Ergamaa Islaamaa Muhammad Rabbbiin Nagayaa fi Rahmata isa irratti haa buusu.
(afaan oromoo)
Kitaabni "Ergamaa Islaamaa Muhammad Rabbiin Rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu" jedhu seenaa Nabi Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hidda dhalootaa fi guddina isaanii irraa kaasee hanga gaa'ela isaanii barakaa ta'eetti, akkasuma jalqaba wahyii fi jalqabbii ergaa isaanii isa dhumaa ga'uutti irraa dubbata. Akkasumas mallattoolee nabiyyummaa isaanii fi ragaalee dhugummaa isaaniis ni ibsa, akkasuma shari’aa isaan fidanii fi gahee inni mirgaa fi kabajaa ilma namaa eeguu keessatti qabus ibsa bal'aa itti kenna. Akkuma ejjennoo mormitoota isaatii fi ragaalee isaan isaaf ba'an calaqqisiisutti, haalaa fi amaloota isaanii gaggaarii kan namootaf hidhannoo akka ta'an isaan gootee fi kan gara Rabbiin tokkichoomsuutti waamtuu taate irrattis xiyyeeffannoo kennuu waliin.
-
(afaan oromoo)
Language
-
اللجنة العلمية برئاسة الشؤون الدينية بالمسجد الحرام والمسجد النبوي
Author: