu irra akka qubeellaa gochuun kaa'u, Quba isaanii akeektuun (shahaadaan) ni akeeka, ishees ni ilaala. Akkana jedhu:

«التَّحِيَّاتُ لِلَّهِ وَالصَّلَوَاتُ وَالطَّيِّبَاتُ، السَّلَامُ عَلَيْكَ أَيُّهَا النَّبِيُّ وَرَحْمَةُ اللَّهِ وَبَرَكَاتُهُ، السَّلَامُ عَلَيْنَا وَعَلَى عِبَادِ اللَّهِ الصَّالِحِينَ، أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلٰهَ إِلَّا اللَّهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ».

«Attahiyyaatu Lillaahi, Wassalawaatu, Waxxayyibaatu, Assalaamu Aleyka Ayyuhannabiyyu Warahmatullaahi, wabarakaatuh, Assalaamu Alaynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin, Ash-hadu an laa ilaaha illallaahu, wa ash-hadu anna Mummadan abduhuu warasuuluh, akkas jechuunis: Kabajoowwan kan Rabbiiti, akkasumas Salaatoowwanii fi wantoonni gaggaariinis kan isaati, yaa nabiyyichana nageenyi, rahmannii fi barakaan Rabbii isinirra haa jiraatu, ammas nageenyi nuufi gabroota Rabbii gaggaarii irrattis haa jiraatu, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan ba'a, akkasumas Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan ba’a» jechuudha. Teessuma kana ni gabaabsu turan.

16- Eegasii Allaahu Akbar jechaa ol ka'uun, raka'aa sadaffaa fi afraffaa salaatu, raka'aa lamaan jalqabaa caalaatti isaan salphisa. Raka'aa lamaan kana keessatti Faatihaa kitaabaa qara’a.

17- Eegasii tashahhuda xumuraa keessatti taa'umsa tawarrukaa taa'u. Tawarruka jechuun: miila bitaa afatanii gara cinaa mirgaatti baasanii, miila mirgaa dhaabanii, teessuma lafaan ga'anii taa'uudha.

18- Eegasii tashahhuda boodaa jedhu, innis akkuma tashahhuda jalqabaati, akkana jechuus itti dabalu:

«اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا صَلَّيْتَ عَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ، وَبَارِكْ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ، كَمَا بَارَكْتَ عَلَى آلِ إِبْرَاهِيمَ، إِنَّكَ حَمِيدٌ مَجِيدٌ».

«Allaahumma salli alaa Muhammadin, wa alaa aali Muhammadin, kamaa sallayta alaa aali Ibraamiima, Innaka hamiidun majiid, wa baarik alaa Muhammadin, wa alaa aali Muhammadin, kamaa baarakta alaa aali Ibraahiima, Innaka hamiidun majiid,akkas jechuunis: Yaa Rabbi! Muhammadii fi aalii Muhammad irratti rahmata buusi, akkuma aalii Ibraahiim irratti rahmata buuftetti, ati faarfamaa, guddaadha, akkasumas Muhammadii fi aalii Muhammad irratti barakaas buusi, akkuma aalii Ibraahiim irratti barakaa buuftetti, ati faarfamaa, guddaadha» jechuudha.

19- Adabbii jahannam, adabbii qabrii, fitnaa jiruu fi du'aa, akksumas fitnaa masiih addajjaal irraa Rabbitti maganfatu. Du'aa'ii irraa waan Qur'aana fi hadiisa keessatti dhufeen kadhatu.

20- Eegasii akkana jechuudhaan gara mirga isaaniitti salaamtaa baafatu:

«السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللَّهِ».

«Assalaamu Aleykum waramatullaah, akkas jechuunis: Nagaa fi rahmanni Rabbii isinirratti haa jiraatu» jechuudha, akkasuma gara bitaa isaaniittis salaamataa baafatu; Gara qiblaatti gara galanii salaamataa jalqabuun, mil'achuu guutuu ta'een xumuru.

 

Saddeettaffaa: Wantoota Salaata keessatti jibbamoo ta'an:

1- Dhimma tokkoon maletti mil'achuu.

2- Ija gara samiitti ol kaasuu.

3- Dhimma tokkoon maletti ija lameen cuufachuu.

4- Sujuuda keessatti ciqilee lameen lafa irra kaa'uu.

5- Dhimma tokkoon maletti afaanii fi funyaan haguuguu.

6- Fincaanii yookaan sagaraadhaa nama mudduu, yookaan lubbuun namaatii nyaata dhihaate feetuu salaatuu.

7- Faana Sujuudaa irraa waan kallachaa fi funyaan isaa irratti hafe of irraa haxaa'uu, Eega salaata xumuree booda haxaa'uun rakkoo hin qabu.

8- Yeroo dhaabbatanitti dhimma tokkkoon maletti dhaaba manaa fi kan kana fakkaatanitti hirkachuu.

Sagalaffaa: Wantoota salaata balleessan:

1- Nyaachuu fi dhuguu.

2- Haasaa salaataan alaa.

3- Kolfuu fi sagalee ol kaasuu.

4- Rukniiwwan salaataa ykn dirqamoota salaataa keessaa tokko beekkaa dhiisuu.

5- Ruknii yookiin raka'aa tokko beekaa dabaluu.

6- Imaamni salaamataa baafachuun duratti beekaa salaamtaa baafachuu.

7- Dhimma tokkoon maletti sochiin gosa salaataa irraa hin taane itti fufiinsaan baay'achuu.

8- Ulaagaalee salaataa keessaa waan tokko kan faallessu raawwachuu; Kan akka wuduun baduu, beekaa awraa mul'isuu, dhimma tokkoon maletti qaamaan qiblaa irraa hedduu gara galuu fi niyyaa kutuu.

Kurnaffaa: Sujuuda sahwii (irraanfii):

Sahwi jechuun: irraanfiidha, dhugumatti Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa nageenya isaan irratti haa buusu- salaata keessatti irraanfataniiru; Sababni isaas irraanfannaan uumama ilma namaa irraa waan ta'eef jecha, Irraanfiin isaanii qananiin Rabbii ummata isaanii irratti guutuu ta'uu fi amantiin isaaniif guutuu ta'uu irraayyi; akka isaan yeroo irraanfatanitti waan isaanif karaa godhan keessatti isaanitti hidhataniif jecha.

Sababoowwan Sujuudni irraanfannaa karaa godhamaniif:

1- Haalli tokkoffaa:

Salaatatti dabaluudha, kunis yookiin gochoota dabaluudha yookiin jechoota dabaluudha:

A- Gochoota dabaluu: Yoo wanti dabalame gosa salaataa irraa ta'e: kan akka bakka ta'umsaatti dhaabbachuu, bakka dhaabbannaatti taa'uu, yookiin rukuu'a yookiin sujuuda dabaluu, kana irraanfiin yoo hojjete; irraanfannaaf sujuuda godha.

B- Jechoota dabaluu: kan akka rukuu'aa fi sujuuda keessatti qara'uu,

Yoo kana raawwate; sujuuda irraanfannaa gochuun isaaf ni jaallatama.

2- Haalli lammaffaa:

Irraanfiin salaata hir'isuun, wantoota lama keessaa tokkoon ta'a:

A- Ruknii dhiisuudha: Rukniin kun takbiiraa hidhannaa yoo ta'e, salaanni isaa hin hidhamne, sujuudni irraanfiis irraa bakka hin bu'u. Ruknii takbiiraa ihraamaa hin ta'in kan akka rukuu'aa yookiin sujuudaa yoo ta'ee, qaraatii raka'aa biraa osoo hin eegalin yoo yaadate, dirqamaan itti deebi'ee isaa fi waan isa booda jiru raawwata.

Erga qaraatii raka'aa biraa jalqabee yoo yaadate, raka'aan inni dhiise sun baddee, raka'aan itti aantu bakka ishee buuti.

B- waan dirqama ta'e dhiisuudha: fakkeenyaaf: tashahhuda jalqabaa, ykn rukuu'a keessatti tasbiiha gochuu dagachuudha. Haala kana keessatti: sujuuda irraanfannaa ni godha.

3- Haalli sadaffaa: Shakkiidha:

Fakkeenyaf: salaata zuhrii keessatti raka'aa sadii moo afur salaatee yoo shakke, haala kana keessatti:

A- Yoo gamni tokko isa biratti irra caale, isatti hojjatee, irraanfiifis sujuuda godha.

B- Wanti tokkolleen isa biratti caalaa ta'ee yoo hin argamin; shakkii lameen keessaa kan isaaf caale tokkollee yoo hin jiraatin, waan mirkana itti qabu irratti ijaaree, sujuuda sahwii godha.

Shakkiin booda salaatatii yoo ta'e, yookiin nama shakkii baay'isu yoo ta'e; gara shakkii sanaa hin mil'atu.

Faayidaa: Sujuudni irraanfannaa salaamataa baafachuun duratti ta'a: hir'ina irraa, yookiin shakkii irraa ta'ee, homaa isa biratti irra caalaa yoo hin ta'in. Salaamataa erga baafatanii booda ta'a: daballii irraa, yookiin shakkii irraa yoo ta'e, waan isa biratti irra caalaa ta'etti hojjata. Kana keessatti amriin laafaadha, yoo Rabbiin ol ta'e fedhe.

Kudha tokkoffaa: yeroolee salaanni isaan keessatti dhoorgamu:

Bu'uurri yeroowwan hunda keessatti salaatuun eeyyamamaa ta'uudha Haa ta'u malee, Shari'aan yeroolee garii keessatti salaata dhoorguudhaan dhufeera, isaanis akka armaan gadiiti:

1- Salaata fajrii booda irraa hanga aduun baatee, akkaataa ilaalcha namaatiin lafa irraa tilmaama eeboo ol fuudhamtutti.

2- Yeroo walakkaa samii irra dhaabatte keessatti, hanga jallattutti, kun irra gabaabaa yeroolee salaanni isaan keessatti dhoorgameeti.

3- Salaata asrii booda irraa hanga aduun lixxutti, inni kun irra dheeraa yeroowwan salaanni isaan keessatti dhoorgameeti.

Salaatowwan yeroolee dhoorgaaa keessatti eeyyamaman:

1- Salaatowwan dirqamaa nama jalaa dabran qadaa baasuu.

2- Salaata sababaa qabu, kan akka: tahiyyaa masjidaa, raka'aa lamaan xawaafaa, salaata kusuufaa fi salaata janaazaati.

3- Salaata fajrii boodaan sunnaa fajrii qadaa baasuu.

Kudha lammaffaa: Salaata jamaa'aa:

Innis mallattoo guddaa tokko kan mallattoolee islaamummaa irraa ta'e yoo ta'u, kunis salaata jamaa'aan masjiidota keessatti salaatuudha, Dhugumatti, muslimoonni salaata shanan masjiidota keessatti raawwachuun, hojiilee Rabbiif ajajamuu keessaa irra jabaa fi irra guddaa wantoota gara Rabbiitti ittiin dhihaataniin keessaa ta'uu irratti waliigalaniiru, inumaayyuu irra guddaa mallattoolee islaamummaati.

1- Hukmii (murtii) Salaata jamaa'aa:

Dhiirota danda'an irratti salaatowwan dirqamaa shanan masjiidatti salaatuun dirqama. Biyyaa fi imala keessattis, Haala nageenyaatii fi sodaa keessattiS dirqama tokko tokkoon nama hundaa irra jirudha.

Qur'aannii fi Hadiisni, akkasumas hojiin muslimootaa kan dhaloonni dhaloota irraa, worri booda dhufan worra dura darban irraa kan walirraa dhaalaa dhufe, salaanni jamaa'aa dirqama ta'uu agarsiisaniiru.

Qur’aana irraa ragaan jecha Rabbii ol ta'eeti:

﴿وَإِذَا كُنتَ فِيهِمۡ فَأَقَمۡتَ لَهُمُ ٱلصَّلَوٰةَ فَلۡتَقُمۡ طَآئِفَةٞ مِّنۡهُم مَّعَكَ...﴾

﴾Yeroo isaan keessa jiraattee salaata isaaniin dhaabde, gareen isaan irraa taate takka si waliin haa dhaabbattuu..﴿  [Annisaa'i: 102]. Aayanni tun salaanni jamaa'aa dirqama jabaa ta'uu isii agarsiifti, Haala sodaa keessattillee isa dhiisuun muslimootaaf waan hin hin eeyyamaminiif, Odoo dirqama ta'uu baatee, isa hambisuuf sabani irra caalu sodaa ta'a ture. Salaata jama'aa dhiisuu fi ishee irraa nuffuun irra beekamaa mallattoolee munaafiqootaa keessaa isa tokkoodha.

Hadiisa irraa immoo hadiisonni hedduun ni jiru, isaan keessaa:

Sahiiha Muslim keessatti waan dhufedha

أَنَّ رَجُلًا أَعْمَى قَالَ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، لَيْسَ لِي قَائِدٌ يَقُودُنِي إِلَى الْمَسْجِدِ، فَسَأَلَهُ أَنْ يُرَخِّصَ لَهُ أَنْ يُصَلِّيَ فِي بَيْتِهِ، فَرَخَّصَ لَهُ، فَلَمَّا وَلَّى دَعَاهُ فَقَالَ: «هَلْ تَسْمَعُ النِّدَاءَ؟» قَالَ: نَعَمْ، قَالَ: «فَأَجِبْ».

Namichi jaamaan tokko akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii, nama gara masjiidaatti na harkisu hin qabu, jedhee mana isaatti salaatuu akka isaaf eeyyamanuuf isaan gaafannaan, isaanis isaaf eeyyamani. Yeroo inni deemuuf garagale isa waamanii akkas jedhaniin: «Waamicha ni dhageessaa?» Innis: eeyyeen, jedhe. Isaanis: «Owwaadhu» jedhan33.

Kanaafuu Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata jamaa'aaf masjiidatti akka argamuufi waamichas akka owwaatu isa ajajan, jaamaa ta'uu fi rakkina isa muudatu wajjin. Kunis salaanni jamaa'aa dirqama ta'uu agarsiisa.

2- Waan jamaa'aan ittiin aragatamu:

Jamaa'aan, salaata irraa rak'aa tokko imaamaa wajjiin dhaqqabachuun aragatama, Jecha nabiyyiitiif jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«مَنْ أَدْرَكَ رَكْعَةً مِنَ الصَّلَاةِ فَقَدْ أَدْرَكَ الصَّلَاةَ».

«Namni salaata irraa rak'aa tokko qaqqabate, salaata qaqqabateera»34.

3- Waan raka'aan ittiin qaqqabatamu:

Raka'aan rukuu'a qaqqabachuun qaqqabatama, Yeroo namni salaataan boodatti hafe imaamaa jilba qabatuu qaqqabe: dirqamatti otuu dhaabbatuu takbiiraa hidhannaa jedha, eegasii jilba qabachuuf ammas Allaahu akbar jedhee jilba qabata. Osoo dhaabbachuutti jiruu yoo takbiiraa harramannaa qofarratti gabaabbate, takbiiraa jilba qabachuu (rykuu'ii) irraa isaaf gahaadha.

4- Wantoota salaata jamaa'aa dhiisuuf sababaa namaaf ta'an:

1- Dhukkuba, gara Jumu'aa fi Jama'aatti dhufuun kan itti ulfaatu yoo ta'e.

2- Fincaan yookiin sagaraan dhiphachuudha; Sababni isaas isaa isa mudduu salaatuun khushuu'iin salaataa dhabamuu waan fiduuf jecha, akkasumas qaama irrattis miidhaa waan fiduuf jecha.

3- Nyaanni dhiyaatee, ilmi namaa beela'aa ta'uudha, yookaan osoo lubbuun isaa nyaataf hawwituu, garuu kana aadaa yookiin mala salaata jamaa'aa irraa ittiin hafu godhachuu hin qabu.

4- Sodaa lubbuu, yookaan qabeenya ykn waan biroo irratti mirkanaa'aa ta'e.

Kudha sadaffaa: Salaata sodaa:

Salaanni sodaa lola eeyyamamaa hunda keessatti seera godhamaadha, kan akka lola kaafirootaa, daangaa darbitootaa, fi saamtotaa keessatti, jecha Rabbii ol ta'eetiif jecha:

﴿...إِنۡ خِفۡتُمۡ أَن يَفۡتِنَكُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ...﴾

﴾...yoo warri kafaran isin rakkisuu sodaattan...﴿ [Annisaa'i: 101], Warra isaanin loluun eeyyamamu biroos kanumatti fakkeessi.

Salaanni sodaa ulaagaalee lamaan karaa godhama:

1) Diinni diina isaan loluun eeyyamamu ta'uudha.

2) Yeroo salaataatti Muslimoota weeraruun isaa sodaatamuudha.

Akkaataa salaata sodaa:

Salaata sodaatiif akkaataa baay'eetu jiru yoo ta'u, irra beekamaan akka Hadiisa Sahal keessatti dhufedha -Rabbiin isa irraa haa jaallatu:

أَنَّ طَائِفَةً صَفَّتْ مَعَ النَّبِي ﷺ، وَطَائِفَةً وِجَاهَ العَدُوِّ، فَصَلَّى بِالَّتِي مَعَهُ رَكْعَةً، ثُمَّ ثَبَتَ قَائِمًا، وَأَتَمُّوا لِأَنْفُسِهِمْ، ثُمَّ انْصَرَفُوا، وَصَفُّوا وِجَاهَ العَدُوِّ، وَجَاءَتِ الطَّائِفَةُ الأُخْرَى، فَصَلَّى بِهِمُ الرَّكْعَةَ الَّتِي بَقِيَتْ مِنْ صَلَاتِهِ، ثُمَّ ثَبَتَ جَالِسًا، وَأَتَمُّوا لِأَنْفُسِهِمْ، ثُمَّ سَلَّمَ بِهِمْ.

Gareen tokko Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin salaataaf saffii qabatan, gareen biraa immoo diina fuuldura dhaabbatan. Warra isaan wajjin jiranuun raka'aa tokko salaatanii, eegasii dhaabbatanii hafan, isaanis ofii isaanitiif itti guuttatanii, egasii deemanii diina fuulduratti hiriiran. Gareen biraa immoo dhufanii, nabiyyiinis salaata isaanii irraa raka'aa hafe isaanin salaatanii, eegasii taa'anii hafan, isaanis ofiif itti guuttatanii, Eegasii isaan waliin salaamataa baaafatan35.

Salaata sodaa irraa wantoota armaan gadii fayyadamna:

1- Barbaachisummaa salaanni Islaama keessatti qabuu fi barbaachisummaa salaata jamaa'aati, haalaawwan rakkisoo kana keessattillee hin kufne.

2- Ummata kana irraa rakkina kaasuudha, laafina shari'aatii fi yeroo fi iddoo hundaaf tolaa ta'uu isaa.

3- Guutummaa shari'aa Islaamaa, haala hundaaf wanta isaaf tolu seera baasee jira.

Kudha afraffaa: Salaata jumu'aa:

Tokkoffaa: Hukmii (murtoo) isaa:

Salaanni jumu'aa dhiira Musliimaa kan baallaghee, sammuun isaa fayyaa ta'ee, jiraataa ta'ee fi sababaa hin qabne hunda irratti dirqama.

Jecha Rabbii ol ta'eetiif:

﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِذَا نُودِيَ لِلصَّلَوٰةِ مِن يَوۡمِ ٱلۡجُمُعَةِ فَٱسۡعَوۡاْ إِلَىٰ ذِكۡرِ ٱللَّهِ وَذَرُواْ ٱلۡبَيۡعَۚ ذَٰلِكُمۡ خَيۡرٞ لَّكُمۡ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ 9﴾

﴾Yaa warra amantan! Yeroo guyyaa Jimaataa keessatti salaataaf lallabame gara zikrii Rabbii deemaa; gurgurtaa dhiisaa. kanatu isiniif caala Yoo kan beektan taatan﴿. [Al-jumu'aa: 9].

Akkasumas jecha nabiyyiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«لَيَنْتَهِيَنَّ أَقْوَامٌ عَنْ وَدْعِهِمُ الْجُمُعَاتِ، أَوْ لَيَخْتِمَنَّ اللَّهُ عَلَى قُلُوبِهِمْ، ثُمَّ لَيَكُونُنَّ مِنَ الْغَافِلِينَ».

«Namoonni Jum'aawwan dhiisuu irraa haa dhaabbatanu, yookaan Rabbiin onnee isaanii irratti cufa, ergasii warra dagattoota irraa ta'u»36.

Lammaffaa: Ulaagaalee sirrummaa salaata jumu'aa:

a) Yeroo: Yeroon isaas akka yeroo salaata zuhriiti, Yeeroo isaatiin duratti sirrii hin ta'u, yeroon isaas erga ba'een boodas sirrii hin ta'u.

2) Jamaa'aan irratti argamuu, irra xiqqaan jamaa'aa yaada sirrii ta'e irratti nama sadiidha, Nama tokko qofa irraa sirrii hin ta'u, nama lama irraas.

3) Namoonni salaatan ijaarsa keessatti manneen akkaataa ijaarsa baratamaa ta'een ijaaraman keessa kan qubatan ta'uudha, Sun simmintoo sibiilaan jabeefame irraa ta'us, yookiin dhagaa, yookiin dhoqqee fi kanneen biroo irraas ta'us tokkuma, Kanaafuu, worra baadiyyaa abbootii dunkaanaatii fi abbootii mana rifeensaa, kanneen bakka dhaabbataa hin qubanne, kan horii isaaniitiif dheeda hordofaa godaanan irraa sirrii hin ta'u jechuudha.

4- Khuxbaan lama isa duratti ta'uudha, ergamaan --Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan isaan lamaan raawwachaa turaniif jecha.

Sadaffaa: rukniiwwan khuxbaa lameen jumu'aa:

1- Rabbi faarsuu fi Shahaadaa lamaan.

2- Nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salawaata buusuu.

3- Sodaa Rabbii dhaamuu.

4- Qur'aana irraa waa qara'uu.

5- Gorsa kennuu.

Afraffaa: Wantoota khuxbaa lameen jumu'aa keessatti faarfamoo ta'an:

1- Minbara irratti khuxbaa gochuu.

2- Khuxbaa lamaan jidduu taa’umsa salphaadhaan gargar baasuu. 3- Isaan lamaan keessatti Muslimootaa fi hooggantoota isaaniitiif du'aa'ii gochuu.

4- Isaan lamaan gabaabsuu.

5- Khaxiibni minbara irratti yeroo ba'u keessatti namootaan salaamataa jechuu.

Shanaffaa: Hojiiwwan Guyyaa Jimaataa jaallatamoo ta'an:

1- Afaan rigachuu.

2- Waan urgaa'u dibachuu, yoo argame.

3- Salaata jumu'aatiif ganameeffatanii ba'uu.

4- Gara Masjidaa miilaan deemuu fi yaabbachuu dhabuu.

5- Imaamatti dhihaachuu.

6- Du'aa'ii gochuu.

7- Suuraa Kahfi qara'uu.

8- Salawaata nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- buusuu.

Jahaffaa: Wantoota namni jumu'aa dhaqe irraa dhoorgamu:

1- Guyyaa Jumu’aa osoo imaamni gorsatti jiruu dubbachuun haraama ta’a, jecha isaanitiif jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«إِذَا قُلْتَ لِصَاحِبِكَ يَوْمَ الْجُمُعَةِ: أَنصِتْ، وَالْإِمَامُ يَخْطُبُ، فَقَدْ لَغُوتَ».

«Guyyaa Jumu’aa, osoo imaamni gorsa irra jiruu hiryyaa keetiin callisi yoo jette, ati dhugumatti taphattee jirta»37. jechuunis: laghwii hojjatte jechuudha, laghwii jechuun: yakka jechuudha.

2- Gateettii namootaa irra tarkaanfachuun ni jibbama, yoo imaama ta'e malee, yookaan bakka duwwaa sanaan maletti bira hin ga'amne tokkotti tarkaanfachuuf yoo ta'e malee.

Jumu'aa dhaqqabachuu:

Namni salaata jumu'aa irraa raka'aa lammaffaa keessatti rukuu'a imaama waliin qaqqabate; jumu'aa qaqqabeera, raka'aa lammaffaa itti guuta. Raka'aa lammaffaa irraa rukuu'a yoo hin qaqqabatin immoo, dhugumatti salaanni isa jalaa darbeera, Zuhrii godhee raka'aa afur guuta. Akkasuma namni hirriibaaf yookiin sababa biraatiif Jumu'aan isa jalaa dabres, Zuhri salaata.

Kudha shanaffaa: Salaata warra uzrii (sababaa) qabanuu:

Tokkoffaa: Salaata dhukkubsataa:

Tokkoffaa: Dhukkubsataa irratti akkuma dandeettii isaatti salaata raawwachuun dirqama ta'a, Hanga sammuun isaa bakka jirutti yeroo isii irraa tursiisuun isaaf hin eeyyamamu.

Lammaffaa: dhukkubsataan akkamitti Salaata?:

1- Dhukkubsataan tokko akkoo fi miidhaan maleetti dhaabbatee salaatuu yoo danda'e, dhaabbatee salaatuun, akkasumas rukuu'a gochuu fi sujuuda gochuun irratti dirqama ta'a.

2- Dhaabbachuu osoo danda'uu rukuu'a yookiin sujuuda gochuun kan miidhamu yoo ta'e rukuu'aaf dhaabbatee akeeka, sujuudaaf immoo taa'ee akeeka.

3- Dhaabbatee salaatuu yoo hin dandeenye, taa'ee salaata, Sunnaan bakka dhaabbii keessatti miila lamaan dachaasee, wal jala dabarsee taa'uudha, rukuu'aaf ni akeeka, sujuuda immoo yoo laafef dachii irratti sujuuda godha, yoo ta'uu baate ammoo ni akeeka, sujuudni rukuu'a irra gadi bu'aa ta'a.

4- Taa'ee salaatuu yoo hin dandeenye; cinaacha isaa irratti hirkatee salaata, fuulli isaa gara qiblaatti garagala, Yoo laafeef cinaachi mirgaa caalaadha, ruku'aa fi sujuudafis ni akeeka.

5- Cinaacha isaa irratti hirkatee salaatuu yoo hin dandeenye; dugda isaatiin ciisee salaata, miilli isaa lamaan gara Qiblaatti ta'u, Rukuu'aa fi Sujuudaaf ni akeeka.

6- Rukuu'aa fi sujuuda keessatti qaama isaatiin akeekuun yoo isaaf hin laafne, mataa isaatiin akeeka. Yoo kunis itti ulfaate, akeekuun irraa kufa. Hojiiwwan salaataa qalbii isaa irra oofa. Haaluma irra jiru irratti ta'ee, gochoota salaataa, kan akka rukuu'aa, sujuudaa fi taa'ichaa niyyata, zikriiwwan ishees ni jedha.

7- Dhukkubsataan ulaagaalee salaataa irraa waan danda'e ni raawwata: kan akka gara Qiblaa garagaluu, bishaanin wadda'achuu, yookaan yeroo dadhabe tayammuma godhachuu fi najaasaa irraa qulqulleeffachuu. waantoota kana irraa waan tokko yoo kan dadhabu ta'e, isa irraa bu'a, akkaataadhuma isaaf miijjatuun salaata, salaatas yeroo ishee irraa hin tursiisu.

8- Sunnaan dhukkubsataan bakka dhaabbii fi rukuu'aa keessatti tarabbu'aan (miila isaa bitaaa fi mirgaa wol jala seenisisuun teessuma isaatiin lafa irra taa'uudha) taa'uudha, waan kanaan ala jiru immoo afatee taa'a (miila isaa mirgaa ol dhabuun kan bitaa irraa taa'uudha) .

Lammaffaa: ٍsalaata imaltuu:

1- Warra uzrii qaban keessaa tokko: imaltuudha, salaata raka'aa afurii, afur irraa gara raka'aa lamaatti gabaabsuun isaaf karaa godhameera, Jecha Rabbii ol ta'eetiif:

﴿وَإِذَا ضَرَبۡتُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَلَيۡسَ عَلَيۡكُمۡ جُنَاحٌ أَن تَقۡصُرُواْ مِنَ ٱلصَّلَوٰةِ...﴾

﴾Yeroo dachii keessa deemtan, salaata irraa gabaabsuu keessaniin badiin homaatuu isin irra hin jiru ...﴿ [Annisaa'i: 101].

Anas ibnu Maalik irra akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:

«خَرَجْنَا مَعَ النَّبِيِّ ﷺ مِنَ الْمَدِينَةِ إِلَى مَكَّةَ، فَكَانَ يُصَلِّي رَكْعَتَيْنِ رَكْعَتَيْنِ، حَتَّى رَجَعْنَا إِلَى الْمَدِينَةِ».

«Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin Madiinaa irraa gara Makkaatti baane, hanga Madiinaatti deebinutti rak'aa lama lama salaataa turani»38.

Gabaabsuun kan jalqabamu imaltuun ijaarsa biyya isaa irraa ba'uuni; Rabbiin nama dachii keessatti imaleef gabaabsuu eeyyameef waan ta'eef jecha. Biyya isaa irraa ba'uun duratti imaltuu hin jedhamu, akkasumas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo imalaaf fe'atanii karaa bu'an qofa gabaabsaa waan turaniif jecha.

2- Fageenyi namni imala barbaadu yoo isa deeme salaata gabaabsuun isaaf eeyyamamu tilmaamaan kiiloo meetira saddeettama.

3- Imaltuun yeroo imala isaa irraa deebi'utti hanga biyya isaa kan irraa ba'e seenutti gabaabsuu ni danda'a.

4- Namni imala irra jiru yoo biyya wahii ga'ee isa keessa turuu yaade, haala sadiitu isaaf jira:

A) Guyyaa afurii ol achi turuu niyyachuudha; Guyyaa jalqaba qubate irraa eegalee salaata guutee salaatuun isa irratti dirqama ta'a, eeyyama imalaatti hin fayyadamu.

B) Guyyaa afurii fi isaa gadi achi turuu niyyachuudha; Salaata gabaabsuu fi rukhsaawwan (laafintaa) imalaatti fayyadamuun isaaf ni eeyyamama.

C) Qubannaa yeroo murtaa'ee tokko niyyachuu dhabuudha, hangi inni achi turu akka iddoon isaaf mijjaa'etti guyyaa tokko, yookaan guyyaa kudhan turuu danda'a, yookaan dhimma yaalaa yookaan hordoffii qaba ta'a, yeroo dhimmi isaa xumurametti gara biyya isaatti deebi'a; Isa kanaaf hanga deebi'utti salaata gabaabsuu fi eeyyama imalaatti fayyadamuun ni eeyyamama, yeroon turtii isaa guyyaa afur irra kan dabalu yoo ta'ellee.

5- Namni imala irra jiru yoo imaama biyya jiru duubaan salaate; salaata guutuun isa irratti dirqama ta'a, Tashahhuda xumuraa qofa isa waliin qaqqabate yoo ta'ellee.

6- Namni biyya jiru yoo nama imala irra jiru kan salaata gabaabsu duubaan salaate; salaamata imaamaa boodaan, salaata isaa guutuun isa irratti dirqama ta'a.

 

Kudha ja'affaa: Salaata iida lameenii:

Iidowwan Muslimtootaa iidowwan Rabbi irraa ta'an yoo ta'u, Rabbii ol ta'eetu isaaniif karaa godhe, malee isaan ofiif karaa hin godhanne. Iida lama malees hin qaban, isaanis: Iida Al-fixrii fi Iida Al-ad'haati. faallaa Iidowwan kaafirootaa yookaan Iidowwan bida'aa, kan Rabbiin ol ta'e karaa isaan hin taasisiniii fi kan isatti hin ajajiniitti, inumaayyuu isaan ofuma biraa isaan karaa godhatan.

Hukmii (murtoo) salaata iida lameenii:

Dirqama namoonni hangi tokko yoo isa raawwate kaan irraa kufu yoo ta'u, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- itti fufiinsaan raawwataa turan, akkasumas Khaliifonni qajeeloonis akkasumatti raawwataa turan, Rabbiin isaan hunda irraa haa jaallatu. Isiin alaabaawwan amantichaa fi mallattoolee isaa mul'atoo ta'an irraayyi.

Yeroon salaata iida lameenii: Yeroon salaata iidaa yeroo aduun hanga eeboo ol fuudhamte irraa jalqaba, jechuunis: erga aduun baatee tilmaamaan daqiiqaa kudha shan booda jechuudha, aduun dabuudhaan immoo ni dhumata.

Akkaataa salaata iida lameenii:

1- Raka'aa jalqabaa keessatti takbiiraa hidhannaa jedha, ergasii du'aa'ii baniinsaa qara'a, ergasii takbiiraa ja'a jedha, takbiiraa hunda wajjin harka isaa lamaan ol kaasa, takbiiraawwan jidduutti Rabbiin faarsee, Nabiyyii irratti ﷺ salawaata buusa, ergasii isti'aazaa fi basmalaa jedhee qara'uu jalqaba.

2- Raka'aa lammaffaa keessatti, takbiiraa haala tokko irraa gara haala biraatti ittiin ce'an boodaan, takbiiraa shan jedha, ergasii isti'aazaa fi basmalaa jedhee qara'uutti seena, raka'aa jalqabaa keessatti Faatihaa boodaan Suuraa Al-A'alaa qara'uu fi kan lammaffaa keessatti ammoo Suuraa Al-Ghaashiyaa qara'uun ni jaallatama.

3- imaamni booda salaamataa jedhee; minbara irratti ol ba'ee, khuxbaa lama khaxaba, gidduu isaanitti taa'umsa gabaabaas ni taa'a, akkuma khuxbaa jumu'aa keessatti hojjatamutti.

Sunnaawwan iidaa:

A- Dhiqannaa.

B- Qulqulleeffachuu fii Waan urgaa'u dibachuu.

C- Iida Al- fiixrii keessatti ba'uun duratti nyaachuu, Iida Al-ad-haa keessatti immoo booda isaatti yoo uduuhiyyaa qabaate uduuhiyyaa isaa irraa nyaachuu.

D- Miilaan deemanii ba'uu.

H- Karaa tokkoon deemanii, karaa biraatiin deebi'uu.

Imaamni osoo hafuu namni isa duubaan salaatu iddoo salaataatti dursee argamuu.

Allaahu Akbar jechuu:

Halkan Iida lamaanii, guyyoota kurnan Zul Hijjaatii fi Ayyaamu Al-Tashriiq keessatti Takbiiraa jechuun Sunnaa ta'a, innis gosa lama:

Gosa tokkoffaa: Takbiira banaa ta'edha: innis isa yeroo murtaa'een hin daangeffamne dha.

1- Iida Al-fixrii keessatti: Halkan Iidaa aduun lixuuu irraa kaasee, hanga salaanni Iidaa jalqabamutti.

2- Iida Al-Ad-haa keessatti: Zul Hijjaa irraa lixa aduu halkan guyyaa jalqabaa irraa eegalee, hanga lixa aduu guyyaa Ayyaamu Al-Tashriiq kan dhumaatti itti fufa.

Gosti lammaffaan: Takbiiraa yeroon daangeffamaa ta'eedha: innis isa booda salaata dirqamaatti daangeffamedha.

1- Namni Muhrima hin taane: Fajrii guyyaa Arafaa irraa eegalee hanga Asrii guyyaa dhumaa Ayyaamuttashriiqitti itti fufa.

2- Muhrimni immoo: Salaata Zuhrii guyyaa Iidaa irraa eegalee hanga asrii guyyaa dhumaa Ayyaamuttashriiqitti itti fufa.

Kudha torbaffaa: Salaata kusuufaa:

Hiikkaa khusuufii fi kusuufii:

Khusuufni: ifni ji'aa yookaan gariin isaa halkan keessatti baduudha.

Kusuufni immoo: ifni aduu yookiin gariin isaa guyyaa keessatti baduudha.

Hukmii (murtoo) salaata kusuufaa:

Sunnaa jabeefamtuudha, gochi Ergamaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kana agarsiiseera, ifni aduu bara isaanii keessatti badee jennaan waan salaataniif jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu. Akkasuma itti ajajuun isaaniitis kana agarsiiseera, ulamaa'iinis karaa godhamuu ishee irratti walii galaniiru.

Yeroo ishee:

Jalqaba aduun dukkanooftee, yookiin jiini dukkanaa'ee irraa kaasee hanga ifutti; innis dukkanni ji'a yookiin aduu aguuge dhabamuudha.

Akkaataa itti salaatan:

Rak'aan ishee lama, isaan lamaanuu keessatti sagalee ol fuudhee qara'a, akkaataan ishees akka armaan gadiiti:

A- Takbiiraa hidhannaa jedhee, du'aa'ii baniinsaa qara'a, akkasumas A'uuzu billaahii fi bismillaah jedhee Faatihaa qara'a, ergasii qaraatii dheeraa qara'a.

B- eegasii rukuu'a dheeraa bu'a.

C- Eegasii rukuu'a irraa (Sami'allaahu liman hamidah) jechaa ol jedha, eegasii Faatihaa qara'a, eegasii qaraatii dheeraa kan duraa irra gabaabaa ta'e qara'a.

D- Eegasii rukuu'a dheeraa, kan duraa irra gabaabaa ta'e godha.

E- Eegasii rukuu'a irraa: (Sami'allaahu liman hamidah) jechaa ol jedha.

F- Eegasii sujuuda dheeraa lama sujuuda bu'a.

G- Eegasii raka'aa lammaffaaf ol ka'a, isheenis akkuma raka'aa jalqabaati, garuu kan duraa irra gabaabduudha.

Sunanaawwan ishee:

A) Akkana jechuudhaan isheef lallabuudha: (Assalaatu jaami'ah), jechuunis: Salaata walitti qabduu, jechuudha.

B) Jamaa'aadhaan salaatamuudha.

C) Salaata keessatti, dhaabbii, rukuu'aa fi sujuuda dheeressuudha.

C) Raka'aan lammaffaan tan duraa caalaa gabaabduu ta'uudha.

D) Isii boodaan gorsuudha, dalagaa gaggaarii hojjachuu fi badiiwwan dhiisuu irratti kakaasuudha.

E) Du'aa'ii baay'isuudha, akkasumas rakkina mual'ifachuu, araarama kadhachuu fi sadaqaa baay'isuudha.

Kudha saddeettafaa: Salaata istisqaa'a:

1) Istisqaa'a jechuun: yeroo hoongeen mudatetti rooba akka roobsuuf Rabbii ol ta'e kadhachuudha.

Yeroo salaanni rooba barbaaduu (istisqaa'a) karaa itti godhamu:

Salaanni rooba kadhannaa kan karaa godhamtu, yeroo lafti gogdee, roobnis dhabamee, sababaa cituu isaatiin miidhaan uumamedha. Yeroo kanatti, gosa kadhannaa gadi of qabiinsaa adda addaatiin gara Rabbii isaaniitti gadi of qabanii kadhachuu, roobaa fi gargaarsa isa irraa barbaaduu malee filannoo biraa hin qabanu.

A- Yeroo tokko tooko jamaa'aadhaan salaatuun yookaan kophaa salaatuuni.

B- Yeroo tokko tokko immoo khuxbaa jumu'aa keessatti du'aa'ii gochuun, khaxiibni du'aa'ii godha, muslimoonni immoo du'aa'ii isaa irratti aamiin jedhu.

D- Yeroo tokko tokko immoo, yeroo kamittuu salaataa fi khuxbaan alaaatti du'aa'ii gochuudha.

Hukmii (murtoo) salaata istisqaa'a:

Yeroo sababni ishee argametti sunnaa jabeeffamtuudha, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkas godhaniif jecha, akkuma akka hadiisa Abdallaah ilma Zeydii keessatti dhufetti, -Rabbi isa irraa haa jaallatu-, akkana jedhe:

«خَرَجَ النَّبِيُّ ﷺ إِلَى الْمُصَلَّى، فَاسْتَسْقَى، وَاسْتَقْبَلَ الْقِبْلَةَ، وَقَلَبَ رِدَاءَهُ، وَصَلَّى رَكْعَتَيْنِ».

«Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nagenya isaan irratti haa buusu- gara bakka salaataatti ba'anii, rooba kadhatan, Qiblaatti garagalanii, uffata isaanii kan gubbaa garagalchan, akkasumas raka'aa lama salaatan»39.

Akkaataa salaataa rooba kadhannaa:

Akkaataan salaata rooba kadhannaa bakka ishee keessatti akkuma salaata iidaati. Akkuma salaata iidaatti eddoo salaataa (dirree) keessatti ishee raawwachuun ni jaallatama, seeronni isiis akkuma seerota salaata iidaati; lakkoofsa raka'aalee keessatti, sagalee ol fuudhanii qara'uu keessatti, khuxbaa duratti salaatamtu ta'uu isii keessattii fi qaraatiin duratti takbiiraalee dabalataa kan raka'aa jalqabaa fi lammaffaa keessatti godhaman keessattis, Akkuma ibsi isaa Salaata iida lameenii keessatti dabretti. Khuxbaa tokko qofa godha.

Kudha saglaffaa: Seerota janaazaa:

Tokkoffaa: nama namicha lubbuun isaa ba'uuf fiixee jirtu bira jiruuf:

1- Nama namicha duuti itti dhufte bira jiruuf, «Laa ilaaha illallaah» isa jechisiisuun sunnaa ta'aaf.

2- Gara qiblaatti garagalchamuunis sunnaadha.

3- Ija isaa lamaan walitti qabuun ni jaallatama.

Nama du'e booda inni du'ee uffataan haguuguun sunnaadha.

5- Isa gaggeessuu keessatti ariifachuutu barbaachisa.

6- Liqii isaa hatattamaan kaffaluun dirqama ta'a.

7- Du'aan ni dhiqamuun kafanama, isaan lamaanuu Fardii Kifaayaati (dirqama namni gariin hojjannaan garii irraa bu'u jechuudha).

Lammaffaa: Seerota nama du'e irratti salaatuu:

Hukmiin (murtoo) ishee: fardii kifaayaati, jechuunis: dirqama namoonni muraasni yeroo isa raawwatan namoota hafan irraa kufu, jechuudha.

Ulaagaalee ishee:

1) Gara qiblaatti garagaluu.

2) awraa dhoksuu

3) Najaasaa irraa fagaachuu.

4) Namni salaatuu fi kan irratti salaatamu qulqullina qabaachuudha.

5) Namni salaatuu fi kan irratti salaatamu muslima ta'uudha.

6) Yoo biyya jiraate janaazaa irratti argamuudha.

7) Nama itti gaafatamummaa qabu ta'uudha.

Rukuniiwwan ishee:

1) Ishee keessatti dhaabbachuu.

2) takbiiraalee afran.

3) suuraa Faatihaa qara'uu.

4) Nabiyyirratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salawaata buusuudha.

5) Nama du'eef du'aa'ii gochuu.

6) Tartiibaan oofuu.

7) Salaamataa baafachuu.

Sunnaawwan ishee:

1) Takbiiraa hunda waliin harka lameen ol kaasuu.

2) Maganfannaa.

3) Ofii isaatii fi Muslimootaaf dkadhachuu.

4) Gadi qabanii qara'uu.

5- Takbiiraa afraffaa boodaan salaamtaa baafachuun duratti xiqqoo dhaabbachuudha.

6) Harka mirgaa kan bitaa irra kaa'anii, laphee gubbaa kaa'uudha.

7) Yeroo salaamataa baafatan gara mirgaaa mil'achuu.

Akkaataa ishee:

Imaamniifi namni kophaa salaatu qoma dhiiraa biraa fi walakkaa dubartii bira dhaabatee, takbiiraa ihraamaa jechuudha, akkasumas ni maganfata, du'aa'ii istiftaahii hin jedhu, bismillaahi jedhee, faatihaa qara'a.

Eegasii takbiiraa jedhee, Nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salawaata buusa, eegasii takbiiraa jedhee, nama du'eef waan dhufeen du'aa'ii godha; Akka jecha Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِحَيِّنَا وَمَيِّتِنَا، وَصَغِيرِنَا وَكَبِيرِنَا، وَذَكَرِنَا وَأُنثَانَا، وَشَاهِدِنَا وَغَائِبِنَا، اللَّهُمَّ مَنْ أَحْيَيْتَهُ مِنَّا فَأَحْيِهِ عَلَى الإِيمَانِ، وَمَنْ تَوَفَّيْتَهُ مِنَّا فَتَوَفَّهُ عَلَى الإِسْلَامِ، اللَّهُمَّ لَا تَحْرِمْنَا أَجْرَهُ، وَلَا تُضِلَّنَا بَعْدَهُ».

«Allaahummaghfir lihayyinaa wamayyitinaa, wasaghiirinaa wakabiirinaa, wazakarinaa wa unsaanaa, washaahidinaa waghaa'ibinaa, Allaahumma man ahyeytahuu minnaa fa ahyihii alal iimaani, waman tawaffaytahuu minnaa fatawaffahuu alal islaami, Allaahumma laa tahrimnaa ajrahuu, walaa tudillanaa ba'adahu, akkas jechuunis: Yaa Allaah! jiraa fi du'aa keenyaaf, xiqqaa fi guddaa keenyaaf, dhiiraa fi dubartii keenyaaf, as jiraataa fi fagoo jiraataa keenyaaf araarami. Yaa Allaah! nama nurraa jiraachifte Iimaana irratti isa jiraachisi, nama nurraa ajjeefte ammoo Islaamummaa irratti isa ajjeesi. Yaa Allaah! mindaa isaa nu hin dhoorgatin, isa boodas nu hin jallisin» jechuudha40.

Ammas akka jecha isaanii:

«اللَّهُمَّ اغْفِرْ لَهُ وَارْحَمْهُ، وَعَافِهِ وَاعْفُ عَنْهُ، وَأَكْرِمْ نُزُلَهُ، وَوَسِّعْ مَدْخَلَهُ، وَاغْسِلْهُ بِالْمَاءِ وَالثلْجِ وَالْبَرَدِ، وَنَقِّهِ مِنَ الْخَطَايَا كَمَا نَقَّيْتَ الثَّوْبَ الْأَبْيَضَ مِنَ الدَّنَسِ، وَأَبْدِلْهُ دَارًا خَيْرًا مِنْ دَارِهِ، وَأَهْلًا خَيْرًا مِنْ أَهْلِهِ، وَزَوْجًا خَيْرًا مِنْ زَوْجِهِ، وَأَدْخِلْهُ الْجَنَّةَ، وَأَعِذْهُ مِنْ عَذَابِ الْقَبْرِ، وَمِنْ عَذَابِ النَّارِ».

«ِAllaahummaghfir lahuu warhamhu, wa aafihii wa'afu anhu, wa akrim nuzulahuu, wa wassi'i mudkhalahuu, waghsilhu filmaa'i wassalji wal barad, wanaqqihii minal khaxaayaa kamaa naqqayta Asowbal abyada minaddanas, wa abdilhu daaran kheyran min daarihii, wa ahlan khayran min ahlihii, wa zowjan khayran min zawjihii, wa adkhilhul jannata, wa a'izhu min azaabil qabri, wa min azaabinnaar, akkas jechuunis: Yaa Allaah! isaaf araarami, rahmata godhiif, nagaa isa taasisi, dhiifamas godhiif, keessumummaa isaa guddisi, seensa isaa bal'isiif, bishaaniin, fixeensaa fi cabbiin isa dhiqi, badiiwwan irraa isa qulqulleessi akkuma huccuu adii xurii irraa qulqulleessitetti, Bakka jireenyaa kan ganda isaa irra caalu bakka buusiif, warra warra isaa caalaniin bakka buusiif, haadha manaa/abbaa manaa kan haadha manaa/abbaa manaa isaa caaltuun/caaluun bakka buusiif, Jannata isa seensisi, adabbii qabrii jalaa isa baasi, adabbii ibiddaa irraas nagaa isa taasisi» jechuudha41. Eegasii takbiiraa jedhee, xiqqo dhaabbatee, salaamataa tokko gara mirga isaatti baafata.

Kutaa sadaffaa: Zakaa:

1- Hiikkaa Zakaa fi sadarkaa isaa:

Zakaan akka afaanichaatti: guddinaa fi dabalata.

Zakaan akka shari’aatti immoo: haqa qabeenya murtaa'aa ta'e keessatti shari'aan dirqama ta'e, kan garee addaatif kennamudha.

Innis rukniiwwan islaamaa keessaa ruknii sadaffaadha. Qur'aana keessatti bakka saddeettamii lamaatti salaata waliin wal qabsiifamee dubbatame; kun immoo guddina sadarkaa isaatti agarsiisa.

Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

﴿وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ...﴾

﴾Salaata gadi dhaabaa, zakaas kennaa...﴿ [Al-Baqarah: 43].

Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu, akkana jedhan:

«بُنِيَ الإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أَنْ لَا إِلٰهَ إِلَّا اللَّـهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّـهِ، وَإِقَامِ الصَّلَاةِ، وَإِيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَحَجِّ الْبَيْتِ، وَصَوْمِ رَمَضَانَ».

«Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, Mana Rabbii hajja'uu fi Ramadaana soomuudha»42.

Dirqama ta'uu isaa irrattiS muslimoonni wolii galaniiru, Akkasumas namni dirqamummaa isaa mormes kaafira ta'uu isaa irrattis walii galaniiru, Nama isa kennuu dideen loluu irrattis.

2- Ulaagaalee dirqamummaa zakaa:

A) Bilisummaa: Gabra irratti dirqama hin ta'u; sababni isaas qabeenya hin qabu waan ta'eef jecha, wanti harka isaa jiru qabeenya gooftaa isaati, kanaafuu zakaan isaa gooftaa isaa irra ta'a.

B) Islaamummaa: kaafira irratti dirqamaa miti; waan inni waan Rabbitti ittiin dhihaatanii fi ajaja isaa fudhachuu ta'eef, kaafirri immoo warra Rabbitti dhihaatuu fi ajaja fudhatan irraayii miti.

c) Hamma zakaan itti dirqama ta'u (Nisaaba) qabaachuu: wanta nisaabaa gadii keessatti dirqama hin ta'u, innis hanga qabeenyaa beekamaadha.

D) Abbummaa guutuu qabaachuu: abbummaa guutuun qabeeniyichaa kan namichaa ta'uudha; qabeenya abbaa qabeenyummaan isaa hin mirkanaa'in, kan akka liqaa barraa'ee irratti Zakaan hin jiru.

E) Woggaan qabeenyicha irratti naanna'uu: Hadiisa Aa'ishaa keessatti -Rabbi isii irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha:

«لَا زَكَاةَ فِي مَالٍ حَتَّى يَحُولَ عَلَيْهِ الْحَوْلُ».

«Hanga woggaan irra naanna'utti, qabeenya keessatti zakaan hin jiru»43.

3- Qabeenya Zakaan isa keessatti dirqama ta'u:

Tokkoffaa: Beelladoota,

Isaanis Gaala, Loon, Re'ee fi hoolaadha, isaan keessatti zakaan ulaagaa lamaan dirqama ta'a:

1- Hojiif osoo hin taane aannaniifi horsiisaaf horatamuudha.

2- Bobbaatee kan dheeddu ta'uudha, Zakaan beelladoota sooranni isaaniif bitameen qallabamanuun, yookiin dheeda walitti guurameen yookiin waan biraa irraa walitti qabameen sooraman irratti dirqama hin ta'u. akkasumas beelladoota waggaa hunda isaa yookiin irra caalaa isaa osoo hin taane garii dheeddu keessattis zakaan hin jiru.

4- Nisaabota (hanga) Beelladootaa:

1- Zakaa Gaalaa:

Yoo ulaagaaleen guutamte; Hunda gaala shanii keessatti re'ee takkaatu dirqama ta'a, gaala kudhan keessatti re'ee lamaatu dirqama ta'a, gaala kudha shan keessatti re'ee sadiitu dirqama ta'a, digdama keessatti immoo re'ee afuriitu dirqama ta'a, Akkuma Hadiisaa fi ijmaa'iin sana agarsiisutti. Yeroo lakkoofsi isaanii digdamii shan ga'etti, 'Bintu makhaad'iitu isa keessatti dirqama ta'a, isheenis gaala dhaltuu tan waggaa tokko guuttee waggaa lammaffaa seenteedha. Yoo isheen dhabamte immoo 'ibnu labuun'iitu bakka ishee bu'a.

Gaalli yoo soddomii ja'a ga'e; isa keessatti bintu labuuntu dirqama ta'a, isiinis: gaala dhaltuu tan woggaa lama guutattedha.

Yeroo afurtamii ja'a ga'anitti, isa keessatti hiqqaatu dirqama ta'a, isiinis gaala dhaltuu kan waggaa sadii guuttedha.

Yeroo gaalli jaatamii tokko ga'etti, isa keessatti Jaza'aatu dirqama ta'a, isiinis gaala dhaltuu kan waggaa afur guuttedha.

Yeroo lakkoofsi gaalaa torbaatamii ja'a ga'etti; isa keessatti dhaltuu gaalaa tan waggaa lama guutte lamaatu dirqama ta'a.

Gaalli sagaltamii tokko yeroo ga’etti, hiqqaa lamaatu isa keessatti dirqama ta'a.

Yeroo lakkoofsi gaalaa walii galaa dhibba tokkoo fi digdama irra tokkoon caale, gaala dhaltuu waggaa lamaa sadiitu dirqama ta'a. Sana booda, afurtama hunda keessatti gaala dhaltuu waggaa lamaatu dirqama ta'a, shantama hunda keessatti immoo gaala dhaltuu waggaa sadiitu dirqama ta'a.

2- Zakaa Loonii:

Ulaagaaleen yeroo guutame yeroo soddoma geesse, jibicha yookiin raada tokkotu isa keessatti dirqama ta'a; innis waan waggaa tokko guutee waggaa lammaffaa keessa seenedha.

Waan soddomaa gadii keessatti homtuu hin jiru.

Yeroo afurtama guuttetti; raada waggaa lama guuttetu isa keessatti dirqama ta'a.

Yeroo lakkoofsi loonii afurtama irra dabaletti; soddoma isaanii hunda keessatti jabbii dhiiraa yookiin dhalaa kan waggaa tokkootu dirqama ta'a, afurtama hunda keessatti immoo sa'a tan waggaa lama guuttetu dirqama ta'a.

3- Zakaa Re'ee fi Hoolotaa (Busaa'ee):

Walii galli busaa'ee afurtama ga'etti re'ees ta'ee hoolaan, isa keessa tokkotu jira, kunis hoolaa ilkaan cabse, yookiin dhalaa re'eeti.

Re'ee fi hoolaan afurtama irraa hirdhannaan zakaan ishee keessa hin jiru. Walii galli busaa'ee dhibbaafi digdamii tokko yeroo ga'etti, re'ee lamaatu ishee keessatti dirqama ta'a. Yeroo dhibba lamaafi tokko ga'etti, re'oota sadiitu isa keessatti dirqama ta'a.

Ergasii hanga kana boodaan dirqamni jiru dhaabbataa ta'a, re'ee dhibba hunda keessatti re'ee tokkotu dirqama ta'a, kanaaf re'ee dhibba afur keessatti immoo re'oota afurtu dirqama ta'a, akkanumatti itti fufa.

Lammaffaa: Zakaa waan dachii irraa ba'uu:

Wanti dachii irraa ba'u gosa lama:

1) Midhaanii fi fuduraa.

2) Albuudota.

Gosa tokkoffaa: Midhaanii fi fuduraa:

Zakaan midhaan akka Qamadii, Garbuu fi Ruuzii keessatti dirqama. Fuduraalee akka Timiraa fi Zabiibaa keessattis dirqama, Biqiltuulee kanaan ala ta'an, kan akka baaqelaa fi kuduraalee keessatti dirqama hin ta'u.

Ulaagaalee zakaan midhaanii fi fuduraalee keessatti ittiin dirqama ta'u:

1) Waan ol kaa'atamu (kuufatamu) ta'uu: wantoota ol hin kaa'atamne (hin kuufatamne) kan akka muduraa fi kuduraa keessa zakaan hin jiru.

2) Waan safaramu ta'uudha, waan lakkoofsaan yookaan miizaanaan gurguramu, kan akka habhab, shunkurtii, rummaanaa fi waan biroo keessa zakaan hin jiru.

3) Nisaaba (hanga shari'aan kaa'e) ga’uudha: innis wasqii shani (Saa'ii dhibba sadi), waan sanaa gadii keessa zakaan hin jiru.

4) Yeroo zakaan itti dirqama ta'e sanatti nisaabni qabeenya namichaa ta'uudha.

Namni yeroo zakaan dirqama taate booda isa qabaate, zakaan isa irratti dirqama hin taane, akkuma yoo haamaan boodatti isa bitateetti yookiin kennaan isaaf kennameetti.

Yeroo zakaan isaanii itti dirqama ta'u:

Midhaani fi fuduraalee keessatti zakaan yeroo tolinni isaanii mul'atetti dirqama ta'a, Mallattoon mul’achuu tolinnaa akka armaan gadii kana ta'a:

A- Midhaan keessatti: yeroo cimee, gogee, jabaa ta'edha.

b- Fuduraa timiraa keessatti: diimachuu yookiin boorachuuni.

D- Inaba keessatti: laafaa mi'aawaa ta'uudha.

Nisaabni isaaniis:

Nisaabni midhaani fi fuduraalee: Wasqii shani, Wasqiin tokko saa'ii jaatama, Kanaafuu nisaabni saa'ii nabiyyii dhibba sadii ta'a, kiilo giraamaanis: tilmaamaan 900 kg ta'a.

Hanga zakaa isa keessatti dirqama ta'ee:

Waan baasii fi dadhabbiin malee obaafame, kan akka isa bishaan roobaatiifi lagaatiin obaafamuu keessatti kudhan keessaa harka tokkootu dirqama ta'a.

Waan baasii fi dadhabbiin obaafame, kan akka isa bishaan eelaa fi laggeen irraa lubbu qabeeyyiin yookaan meeshaalee ammayyaatiin baafamee obaafamuu keessatti immoo harka kudhan irraa walakkaa harka tokkootu ba'a.

Gosati lammaffaan: Albuuda:

Gosoota wantoota dachii irraa ba'an keessaa inni tokko: albuudota, Isaanis waan gosa dachii irraa adda ta'ee, dachii keessaa baafamudha; kan akka warqee, meetii, sibiilaafi faayaalee.

Yeroo zakaan isii keessatti itti dirqama ta'u:

Yeroo argatee kan ofii isa godhatetti; zakaan isaa battalumatti baasuu qaba, waggaan guutuun irra darbuun isaaf ulaagaa waan hin taaneef. Hangi zakaan isii keessatti itti dirqama ta'u hanga zakaa warqii fi meetii keessatti itti dirqama ta'udha, gatii isaa irraa rub'ii ushriitu baafama.

Sadaffaa: zakaa maallaqaa:

Maallaqni: warqii, meetii fi waraqaa maallaqaati, zakaan isaaniis dirqama. Ragaan jecha rabbii ol taheeti:

﴿...وَالَّذِينَ يَكْنِزُونَ الذَّهَبَ وَالْفِضَّةَ وَلَا يُنْفِقُونَهَا فِي سَبِيلِ اللَّهِ فَبَشِّرْهُمْ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ﴾

﴾Isaan meetaafi warqee kuusatanii, karaa Rabbii keessatti ishee hin baafne adabbii laalessaan isaan gammachiisi﴿. [Attawbaa: 34].

Hadiisa keessatti:

«مَا مِنْ صَاحِبِ ذَهَبٍ وَلَا فِضَّةٍ لَا يُؤَدِّي فِيهَا حَقَّهَا؛ إِلَّا إِذَا كَانَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ صُفِّحَتْ لَهُ صَفَائِحُ مِنْ نَارٍ».

«Abbaan warqii fi meetii kan waan irraa kaffaluun dirqama ta'e hin kaffalle, guyyaa Qiyaamaa gabateen ibiddaa isaaf diriirfamu malee hin hafu»44.

Hayyoonni beekumsaa zakaan warqii fi meetii irratti dirqama ta'uu isaa irratti waliigalaniiru, maallaqni waraqaas hukmii warqii fi meetii qaba; sababni isaas wal-jijjiirraa maallaqaa keessatti isaan irraa bakka bu'a waan ta'eef.

Nisaaba zakaa maallaqaa fi hanga isa keessatti dirqama ta'u:

Inni nisaaba warqee yookaan meetiiti; Sababni isaas maallaqummaa keessatti isaan lamaan irraa bakka bu'a waan ta'eef jecha, kanaaf yeroo nisaabni tokkoo isaanii ga'etti zakaan isa keessatti dirqama ta'a. Irra caalaan nisaaba maallaqa waraqaa har'atti meetiidhaan tilmaamama gochuudha; Sababni isaas warqii caalaa gatiin ishee gadi bu'aa waan ta'eef jecha, kanaafuu nisaabni ishee nisaaba warqee dura ga'a. Muslimni tokko yeroo waan gatii meetii giraama (595)tti qixxaa'u horatee, woggaan irra naanna'etti, zakaan isa keessatti dirqama ta'a. Gatiin giraama meetii yeroo irraa gara yerootti jijjiirama. Namni qabeenya xiqqoo qabu kan qabeenyi isaa hanga zakaan itti dirqama ta'u ni ga'a moo hin ga'uu hin beekne, gatii giraama meetii tokkoo daldaltoota meetii gaafata, eegasii sana giraama (595)tiin baay'isa. Wanti achirraa ba'u sun hanga zakaan itti dirqama ta'uudha.

Faayidaa: Zakaa qabeenya isaa baasuu yoo barbaade; hanga zakaan itti dirqama ta'u sana afurtamaaf qooda, wanti ba'e sun hanga dirqama ta'edha.

Afraffaan: Zakaa meeshaalee daldalaa:

Innis waan bu'aa argachuuf jecha gurgurtaafi bittaaf qophaa'edha, Meeshaaleen daldalaa maallaqaan alaa gosa qabeenyaa, kan akka konkolaataa, uffataa, wayaa, sibiilaa, mukaa fi waan daldalaaf qophaa'e kanneen biroo hunda of keessatti hammata.

Ulaagaalee zakaan meeshaalee daldalaa dirqama itti ta'u:

1- Gocha isaatiin, kan akka gurgurtaa, kireessuu fi karaalee carraaqqii kanneen birootiin ishee horachuudha.

2- Niyyaa daldalaatiin ishee horachuudha; ittiin carraaquu niyyachuun; Sababni isaas hojiin hunduu niyyaadhumaani waan ta'eef jecha, daldalli immoo hojiidha, kanaaf akkuma hojiilee birotti niyyaan isa waliin wal qabachuun dirqama ta'a.

3- Gatiin isaa nisaaba tokkoon maallaqa lamaanii (warqii yookaan meetii) ga'uudha.

4- Waggaan guutuun irra naanna'uudha, innis woggaa tokko ga'uudha.

Akkaataa Zakaa meeshaa daldalaa itti baasan:

Meeshaaleen daldalaa waggaan yeroo irra naanna'etti, maallaqa lamaan warqee yookiin meetii keessaa isa tokkoon tilmaamamti, shallagamtee yoo nisaaba tokkoon maallaqa lamaanii geesse, gatii isii irraa rub'ii ushrii baasa.

Shanaffaa: Zakaa fixrii:

Isheen Sadaqaa xumura ji'a Ramadaanaa irratti dirqama taatudha. Hijraa irraa waggaa lammaffaatti dirqama taasifamte.

Murtoo ishee:

Zakaan fixrii muslima guyyaa iidaa fi halkan iidaa, nyaata isaa fi maatii isaatiif ga'ee irraa hafu qabu hunda irratti dirqama taati. Muslima hunda irratti dirqama; dhiiras ta'ee yookaan dubartii, xiqqaas ta'ee yookaan guddaa, bilisas ta'ee yookaan gabra, Hadiisa kanaaf jecha:

«فَرَضَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ زَكَاةَ الْفِطْرِ عَلَى الْعَبْدِ وَالْحُرِّ، وَالذَّكَرِ وَالْأُنثَى، وَالصَّغِيرِ وَالْكَبِيرِ، مِنَ الْمُسْلِمِينَ».

«Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- zakaa fixrii Muslimoota irraa gabrichaa fi bilisa, dhiiraa fi dubartii, xiqqaa fi guddaa irratti dirqama taasisani» .45 'Farada' jechuun: dirqama taasise jechuudha.

Hikmaa (oguma) ishee karaa taasisuu:

Ibnu Abbaas -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe:

«فَرَضَ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ زَكَاةَ الْفِطْرِ؛ طُهْرَةً لِلصَّائِمِ مِنَ اللَّغْوِ وَالرَّفَثِ، وَطُعْمَةً لِلْمَسَاكِينِ».

«Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- zakaa fixrii; nama soomu haasawa bu'aa hin qabnee fi waan fokkataa irraa qulqulleessuuf, akkasumas miskiina nyaachisuuf jecha dirqama taasisani»46.

Yeroo isheen dirqama itti taatu fi yeroo ishee itti baasan:

Zakaan fixrii halkan iidaa biiftuun lixuun dirqama taati. Guyyaa Iidaa salaata iidaa deemuun duratti ishee baasuun ni jaallatama. Salaata iidaa irraa ishee tursiisuun hin eeyyamamu, Yoo salaata iidaa irraa ishee tursiise; akkaataa qadaatiin isa baasuun isa irratti dirqama ta'a, yeroo murtaa'eef irraa ishee tursiisuu isaatiin yakkamaadha ta'a.

Iidaan duratti guyyaa tokkoon yookaan guyyaa lamaan dursanii baasuun ni eeyyamama.

Hanga isheetiifi waan irraa baafamtu:

Saa'ii tokko nyaata warra biyyaa biratti baratame yeroo hunda nyaatamu irraa; akka ruuzii, tamiraa fi qamadii yookiin kan biroo. Hangi saa'ii tokkoo: tilmaamaan kiilo giraama sadii ta'a. Maallaqa baasuun hin eeyyamamu; Sababni isaas ajaja Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan faallessuuf jecha.

Zakaa baasuu fi worroota zakaan kennamuuf:

Yeroo ishee itti baasan:

Zakaa yeroon dirqama ishee yeroo ga'etti hatattamaan baasuun dirqama ta'a. Rakkoo dirqisiisaaf malee isii tursiisuun hin eeyyamamu, akka qabeenyi biyya isa irraa fagoo keessa jiraatee nama bakka buufatu dhabuufaa.

Iddoo zakaa itti baasan:

Caalaan biyya qabeenyi isa keessa jirutti zakaa baasuudha. Biyya qabeenyi keessa jiru irraa gara biyya biraatti ishee dabarsuun akkaatowwan murtaa'oo armaangadii keessatti ni eeyyamama:

A- Yoo biyya keessa namni zakaatti haajamu hin jiraanne.

B- Yoo firri hiyyeessi biyya biraa keessa jiraate.

D- Faayidaan shari'aa bakka biraatti dabarsutti waamu yoo argame, fakkeenyaaf: gara naannolee muslimoota beelaafi lolaadhaan miidhamaniitti akka isii dabarsuu.

Zakaan qabeenya daa'imaatii fi maraataa irratti dirqama; ragaaleen waliigalaa waan sana agarsiisaniif jecha, qabeenya keessatti itti gaafatamaa isaaniitu ishee baasa. Niyyaan malee Zakaa baasuun hin eeyyamamu, Jecha isaanitiif jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«إِنَّمَا الْأَعْمَالُ بِالنِّيَّاتِ».

«Hojiin kamuu kan sirrii ta'u niyyaadhaani». 47.

Worroota zakaan kennamuuf:

Gosoonni worri zakaan kennamuuf saddeeti:

Gosa tokkoffaa: Hiyyeeyyii:

Isaanis warra wontoota bu'uuraa kan akka mana jireenyaa, nyaataafi uffata irraa waan isaanif ga'u hin argannedha, Zakaa irraa hangi isaaniif kennamu waan waggaa tokkoof isaaniifi maatii isaanitiif ga'udha.

Gosti lammaffaa: Miskiinota:

Isaanis warra irra hedduu waan isaanif ga'uu argatanidha, garuu guutuu isaa hin argatan, fakkeenyaaf: nama mindaa qabu, garuu woggaa tokkoof isaaf hin ga'u.

Hangi zakaa irraa isaanif kennamu: Guutuu waan isaani fi maatii isaanitiif waggaa tokkoof ga'uudha.

Gosa sadaffaa: Warra zakaa irratti hojjatani:

Isaan warra bulchaan zakaa walitti qabuuf, yookiin isii eeguuf, yookiin warra haajomaniif geessuuf isaan muududha.

Hangi Zakaa irraa laatamuuf: hanga mindaa hojii isaaniiti, yoo mootummaa irraa mindaa yookiin waan ji'aa hin qabaatin.

Gosti afraffaa: warra qalbiin isaanii islaamummaatti madaqfamu:

Isaanis nama waa isaaf kennuudhaan islaamummaatti seenuun isaa, yookaan jabinni iimaana isaa, yookaan hamtuun isaa Muslimoota irraa dhaabbachuun kajeelamu hunda .

Hangi zakaa irraa isaaniif kennamu: hamma qalbii isaanii ittiin laaffisanudha.

Gosa shanaffaa: Gabroota bilisoomsuu:

Kan itti fedhamu: gabrootaa fi mukaatiboota bilisoomsuudha.

Mukaatibni:- gabra gooftaa isaa irraa ofii isaatiif qabeenya isaatiin of bitedha, Booji'amtoota Muslimootaa kan waraana keessatti booji'aman hiiksisuunis kana keessa gala.

Gosti ja'affaa: Warra liqaan isaan irra jiru, isaanis bakka lamatti qoodamu:

Tokkoffaa: nama haajaa mataa isaatiif liqaan irra jiru, kan waan ittiin liqaa isaa kaffalu hin argannedha, Waan liqaa isaa kaffaluutu kennamaaf.

Lammaffaa: nama sababa namoota wal lolan jidduutti araara buusuu isaatiin liqaan isa irra jiru. Osoo dureessa ta'eeyyuu, wanni liqaa isaa kaffalu ni kennamaaf.

Gosa torbaffaa: Karaa Rabbii keessatti:

Isaanis warra karaa Rabbii keessatti qabsaa'anidha.

Hangi Zakaa irraa kennamuuf: waan karaa Rabbii keessatti jihaadaaf isaanif ga'udha; kan akka geejjibaa, meeshaa waraanaa, nyaataa fi kan kana fakkaatan.

Gosa sadeetaffaa: Kara deemaa:

Innis imaltuu guduunfaan isaa jalaa dhumate, yookaan irraa hatamee, qabeenyii biyya isaatti isa galchu isaaf hin hafnedha.

Hangi zakaa irraa kennamuuf: hanga biyya isaatti isa galchu dha, biyya isaa keessatti sooressa yoo ta'ellee.

Kutaa Afraffaa: Sooma:

Sooma jechuun:

Fajriin ba'uu irraa kaasee hanga aduun lixxutti wantoota sooma nama jalaa balleessan irraa of qabuun Rabbii ol ta'e qabbaruudha.

Innis rukniiwwan Islaamummaa keessaa isa tokkodha, Dirqamoota Rabbii ol ta'e irraa isa tokkodha, Amantaa irraa waan dirqamaan beekamudha. Dirqama ta'uu isaa Qur'aanni, Hadiisnii fi walii galteen Muslimootaa agarsiisaniiru.

Rabbiin ol tahe akkas jedha:

﴿‌شَهۡرُ رَمَضَانَ ٱلَّذِيٓ أُنزِلَ فِيهِ ٱلۡقُرۡءَانُ هُدٗى لِّلنَّاسِ وَبَيِّنَٰتٖ مِّنَ ٱلۡهُدَىٰ وَٱلۡفُرۡقَانِۚ فَمَن شَهِدَ مِنكُمُ ٱلشَّهۡرَ فَلۡيَصُمۡهُ...﴾

﴾Yeroon akkasoomtan dirqama taasifame) Ji'a Ramadaanaa isa Qur’aanni -namootaaf qajeelfamaafi ragaa ifa bahaa qajeelfamichaafi addaan baasaa (haqaafi kijibaa) irraa ta’e- keessa buufameedha. Namni isin irraa ji’a kana dhaqqabe isa haa soomu...﴿‌ [Al-baqaraa: 185].

Ulaagaawwan soomni Ramadaanaa dirqama itti ta'u:

1- Islaamummaadha, kaafira irraa sirrii hin ta'u.

2- Baallaghuudha; Daa'ima irratti dirqama hin ta'u, Soomni daa'ima waa adda baasuu danda'u irraa sirrii ni ta'a, garuu soomni isaaf sunna ta'a.

3- Sammuu qabaachuudha; soomni maraataa irratti dirqama hin ta'u, isa irraas hin qeebalamu; Sababa niyyaan hin jirreef.

4- Isa danda'uudha, Dhukkubsataa isa dadhabe irratti dirqamni hin jiru, Akkasumas nama imalarra jiru irrattis dirqamaa miti, Yeroo uzriin dhukkubaa fi imalaa irraa deemetti qadaa baasu. Dubartii irraa sirrii ta'uuf ulaagaan kun jiraachu qaba: dhiigni laguu fi da'umsaa irraa cituudha.

Baatiin Ramadaanaa seenuun waan lama keessaa tokkoon mirkanaa'a, isaanis:

A- Baatiin Ramadaanaa mul'achuudha, Jecha nabiyyiitiif jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«صُومُوا لِرُؤْيَتِهِ، وَأفْطِرُوا لِرُؤْيَتِهِ».

«Isa arguun soomaa, isa arguunis sooma keessan hiikaa»48.

B- Yoo jiini Ramadaanaa hin argamin, ykn duumessi, awwaarri ykn kan kana fakkaatan biroo isa arguu irraa dhoorgan, ji'a Sha'abaanaa guyyaa soddoma guutuudha, jecha nabiyyii kan akkana jedhuuf jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«فَإِنْ غُمَّ عَلَيْكُمْ؛ فَأَكْمِلُوا عِدَّةَ شَعْبَانَ ثَلَاثِينَ يَوْمًا».

«Yoo isin irratti duumessa ta’e immoo; Sha'abaana guyyaa soddoma guutaa»49.

Niyyaa Soomaa:

Soomni akkuma ibaadaawwan biroo niyyaan malee sirrii hin ta'u, Yeroon niyyaan sooma dirqamaa keessatti dirqama taatu kan sooma biroo irraa adda, ibsi isaas akka itti aanu kanadha:

Tokkoffaa: Sooma dirqamaati; kan akka sooma Ramadaanaa, qadaa yookaan nazrii, halkan osoo fajriin hin ba'in dura isa niyyachuun dirqama ta'a, Jecha nabiyyii kan akkana jedhuuf jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«مَن لَمْ يُبَيِّتْ الصِّيَامَ مِنَ اللَّيْلِ فَلَا صِيَامَ لَهُ».

«Namni halkan irraa sooma niyyatee hin bulin, soomni isaaf hin jiru»50.

Lammaffaa: Sooma sunnaati, namni guyyaa keessa isa niyyachuun ni danda'ama, Ulaagaa, eega fajriin ba'ee booda waan sooma balleessu hin fudhatiniin,

Wantoota sooma balleessan:

Tokkoffaa: Wal qunnamtii saalaa raawwachuudha: Yeroo wal qunnamtii saalaa raawwatetti soomni isaa ni bada, guyyaa isa keessa wal qunnamtii saalaa raawwate sana qadaa baasuunis dirqama ta'a, Qadaa baasuu waliin Kaffaaraanis isa irratti dirqama, innis: gabra tokko bilisoomsuudha, Yoo hin argatin, ji'oota lama walitti aansee soomuutu isa irra jira. Yoo sababa shari'aa irraa kan ka'een danda'uu baate, miskiinoota jaatama nyaachisuutu isa irra jira; miskiina hundaaf nyaata biyyattii keessatti nyaatamu irraa walakkaa saa'ii tokkootu dirqama ta'a.

Lammaffaan: Maniyyii of irraa dhangalaasuudha: sababaa dhungachuutiin, ykn tuquutiin, ykn harkaan of irraa baasuutiin, ykn deddeebisanii ilaaluutiin, kaffaaraa osoo hin taane qadaa qofa baasuutu isarra jira; Sababni isaas kaffaaraan wal qunnamtii saalaa qofaaf waan ta'eef. Nama rafu irraa abjuudhaan bishaan sanyii yoo dhangala'e immoo, homaa isa irra hin jiru; Sababni isaas sun filannoo isaatiin alatti waan ta'eef, janaabaa irraa immoo ni dhiqata.

Sadaffaan: Beekaa nyaachuu fi dhuguudha: Jecha Rabbii ol ta'eetiif:

﴿...وَكُلُواْ وَٱشۡرَبُواْ حَتَّىٰ يَتَبَيَّنَ لَكُمُ ٱلۡخَيۡطُ ٱلۡأَبۡيَضُ مِنَ ٱلۡخَيۡطِ ٱلۡأَسۡوَدِ مِنَ ٱلۡفَجۡرِۖ ثُمَّ أَتِمُّواْ ٱلصِّيَامَ إِلَى ٱلَّيۡلِ...﴾

﴾Nyaadhaa dhugaa, hanga barraaqa irraa jibriin adiin (bariisaa) jibrii gurraacha (dukkana halkanii) irraa adda isiniif bahutti. Ergasii hanga halkaniitti sooma guutaa...﴿ [Al-baqaraa: 187]

Namni irraanfatee nyaate yookaan dhuge immoo; homaa isa irra hin jiru; Hadiisa kanaaf jecha:

«مَن نَسِيَ وَهُوَ صَائِمٌ، فَأَكَلَ أَوْ شَرِبَ، فَلْيُتِمَّ صَوْمَهُ، فَإِنَّمَا أَطْعَمَهُ اللَّهُ وَسَقَاهُ».

«Namni osoo soomaa jiruu irraanfatee, nyaate yookaan dhuge, sooma isaa haa guutu, Rabbiitu isa nyaachisee isa obaase waan ta'eef jecha»51.

Afraffaa: Beekaa of haqqisiisuudha, namni haqqisaan fedhii isaatiin alatti isa moo'ate immoo; sun sooma isaa hin balleessu, Jecha nabiyyii kan akkana jedhuuf jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«مَنْ ذَرَعَهُ الْقَيءُ فَلَيْسَ عَلَيْهِ قَضَاءٌ، وَمَن اسْتَقَاءَ عَمْدًا فَلْيَقْضِ».

«Namni haqqisaan isa moo'e qadaan isa irra hin jiru, namni beekaa of haqqisiise immoo qadaa haa baasu» 52.

Shanaffaa: Qaama keessaa dhiiga baasuudha; koobbachuun, ykn yaalaan, ykn dhukkubsataa gargaaruuf dhiiga arjoomuudhaan; kun hundi sooma ni balleessa. Dhiiga xiqqaa qorannoodhaaf baasuun immoo, sooma irratti dhiibbaa hin geessisu. Akkasumas dhiigni fedhii isaatiin ala ba'uunis; akka funyaan dhiiguu ykn madaa ykn ilkaan buqqifamuu; kunis sooma irratti dhiibbaa hin fidu.

Warra Ramadaana keessa sooma hiikuun isaaniif eeyyamamu:

Qooda tokkoffaa: Warra sooma hiikuun isaaniif eeyyamamu kan qadaa baasuun isaan irratti dirqama ta'u, isaanis:

Tokkoffaa: Dhukkubsataa dhukkuba irraa fayyuun kajeelamu dhukkubsatu, kan soomni isa miidhu yookiin itti ulfaatudha.

lammaffaa: Imaltuu (Musaafira); imala keessatti rakkoon isa mudatus yookaan mudachuu baatus.

Ragaan isaan lamaanii jecha Rabbii ol ta'eeti:

﴿...وَمَن كَانَ مَرِيضًا أَوۡ عَلَىٰ سَفَرٖ فَعِدَّةٞ مِّنۡ أَيَّامٍ أُخَرَ...﴾

﴾...Namni dhukkubsataa ta'e yookiin imala irra jiru, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira)...﴿ [Al-Baqaraa: 185].

Sadaffaan: Dubartii ulfa qabdu ykn kan hoosiftudha, soomni isaan irratti kan ulfaatu yoo ta'e, ykn isaan kan miidhu yoo ta'e ykn ilmoo isaanii kan miidhu yoo ta'e, isaan murtoo dhukkubsataa keessa jiru, warreen kanaaf sooma furuun ni eeyyamamaaf, Garuu isaan lamaan irratti yeroo biraatti sooma qadaa baasuun dirqama ta'a.

Afraffaa: Dubartii laguu qabduu fi tan dhiiga da'umsaa keessa jirtudha, sooma furuun isaan irratti dirqama, Soomni jaraa sirrii hin ta'u, guyyoolee biraa keessatti qadaa baasuun isaan irra jira.

Qooda lamaffaa: Warra sooma hiikuun isaanif eeyyamamee, qadaan baasuu osoo hin taane kaffaaraa baasuun isaan irratti dirqama ta'u, isaanis:

Tokkoffaa: dhukkubsataa dhukkuba irraa fayyuun hin kajeelamnee.

Lammaffaan: Manguddoo soomuu dadhabe.

Warri kun sooma furanii; Ji'a Ramadaanaa irraa guyyaa hunda hiyyeessa tokko nyaachisu. Namni guddaan yoo sadarkaa wallaalummaa dullumaa irra ga'e immoo, dirqamni isa irraa ni kaafama; kanaaf sooma ni hiika, homaa isa irra hin jiru.

Yeroo qadaa itti baasanii fi murtoo isa tursiisuu:

Sooma Ramadaanaa qadaa baasuun, Ramadaana kanaa fii kan itti aanu jidduutti dirqama ta'a. Caalaan qadaa baasuu keessatti ariifachuudha, Qadaa baasuu hanga Ramadaana itti aanuu boodaatti tursiisuun hin eeyyamamu. Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette:

«كَانَ يَكُونُ عَلَيَّ الصَّوْمُ مِنْ رَمَضَانَ، فَمَا أَسْتَطِيعُ أَنْ أَقْضِيَ إِلَّا فِي شَعْبَانَ لِمَكَانِ رَسُولِ اللهِ ﷺ».

«Soomni Ramadaanaa narra jiraata ture, bakka Ergamaa Rabbiitif jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa busu- Sha'abaana keessa malee qadaa baasuu hin danda'un ture»53.

Namni qadaa baasuu Ramadaana itti aanu boodatti dabarse, isaaf haala lamatu jira:

1- Sababaa shari'aa, kan akka dhukkubni hanga Ramadaana kaaniitti itti fufuutiif jecha tursiisuudha, kana qadaa baasuu qofaatu irra jira.

2- Sababaa shari'aatiin maletti isa tursiisuudha, kun tursiisuu kanaaf yakka raawwataa ta'a, Tawbaa, Qadaa baasuu fi guyyaa hundaaf miskiina nyaachisuun isa irratti dirqama ta'a.

Namni qadaan irra jiru sooma sunnaa soomuu:

Namni Ramadaana irraa qadaan irra jiru, caalaan sooma sunnaa dura qadaaf dursa kennuudha. Garuu soomni sunnaa waan yeroon isaa dabru -kan akka sooma Arafaatii fi Aashuuraa yoo ta'e; qadaa baasuun duratti isa sooma; Sababni isaas qadaan yeroo bal'aa qaba waan qabuuf jecha, Aashuuraa fi Arafaan immoo ni dabru. Garuu eega qadaa baase booda malee, guyyoota ja'an shawwaal hin soomu.

Guyyoota soomuun isaanii haraama ta'e:

1- Sooma guyyaa Iida Al-fixrii fi guyyaa Iida Al-ad-haati; irraa dhoorgamuu isaatiif jecha.

2- Ayyaamuttashriiqii (zulhijjaa 11,12,13) kan ji'a Zul-Hijjaa irraa ta'an soomuu, Hajjii keessatti nama Mutamatti'aa fi Qaarina ta'ee wareega hin argatiniif malee, Ayyaamuttashriiq jechuun: Ji'a Zul Hijjaa irraa guyyaa kudha tokkoffaa, kudha lammaffaa fi kudha sadaffaadha.

3- Guyyaa shakkii shakkiif jecha soomuudha, innis guyyaa soddomaffaa ji'a Sha'abaanaati, Halkan isaa halkan duumessi ykn awwaarri baatii arguu irraa dhoorgu yoo ta'e.

Guyyoota soomuun isaanii jibbamu:

A- Ji'a Rajab soomaan adda baasuu. B- Guyyaa Jimaataa soomaan adda baasuu, sana irraa waan dhoorkameef jecha. Guyyaa tokko isa duratti ykn isa boodatti yoo soome, jibbaan ni ka'a.

Guyyoota soomuun isaa sunnaa ta'u:

A- Ji'a shawwaal irraa guyyoota ja'a. B- Guyyoota sagalan jalqabaa ji'a Zul-Hijjaa soomuu, irra jabaan isaanii guyyaa Arafaati, nama Hajjii irra jiruuf malee; isaaf soomuun sunnaa hin ta'u, soomni isaas woggaa lamaaf kaffaaraa namaaf ta'a. D- Ji'a hunda keessaa guyyaa sadii soomuu, irra caalaan immoo guyyoota adii (Ayyaamul biid) taasisuudha, isaanis: ji'a hunda irraa guyyaa kudha sadaffaa, kudha afraffaa fi kudha shanaffaati. E- Torban hunda keessaa guyyaa wiixatii fi Kamiisa soomuu; Sababni isaas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan isaan soomaa turaniif jecha; Sababni isaas hojiiwwan gabroottanii guyyoota lamaan kana keessatti Rabbirra waan fidamaniif jecha.

Sooma sunnaa:

A- Sooma Daawuud -nageenyi isa irra haa jiraatu-, guyyaa tokko soomee, guyyaa tokko fura ture.

B- Baatii Rabbii Muharram soomuudha, inni caalaa baatii soomni isaa jaallatamuuti, irra jabaan isaa immoo: guyyaa Aashuuraa soomuudha, innis muharram irraa isa kudhanffaadha, isa wajjiin guyyaa sagalaffaa ni sooma; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha:

«لَئِنْ بَقِيتُ إِلَى قَابِلٍ لَأَصُومَنَّ التَّاسِعَ».

«Hanga waggaa dhufuutti yoon jiraadhe, guyyaa sagalaffaas nan sooma» 54. Badii waggaa isa duraa ni haqa.

Kutaa shanaffaa: Hajjii fi Umraa

Hajjiin akka afaaniitti: hamiluudha. Akka shari'aatti: yeroo murtaa'e keessatti hojiilee addaa raawwachuuf mana Rabbii kabajamaa fi bakkeewwan kabajamoo hamiluudha.

Umraan: akka afaaniitti Ziyaaraadha.

Akka shari'aatti immoo: yeroo kamiyyuu keessatti hojiilee addaa raawwachuuf jecha Mana Rabbii kabajamaa zayyaruudha.

Hajjiin arkaana Islaamaa keessaa isa tokko, akkasumas ijaarsawwan isaa gurguddoo irraayyi. Hijraa irraa woggaa saglaffaatti dirqama taasifame, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hajjii takko hajja'ani; innis (Hajjii dhaammannaati).

Hajjiin umrii keessatti yeroo takko nama dandeettii qabu irratti dirqama ta'a, Wanni tokko irratti dabalame sunnaa ta'a. Umraan ammoo, akka yaada hayyoota hedduutti dirqama, Ragaa jecha nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan yeroo akkana jedhamanii gaafatamanii kanaaf jecha: "Dubartoota irra jihaadni jiraa?" ni jedhan:

«نَعَمْ، عَلَيْهِنَّ جِهَادٌ لَا قِتَالَ فِيهِ: الْحَجُّ وَالْعُمْرَةُ».

«Eeyyeen, isaanirra jihaada lola hin qabneetu jira: Hajjii fi Umraadha»55.

Ulaagaalee Hajjii fi Umraan itti dirqama ta'an:

1- Islaamummaa

2- Sammuu qabaachuu

3- Baallaghuu.

4- Bilisummaa

5- Dandeettii qabaachuu

Dubartiin kanneen irratti ulaagaa ja'affaa dabalti; innis mahramni ibaadicha raawwachuuf isii waliin imalu jiraachuudha. Sababni isaas isheen hajjiifis ta'ee kan biraatiif mahrama malee imaluu waan hin dandeenyeef jecha, Jecha nabiyyii kan akkana jedhuuf jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu:

«لَا تُسَافِرُ الْمَرْأَةُ إِلَّا مَعَ ذِي مَحْرَمٍ، وَلَا يَدْخُلُ عَلَيْهَا رَجُلٌ إِلَّا وَمَعَهَا مَحْرَمٌ».

«Dubartiin mahrama/fira isii dhihoo waliin malee imalaaf hin baatu, dhiirri kamuus mahramni isii yoo isii waliin jiraate malee isii bira hin seenu»56.

Mahramni dubartii: abbaa manaa isheeti, yookaan nama ishee fuudhuun zalaalam irratti haraama ta'edha; firummaan; kan akka obboleessa ishee, abbaa ishee, adeera ishee, ilma obboleessa ishee fi eessuma isheeti, Yookiin sababa eeyyamamaa ta'een; kan akka obboleessa hoosisaa, yookiin soddoomuun; kan akka abbaa manaa haadha ishee fi ilma abbaa manaa isheeti.

Istiixaa'aan: Dandeettii maallaqaa fi qaamaati, yaabbachuu danda'uun, dadhabbii imalaa danda'uu fi maallaqa dhaqaa fi deebiif isa ga'u argachuudha, Akkasumas ilmaan isaatii fi warra isaan sooruun isa irratti dirqama ta'anuuf, hanga gara isaanitti deebi'utti waan ga'u argachuudha.

Karaan hajjiis lubbuu fi qabeenya ofii irratti amansiisaa ta'uudha.

Namni qabeenya isaatiin danda'ee, qaama isaatiin garuu sababa dullumaatiin laafaa yoo ta'e, yookaan dhukkuba badaa irraa fayyuun hin kajeelamneen dadhabaa yoo ta'e, nama isa bakka bu'ee hajja'uuf, akkasumas nama umraa raawwatuuf bakka buufachuun isa irratti dirqama ta'a.

Nama Hajjii fi Umraa keessatti bakka bu'iinsi isaa sirrii ta'u keessatti ulaagaa lamaatu barbaadama:

1- Nama dirqama Hajjii raawwachuun isaaf sirrii ta'uudha, innis Muslima, baallaghaafi aaqila ta'uudha.

2- Ofii isaatiif hajjii Islaamaa kan raawwate ta'uudha.

Bakkoolee fi Yeroowwan Hidhannaa:

Mawaaqiit jechuun: baay'ina jecha Miiqaat jedhuuti. Innis akka afaaniitti: daangaa dha. Akka Shari'aatti immoo: bakka ibaadaati yookaan yeroo isaati.

Hajjiif yeroowwanii fi bakkoolee irraa hidhatantu jiru:

A- Mawaaqiita yeroo: Rabbiin jecha isaa kana keessatti isaan dubbateera:

﴿ٱلۡحَجُّ أَشۡهُرٞ مَّعۡلُومَٰتٞۚ فَمَن فَرَضَ فِيهِنَّ ٱلۡحَجَّ...﴾

﴾Hajjiin ji’oota beekamoodha. Namni isaan keessa hajjii ofitti murteesse (ihraama godhate)...﴿ [Al-baqarah: 197].

Baatiwwan kunniinis: shawwaal, zulqa'adaa fi kurnan zul-hijjaati.

B- Mawaaqiita iddoo: Isaanis daangaawwan namichi hajjiif deemu hajjii osoo irraa hin hidhanne isaan bira dabree gara Makkaa seenuun isaaf hin eeyyamamnedha. Isaanis akka armaan gadiiti:

1- Zul-huleyfaa: miiqaata warra madiinaati.

2- Al-juhfaa: miqaata warra shaam, misraa fi maghribiiti.

3- Qarnul manaazil: har'a Asseyl jedhamuun beekama; miqaata worra najdiiti.

4- Zaatu irqi: miqaata worra iiraaqi.

5- Yalamlam: miiqaata worra yamani.

Namni manni isaa iddoowwan harramannaa kanneenii asitti ta'e, inni Hajjii fi Umraa mana isaa irraa hidhata. Warri Makkaa Makkuma irraa hidhatu; hidhannaaf gara miqaataa ba'uun isaan hin barbaachisu. Umraadhaaf immoo: daangaa haramaatiin ala bakka halaala ta'e, kan dhihootti ba'anii achi irraa hidhatu. Namni Hajjii yookaan Umraa raawwachuu barbaade, iddoowwan Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- murteessan irraa hidhachuun isa irratti dirqama ta'a; isaanis Mawaaqiita iddoo kanneen dura ibsaman saniidha. Namni Hajjii yookaan Umraa raawwachuu barbaade, osoo hin hidhanne isaan bira darbuun isaaf hin eeyyamamu.

- Hundi nama worraa miiqaatii eeramanii hn taane kan Miiqaatoota eeraman kanneen irra darbuu, ishee irraa harramata.

- Namni karaan isaa gara Makkaa ta'ee, lafaan, yookaan galaanaan yookaan qilleensa irraan miiqaatota eeraman keessaa tokko bira hin darbine; yeroo irra dhihoo miiqaataatti qixxaa'etti hidhata. Jecha Umar ibnu Al-Khaxxaabif jecha -Rabbi isa irraa haa jaallatu: «Karaa keessan keessatti qixa ishee ilaalaa»57

- Namni Hajjii yookaan Umraa raawwachuuf xayyaaraan imalu, yeroo xayyaarri Miiqaata karaa xayyaaraa irra jiru toora isaa irra dhufetti, hidhachuun isa irratti dirqama ta'a. Hanga buufata xayyaaraatti bu’utti ihraama tursiisuun isaaf hin eeyyamamu.

Ihraama (hidhannaa):

Inni niyyaa ibaadatti seenuuti; Hajjii keessatti: Hajjitti seenuu niyyachuudha, Umraa keessatti immoo umraatti seenuu niyyachuu dha. Hojiitti seenuu yoo niyyate malee muhrima hin ta'u. Niyyaan maletti uffata Ihraamaa uffachuun qofti ihraama hin ta'u.

Wantoota ihraama keessatti jaallataman:

1- Hidhannaan duratti hunda qaamaa dhiqachuudha.

2- Dhiirri uffata ihraamaatti osoo hin taane qaama isaatti waan urgaa'u dibachuudha.

3- Marxoo fi fooxaa adii lamaa fi kophee lamaan hidhachuudha.

4- Osoo yaabbatee jiruu gara qiblaatti garagalee hidhachuudha.

Gosoota Hajjii:

Namni hajjiif harramu gosa sadii keessaa isa fedhe filachuu danda'a, isaanis:

1- Tamattu'a; innis ji'oota Hajjii keessatti Umraa hidhatee, isa xumuree, eegasii baruma isaa keessatti Hajjii hidhachuudha.

2- Ifraada; kunis Miiqaata irraa Hajjii qofa hidhatanii, hanga hojiiwwan Hajjii raawwatutti hidhannaa irra turuudha.

3- Qiraana jechuun: Hajjii fi Umraa waliin hidhachuudha, yookaan Umraa hidhatee, xawaafa isaa osoo hin jalqabin dura Hajjii itti seensisuudha; kanaafuu Umraa fi Hajjii Miiqaata irraa yookaan xawaafa Umraa osoo hin jalqabin dura niyyatee, isaan lamaanif xawaafaafi sa'ayii godha.

Nama Mutamatti'a ta'ee fi Qaarina ta'e irratti wareegatu jira, yoo jiraattota masjiid al-haraam irraa hin taane.

Gosa Hajjii sadan kanneen keessaa irra caalaan: Tamattu'a; sababni isaas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sahaabota isaanii waan isatti ajajaniif jecha 58]. Itti aansuudhaan Qiraana; Hajjii fi Umraa waan ta'eef jecha, eegasii Ifraada.58

J) Tokkoon sirnoota kanneenitiin yeroo hidhatetti, akkana jechuun Talbiyaa jedha:

«لَبَّيْكَ اللَّهُمَّ لَبَّيْكَ، لَبَّيْكَ لَا شَرِيكَ لَكَ لَبَّيْكَ، إِنَّ الْحَمْدَ وَالنِّعْمَةَ لَكَ وَالْمُلْكَ لَا شَرِيكَ لَكَ».

«Labbaykallaahumma Labbayk, Labbayka laa shariika laka labbayk, Innal hamda wanni'imata laka wal mulka laa shariika lak, akkas jechuunis: Yaa Rabbi siif owwaatinsa booda owwaachuutiin ta'e Siif owwaadhe, Siif owwaadhe ati shariika hin qabdu, siif owwaadhe. Dhugumatti faaruu fi qananiin kan keeti, mootummaanis kan keeti, hiriyaa hin qabdu» jechuudha59.

Innis sunnaadha, isa heddumeessuun ni jaallatama. Dhiirri sagalee olfuudhee jedha, dubartoonni ammoo sagalee gad qabatanii jedhu.

Yeroon isaa: Ihraamii booda irraa jalqaba, xumurri yeroo isaa immoo akka armaan gadiiti:

Tokkoffaa: Namichi umraa godhu Xawaafa jalqabuun duratti dhaaba.

Lammaffaa: Namichi hajjii irra jiru guyyaa iidaa yeroo Jamrat Al-aqabaatti dhagaa darbachuu jalqabe dhaaba.

Wantoota sababaa hidhannaatiin (Ihraama)tiin dhoorgaman:

Dhoorgaan tokkoffaa: qaama isaa keessaa bakka kamuu irraa rifeensa haaddachuu ykn gabaabsuu yk buqqisuu.

Dhoorgaan lammaffaa: Qeensa harka ykn miilaa irraa sababaan maletti murachuu ykn gabaabsuu. Yoo qeensi isaa cabee jennaan, isa kaase, fidiyaan isa irra hin jiru.

Dhoorgaan sadaffaa: Mataa dhiiraa waan isatti maxxanu kan akka koofiyyaa fi marataatiin haguuguu.

