بيان كفر وضلال من زعم أنه يجوز لأحد الخروج عن شريعة محمد ﷺ (أورومو)

  • earth Afaanicha
    (أورومو)
  • earth Barreessaa:
    الشيخ عبد العزيز بن عبد الله بن باز
PHPWord

 

بَيَانُ كُفْرِ وَضَلَالِ مَنْ زَعَمَ أَنَّهُ يَجُوزُ لِأَحَدٍ الخُرُوجُ مِنْ شَرِيعَةِ مُحَمَّدٍ ﷺ

 

 

Kufrii fi jallina nama shari'aa Muhammad -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti ha buusu- irraa ba'uun nama tokkoof ni ta'a jedhuu ibsuu

 

لِسَمَاحَةِ الشَّيْخِ العَلَّامَةِ

عَبْدِ العَزِيزِ بْنِ عَبْدِ اللهِ بْنِ بَازٍ

رَحِمَهُ اللهُ

 

Qopheessaan Kabajamoo Šeykh

Ābdul'āziiz bin Ābdallaah bin Baaz

 

 


بِسْمِ اللهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ

Ergaa kudha lammaffaa:

Kufrii fi jallina nama shari'aa Muhammad -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti ha buusu- irraa ba'uun nama tokkoof ni ta'a jedhuu ibsuu

Faaruun kan Rabbii Gooftaa Aalamaati, nagaa fi Rahmanni xumura nabiyyootaa fi ergamtootaa kan ta'an Nabiyyii keenya Muhammad irratti ha jiraatu, akkasumas maatii fi sahaabota isaanii hunda irrattis ha jiraatu.

Itti aansuudhaan: Dhugumatti barruu gazexaa Al-sharqul awsax keessatti, lakkofsa isii (5824) fi akka Hijraatti guyyaa 5/ 6/ 1415 keessatti maxxanfame, kan namichi isa barreesse akka jedhee of waame: Abdul Fattaah Al-haayik, mata duree: (Hubannoo dogongoraa) jedhuun kan maxxanfame irra ga'uun ergeera.

Cuunfaan barreeffamichaa: Waan amantaa Islaamaa irraa ta'uun isaa dirqamaan beekame, akkasumas ragaa (nassii) fi waliigaltee (ijmaa'aa) hayyootaatiin mirkanaa'e mormuu isaati; innis ergaan Muhammadi -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- guutuu gara ilma namaa cufatti ta'uu isaati. Akkasumas namni Muhammadin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- hin hordofnee fi isaanin hin bulle, garuu yahuudaa yookiin nasaaraa ta'ee kan hafe, inni amantaa dhugaa irra jira jedhee falmuu isaati. Eegasii ogummaa (hikmaa) Rabbii Aalamaa -qulqullaa'ee ol ta'e- kan Inni kaafirtootaa fi finciltoota adabuu keessatti qabu irratti daangaa darbuudhaan, sanas akka waan taphaatti (faayidaa dhabeessaatti) gochuu isaati.

Dhugumatti ragoowwan shari'aa jallisee, iddoo isaan hin taanetti kaa'ee, waan fedhiin lubbuu isaa itti himetti hiikeera, akkasumas ragoowwan shari'aa fi ragoowwan ifa ta'an kan ergaan Muhammad -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- waliigalaa ta'uu agarsiisan, namni waa'ee isaa dhaga'ee isaan hin hordofne kafaruu isaa, fi Rabbiin amantii islaamaa malee amantii tokkollee kan hin qeeballe ta'uu isaa agarsiisan irraa garagaleera, ragoowwan ifa ta'an biroo kan inni irraa garagales dabalatee; kunis akka wallaaltonni haasaa isaatiin gowwoomfamaniifi. Wanti inni hojjate kun kufrii ifa ta'eedha, Islaamummaa irraa deebi'uudha, fi Rabbii qulqullaa'ee ol ta'ee fi ergamaa isaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- sobsiisuudha, akkuma namni warra beekumsaa fi Iimaanaa irraa ta'ee barreeffama kana dubbise kana beeku.

Dirqamni hoggana irratti jiru: akka inni toowbatu gaafachuuf gara mana murtiitti isa dabarsuu, fi waan shari'aan qulqulluun barbaaduun isarratti murteessuudha.