Dhoorgaan afraffaa: Dhiirri wanta qaama isaa hunda irratti yookiin garii isaa irratti hodhame, kan akka mudawwaraa, yookiin marataa, yookiin kofoo uffachuu. Waan hodhame jechuun: waan hanga qaamaatiin (boca qaamaatiin) hojjatame kan akka Khuffii lamaanii, guwaantii lamaani fi kaalsiwwaniiti, Dubartiin immoo yeroo ihraama irra jirtutti haguugamutti waan haajamtuuf uffata irraa waan barbaadde ni uffatti, Garuu niqaaba hin godhattu, yeroo dhiironni alagaa ishee bira dhufanitti fuula ishee waan biraa kan akka shaashii fi Jilbaabaatiin haguuggatti. Guwaantii lamaan harka ishee lamaanitti hin uffattu.

Dhoorgaan shanaffaa: waan urgaa'u fayyadamuu; Sababni isaas nama ihraama irra jiruufi qananii, bareedina addunyaa fi wantoota ishee irraa namatti tolu irraa fagaatee, gara Aakhiraatti garagaluun barbaachisaa waan ta'eef jecha.

Dhoorgaan ja’affaa: Bineensa bosonaa ajjeesuu fi adamsuu, Namni ihraama irra jiru bineensa bosonaa hin adamsu, adamsuu irrattis hin gargaaru, isa hin qalus.

Nama ihraama qabu irratti waan inni adamsate, ykn isaaf jecha adamsame, ykn adamsamuu isaa irratti waan gargaare irraa nyaachuun haraama ta'a; sababni isaas isaaf akka baktii waan ta'eef jecha.

Adamoon galaanaa immoo, nama ihraama qabu irratti adamsuun haraama hin ta'u, Akkasumas bineensa manaa kan akka lukkuufi horii qaluun isa irratti haraama hin ta'u; inni adamoo waan hin taaneef jecha.

Dhoorgaan torbaffaa: Ofii isaatiif ykn nama birootiif nikaa hidhuu, ykn ragaa tahuu.

Dhoorgaan saddeettaffaa: Wal qunnamtii saalaa raawwachuu; namni hiikkannaa jalqabaa duratti wal qunnamtii saalaa raawwate, hajjiin isaa ni bada, hojii hajjii isaa itti fufee xumuruun isa irratti dirqama, waggaa itti aanutti immoo isa kaffala, gaala tokko qaluutu isa irra jira. Yoo hikkannaa duraa boodatti ta'e immoo; hajjiin isaa hin badu, garuu dhiigatu isa irra jira.

Dubartiinis kana keessatti yoo eeyyama isheetiin ta'e akkuma dhiiraati, yo.

Dhoorgaan sagalaffaa: Qaama saalaatiin alatti wal tuquun fedhii walitti ba'uu, Nama ihraama irra jiruuf fedhiidhaan dubartii qaamaan tuquun hin eeyyamamu; Sababni isaas waan gara wal qunnamtii saalaa dhoorgamaa ta'eetti nama geessuuf jecha. Wal tuqutti kan fedhame: fedhiin dubartii tuquudha.

Umraa:

A- Rukniiwwan Umraa:

1- Hidhannaa.

2- Xawaafa.

3- Sa'ayii.

B- Dirqamoota Umraa:

1- Miiqaata murtaa'e irraa hidhachuu.

2- Rifeensa mataa haaddachuu ykn gabaabsuu.

D- Akkaataa Umraa:

Wanti namni umraa godhu jalqaba ittiin eegalu, marsaa torba ka'abaa nanna'uudha, Hajar al-aswad irraa eegaluun isuma irratti xumura. Xawaafa isaa keessatti wuduu'a qabaachuu, akkasumas awraa isaa handhuura irraa hanga jilbaatti dhoksuu. Xawaafa hunda keessatti idxibaa'a gochuun isaaf sunna ta'a; innis ceekuu isaa kan mirgaa mul'isuun, uffata isa jalaan dabarsee, qaccee uffatichaa lamaan ceekuu isaa bitaa irra gochuudha. Yeroo marsaa torbaffaa xumuretti, idxibaa'ii dhiisee uffata isaatiin ceekuu isaa lamaan haguuga.

Gara Dhagaa Gurraachaatti garagala, yoo isa dhungachuu danda'e ni dhungata, yoo dadhabe immoo, yoo isaaf mijjaate harka isaa kan mirgaatiin isa tuqee harka isaa dhungata. Yoo dhagicha tuquun isaaf hin mijjatin immoo, harka isaa kan mirgaa ol kaasee itti akeekuun yeroo tokko «Allaahu Akbar» jedha, harka isaa hin dhungatu, hin dhaabbatus. Sana booda Ka'abaa gara bitaa isaa irra godhee xawaafa isaa itti fufa; sunnaan marsaalee sadan jalqabaa keessatti saffisaan deemuudha, Saffisa jechuun: tarkaanfii walitti dhiheessuu waliin saffisaan deemuudha.

Yeroo Ruknal Yamaanii -inniis ruknii Kaabaa kan afraffaati- bira dufe, yoo isaaf mijjate harka isaa kan mirgaatiin osoo takbiiraa hin jedhinii fi hin dhungatin isa tuqa, yoo isa tuquun isaaf hin mijjatin immoo ni darba, itti hin akeeku, takbiiraas hin jedhu. Gidduu Ruknal Yamaani fi Dhagaa gurraachaatti akkana jedha:

﴿...رَبَّنَآ ءَاتِنَا فِي ٱلدُّنۡيَا حَسَنَةٗ وَفِي ٱلۡأٓخِرَةِ حَسَنَةٗ وَقِنَا عَذَابَ ٱلنَّارِ﴾

﴾...Rabbanaa aatinaa fiddun-yaa hasanatan, wafil aakhiraati hasanatan, waqinaa azaabannaar, akkas jechuunis: Gooftaa keenya! Duuniyaatti toltuu, Aakhirattis toltuu nuuf kenni, adabbii ibiddaa irraas nagaa nu baasi﴿. [Al-Baqarah: 201].

Xawaafa yeroo xumuretti; yoo danda’ame Maqaama Ibraahiim duubatti raka’aa lama salaata, yoo hin danda'amin Masjiid Al-Haraam keessatti bakka kamittuu salaatuu ni danda'a. Booda Faatihaatii raka'aa duraa keessatti suuraa Kaafiruunaa qara'uun sunnaadha, Raka'aa lammaffaa keessatti immoo booda faatihaatii Suuraa Al-ikhlaas qara'a, Sana booda gara bakka sa'ayiittti deemee, Safaa fi Marwaa gidduu marsaalee torba deema; deemuun isaa marsaa tokko jedhama, deebi'uun isaa immoo marsaa biraati.

Sa'ayiin Safaa irraa jalqabama; irratti ol ba'a yookaan isa bira dhaabbata, garuu yoo laafeef irratti ol ba'uun irra filatamaadha. Eegasii jecha Rabbii ol ta'ee qara'a:

﴿‌إِنَّ ٱلصَّفَا وَٱلۡمَرۡوَةَ مِن شَعَآئِرِ ٱللَّهِ...﴾

﴾Dhugumatti, Safaafi Marwaan mallattoolee Rabbii (kan ibaadaan isaa itti hojjatamu) irraayyi...﴿‌ ([Al-Baqaraa: 158].

Gara Qiblaatti garagaluun, Rabbiin faarsuun, Allaahu akbar jechuun, akkasumas akkana jechuun ni jaallatama:

«لَا إِلٰهَ إِلَّا اللَّهُ، وَاللَّهُ أَكْبَرُ، لَا إِلٰهَ إِلَّا اللَّهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ، يُحْيِي وَيُمِيتُ، وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ، لَا إِلٰهَ إِلَّا اللَّهُ وَحْدَهُ، أَنْجَزَ وَعْدَهُ، وَنَصَرَ عَبْدَهُ، وَهَزَمَ الْأَحْزَابَ وَحْدَهُ».

«Laa ilaaha illallaahu, wallaahu akbar, Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu, lahul mulku, walahul hamdu yuhyii wa yumiitu, wahuwa alaa kulli shey'in qadiir, Laa ilaaha illallaahu wahdahuu, anjaza wa'adahuu, wa nasara abdahuu, wa hazamal ahzaaba wahdahu, akkas jechuunis: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Rabbiin waa hunda irra guddaadha, haqaan gabbaramaan isa tokkicha shariika hin qabne malee hin jiru. Mootummaan kan isaati, faaruunis kan isaati, inni ni jiraachisa, ni ajjeesas. Inni waan hundumaa irratti danda'aadha. Rabbii tokkicha shariika hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Waadaa isaa guutee, garbicha isaatif tumse, tuuta kaafirootaa kophaa isaa cabse» jechuudha60. Eegasii harka isaa lamaan ol kaasee waan isaaf laafeen du'aa'ii godhata, zikrii fi du'aa'ii kana yeroo sadii irra deddeebi'ee jedha, Sana booda gadi bu'ee, gara Marwaatti deema, hanga Mallattoo isa jalqabaa (haalluu magariisa) bira ga'utti, achii kaasee dhiirri hanga Mallattoo isa lammaffaa bira ga'utti saffisaan deema, Dubartiidhaaf immoo gidduu mallattoo lamaanii saffisaan deemuun hin eeyyamamu; Sababni isaas isheen waan awraa taatef jecha, isheen sa'ayii hunda keessatti suuta deemuu qabdi. Eegasii deemee, gaara Marwaa irratti ol ba'a, ykn achi bira dhaabbata, yoo isaaf mijaa'e isarratti ol ba'uun irra filatamaadha, Marwaa irratti akkuma Safaa irratti jedheefi hojjate sana jedhee, hojjata, Aayaa qara'uun osoo hafuu, isheenis jecha Rabbii ol ta'eeti:

﴿‌إِنَّ ٱلصَّفَا وَٱلۡمَرۡوَةَ مِن شَعَآئِرِ ٱللَّهِ...﴾

﴾Dhugumatti, Safaafi Marwaan mallattoolee Rabbii (kan ibaadaan isaa itti hojjatamu) irraayyi...﴿‌ Kun kan karaa godhamu, marsaa jalqabaa, yeroo gara Safaatti ol ba'an qofa keessatti. Eegasii gadi bu'ee, bakka suuta deemanitti suuta deema, bakka saffisaan deemanitti immoo saffisaan deema, hanga Safaa ga'utti, Kana yeroo torba raawwata, deemuun isaa marsaa tokko, deebi'uun isaas marsaa tokkodha. Sa'ayii isaa keessatti Zikrii fi Du'aa'ii isaaf laafe heddummeessuun jaallatamaa dha. Hadasa guddaafi xiqqaa irraa kan qulqullaa'e ta'uudha, yoo xahaaraa malee hojjates isaaf ni gaha. Akkasuma dhalaan yoo xawaafii booda laguun itti dhufe ykn deesse, sa'ayii ni gooti, sunis isheedhaaf ni ga'a; qulqullinni sa'ayii keessatti ni jaallatama malee ulaagaa waan hin taaneef jecha.

Yeroo Sa'ayii isaa xumuretti, rifeensa mataa isaa ni aaddata yookaan ni gabaabsa, rifeensa haaddachuun dhiiraaf caalaadha.

Kanaan hojiiwwan Umraa isaa xumura.

Hajjii:

A- Rukniiwwan Hajjii:

1- Hidhachuu.

2- Arafaa dhaabbachuu.

3- Xawaafa Ifaadaa.

4- Sa'ayiidha.

B- Dirqamoota Hajjii:

1- Miiqaata irraa hidhachuu.

2- Ji'a Zul-Hijjaa irraa guyyaa sagalaffaa Arafaa dhaabbachuudha, nama guyyaan achi dhaabbateef hanga aduun lixxutti.

3- Halkan kurnaffaa Zul-Hijjaa hanga walakkaa halkanitti Muzdalifaa buluu.

4- Halkanoota Ayyaamuttashriiq (halkan 11,12,13) Minaa buluu.

5- Jamaraalee (boolla sadeen) darbachuu.

6- Rifeensa mataa aaddachuu ykn gabaabsuu.

7- Xawaafa dhaammannaa.

J- Akkaataa Hajjii:

Muslimni tokkoo yeroo Miiqaata ga'etti yoo yeroon dhiphaa ta'e Hajjii qofaaf Talbiyaa jechuudha, yeroo Makkaan ga'etti Xawaafaafi sa'ayii raawwatee, guyyaa Arafaa guyyaa sagalaffaa gara Arafaatti hanga qajeelutti hidhannaa isaatin tura, hanga aduun lixxutti ishee keessa tura,

Ergasii Talbiyaa jechaa Arafaa irraa gara Muzdalifaa deema, achis hanga salaata Fajrii salaatutti ni tura, eegasii hanga ifni bareechee lafa ga'utti achuma turuun zikrii godhata, Talbiyaas ni jedha, du'aa'iis ni godhata.

Yeroo ifni guyyaa lafa ga'etti osoo aduun hin baane gara Minaa deemuun, boolla aqabaatti (boollaa sadan keessaa isa dhuma irratti aragamu) dhagaa torba darbata, eegasii ni aaddata yookaan ni gabaabsa, aaddachuutu irra caala.

Eegasii Xawaafa ifaadaa godha, sa'ayiin jalqabaa isaaf ga'aadha, kanaan Hajjiin isaa xumuramee, hiikkannaa guutuun isaaf argama.

Yoo kan ariifatu ta'e, darbannaan boollotaa kan guyyaa kudha tokkoffaa fi kudha lammaffaatu isa irratti hafa; boollota sadeenitti darbata, boolla hunda cirracha torbaan darbata, cirracha hunda woliin takbiiraa jedha, boolla isa xiqqaa masjidal kheyfi bira jiruun jalqaba, ergasii boolla isa walakkaatti darba, ergasii boolla aqabaatti darbata, innis boolla xumuraati, boolla hunda cirracha torbaan darbata. Guyyaa kudha lammaffaa booda turuu yoo barbaade, guyyaa kudha sadaffaa akkuma guyyaa kudha lammaffaa fi guyyaa kudha tokkoffaatti darbatetti darbata.

Yeroon darbannaa: guyyoota sadeen keessatti eega aduun jallattee booda.

Guyyaa kudha lammaffaa aduun lixuun duratti yoo fe'ate rakkoo hin qabu, guyyaa kudha sadaffaa eega aduun jallattee booda darbachuuf yoo achi ture, kun irra caalaadha, waan Rabbiin ol ta'e akkana jedheef:

﴿‌...فَمَن تَعَجَّلَ فِي يَوۡمَيۡنِ فَلَآ إِثۡمَ عَلَيۡهِ وَمَن تَأَخَّرَ فَلَآ إِثۡمَ عَلَيۡهِۖ لِمَنِ ٱتَّقَىٰ...﴾

﴾...Namni guyyaa lama keessatti ariifate badiin isa irra hin jiru, Namni booda aanes badiin isa irra hin jiru (Kun) nama (Rabbiin) sodaateefi...﴿‌

[Al-Baqarah: 203].

Yoo imala barbaade, sa'ayiin maletti Xawaafa dhaammannaa yeroo torba naanna'a.

Nama wareega hin qabneef irra caalaan: mutama'tti'a ta'ee, Umraa hidhachuudha, eegasii guyyaa zulhijjaa saddeettaffaatti Hajjii hidhachuun talbiyaa jedha, hojiiwwan Hajjii dubbatamanii darban ni raawwata, Hajjii fi Umraa bakka tokkotti yoo niyyates rakkoo hin qabu, kun Qiraana jedhama, innis Umraa fi Hajjii waliin xawaafa tokkoo fi sa'ayii tokkoon hidhachuudha.

Boqannaa Sadaffaa:

Waan wolitti dhufeenyaan wol qabatu

Ulamaa'onni -Rabbiin ol ta'e isaaniif haa araaramu- beekumsa tokkoon tokkoon muslimaa irratti barachuun isaa dirqama ta'e addeessanii jiru, Hanga tokkoon tokkoon muslimaa hunda irratti barachuun dirqama ta'e ilaalchises dubbatanii jiru, Nama daldalaan hojjatuuf seerota gurgurtaa fi bittaa barachuun sana keessaa akka tokko ta'es eeranii jiru, Osoo hin beekin haraama yookaan dhala keessa akka hin buuneef jecha, Sahaabota garii irraa -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- wanti kana jabeessu dhufee jira.

Umar ilbnu Khaxxaab -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: «Gabaa keenya keessatti nama amantii keessatti hubannoo qabu malee hin gurgurin»61.

Aliyyi ibnu Abii Xaalib -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: «Namni osoo seera daldalaa hin baratin daldale; dhala keessatti gadi lixa, eegasiis gadi lixa, eegasiis gadi lixa, akkas jechuunis: dhala keessatti kufa» jechuudha62.

Ibnu Aabidiin Al-Allaamii irraa akka gabaasetti akkana jedhe: "Nama itti gaafatamummaa qabu kan dhiiraa fi dubartii hunda irratti erga beekumsa amantii fi qajeelfamaa baratee booda, beekumsa wantoota kanneenii barachuun dirqama: wuduu'aa, dhiqannaa, salaataa fi soomaa barachuun, akkasumas nama waan zakaan itti dirqama ta'u qabu irratti beekumsa zakaa barachuun dirqama, akkasumas namni Hajjiin irratti dirqama ta'es beekumsa isaa barachuun dirqama, daldaltoota irrattis waa'ee bittaa fi gurgurtaa barachuun dirqama ta'a; Gurgurtaa fi bittaa keessatti waan shakkii qabuu fi waan jibbamaa ta'e irraa akka of eeggannoo godhaniif jecha. Akkasumas warra ogummaa fi hojiilee adda addaa irratti bobba'an hunda irratti beekumsaa fi seera waan sanaa barachuun dirqama ta'a, waan isa keessatti haraama ta'e irraa akka of dhoorganuuf jecha"63.

Nawawiin -Rabbiin ol ta'e isaaf haa araaramu- akkana jedhe: "Gurgurtaan, nikaa fi wantootni isaan fakkaatan kan bu'uurri isaanii dirqama hin taane, ulaagaa isaanii eega beekanii booda malee itti seenuun haraama ta'a"64.

Kunniin garii foormulaalee walitti dhufeenya maallaqaatiin wal qabatan, kan shari'aan islaamaa isaanin dhufeedha:

1- Waan faayidaan isaa guutuu yookaan caalaa ta'e, kan akka bittaa fi gurgurtaa wantoota eeyyamamoo ta'anii, akkasumas kan akka kiraa fi shuf'aa hunda eeyyamuudha.65.

2- Wanta mirga namootaatiif wabii ta'uu fi isa eeguun keessa jiru, kan akka qabdii fi ragaa baasisuu hundi eeyyamamaa ta'uudha.

3- Hundi Wanta faayidaan warra walii galtee godhu lamaanii keessa jiru, kan akka walii galtee balleessuu, filannoo qabaachuu fi ulaagaa bittaa fi gurgurtaa keessaa eeyyamamaadha.

4- Hunda Waan namoota miidhuu fi qabeenya isaanii haqaan malee nyaachuu of keessaa qabu, kan akka dhalaa, saamichaa, midhaan ol kaa'uu dhoorguudha.

5- Hunda Waan toltuu irratti wol gargaaruun keessa jiru, kan akka liqii, ergisaa fi wadii'aa hundi eeyyamamaa ta'uudha.

6- Hunda Waan hojii, faayidaa fi dadhabbiin malee qabeenya nyaachuu of keessa qabu, kan akka qumaaraa fi dhalaa hunda dhoorguudha.

7- Hunda Daladalaa kan wallaalummaa fi gowwoomsaan baay'inaan isa keessatti argamu, kan akka namichi waan qabeenya isaa hin taanee fi waan hin beekamne gurguruu dhoorguudha.

8- Hunda Waan malli haraamummaatti itti ga'aniin keessa jiru, kan akka gurgurtaa iinaa hunda dhoorguudha66.

9- Hunda Waan ajaja Rabbii irraa nama shaagalu, kan akka eega azaana Jumu'aa kan lammaffaa boodatti gurgurtaa raawwachuu dhoorguudha.

10- Hunda waan miidhaa qabu yookaan waan muslimoota gidduutti diinummaa fidu, kan akka wantoota haraamaa gurguruu fi namichi gurgurtaa obboleessa ofii irratti gurguruu dhoorguudha.

Muslimni yeroo hukmiin dhimma wahii isa dhibetti; waa'ee isaa ulamaa'ii gaafata, hukmii shari'aa isa keessa jiru erga beekee booda malee itti hin galu. Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

﴿‌...فَاسْأَلُوا ‌أَهْلَ ‌الذِّكْرِ إِنْ كُنْتُمْ لَا تَعْلَمُونَ﴾

﴾...Yoo beekuu baattan warra beekumsa qaban gaafadhaa﴿‌. [Annahli: 43].

Kun waan walitti qabuun isaa laafedha, Beekumsa fayyaduu fi dalagaa gaarii akka nuuf kennuuf Rabbiin qofaatu kadhatamaadha, isatu arjaa kennaadha. Rabbiin Nabiyyii keenya Muhammad irrattii fi firoota fi sahaabota isaanii irratti rahmataa fi nageenya baay'ee ta'e haa buusu.

 

***

Baafata

 

Seensa 2

Boqannaa tokkoffaa: 3

Waan Aqiidaa wajjin wal qabatu 3

Kutaa Tokkoffaa: Hiika Islaamaa fi Rukniiwwan isaa: 3

Barbaachisummaa Tawhiidaa: 3

Hiikkaan « Allaaha malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa bahuu»: 5

Ulaagaaleen (Laa ilaaha illallaah) immoo isaan: 6

Hiikkaan Muhammad ergamaa Rabbii ta'uu ragaa ba'uu: 7

Kutaa Lammaffaa: Hiika Iimaanaa fi Rukniiwwan isaa: 9

1) Rabbii ol ta'etti amanuun waa sadii of keessaa qaba: 10

1- Rabbummaa Isaatti amanuu: 10

2- Gabbaramummaa isatti amanuudha: 12

3- Maqootaa fi Sifaatatti Amanuudha: 15

2) Malaa'ikootatti amanuudha: 23

3) Kitaabotatti amanuudha: 24

4) Ergamtootatti amanuu -nageenyi isaan irra haa jiraatu: 25

5) Guyyaa Aakhiraatti amanuu: 27

A- Kaafamuutti amanuu: 27

B- Herregaa fi Mindaatti amanuudha: 27

D- Jannataa fi ibiddatti amanuu: 28

6) Qadara, kheyrii fi sharrii isaatti amanuu: 28

Kutaa sadaffaa: Ihsaana(tolchuu): 30

Kutaa Afraffaa: Cuunfaa gabaabaa bu'uuraalee ahlussunnaa wal jamaa'aa. 31

Boqannaa lammaffaa: waan Gabbartiiwwan wajjin walqabatu 32

Kutaa tokkoffaa: Qulqullina: 32

Tokkoffaa: Qooddaa bishaanii: 33

Lammaffaa: Najaasaa: 33

Sadaffaa: Waan nama hadasa (waan dhiqannaa yookaan wuduu'a dirqama taasisu) qabu irratti isa hojjachuun haraama ta'u: 36

Afraffaa: naamusa mana fincaanii: 39

Shanaffaa: Seerota Istinjaa fi Istijmaaraa: 40

Ja'affaa: Seerota wuduu'aa: 41

Torbaffaa: Seerota khuffii lamaani fi jawraba lamaan irra haxaa'uu: 43

Sadeetaffaa: Seerota Tayammumaa: 45

Sagalaffaa: Seerota Laguu fi Da'umsaa: 48

Kutaa lammaffaa: Salaata: 50

Tokkoffaa: Seerota Azaanaa fi Iqaamaa: 50

Lammaffaa: Eddoo salaataa fi sadarkaa isaa: 54

Sadaffaa: Ulaagaalee Salaataa: 56

Afraffaa: Rukniiwwan salaataa: 58

Shanaffaa: Dirqamoota Salaataa: 64

Ja'affaan: Sunnaawwan Salaataa: 66

Torbaffaa: Akkaataa salaataa: 69

Saddeettaffaa: Wantoota Salaata keessatti jibbamoo ta'an: 77

Sagalaffaa: Wantoota salaata balleessan: 77

Kurnaffaa: Sujuuda sahwii (irraanfii): 78

Kudha tokkoffaa: yeroolee salaanni isaan keessatti dhoorgamu: 80

Kudha lammaffaa: Salaata jamaa'aa: 81

Kudha sadaffaa: Salaata sodaa: 84

Akkaataa salaata sodaa: 85

Kudha afraffaa: Salaata jumu'aa: 86

Shanaffaa: Hojiiwwan Guyyaa Jimaataa jaallatamoo ta'an: 88

Jumu'aa dhaqqabachuu: 89

Kudha shanaffaa: Salaata warra uzrii (sababaa) qabanuu: 89

Kudha ja'affaa: Salaata iida lameenii: 94

Kudha torbaffaa: Salaata kusuufaa: 96

Kudha saddeettafaa: Salaata istisqaa'a: 98

Kudha saglaffaa: Seerota janaazaa: 100

Kutaa sadaffaa: Zakaa: 104

1- Hiikkaa Zakaa fi sadarkaa isaa: 104

2- Ulaagaalee dirqamummaa zakaa: 105

3- Qabeenya Zakaan isa keessatti dirqama ta'u: 106

Kutaa Afraffaa: Sooma: 119

Ulaagaawwan soomni Ramadaanaa dirqama itti ta'u: 120

Kutaa shanaffaa: Hajjii fi Umraa 129

Ulaagaalee Hajjii fi Umraan itti dirqama ta'an: 130

Bakkoolee fi Yeroowwan Hidhannaa: 132

Ihraama (hidhannaa): 134

Umraa: 139

Hajjii: 143

Boqannaa Sadaffaa: 146

Waan wolitti dhufeenyaan wol qabatu 146

***

om227v3.0 - 21/04/2026


Ahmadiitu Musnada isaa keessatti lakkoofsa (6072) irrattii, Tirmiziin lakkoofsa (1535) irratti isa gabaase, Tirmiziin ni jedhe: "Hadiisa hasani.

Bukhaariin kitaaba isaa"Al-adab al-mufrad" jedhu keessatti lakkoofsa (716) irratti, Ahmad "Musnada" keessatti lakkoofsa (19606) irratti, Addiyaa'u al-maqdisiin "Al-ahaadiis al-mukhtaaraa" keessatti, lakkoofsa (1/150) irratti, gabaasaniiru, Albaaniin immoo "Sahiih al-jaami'i al-saghiir" keessatti, (3731) irratti sahiiha jedheen.

Muslim lakkoofsa (121) irratti, Ahmad "Musnada" keessatti lakkoofsa (10434) irratti gabaase.

(Maziyyiin): bishaan qal'aa bifa hin qabne kan yeroo tapha saalaa, ykn walqunnamtii saalaa yaadatanitti, ykn isa fedhanitti, ykn ilaaluu fi wantoota kana fakkaataniin ba'udha, Akka cophaatti ba'a, tarii namni ba'uu isaa hin hubatu. (Wadyyiin) immoo: inni bishaan furdaa adii, booda fincaaniitii ykn yeroo waan ulfaataa baatan ba'udha.

Muslimtu lakkoofsa (224) irratti gabaase.

Maalik Muwaxaa keessatti, lakkoofsa (680 fi 219) irratti, Daarimiin lakkoofsa (312) irratti, Abdurrazzaaq "Musannafa" isaa keessatti, lakkoofsa (1328) irratti gabaasaniiru, Albaaniin immoo irwaa'a al-ghaliil keessatti, lakkoofsa (122) irratti sahiiha jedheen.

Nasaa'iin lakkoofsa (12808) irratti, Ahmad lakkoofsa (15423) irratti gabaase, Albaaniin immoo irwaa' al-ghaliil keessatti, lakkoofsa (121) irratti sahiiha jedheen.

Ibnu Maajaan lakkoofsa (594) irratti, Ibnu Hibbaan lakkoofsa (799) irratti gabaase, Albaaniin immoo Da'iifa Sunana Tirmizii keessatti, lakkoofsa (146) irratti da'iifa jedheen.

Bukhaariin lakkoofsa (142) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (122) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (7288) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (6066) irratti baase.

Kabajamoon sheekh Abdul'aziiz ibinu Baaz -Rabbi isaan haa mararfatu- Majmuu'u Fataawaa isaanii lakkoofsa (29/141) irratti akkana jedhan: “(Beyhaqiin sanada gaariin Jaabir irraa, jecha «Allazii wa'attahuu» jedhu booda, «Ati waadaa hin diigtu» kan jedhu dabaleera).”

Tirmiziitu lakkoofsa (2635) irratti isa gabaase.

Muslimtu lakkoofsa (82) irratti gabaase.

Tirmiziin lakkoofsa (265) irratti gabaasee, akkana jedhe: "Hasan sahiiha ghariib", Albaaniin "Sahiih Attarghiib wattarhiib" keessatti sahiiha jedheen.

Bukhaariitu lakkoofsa (1117) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (6251) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (884) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (756) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (872) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (793) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (398) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (812) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (490) irratti gabaase.

Muslimtu lakkoofsa (498) irratti gabaase.

Bukhaariin (724) irratti, Muslim lakkoofsa (398) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (797) irratti, Muslim immoo (402) irratti gabaase.

Tirmiziitu lakkoofsa (839) irratti isa gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (6008) irratti gabaase.

Bukhaariitu lakkoofsa (1110) irratti gabaase.

Bukhaariitu lakkoofsa (835) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (743) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (399) irratti gabaase.

Tirmiziitu lakkoofsa (266) irratti gabaase.

Muslimtu lakkoofsa (588) irratti gabaase.

Abuu daawuud lakkoofsa (5168) irratti gabaase.

Tirmiziitu lakkoofsa (284) irratti isa gabaase.

Muslimtu lakkoofsa (1484) irratti isa gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (609) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (602) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (4130) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (842) irratti gabaase.

Muslimtu lakkoofsa (865) irratti gabaase.

G Bukhaariin lakkoofsa (934) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (851) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (1081) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (693) irratti baase.

Bukhaariitu lakkoofsa (1012) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (894) irratti gabaase.

Abuu Daawuud lakkoofsa (3201) irratti, Tirmiziin ammoo lakkoofsa (1024) irratti gabaase, Tirmiziin ni jedhe: Hadiisa bareedaa sahiiha.

Muslimtu lakkoofsa (962) irratti isa gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (8) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (111) irratti gabaase.

Ibnu Maajaan lakkoofsa (1792) irratti, Tirmiziinis lakkoofsa (63) fi (631) irratti gabaasani.

Bukhaariin lakkoofsa (1402) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (2287) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (1432) irratti, Muslim immoo (984) irratti gabaase.

Abuu Daawuud lakkoofsa(1609) irratti, Ibnu maajaan lakkoofsa (1827) irratti gabaase, Albaaniin sahiih Abii Daawuud keessatti lakkoofsa (1609) irratti sahiiha jedheen.

Bukhaariin lakkoofsa (1) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1907) irratti baase.

Bukhaariin lakkoofsa (1810) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1086) irratti gabaase.

Bukhaariitu lakkoofsa (1909) irratti gabaase.

Ahmad lakkoofsa (26457) irratti, Abuu Daawuud lakkoofsa (2454) irratti, Nasaa'iin immoo lakkoofsa (2331) irratti gabaaseera, kun immoo jecha isaati.

Bukhaariin lakkoofsa (6669) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (2709) irratti gabaase.

Abuu Daawuud lakkoofsa (2380) irratti, Tirmiziin lakkoofsa (719) irratti, Ibnu Maajaan immoo lakkoofsa (676) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (1849) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1846) irratti gabaase.

Muslim lakkoofsa (1134) irratti gabaase.

Ahmad lakkoofsa (25198) irratti, Nasaa'iin lakkoofsa (2627) irratti, Ibnu Maajaan immoo lakkoofsa (2901) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (1862) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1341) irratti gabaase.

Bukhaariitu lakkoofsa (1531) gabaase.

Muslimtu lakkoofsa (1211) irratti gabaase.

Bukhaariin lakkoofsa (1549) irratti gabaase.

Muslimtu, lakkoofsa (1218) irratti gabaase.

Tirmiziin lakkoofsa(487) irratti gabaasee, "Hasanun ghariib" jedheen, Albaaniinis hasan jedheen.

Mughnil Muhtaaj (2/22) irratti ilaali.

Haashiyaa Ibnu Aabidiin (1/ 42).

Al-Majmuu'u lakkoofsa (1/50) irratti ilaali.

Shuf'aa jechuun: shariikni qooda shariika isaa nama itti darbe irraa beenyaa maallaqaatiin fudhachuu haqa godhachuudha.

Gurgurtaa iinaa jechuun: namni tokko nama biraatti waan tokko gatii beellamaatiin gurguree isaaf kennee, sana booda gatii isaa osoo hin fudhatin dura, gatii sana irra xiqqaa ta'een ammatti irraa deebisee bitachuudha.

Bukhaariitu lakkoofsa (8) irratti gabaase.