Rabbiin -qulqullaa'e ol ta'e- dhugumatti ergaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- guutuu ta'uu isaa fi isa hordofuun jinnii fi ilmaan namaa cufa irratti dirqama ta'uu ibseera, kana muslimtoota irraa namni beekumsa irraa waan xiqqoollee qabu hin wallaalu.

Rabbiin Ol ta'e akkana jedhe:

﴿قُلۡ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنِّي رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيۡكُمۡ جَمِيعًا ٱلَّذِي لَهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحۡيِۦ وَيُمِيتُۖ فَـَٔامِنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِ ٱلنَّبِيِّ ٱلۡأُمِّيِّ ٱلَّذِي يُؤۡمِنُ بِٱللَّهِ وَكَلِمَٰتِهِۦ وَٱتَّبِعُوهُ لَعَلَّكُمۡ تَهۡتَدُونَ158﴾

{Jedhi: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ani ergamaa Rabbii Isa mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergamee dha). Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ni jiraachisa; ni ajjeesas, Rabbiifi ergamaa Isaa, kan nabiyyii hin dubbifneefi hin barreessine ta’eetti amanaa, kan Rabbiifi jechoota Isaatti amanu sanitti, isa hordofaa akka qajeeltaniif jecha}. [Al-Aáraaf :158], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿...وَأُوحِيَ إِلَيَّ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانُ لِأُنذِرَكُم بِهِۦ وَمَنۢ بَلَغَ...﴾

{...Qur’aanni kuni akkan ittiin isiniifi nama inni bira ga’u dinniinuuf gara kiyyatti beeksifame...}. [Al-An'āam: 19]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿قُلۡ إِن كُنتُمۡ تُحِبُّونَ ٱللَّهَ فَٱتَّبِعُونِي يُحۡبِبۡكُمُ ٱللَّهُ وَيَغۡفِرۡ لَكُمۡ ذُنُوبَكُمۡۚ وَٱللَّهُ غَفُورٞ رَّحِيمٞ31﴾

{Jedhi ”Yoo kan Rabbiin jaallattan taataniif na hordofaa Rabbiin isin jaallata yoos; badii keessan isiniif araaramas. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha}. [Aal-Imraan: 31]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَمَن يَبۡتَغِ غَيۡرَ ٱلۡإِسۡلَٰمِ دِينٗا فَلَن يُقۡبَلَ مِنۡهُ وَهُوَ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ85﴾

{Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi}. [Aal-Imraan: 85]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ إِلَّا كَآفَّةٗ لِّلنَّاسِ بَشِيرٗا وَنَذِيرٗا...﴾

{Nuti nama hundaaf walumaagalatti gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine...}. [Saba'i :28]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ إِلَّا رَحۡمَةٗ لِّلۡعَٰلَمِينَ107﴾

{Aalama (hundaaf) rahmata taasifnee malee waa si hin ergine}. [Al-Anbiyaa'i: 107]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿...وَقُل لِّلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡأُمِّيِّـۧنَ ءَأَسۡلَمۡتُمۡۚ فَإِنۡ أَسۡلَمُواْ فَقَدِ ٱهۡتَدَواْۖ وَّإِن تَوَلَّوۡاْ فَإِنَّمَا عَلَيۡكَ ٱلۡبَلَٰغُۗ وَٱللَّهُ بَصِيرُۢ بِٱلۡعِبَادِ﴾

{...Warra kitaabni isaaniif kennameefi wallaaltotaanis “sila islaamoftaniittuu?” jedhi. Yoo islaama'aniif dhugumatti qajeelaniiru. Yoo irraa garagalan wanti sirra jiru ergaa geessisuu qofa. Rabbiin gabroota argaadha}. [Aal-Imraan: 20]. Ammas Inni qulqullaa'e ni jedhe:

﴿تَبَارَكَ ٱلَّذِي نَزَّلَ ٱلۡفُرۡقَانَ عَلَىٰ عَبۡدِهِۦ لِيَكُونَ لِلۡعَٰلَمِينَ نَذِيرًا1﴾

{Inni furqaaniin (Qur’aana) akka Aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf jecha gabricha Isaa irratti buuse toltuun isaa baay’ate}.

[Alfurqaan: 1].

Bukhaarii fi Muslim akka gabaasanitti, Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- akkana jedhan:

«أُعْطِيتُ خَمْسًا لَمْ يُعْطَهُنَّ أَحَدٌ قَبْلِي: نُصِرْتُ بِالرُّعْبِ مَسِيرَةَ شَهْرٍ، وَجُعِلَتْ لِيَ الْأَرْضُ مَسْجِدًا وَطَهُورًا، فَأَيُّمَا رَجُلٍ مِنْ أُمَّتِي أَدْرَكَتْهُ الصَّلَاةُ، فَلْيُصَلّ، وَأُحِلَّتْ لِيَ الْمَغَانِمُ، وَلَمْ تُحَلَّ لِأَحَدٍ قَبْلِي، وَأُعْطِيتُ الشَّفَاعَةَ، وَكَانَ النَّبِيُّ يُبْعَثُ إِلَى قَوْمِهِ خَاصَّةً، وَبُعِثْتُ إِلَى النَّاسِ عَامَّةً».

«Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname: Imala ji'a tokkoo irraa diinni na sodaachuunin tumsame, dachiin iddoo salaataa fi xaaharaa naaf taasifamte, Kanaaf ummata kiyya irraa namni kamuu kan salaanni itti geesse ha salaatuu, boojuun anaaf halaala ta'e, na dura nama kamiifuu halaala hin turre, shafaa'aan naaf kenname, Nabiyyiin tokko yeroo ergamu ummata isaa qofatti ergama, ani immoo walumaa galatti namootaaf ergame».

Kunis ergaan nabiyyii keenya Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- gara ilma namaa cufatti guutuu fi hammataa ta'uu isaa, akkasumas shari'aawwan duraanii cufa kan shaare ta'uu isaa, fi namni Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- hin hordofnee fi isaanin hin bulle; inni kafaraadha, faallessaadha, adaba isaatiifis kan malu ta'uu ibsa ifa ta'eedha, Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

﴿...وَمَن يَكۡفُرۡ بِهِۦ مِنَ ٱلۡأَحۡزَابِ فَٱلنَّارُ مَوۡعِدُهُۥ...﴾

{...Ahzaabota irraas warra isatti kafare ibiddi itti gala isaati...}. [Huud: 17]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿...فَلۡيَحۡذَرِ ٱلَّذِينَ يُخَالِفُونَ عَنۡ أَمۡرِهِۦٓ أَن تُصِيبَهُمۡ فِتۡنَةٌ أَوۡ يُصِيبَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٌ﴾

{...Isaan ajaja isaa (nabiyyii) faallessan rakkoon wahii isaan tuquu, yookiin adabbiin laalessaan isaan tuquu of irraa ha eeganu}. [Anuur: 63]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿وَمَن يَعۡصِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَيَتَعَدَّ حُدُودَهُۥ يُدۡخِلۡهُ نَارًا خَٰلِدٗا فِيهَا وَلَهُۥ عَذَابٞ مُّهِينٞ14﴾

{Namni Rabbiifi ergamaa Isaa faallessee, daangaawwan Isaas dabre kan ishee keessatti hafu ta'ee (Rabbiin) ibidda isa seensisa. Isaafis adabbii xiqqeessaa ta’etu jira}. [Annisaa'i: 14], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿...وَمَن يَتَبَدَّلِ ٱلۡكُفۡرَ بِٱلۡإِيمَٰنِ فَقَدۡ ضَلَّ سَوَآءَ ٱلسَّبِيلِ﴾

{...Namni kufrii iimaanaan jijjiirrate, dhugumatti karaa sirrii irraa jallateera}. [Al-Baqarah: 108], Aayatoonni hiika kana keessatti hedduudha.

Rabbiin qulqullaa'e dhugumatti Ergamaa Isaatiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ajajamuu, Isaaf ajajamuun waliin wal qabsiiseera, akkasumas namni Islaamummaa malee amantaa biraa dhugoomse inni hoonga'aa akka ta'ee fi furaanis ta'ee beenyaan isa irraa akka hin qeebalamne ibseera, Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

﴿وَمَنْ يَبْتَغِ غَيْرَ الْإِسْلَامِ دِينًا فَلَنْ يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الْآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ﴾

{Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi}. [Aal-Imraan: 85]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿مَنْ يُطِعِ الرَّسُولَ فَقَدْ أَطَاعَ اللَّهَ...﴾

{Namni ergamicha tole jedhe dhugaatti Rabbii tole jedhe}. [An-nisaa'i: 80]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿قُلْ أَطِيعُوا اللَّهَ وَأَطِيعُوا الرَّسُولَ فَإِنْ تَوَلَّوْا فَإِنَّمَا عَلَيْهِ مَا حُمِّلَ وَعَلَيْكُمْ مَا حُمِّلْتُمْ وَإِنْ تُطِيعُوهُ تَهْتَدُوا...﴾

{Jedhi: “Rabbiif ajajamaa; ergamaafis ajajamaa, Yoo garagaltan, kan isa irra jiru dirqama isa irra kaa’ame qofa bahachuudha, Isin irras waanuma baachifamtan qofatu jira. Yoo isaaf ajajamtan ni qajeeltu}. [An-nuur: 54]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

﴿إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ وَالْمُشْرِكِينَ فِي نَارِ جَهَنَّمَ خَالِدِينَ فِيهَا أُولَئِكَ هُمْ شَرُّ الْبَرِيَّةِ 6﴾

{Warri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran ibidda jahannam keessatti hafoo ta’anii jiraatu. Warri sun isaanumatu irra hamtuu uumamaati}. [Al-Bayyinah: 6].

Muslim Sahiiha isaa keessatti akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan:

«وَالَّذِي نَفْسِي بِيَدِهِ؛ لَا يَسْمَعُ بِي أَحَدٌ مِنْ هَذِهِ الْأُمَّةِ، يَهُودِيٌّ وَلَا نَصْرَانِيٌّ، ثُمَّ يَمُوتُ وَلَمْ يُؤْمِنْ بِالَّذِي أُرْسِلْتُ بِهِ؛ إِلَّا كَانَ مِنْ أَهْلِ النَّارِ».

«Isa lubbuun kiyya harka Isaa jirtuunan kakadha, namni tokko ummatattii kana irraa yahuudaas ta'ee kiristaanas waan koo dhaga'ee, ergasii waan ani ittiin ergametti osoo hin amanin kan du'u yoo ta'e worra ibiddaa irraa ta'u malee hin hafu».

Rasuulli -nagaa fi rahmanni isaan irratti ha jiraatu- hojii isaanii fi jecha isaaniitiin dogongora ta'uu amantaa nama amantaa Islaamummaatti hin seeninii dhugumatti ibsaniiru, dhugumatti yahuudaa fi nasaaraa lolaniiru, akkuma kaafiroota irraa warra biroo lolanitti, warra isaan irraa isaaniif kennan irraas jizyaa ykn gibira fudhataniiru; kunis da'awaan warra isaan irraa hafan bira gahuu akka isaan hin dhoorgineefi, akkasumas namni isaan irraa fedhe ummanni isaa amantaa irraa isa deebisuu, isa dhoorguu yookaan isa ajjeesuu osoo hin sodaatin amantaa Islaamummaatti akka seenuufi.

Bukhaarii fi Muslim akka gabaasanitti, Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa ha jaallatu- ni jedhe: Odoo nuti masjiida keessa jirruu Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- bahanii ni jedhani:

«انْطَلِقُوا إِلَى يَهُودَ، فَخَرَجْنَا مَعَهُ حَتَّى جِئْنَا بَيْتَ الْمِدْرَاسِ، فَقَامَ النَّبِيُّ ﷺ، فَنَادَاهُمْ فَقَالَ :يَا مَعْشَرَ يَهُودَ، أَسْلِمُوا تَسْلَمُوا، فَقَالُوا: قَدْ بَلَّغْتَ يَا أَبَا الْقَاسِمِ، فَقَالَ لَهُمْ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ: ذَلِكَ أُرِيدُ، أَسْلِمُوا تَسْلَمُوا، فَقَالُوا: قَدْ بَلَّغْتَ يَا أَبَا الْقَاسِمِ، فَقَالَ لَهُمْ رَسُولُ اللَّهِ ﷺ: ذَلِكَ أُرِيدُ، ثُمَّ قَالَهَا الثَّالِثَةَ...».

«Gara Yahuudaa deemaa, isaan wajjiin baanee hanga mana qo'annoo dhufnutti, Nabiyyiin ﷺ ni dhaabbatan, isaan waamaniis akkana jedhan: Yaa tuuta Yahuudaa, islaamawaa nagaa baatu, isaanis ni jedhan: Dhugumatti ergaa geessisteetta yaa Abal Qaasim, Ergamaan Rabbii ﷺ isaanin ni jedhan: Sanuman barbaada, islaamawaa nagaa baatu, isaanis ni jedhan: Dhugumatti ergaa geessisteetta yaa Abal Qaasim, Ergamaan Rabbii ﷺ isaanin ni jedhan: Sanuman barbaada, eegasii yeroo sadaffaatif ishee jedhan...». Hadiisa itti guuti.

Waanti barbaadames: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- gara warra amantii Yahuudotaa irraa ta'anitti mana madrasaa isaanii keessatti dhaqanii, gara Islaamummaatti isaan waaman, isaaninis: "Islaamawaa nagaa argattu," jedhan, isaan irrattis kana irra deddeebi'an.

Akkasumas: xalayaa isaanii gara Hiraqlaatti erganii, gara Islaamummaatti isa waamaniiru, akkasumas yoo inni dide cubbuun warra sababa diddaa isaatiin Islaamummaa irraa didanii isa irratti akka ta'u itti himani, Bukhaarii fi Muslim Sahiihota isaanii keessatti akka gabaasanitti, Hiraqla xalayaa Ergamaa Rabbii -Rabbiin Rahmataa fi Nageenya isa irratti ha buusu- fidachiisee, ergasii ni dubbise, isa keessattis:

«بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَنِ الرَّحِيمِ، مِنْ مُحَمَّدٍ رَسُولِ اللَّهِ إِلَى هِرَقْلَ عَظِيمِ الرُّومِ، سَلَامٌ عَلَى مَنِ اتَّبَعَ الْهُدَى، أَمَّا بَعْدُ: فَإِنِّي أَدْعُوكَ بِدِعَايَةِ الْإِسْلَامِ، أَسْلِمْ تَسْلَمْ، وَأَسْلِمْ يُؤْتِكَ اللَّهُ أَجْرَكَ مَرَّتَيْنِ، فَإِنْ تَوَلَّيْتَ، فَإِنَّ عَلَيْكَ إِثْمَ الْأَرِيسِيِّينَ وَ

«Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa, Akkaan Rahmata Godhaatiin, Muhammad Ergamaa Rabbii irraa gara Hiraqala guddaa Ruumitti, nageenyi nama karaa qajeelaa hordofe irra ha jiraatu, kana booda: Ani waamicha Islaamummaatiin si waama, Islaamawi ni nagoomta, Islaamawi Rabbiin mindaa kee yeroo lama siif kennaa, yoo irraa garagalte garuu, diliin ariisiyyiiwwanii sirra jira, akkasumas

﴿يَٰٓأَهۡلَ ٱلۡكِتَٰبِ تَعَالَوۡاْ إِلَىٰ كَلِمَةٖ سَوَآءِۭ بَيۡنَنَا وَبَيۡنَكُمۡ أَلَّا نَعۡبُدَ إِلَّا ٱللَّهَ وَلَا نُشۡرِكَ بِهِۦ شَيۡـٔٗا وَلَا يَتَّخِذَ بَعۡضُنَا بَعۡضًا أَرۡبَابٗا مِّن دُونِ ٱللَّهِۚ فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَقُولُواْ ٱشۡهَدُواْ بِأَنَّا مُسۡلِمُونَ64﴾

{Yaa warra kitaabaa! Gara jecha nuufi isin gidduutti wal qixa taateetti kottaa. [Isheenis] akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre; Isattis waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyas garii Rabbiin alatti gabbaramaa akka hin taasifanneedha. Yoo isaan [kana] irraa gara galan “akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’aa” jedhaa}.

[Aal-Imraan: 64].

Eegasii yeroo isaan irraa garagalanii fi Islaamummatti seenuu didan; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi Sahaabonni isaanii -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- isaanin lolanii, gibira isaan irratti dirqama taasisan.

Jallina isaanii fi erga amantaa Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- tiin haqamee booda amantaa baaxilaa irra jiraachuu isaanii mirkaneessuuf; guyyaa hunda, sagada hunda keessattii fi raka'aa hunda keessatti, karaa haqaa diriiraa, sirrii fi fudhatama qabu akka isa qajeelchu Rabbiin kadhachuu Rabbiin muslima ajajeera, innis: Islaamummaadha, Karaa warra dallansuun irratti ta'ee irraa akka isa fageessu, isaanis: Yahuudaa fi fakkaattota isaanii, kanneen baaxila irra akka jiran beekanii isarratti cichaniidha. Akkasumas karaa jallatoo warra beekumsa malee gabbaraniifi osoo isaan karaa jal'inaa irra jiranuu karaa qajeelumaa irra akka jiran himatanii irraa isa akka fageessu. Isaanis: Kiristaanotaafi ummatoota biroo irraa warra isaan fakkaatan, kanneen jal'inaafi wallaalummaa irratti gabbaraniidha. Kuni hundinuu: akka Muslimni dhugumatti beekumsa shakkii hin qabneen beekuufi; amantiin islaamaa malee jiru hundinuu baaxila ykn kuftuu akka ta'e, akkasumas namni amantii islaamaa maleen Rabbiin gabbaru hundinuu jallataa akka ta'e, namni kanatti hin amannes Muslimoota irraa miti. Ragaaleen dhimma kana keessatti Qur'aana fi Hadiisa irraa ta'an baay'eedha.

Kanaafuu, dirqamni abbaa barreeffamichaa ـ Abdul fattaah ـ irra jiru: gara tawbaa qulqulluutti ariifachuu fi barreeffama tawbaa isaa isa keessatti ifa godhu barreessuudha, namni tawbaa dhugaa gara Rabbiitti deebi'e; Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebala; jecha Rabbii qulqulluu ta'ee kanaaf:

﴿...وَتُوبُوٓاْ إِلَى ٱللَّهِ جَمِيعًا أَيُّهَ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ لَعَلَّكُمۡ تُفۡلِحُونَ﴾

{... hundi keessanuu gara Rabbiitti tawbaa deebi’aa Yaa mu’uminootaa! Akka milkooftaniif jecha}. [An-nuur: 31], Ammas jecha Isa qulqullaa'etiifi:

﴿وَٱلَّذِينَ لَا يَدۡعُونَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ وَلَا يَقۡتُلُونَ ٱلنَّفۡسَ ٱلَّتِي حَرَّمَ ٱللَّهُ إِلَّا بِٱلۡحَقِّ وَلَا يَزۡنُونَۚ وَمَن يَفۡعَلۡ ذَٰلِكَ يَلۡقَ أَثَامٗا68 يُضَٰعَفۡ لَهُ ٱلۡعَذَابُ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ وَيَخۡلُدۡ فِيهِۦ مُهَانًا69 إِلَّا مَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ عَمَلٗا صَٰلِحٗا فَأُوْلَٰٓئِكَ يُبَدِّلُ ٱللَّهُ سَيِّـَٔاتِهِمۡ حَسَنَٰتٖۗ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورٗا رَّحِيمٗا70﴾

{Ammas isaan warra Rabbii wajjin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin (ajjeesuu) haraama godhe haqaan alatti hin ajjeefneefi hin sagaagalleedha. Namni (hojii gadhee) kana hojjate, adabbii qunnama.

Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifama. Isa keessa salphifamaa ta’ee zalaalam jiraata.

Nama tawbateefi amanee dalagaa gaarii hojjate malee, Isaan san Rabbiin hamtuuwwan isaanii toltuuwwanitti jijjiiraaf. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera}. [Alfurqaan: 68-70]. Akkasumas jecha Nabiyyiitiif jecha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu:

«الإِسْلَامُ يَهْدِمُ مَا كَانَ قَبْلَهُ، وَالتَّوبَةُ تَهْدِمُ مَا كَانَ قَبْلَهَا».

«Islaamummaan waan isa dura dabre ni diiga, Tawbaanis waan isii dura dabre ni diigdi». Akkasumas jecha isaanitiif jecha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhu:

«التَّائِبُ مِنَ الذَّنْبَ كَمَنْ لَا ذَنْبَ لَهُ».

«Namni dilii irraa tawbate akka nama dilii hin qabneeti».

Aayatoonni fi hadiisonni hiika kana keessatti hedduudha.

Rabbii qulqullqq'ee ol ta'e nan kadhadha akka dhugaan dhugaa tahuu nu agarsiisee hordofus nuu laaffisu, sobas soba tahuu nu agarsiisee irraa fagaachus nuu laaffisu, nuufi barreessaa Abdul fattaah, akkasumas Muslimoota hunda irratti towbaa dhugaatiin akka tola oolu, fitnaalee nama jallisan irraa, akkasumas fedhii lubbuu fi shexaanaaf ajajamuu irraa nu hunda akka tiksu. Inni abbaa towfiqaati, irrattis danda'aadha.

Rabbiin nabiyyii keenya Muhammad irrattii, akkasumas firoota fi sahaabota isaanii irrattii fi warra toltuun hanga guyyaa qiyaamaatti isaan hordofan irratti rahmataa fi nageenya ha buusu.

***

om397v4.0 - 16/11/2026